09/04/2024
Liiban Amadee(Abbaa Jirruu) Gooticha Oromoo Walloo
=====================================
Mooticha lolchiisaa jabaa Oromoo Walloo. Jaarraa Amaarri of tuulaa turte sanitti Goondariin dhuunfatee goota sagalee injifannoo mana mootummaa Goondar keessatti Azaana goosise Liiban Amadee ture.
Liiban Amadee, (b.1815) giiftii Yajjuu fi obboleessa isaa "Abdalah" fi miseensota maatii " Maammadooch" biroo dabalatee morkattoota imaamaatti himatan akka muudaman gochuudhaan bulchiinsa isaa eebbise. Masaraawwan Maqdalaa fi Legot jedhaman qabate. Liiban sana booda Laga Hidhaa fi Aanaalee ollaa qabatee lafa abbaa isaa kan ture kan warri nafxanyaa Salamoon ofiin jedhan fudhatan duulee gootummaan deebise. Nama "hokkaraa fi haaloo ba'u" ta'ee waggoota torba walitti aansuun aanaalee abbaa isaa irratti fincilan of jala galche jedhamee ibsameera.
Maqaa "imaamaa" erga fudhateen booda babal’ina Islaamaa dammaqinaan jajjabeessee islaamummaa, enyummaa isaa fi lafa isaa kabachiise.
Quuqamni amantii isaa manneen amantaa naannoo sanaa tokko tokko gara masjiidaatti akka jijjiiru isa taasiseera jedhameera. Dhugaa dubbachuuf, hawaasa Kiristaanaa naannoo sanaa gara Islaamummaatti jijjiiruuf "qabsoo" duulaa gaggeessaa osoo jiruu du'e jedha barreessaan seenaa yeroo sanaa.
Liiban ilmaan sadii: Amadē Alii (Abbaa Mujjaa), ‘Alii (Abbaa Bullaa) fi Bashii waliin ture. Akka barreessaan Krapf jedhutti ilmi Liiban Amadeen kiristaanota warra Himanoo baay’inaan gara islaamaatti jijjiire jedha. Kanamalees, imaltuun Faransaay Antoine d' Abbadie obboleessi Arnauld, Amadeen kaaba Itoophiyaa dhuunfachuu fi jijjiiruuf tumsa barbaade nama masrii "Muhammad Ali" jedhamu waliin dhoksaadhaan walqunnamtii qabaachuun shakkamee ture jedha.
Amadee Alii dargaggeessa Raas Alii 2ffaa Yajjuu bakka bu'uun mana maree bulchiinsa mootummaa hogganaa turee fi bara 1838tti kan du'e yoo ta'u, Abbaan isaa Liiban xiiqii Islaamummaa isaatiin kan beekamuudha.
Via : Miky Sultan Barento
Jechoota Mangudooti fi Seenaa Oromoo Visit Oromia