Falmataa Show

  • Home
  • Falmataa Show
15/05/2026

Wellcome Dubai

15/05/2026

Ilmi namaa waanuma jiraataafii ture gaafa du’e hir’isa
Gariin ofiif jiraata, gariin Maatii isaa qofaaf jiraata , gariin gandaaf jiraata gariin biyyaaf jiraatee waan jiraateef sana hir’isee biraa gala
Obbo Zagayyee woggoottan soddomman dabren isaan bare . akkan hubadhetti isaan utubaa hamilee ummataa ta’uun Arge fknyf dhabbanni “Hundee” kan jedhamu kan isaaniin hundeeffamee waan hedduu lakkaa’amee hin dhumne bara dheeraa Maal akka hojjataa ture mee “qoradha!!!” isaantu hoogganaa ture duuti eega hin hafnee waanuma gaarii ummata ofiitiif hojjatanii dabruuf isaan fakkeenya ta’u.
Rabbiin Maatiifii ilmaaniifi firoottan isaani obsaafi jajjabina hakennuufi.

Abdii Shanan Gibee  Gargaarsa Ariifachiisaa!Yeroo tokko tokko, lubbuu namaa oolchuuf wanti guddaan hin barbaachisu; qalb...
05/05/2026

Abdii Shanan Gibee
Gargaarsa Ariifachiisaa!
Yeroo tokko tokko, lubbuu namaa oolchuuf wanti guddaan hin barbaachisu; qalbii gaarii fi tokkummaan ni gaha.
Obboleessi keenya Abdii Shanan Gibee (Abdii Miidhagaa) dhukkuba cimaa waliin wal’aansoo gaggeessaa jira.
Amma ammoo yeroo hunda caalaa gargaarsa keenya barbaada.

💳 Lakkoofsa Herreega Baankii!
👇👇👇👇👇👇
1000479278907 Abduhafis Miftahi CBE

Yaa rabbi bara akkamii keessa jirra?😭😭😭Oduu gurratti dhaga'uuf namatti ulfaatu Godina   Aanaa  Haadha manaakoo situ naja...
03/05/2026

Yaa rabbi bara akkamii keessa jirra?😭😭😭

Oduu gurratti dhaga'uuf namatti ulfaatu Godina Aanaa
Haadha manaakoo situ najalaa baase jechuun gajaraan obboleettii haadha warraa isaa irraa morma irraa kute!😭🥲

Ajj- eecha Suukkanneessaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Nadhii Noonnoo Ganda Kombolchaatti raawwate qaamni kamuu balaaleffachuu qaba Barattuu jedhamti. Barattuu kutaa 12ffaa barachaa jirtuu fi foormii guuttee qorumsa mo'achuuf tiitooriyaalii barachuuf osoo deemtuu abbaan warraa obboleetti ishee kan jedhamu sababa haati warraa isaa obboleettiin Meqdes waliin wal dhabdeef Mucaa ganama qursii qopheessitee nyaachistee mana barumsaa deemte, mana barumsatii galtee laaqana hojjattee nyaachiftee waliin nyaattee Titooriyaalii barachuuf osoo deemtu karaa irratti eeguun harka irra kaawwatee hammatee osoo adeemuu eegaa waajjira poolisii fuldura ga'ee gajara shirrixii keessa dhoksee jiru luqqifachuun barattuu kobbeef qubeessa qofa badhattee adeemtu ajjeechaa suukkanneessaan iddoo 6tti kukkutee ajj_ eessee ofii lubbuu isaa baraarrachuuf waajjira poolisii seene harka kennate. Sodaan Hawaasa keessa jiru eegaa namni tokko lubbuu baasee lubbuu isaa baraarrachuuf waajjira poolisiitti baqate Kanaaf qaamni seera heekuuf raawwachiisu adabbii barsiisoo osoo itti kennee jenna!😭😭😭
Abdii sabaa꧂by Falmataa Show

02/05/2026

Raya Jemal Haji by Falmataa Show

02/05/2026

Off A...... By Falmataa Show

Hiyuman Raayitis Wach (HRW) baqattoota Itoophiyaa 65 Sa'uudii Arabiyaatti murteen du'aa akka eeggatu ibse.Murteen kun os...
30/04/2026

Hiyuman Raayitis Wach (HRW) baqattoota Itoophiyaa 65 Sa'uudii Arabiyaatti murteen du'aa akka eeggatu ibse.

Murteen kun osoo hin raawwatamin mootummaan Itoophiyaa, Sa'uudii fi jaarmiyaaleen dhimmi ilaallatu hatattamaan akka birmataniif gaafateera.

Maaltu deemaa jira?

https://bbc.in/4cFaksW

By Nuuraddin Shaafii

28/04/2026

Jijjiramaaf Ethiopia by Falmataa Show

27/04/2026

Ajjai'ibaa Rabbiin Qabu mee Dhaafgeeffadha Galma Sara By Falmataa Show

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Gamtaa Afrikaatti dursaa damee Hubannoo Namtolcheefi Fayyaa Dijiitaalaa ta’anii ...
23/04/2026

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Gamtaa Afrikaatti dursaa damee Hubannoo Namtolcheefi Fayyaa Dijiitaalaa ta’anii muudamaniiru.

Muudamni kun kan kenname oggansa Dooktar Abiy damee kanaan kennani fi hubannoon namtolcheefi hojiwwan kalaqaa Afirikaatti akka babal’atuuf hojiwwan Itiyoophiyaan hojjechaa jirtuuf beekamtii kennuuf.

Xalayaa muudamaa ergame kessatti ergaan kanatti aanu barreeffameera:

“Kabajamo, tiraansfoormeeshinii dijitaalaa fi tekinooloojiiwwan haaraa babal’isuuf hoggansa kennitaniin, hubannoo namtolcheen walabummaa Afirikaaf, bu’a-qabeessummaa fi guddina hirmaachisummaaf furtuu ta’ee akka tajaajiluuf gargaarsa guddaa gootaniittu.

Walabummaa fi humna tekinooloojii ijaaruuf karaa tarsiimawaa ta’een sosochiin geggeessitan, Ardichi ittigaafatamaa fi haqaan itti fayyadama hubannoo namtolchee irratti sadarkaa idil addunyaatti adda duree akka ta’uuf shoora guddaa qabaata.”

Waggoota muraasa darbanitti, hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin Itiyoophiyaan dameelee dijiitaalessuu fi hubannoo namtolcheen guddinni galmeessiste raawwii olaanaa kan mul’isee dha.

Bu’uuraalee misooma dijiitaalaa babal’isuun, tajaajilawwan e-mootummaa hojii irra oolchuun, naannoo kalaqaatti maallaqa ramaduun, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee hundeessuun, akkasumas tarsiimoo hubannoo namtolchee biyyaalessaa wixinuun hojiiwwan jijjiiramichaaf bu’uura cimaa kaa’anii dha.

Dabalataanis, Yuuniivarsiitii hubannoo namtolchee of-danda’e hundeessuuf karoorri karoorfame, qo’annoo, misooma ogummaa fi tumsa ardaawaa caalmaatti akka cimsu ni eegama.


By Nuuraddin Shaafii

Address

Dubai

Telephone

+966560376031

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Falmataa Show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment?

Share