22/12/2022
Oduu Gaddaa
Yuubni Gadaa Gujii, Hayyuun Argaa Dhageettii AAGAA XEENXANOO du'aan boqotan.
Dr. Kabajaa Yuubni Gadaa Gujii Aagaa Xeenxanoo bara Abbaa Gadaa Gujii turanitti aadaa uummataa tiksaa, seerota sirna gadaa jabeessan eegaa akkasumas dhibdee hawaasaa hiikaa turani.
Erga baallii Gadaa kennanii Yuuba ta'aniis seerota Gadaa lallabuu fi Gorsuun tajaajilaa turani. Yuubni kun erga dhukkubsatanii yaalamaa turanii booda guyyaa kana du'aan boqotaniiru.
Maatii, firootaa fi jaalattoota isaaniif jajjabina, lubbuu isaaniif jannata hawwina.