15/04/2026
✍️
(Eebbisaa Baayisaa)
Namichi baaburaan deemuuf tikkeeta kutate. Yeroo itti baaburri ka’u geenyaan garasitti qajeele. Yoo achi ga’u baaburri sochii eegaleera. Hamma fiiguu danda’u hunda fiige. Garuu hin qaqqabne.
Wal wal irratti harganaa gara hoogganaa buufata baaburaa deeme.
“Maaliif akkana gootu? Maal ta’a yoo naaf dhaabsistan? Namummaan isinitti hin dhaga’amuu?” jedhee itti iyye.
“Tikkeeta kee irraa baaburri sa’a meeqatti ka’a jedha?” jedhee gaafate hoogganaan.
“Sa’a 2:00”
“Atihoo meeqatti qaqqabde?”
“Sa’a 2:01”
“Kanaafuu, eenyutu balleesseree?”
Namichi waan deebisu dhabe.
“Obboleessa koo,” jedhe hoogganaan, “Baaburatu si gate otuu hin taane, situ biraa hafe!”
Namichi dogoggora isaa irraa hubatee borumtaa sa’a 1:45 tti achi ga’e.
Jechi jedhu jecha Afaan Jaappaan ta’ee, ofiin itti gaafatama fudhachuu jechuudha. Hiikni isaa inni gad fagoon, ‘Dubbii keef, gocha keef akkasumas bu’aa isaaf itti gaafatama kan fudhatu si’i’ kan jedhudha.
Yeroo baay’ee rakkoon keenya itti gaafatama fudhachuu mannaa, waan itti qabannu barbaaduudha. Akkuma taanu taanee keessaa of baasnee, “Ana miti; abaludha” jenna. Yookaan immoo rakkoo ofii uumneef qaama sadaffaa komanna.
“Otuu akkana ta’ee akkana hin ta’u ture” jenna.
Dubartiin yeroo dheeraaf tamboo aarsuu irraa kan ka’e kaanserii sombaan qabamte tokko dhukkuba ishee qabeef dhaabbata tamboo oomishu akka himatte dubbiseen ture. “Dhaabbatichatu tamboo badaa oomishee jennaanan kaanseriin qabame” jettee mana murtiitti himata itti bante. Itti gaafatamni dhaabbata tamboo oomishuu tamboo sana irratti, “Fayyaa namaaf balaa qaba” jedhee barreessuudha. Sun seeratu dirqisiisa. Otuu sana dubbistuu tamboo aarsitee yoo dhukkubsatte garuu itti gaafatama keeti.
mallattoo bilchinaati. Bilchinni dhala namaa kan ittiin madaalamu itti gaafatama fudhachuu isaatiin. “Anatu balleesse” jechuu gaafa dandeenyuu fi dogoggora keenya irraa barannee tarkaanfii sirreeffamaa gaafa fudhannu bilchaanneerra jechuudha. Sana ta’uu baannaan umuriin keenya wagga 75 ttuu hin bilchaannu!
“Gatiin guddummaa itti gaafatamummaadha!” jedha Winston Churchill.
Kottaa komachuu dhiisnaa. Itti gaafatama fudhannaa. Ni sirreeffannaa.
!
Eebbisaa baayisaatiin