Senayetsefu my Firee page

Senayetsefu my Firee page Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Senayetsefu my Firee page, Music Chart, Rawdah, Al Kayyal St., Jeddah, Jeddah.

🥰
20/01/2021

🥰

20/01/2021
Akkam jirta bareedaa koo? Fayyaa keedha? Ani baay’ee nagaakoo dha. Har’a ani wantan sitti himun qabaafin xalayaa kana ba...
27/04/2020

Akkam jirta bareedaa koo? Fayyaa keedha? Ani baay’ee nagaakoo dha. Har’a ani wantan sitti himun qabaafin xalayaa kana barreessaa jira.
Wanta kana immoo anaa fi rabbi qofaatu beeka. Innis, ani baay’ee baay’ee si jaallachuu koodha. Eeyye baay’een si jaalladha.

Damma koo, yeroo baay’ee durba utuu hin taane dhiiratu gaaffi jaalalaa dhiyeessa. Ani garuu sababa ani si jaalladhuuf jaalala koo siif ibse.
Jaallalle kee irraa.!!

05/10/2017

😳😳

12/07/2017

Bakkaa kufesii baga ka'eesii jetee dulatii sa'aa!!

QULQULLINA BARNOOTAA AFAAN INGILIZII OROMIYAA KEESSAAPublished in Afaan OromooMultithumb found errors on this page:There...
03/05/2016

QULQULLINA BARNOOTAA AFAAN INGILIZII OROMIYAA KEESSAA
Published in Afaan Oromoo
Multithumb found errors on this page:

There was a problem loading image 'images/stories/afaan oromo.jpg'
There was a problem loading image 'images/stories/afaan oromo.jpg'
afaan oromo.jpgJawaar Siraaj Muhammadiin

Hagayya 23, 2010

Marii dhiheenya kana godhamte takkarraa akkaan hubadhetti sadarkaan qulqullina barnoota Afaan Ingiliizii kan naannoo Oromiyaa keessatti barsiifamu daranuu hammaachaa dhufuun waan nama yaachisu tahuu isaati.



Komiilee kanneen keessaa ijoon:



1. Sirna duraanii jalatti barnoonni waliigalaa kutaa tokkoo hanga jaheessootti Afaan Amaaratin baratamee, torbarraa hanga barnoota sadarkaa ol’aanatti ammoo Afaan Ingliziitin itti fufa. Sirna ammaa kana jalatti ammoo, kutaa duraatii haga saddeetitti Afaan Oromootin, san booda Afaan Ingliziitin itti fufa. Kun ammoo, hiree ijoolleen kutaa torbaafi saddeet itti Afaan Ingliziitin barattee beekkoomsa afaan sanii jabeeffachuuf qabdu waan hanqiseef isaan miidhee jira,



2. Noonnolee birootti ammas kutaa torbaffaarraa eegalee Afaan Ingliziitin baratan. Qormaata xumura sadarkaa lammataa ammoo, bifa tokkoon biyti guutuun waan fudhattuf, ijoolleen Oromiyaa garanaan miidhamaa jirti.



3. Erga barnoonni Afaan Oromootin kennamuu eegalee as ijoolleen Oromoo Afaan Amaaraa wan hin beeyneef hiree hojii federaalaa argachuu dhabaati jirti jedhama Warra sirna kana keessatti baratee as gahe keessaa, tokko ana; mariilee Biiroon Barnoota Oromiyaa kanaan dura sadarkaa adda addaatti qopheessite keessatti hirmaachuuf hiree argadheetin ture. Moyxannoon garasiin argadherraa rakkoo amma dhalatte tanarratti xiqqo waa jechuun fedha.



1) Dhugaadhaa beekkomsi barattoonni Oromiyaa gara Afaan Ingliziitiin qaban laafaadha. Haa tahu ammoo, sababni hangafni rakkoo tanaa baranoonni haga kutaa saddeetitti Afaan Oromootiin barsiifamuudha jedhee fudhachuun na dhiba. Sababni isaatiis warra sirna duraanitiifi kan ammaa jalattuu kutaa torbaarraa Afaan Ingliziitin eegale yoo madaalle, dandeettin Afaan Inglizii isaanii kan warra sagalii eegalee ni caala jechuuf ragaa gayaa haala kana mirkaneessu argee hin beeku. Akkaan ofii hubadhutti laafina ijoolleen Afaan Ingliziirratti qabduuf sababoonni muummeeyyiin:



i. Barsiisonni afaan Ingilizii barsiisan dandeetti, leenjiifi qophii gahaa dhabuu,



ii. Sirni barnootaa kan duraaniitiifi kan ammaatiis guutummatti beekkoomsa afaanii, jechuuniis: dubbisuu, barreessuu, dubbachuufi hubachuu, kan nama goonfachiisu ta’uu dhabuu. Haalli kuni barnoota afaan Ingiliizii qofarratti osoo hintahin barnoota afaan Oromootiifi afaan Amaaraarrattiis ni mul’ata. Kuniis barnoota seerlugaarratti irkatee yaada ofii bifa gahaadhaan ibsachuurratti fuulleeffate tahuu dhabuurra madde. Kanaafu barataa koolleejji xumure kan afaan ofiitiinillee haasaya sirna qabuufi barruu ulaagaa guuttatte fuula takkarratti dhiheessu hin dandeenyeetu omishamaa jira.



