18/07/2026
Waraanni Ameerkaa fi Iraan gidduutti gidduudhaan dhaabbatee ture guyyaa muraasa dura bifa haaraan jalqabuunsaa beekamaadha.
Amma waraanichi halee*llaa humnoonni lamaan walirratti godhaa jiraniin hammaataa itti fufeera.
• Ameerkaan bu'uuraalee misoomaa Iraan kanneen akka maddaafi sarara anniisaa elekrikii, riqaalee/riqichoota fi kan biroo haleelaa jirti.
• Iraanis buufataalee waraanaa Ameerkaa biyyoota Arabaa naannichaa keessatti argaman haleelaa jirti, Kuweet keessatti warshaa guddaa bishaan qulqulleessus (desalination plant) haleelteetti.
• Iraan sarara bishaanii Hormuz (Strait of Hormuz) guutummaatti cufteetti.
• Ameerkaan buufataalee doonii Iraan, akkasumas sochii dooniiwwan Iraan Hormuz jiran hunda guutummaatti uggurteetti.
• Uggura Ameerkaa kana hordofuunis, sarara Doonii Baabal Mandab kan Galaana Diimaa irratti akka cufu Iraan ajaja Huutii warra Yamaniif kenniteetti.
Gama biraatiin,
¤ Kanuma hordofuun Itoophiyaa keessatti Abbootiin qabeenyaa buufataalee boba'aa qaban tokko tokko funyoo fufurdaa kellaarratti hidhuun "Boba'aan hin jiru" jechuu eegalaniiru😀