14/02/2023
"Gaafa Cinna Tiittee Gurraachaa ka bara Gadaa 55ffaa (Liiban Jaldeessa Guyyoo Dabbasaa {1980-1997} sun, akkuma "Sirnii Minilik 2ffaan" dhufeen, badiin uummata qabatte. Warrii Minilik 2ffaa sun gaafa Lafa dhufe, falfalaan dhufe. Ufii falatee nu falfale. Akka warrii Minilik 2ffaa sun falfalaan yaa'u, raagii akka; Kiboo Abbaa Harree, Areeroo Boosaroo fi Waariyoo Uudat faatii dhufa Minilikiitiin duratti dursanii himan. Himanii sulleen akkana; "Nyaapha ulee sallataa ta namaan dhaabu qabu ka muka dubbatuun yaa'utti Lafa dhufuuf jira. Mukii dubbatu, Laawwee/Qawweedha. Nyaapha kanatti aanee Cinna (Namaa-Sa'aan) dhumuutti faana dhufa. Cinnii horii balleessa. Warrii nyaaphaa sun ammoo aadaa balleessa. Ammoo badee hin dhabanii, bulaan keessumaa bahee Boorantittii (Oromtittiitti) deebi'a. Ammoo gaafasi wa shan jabeeffadhaa jedhan. Wannii shanan maan?
1. "Horii dhabanillee ittuma deebi'anii, Lafa eegii isiin takka harkaa Nama baate; deebi'anii itti hin deebi'an waan ta'eef, Lafa jabeeffadhaa. Lafa qabaannaan, horii fulaa itti horatan qabdan" jedhan.
2. "Aadaan Booranaa Loon malee hin taatuu. Akka Loon dhabaniif aadaan hin banne, adoo Hiddii qalanillee akka aadaan Gogeessa Shananii hin banne, Jilaan Waaqatti dheedhaa" jedhan.
3. "Horii dhamne jettanii, Haraa-eela hin lakkisinaa. Haroorraa galchaa gorsaa, Eela kalaa ykn maksuun akka bisaan bokkaa Eela duudanii madda eelaa hin waarsine, Haraa-eela jabeeffadhaa! Qabeennii ka itti hafani waan ta'eef" jedhan.
4. "Cinnii Haadhaa-abbaa irraa fixee akka hiyyeessii hin banne, akkuma walti dhiyaattaniin wal tissaa. Ilmaan biraa fagaattee akka jaarsaa-jaartiin hin banne, wal tissaa. Niitiin Dhiirsa dhabdee, akka horteen Namaa (akka daaraa-ardaan) Booranaa (Oromoo) hin banne, dubbii jennee yo Niitiin dhiirsa dhabde obboleessa dhaalullee ka hin qamne isiin taate; Lubii dhaalee maqaa walii baduu ha dhowwuutii, ilmaan garaatti hin badinii, nyaaphatti fa'a galtee nyaaphii faatii irraa horee Goljaan Hoolaa hodhu, fincaan ormaa nutti hin makamini" jedhe.
5. "Saalaa-fokkoo waliif dhabdanii, warra cinnaa rukkisu ka cinnii maqaan fudhate hin tayinaa. Waan Waaqii Namatti kenne waliin sooratanii, waan Waaqii Namaa kenne waliin horatan. Diqqaa-guddaan walii saalii-fokkii (wal-kabajii), gosaa-gogeessaan badii wal-dhowwii, jaalaa-soddaan wal barbaadii, firaa-fiixaan wal gaafadhu...." Jedhan.
Guyyaan guyyaa fakkaataa, ammoo barii wal hin fakkaatu. Amma wannii jabeeffachuu malan, heddachuu dandeetti. Duuba eennurratti ufi ganna? Yo maltuu barbaanne malee. Addeessii hardha galgala 7 bulaa, halkan bonaa ammallee dheertuu jiran. Gargaarsa Abbaa gubbaa malee, jibbaata. Waan dhaloota dhufuuf male, ka kunuunfachuu mallee fi mala du'aan dandamannu qofa falachuutti falaaf mala"
Baraaf bonallee walumaan Waaqii nu baasinna!