29/06/2026
📖 Seenaa Namruud Irraa Barnoota Bara Har'aa
Namruud mootii humna guddaa, mootummaa bal'aa fi qabeenya hedduu qabu ture. Humni isaa baay'achuu irraa kan ka'e oftuulummaan guutamee, ofii isaa illee waaqa ta'uu dubbate. Garuu Nabii Ibraahiim (AS) dhugaa fi ragaa cimaadhaan isa dura dhaabbatan.
Namruud mootummaa qaba ture; Ibraahiim garuu amantii fi dhugaa qaba ture. Dhumarratti kan mo'e mootummaa miti; dhugaa fi gargaarsa Rabbii ture.
🌿 Barnoota keenya:
Aangoon bara baraa miti.
Qabeenyi nama hin baraaru.
Ooftuulummaan kufaatii namaa ti.
Namni Rabbitti hirkatu ni injifata.
Dhugaa dubbachuun sodaa hin qabu.
Namni har'a aangoo, qabeenya ykn beekumsa isaatiin of ol qabuu fi haqaa mormu, seenaa Namruud irraa barachuu qaba. Rabbiin humna namaa kamiyyuu olitti jira.
"Rabbiin nama of tuulu hin jaallatu."
🤲 Yaa Rabbii! Ooftuulummaa irraa nu eegi. Dhugaa irratti nu jabeessi. Humna, qabeenya fi aangoo keetiin akka hin gowwoomne nu taasisi. Aamiin.