2) Yaanni barnoonni Afaan Inglizii kutaa torbaa eegale haa kennamu jedhu bu’aas miidhaas ni qaba. Bu’aan guddaan qabeentaa (qabiyyee) barnoota tokkoo osoo golgaa afaan alagaatiin hin hagoogamne afaan ofiitin qaceellotti hubachuu danda’uudha. Keessaafuu kutaleen torbaafi saddet sadarkaa barnoonni hahhaarayni akka ‘Biology’, ‘Chemistry’, Seenaafi ‘Geography’ kan itti eegalaman waan ta’eef, bu’uraafi yaadrimee barnoota kanneenii durumarraa hubachuun milkii barattoonni sadarkaa itti ananatti argachuu maltuuf bu’aa guddaa akka qabu moyxannoon hanga ammaatti argamte raga baha. Gama kaanin ammoo, ijoolleen barnoota waliigala kutaa torbarraa afaan Ingliziitiin osoo barattee afaan addunyaan ittin gargaaramtu kana daran cimsattee dorgommii diingadee biyyaafi alaa keessatti cimina qabaachuu dandeessi. Ammas wanni hubatamuu qabu, barnoonni dimshaashaa kuni kutama tokkorraahillee eegalu qulqullinni barnoota afaan Inglizii yoo fooyya’e malee, sadarkaan beekkoomsa afaanii ijoolleen qabaattu fooyya’u hindandayu.



3) Qormaanni walfakkaataan biyya guututti kennamuun ijoollee sirna barnootaa garaagarummaa qabu barattee jidduutti golisa uumuu akka dandayu ifaadha. Garuu, carraan gara barnoota ol’aanaa seenuudhaa qooda (‘quota’ ) naannootin waan hiramuuf lakkoofsa ijoollee Oromiyaarraa dhaabbilee sadarkaa ol’anaa seenanii suduudaan hinmiidhu. Haa ta’uu ammoo qophaa’inni barattoota Oromiyaa kan warra kaawwaniitii gad yoo ta’e koollejjii erga seenan boodas dorgommii barnootaa keessatti rakkoon waan isaan mudattuuf garaagarummaan tuni sirraawuu qabdi. Kana sirreessuun sirna barnootaa biftokkee biyya guututti diriirsuu qofa osoo hin tahin, qophii barsiiftotaa, dhiheessa meeshaalee barnootaatifi lakkoofsa barattoota daree tokkoo naannawa hundatti walmadaalchisuu barbaachisa.



4) Ijoolleen Afaan Oromootin baratte Afaan Amaaraa gonkumaa hin beekan kan jedhu dhugaa ta’uu isaa shakkiin qaba. Dhugaadhaa ijoolleen afaan dhalootaatiin baratte Afaan Amaaraa akka ijoollee Finfinneetifi naanno Amaaraatti beekuu dhabuun nimala. Garuu dandeettin Afaan Amaraa barattoonni Oromiyaa qabdu kan naanno Tigraay, Soomaleetifi Kibbaati gadi wanti godhu waa tokkolleen hinjiru. Inumaatu gadaa abbootii keenyaatin walbira yoo qabne, ijoolleen qubeen baratte loqonni isaan afaan Amaaraa ittiin qaaqan fooyya’aadha. Sababni muummeen ijoolleen Oromoo hiree hojii mootummaa federaalaa keessatti itti argatan darrachuufi haphachuun afaan Amaaraa wallaaluurraa osoo hintahin imaammanno golistummaa sirnichi ilmaan Oromoorratti qaburraa maddite.



Haga haalli kun jijjiiramutti carraan ilmaan Oromoo gara mootummaa federaalaa itti seenaniis dhiphachaatuma itti fufa. Afaan Oromoo afaan federaalaa gochuun dirqama. Haa tahummoo, kana gochuu qoftiin furmaata gayaa hintahu. Namni mootummaa federaalaatiif hojjetu afaan Amaaraatiis beekuu waan qabuuf barnoota afaan Amaaraa cimsuufi jajjabeessuuniis barbachisaadha.



Gadaa addunyaan ganda tokko ta’aa jirtu kanatti beekkoomsa afaan Inglizii cimsachuun hiree matayyaatiifi kan sabaatiif murteessaa ta’uun falmii hin qabdu. Haa ta’u ammoo, sababa ijoolleen teenya afaan kanatti itti laaffatte karaa saayinsiitiin sirritti hubachuuf qorannoo haaluma kana fuulleeffatte gochuudhaan furmaata rakkoo tanaa hunddeetti buqqisuu nama dandeessisu tokkoon as bahuu feesisa. Ammaaf garuu sirna barnootaa amma jiru jijjiirruf ariifachuurra sirnuma jiru kana rakkoolee gara dhiheessa meshaatifi hanquu gara leenjii barsiistootaatin mul’attu fooyyeesutu irra akka.

