03/10/2026
Maxxansa 3ffaa
IRREECHA: OROMOON AKKANA! šæ
NAMA TAāUUN NAMAAF TAāUUF!
Irreechi amantaa moo aadaa dha? Kaan, āamantii Oromoo dhaā jedha. Kan biraa āaadaa Oromoo dhaā jedha. Kaanis immoo ālamaan isaanii iyyuu qabaā jedha. Ani garuu har'a falmii kana keessaa tokko filachuuf miti. Ani waanan dubbachuu barbaadu waaāee Oromoon, suuqa kaleessaa keessaa as yaaāee, eenyummaa isaa mul'isee, walitti dhufee, nagaa fi gammachuudhaan ayyaaneffachuu isaati.
Seenaa keessatti sabni tokko yeroo dheeraaf waanjoo ulfaataa baatee yoo jiraate, yeroo tokko tokko waan inni barbaadu qabeenya qofa miti; ofii isaa ta'ee jiraachuu, walitti qabamuu fi eenyummaa isaa ifatti mul'isuudha. Har'a Oromoon waanjoo garbummaa kaleessaa gola isa galchaa ture jalaa hamma taāe as ba'ee, biyya isaa keessatti, eenyummaa isaa mul'isee, walitti dhufee, boonee fi gammadee yoo mul'atu, ani kana gammachuu guddaadhaanan ilaala. Tarii, waan hunduu nutti tolee, qixatee, gaaffiis waan dhabneef miti, tokko jedhanii, lama jedhu jedheeni. Kan hafes WAAQAYYO GOOFTAAN MACCAA akka ijaan arginu nu taasisa. Kun amantii fi abdii kooti.
Irreecha irratti namni tokko Waaqa isaa yaadata, waaqeffatas. Namni biraa aadaa fi seenaa isaa yaadata. Kan biraa maatii, hiriyoota, saba isaa fi hawaasa isaa waliin wal arguu isaatti gammada. Namni tokko uffata, sirba, sirna, muka magariisaa fi bareedina ayyaanaa ilaala. Isaan kun hundi nama hundumaaf hiika tokko qabaachuu baatan iyyuu, walitti dhufeenya, eenyummaa, kabaja, nagaa fi gammachuu keessatti wal qunnamuun lookoo hawaasummaa jabaa uumu.
Kanaaf, waaāee Irreecha kaasuun koo, āamantaa qofaā jechuuf miti; ykn āaadaa qofaā jechuufis miti. Akkasumas, hiika inni nama dhuunfaa tokkoof qabu nama hunda irratti dirqamaan fe'uuf miti. Garuu waan tokko ifattin mul'isa, Oromoon walitti dhufuu danda'a; Oromoon eenyummaa isaa mul'isu danda'a; Oromoon aadaa isaa kabajuu danda'a; Oromoon keessummaa kabajuu danda'a; Oromoon gammachuu isaa addunyaa waliin qoodachuu danda'a. Kun immoo deebii kadhannaa keenyaa isa WAAQAYYOtti booāaa turreeti, qabsoo qeerroo fi qarreetis. Akka irreeffannuuf kadhachaa turree ree jechuu dandeessu. Deebiin koon, Oromoon wal gaāuuf Irreechi dirqama miti, yaaāii addaa ammatti waan hin qabneef, wal gaāuun cubbuu miti jechuun barbaada.
Dabalataan immoo, kutaa Macaafa Qulqulluu akkuma feene kutnee fidnee itti hiinee wal burjaajessuun gaarii miti. Tasgabboofnee yaaduu qabna. Sirni irreecha irratti taāu kan Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin fakkaatu. Eeyyee dhuguma wal hin fakkaatu. Garuu, namni bakka irreechaa deemee hundi cubbamaadha jechuunis immoo yaada madaalamaa natti hin fakkaatu.
Nan amana! Waaqeffannaan fi kadhannaan kamiyyuu karaa Yeshuāaa Khristos qofa gara WAAQAYYOOtti dhiyaachuu akka qabu. Karichi, dhugaan, jireenyi Yeshuāaa Khristosiin malee hin jiru.
Haataāumalee boqonnaa sammuu fi tokkummaa Oromootti amantanii, akka aadaatti kabajjanii, har'a Irreecha irratti kan argamtan hundaan akkanan jechuu barbaada: Baga nagaan geessan! šæ Oromoo taatanii Oromiyaa irraa, Oromiyaa keessaa fi Oromiyaa alaas kan dhuftan, baga nagaan dhuftan! Keessummoota kabajamoo taatanii addunyaa gara garaa irraa kan dhuftan, baga nagaan dhuftan! Turistoota taatanii aadaa, uumama, seenaa fi jireenya Oromoo ilaaluuf kan dhuftan, baga nagaan dhuftan!
Har'a waan tokko akka isin hubattan nan barbaada. Oromoon maal fakkaata? Jechaa kan turtanii fi waaāee isaa ragaa sobaa dhagaāaa kan turtan, egaa, Oromoon kana fakkaata. Uffata isaa keessatti eenyummaa isaa mul'isa; aadaa isaa keessatti seenaa isaa yaadata; walitti dhufeenya isaa keessatti hawaasummaa isaa mul'isa; keessummaa isaatiif kabaja isaa agarsiisa; gammachuu isaa keessatti jireenya isaa qooda; nagaa keessatti wal arguuf hawwa. šæ
Irreechi guyyaa ayyaanaa qofa osoo hin taane, waan Oromoon ofii isaa ta'ee irratti mul'atu keessaa tokko. Kanaaf, har'a ani gammachuu koo akkana jechuunan ibsa:
āBAGA NAGAAN DHUFTAN! OROMOON KANA FAKKAATA!ā šæš
NAMA TAāUUN NAMAAF TAāUUF!
Karrasaaqii Bulti Wakgari
10/03/2026 G.C.