Afaankoo Aadaakoo

Afaankoo Aadaakoo Afaankoo Aadaakoo dhiibamaa ture
guddisuuf hagan danda'e nan carraaqa!

Galatoomi Hacee! Bara baraan si yaadanna!
06/29/2022

Galatoomi Hacee! Bara baraan si yaadanna!

Tilmaamaa badhaafamaa!***************************Namootni dursanii qabxii xaba kanaa sirriitti tilmaaman lama Kennaa qar...
04/23/2022

Tilmaamaa badhaafamaa!

***************************
Namootni dursanii qabxii xaba kanaa sirriitti tilmaaman lama Kennaa qarshii 500 ayyaanaaf badhaafamu.
Share waliif godhaa namoota hirmaachisaa!
***********
Carraa gaarii

01/20/2022

Haa Bultuu Dubbiin?

Dubbiin ofiisheefuu,
Adeemaniin gufuu,
Yoofiiganiin kufuu,
Yoo dhiisaniin lufuu,

Ammatan ni gubdi,
Fageessan ni hubdi.

Dubbiin dubbii dhalti,
Dharaan sukkuumamti,
Dhugaan daangeffamti,
Akkamittiin bultii?

Barreessaan

   Irreecha D.C.
01/20/2022


Irreecha D.C.

12/12/2021

🤲🤲🤲 Eebba Karrayyuu 🤲🤲🤲

Miinya tahi!………………………..........ziz

Foduu tahi!………………………..........ziz

Alalaasi!…………………………….......ziz

Alaa gali!………………………….........ziz

Oli reebi!……………………………......ziz

Maatii raaphu!…………...………….....ziz

Gadi reebi!…………………………..…ziz

Karra raaphu!……………………….…ziz

Adaboon gooba!.………………….......ziz

Goobni geerarsa!……………………...ziz

Hurrubni Mirga!………..………….......ziz

Dirreen Dannaba!……...……………..ziz

Simoo ta’i! ………………………….....ziz

Sin simin!……………………………....ziz

Dandoo ta'i! ……………………..........ziz

Sin danda'in! ……….………………....ziz

Doobbii ta'i! …………………...……....ziz

Diina gubi !………………………….....ziz

Guchii ta'i !……………………….........ziz

Baalaan booni !….…….……………...ziz

Citaa ta'i! …………………………......ziz

Gurmuu baasi! ……………………….ziz

Daddaraari! ……………..……………ziz

Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz

Babbaroodi .………………………….ziz

Cibraa dhoosi ……..…………………ziz

Gaara ta'i! ...................………………ziz

Itti jigi!……....................……………...ziz

Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz

Bal'adhu!…………..…………………..ziz

Fantaallee ta'i!..……………………….ziz

Mul’adhu!......................………….......ziz

Qabadhu!.........................🤲🤲🤲............... qabadhu!🤲🤲

Fuula Derara Dinka Chalchisa irraa fudhatame.

11/27/2021

Daawit Yetim jedhama. Koomedii ykn baacoo tiktokii irratti Afaan Amaariffaan dhiyeessuun hordoftoota baay'ee horateera. Afaan Oromoo beeka, garuu baacoo yeroo ittiin dhiyeessu hin argamu. Maalif? gaaffii jedhuuf waayee jireenya dhuunfaasaas gaafadheera itti dhiyaadhaa!

11/07/2021

Dawit Yetim jedhama. Baacoo adda addaa midiyaa hawaasummaa irratti dhiyeessuun beekamtii guddaa horateera! Gaaffiifi deebii Waliin goone guutuusaa yeroo dhiyootti
You Tube
👉 https://youtube.com/channel/UCOhGXAAcnxT55sEFSMxBkXA Ykn Fuula FBK kana irratti Caqasaa. Afaan keenya, aadaa keenya wal jabeessuun haa guddisnu!

Address

St. Louis, MO

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afaankoo Aadaakoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Afaankoo Aadaakoo:

Share