24/04/2026
Itti kaaftee hin dhiisin.
********************************************
Walqunnamtii saalaa booda dubartiin callisuun mallattoo isa beekamaadha. Erga raawwataniin booda yaada kennuu irraa of qusattee, dugda sitti galtee calliftee ciifnaan hin quufne jechuudha. Dubartiin sirritti qufte/ fedhii baate odeessuu jaalatti, morma kee jalaa hin dhabamtu. Yeroo dhangalaase dhiirti ni dadhaba waan ta'eef narraa us ykn callisu jedhuunillee hin calliftu. Dubartii walqunnamtii saalaan hin gammachiiftu taanan guyyaa itti aanu sii kennuu dhabuu dandeessi. Sumaa jettee calliftee raawwachun waan jibbisiisuuf boru si diduu dandeessi. Yeroo raawwatamu fedhii hin baatu taanan adeemsa keessa fedhiin ishii gadi bu'a. Fedhii dhabuu dandeessi. Yeroo ati itti kaaftu sin dhaggeeffattu. Yeroo dhungattu, haammattu itti hin tolu. Si dhiisudhaan gara hojiitti deemti. Alaan'alaafii jeequmsa heddumeessitee bultiin jeeqamuun diiggaan gaa'ilaa dhufuu danda'a waan ta'eef itti kaaftee hin dhiisin.
Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa!
Dr. Hamza Jemal waabeffanne.