15/03/2025
đź’˘Lameen keessanuu jajjaboodha.
đź’˘Dubartiin Waaqa jechuurra,
đź’˘Dubartiin Abdaaridha osoo jennee ta'a!
👉Namoota jajjaboo ta'an beekuun amaloota fi gocha isaanii hubachuun danda’ama. Namni jajjabaan:-
✅️Jiraachuuf jabina qaba – Rakkoo fi qormaata keessatti ni cimu.Hunda salphisanii ilaalu.
✅️ Yaada ofii irratti cichuu danda’a – Kaayyoo fi abjuu isaa irraa hin jilbeeffatan.
✅️Ofitti amanu – Humna fi dandeettii ofiirratti amantii qaba.
✅️ Madda rakkoo hin ta’an – Namoota biraa jajjabeessu, rakkoo furuuf ni hojjetu.
✅️Gara-laafina qabu– Jajjabummaan isaanii garaan isaa laafa akka ta’u hin dhowwu.
✅️Dogoggora irraa baratu– Dogoggora yoo raawwatan irraa baratanii fooyya’u.
✅️ Hojii irraatti xiyyeeffatu– Milkaa’inaaf hojjetu, of dadhabsiisanis, fedhii guuttatu.Namoota akkanaa jireenya keessatti argachuun carraa guddaadha! Isin lameenuu warra akkasiiti.Dubartii cimtuus duukaa dhaabbachuun cimsuun fakkeenya namummati waan ta'eef lameen jeessanuu nan jaaladha.Ofitti amanamummaa qabdu waan ta'eef hagan sin hubadheetti akkasiin isin madaala.
👉✅️Kanaaf Anaaf dubartiin kabaja guddaa qabdi.Qabinsa ilma dhiiraa barbaaddi.Kanaaf waa'ee dubartii ibsuu yoon barbaadu:-
💢Dubartiin akka namaatti uumamte; namummaa guutuu qabdi.Akka amantii kamiittuu yoo ilaallu akka Islaamummaas, amantiiwwan birootinis,akkasumas seera addunyaa keessattis, dubartiin nama kabajamtuu fi sadarkaa ol’aanaa qabduudha.Kana yoo jennus:-👇👇👇👇👇👇👇
✅️👉Uumama fi Sadarkaa:
đź’˘Dubartiin akkuma dhiiraa nama guutuu dha.
Ergamtoonni, namoonni beekkamoon fi hayyoonni dubartii kabajuu fi guddifachuu himanii jiru.Akka
Qur’aanaa keessattis dhugumatti, Nuti nama lama (dhiirota fi dubartii) taanee uummamne.Kabaja qabna.Wal kabajuunis safuu fi safeeffaannadha.
✅️👉Qaama fi Sammuu:
👉Dubartiin dandeettii sammuu fi xiyyeeffannoo guddaa qabdi.Jireenya keessatti ogummaa fi beekumsa hedduu irratti hirmaatti.Nama guddiftuu fi hawaasa ijaartuudha.