[i] Oromiyaa keessatti kutaa tokkoo hanga saddeetii barnoonni waliigalaa (Hawaasa, Herrega, Saayinsii wkf) Afaan Oromootiin baratan. Afaan Inglizii kutaa tokkorraa kaasee kan barsiifamu yoo ta’u, Afaan Amaaraa kutaa shaniraa eegala. Kutaa Sagalitti barnoota Afaanitii ( Afaan Oromoofi kan Amaaraa) alatti kanneen hafan cufti Afaan Inglizittin barachuu eegalan. Qormaata kutaa kudhanii booda daree Afaan Oromootifi kan Amaaraa keessa took filachuun dirqama waan ta’e Afaan lamaan keessa tokkuma qofa kutaa 11fi 12tti baratan.



Jawaar qunnamuu yoo feete kara This email address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it.This e-mail address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it katabiif. Barruulee isaa dubbisuuf gama www.dhummuugaa.wordpress.com dhaquudhaan arkachuu ni dandeessa.

It is a little over two decades since OPDO was assembled together by TPLF political engineers in Tigray and officially unveiled in Darraa District of Oromia’s North Shoa Zone. Since then OPDO’s rank and file members were squeezed between a rock and hard wall. On the one hand, Oromo nationalists char…

01/05/2016

Jaalala uummati Oromoo biyya keessa jiru walii isaaf qabu baayyee na ajaa'iba. Eessaa dhufte? Eessatti dhalatteen hin jiru. Dhiiga Oromummaa si keessatti arginaan siif dhiiga. Seenaa Dr. Amiin Abbaa Bungul, Mohammed Ademo barreessee keessa koo na xuqe. Yoo biyya itti dhalatee guddate (Jimmaa) dhiisee gara Arsii (Adaabbaa) dhaqu nama tokko hinbeeku ture. Booda garuu onnee hawaasa naannoo sanaa keessatti bakka ol aanaa argate. Dr. Amiin awwaalcha harmee isaa dhaqee otuu Jimmaatii deebi'aa jiruuti kan Konkolaataan lubbuu isaa fudhatte sun galagalte. Haati warraa isaa (Ulfaa) ammallee haala yaaddessaa keessa jirti. Jaalala uummati keenya walii isaaf daangaa malee qabu kan akkan yaadu na taasise isa kana. Dr. Amiin boqotee guyyaa qubaan lakka'amu keessatti hawaasi magaalaa Adaabbaa walitti dhufee kan ijoolleen Dr. Amiin ittiin guddattu maallaqa callaa Birrii Miliyoona tokkoo ol walitti buuse. . . Aboo jaalalli isin waliif qabdan sun nu warra diaspora jirrus haa xuqu! Silaa siyaasa keenyaafis furmaati argameera!

30/04/2016

fi Jechoota Hayyootaa Addunyaa kana qoodadhaa!
☆.Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli
immoo irraa barata. (Chinese)
☆. Bineensi bosonaa qaama kee madeessa
hiriyaa gadheen garuu sammuu kee madeessa.
(Zen)
☆. Maallaqni hin dubbatu,garuu soba dhugaa
fakkeessa. (South African)
☆. Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa
qaba. (Swedish)
☆. Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma nama
harkaa baatu balali'uu eegalti. (Saudi Arabia)
☆. Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa baradhu, waa'ee
Birbirsaa immoo Birbirsa irraa baradhu. (Zen)
☆. Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa tokkoof
yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaaf si
dagata. (Chinese)
☆. Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha fira
godhadhu. (Indian)
☆. Duuti maqaan isaa hin tolu. Ykn ni ture jedhu;
ykn immoo ni ariifate jedhu. (Engliz)
☆ Nama Giriikii tokko erga harka fuutee booda,
quboota kee lakkaawwadhu. (Albanian)
☆. Keessummummaa ganda harree dhaqxee
waa'ee gurraa hin haasa'iin. (Jamaican)
☆. Simbirroon Allaattii duuba fiigdu, waan inni
baqatu seeti. (Japanese)
☆. Jabanaan kee inni haaraan akka bishaan
baatu hanga mirkaneeffattutti, isa moofaa
hin gatiin. (Swedish)
☆. Qabsoo/Lola bishaanii fi dhagaa gidduutti
godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu
bishaanuma. (Japanese)
☆. Yommuu qe'een abbaa kee saamamu, atis
wajjin saami. (Abysiinian) anaan isuma kan warra abysiinian kanatu na ajaa'ibe,akkamitti hubattanmee?

😃😃😃the
29/04/2016

😃😃😃the

Address

Rawdah, Al Kayyal St., Jeddah
Jeddah

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Senayetsefu my Firee page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Senayetsefu my Firee page:

Share

Category