Ituu Global Community

Ituu Global Community It is a cultural and historical center of a community.

09/07/2025

Carcar...💥

01/05/2025
Carcari dhaloonni kiyyaItuudha gosti tiyya...!Daldaltuun hedduu jiraBiliftuu deemaa gariinDaaytuun heddutu jiraTa reeffa...
29/04/2025

Carcari dhaloonni kiyya
Ituudha gosti tiyya...!

Daldaltuun hedduu jira
Biliftuu deemaa gariin
Daaytuun heddutu jira
Ta reeffaa fuutu gaariin

Sirbaan heddutu jira
Ka geeraru qondaalli
Geerarsi sirba miti
Waan sirna ittiin jaarani
Kaatee sirna hin ijaartu
Tatteesse sirbiti gariin

OF NA SEETIREE YARIIN..
Gosa nan beektu tarii
Hardharraa qabii barii
Carcari dhaloonni kiyya
ITUUDHA gosti tiyya

OROMIYAAN naaf biyya
OROMOON hundee tiyyaa
Hundinuu anaaf kiyya
Hundaafii dhaamsi kiyya

Dhaamsa bira hin qabuu
Dhaamsi koo dhaamsa biyya
Ragaan koo hojii kiyya
Murteessan saba kiyyaa....

Hayyee....
===
Ituu (Kuraa Galaan) Carcar
Ituu Kuraa Galaan Murawa
ITUU OROMOO POST
Firatoli Warra Ituu
Samiyaa Takitii Ituu
Iticha -ኢቲቻ
Qalbesa Mohamed Carcar
SIRNA Gadaa Ituu kan Odaa bultum
Kuraa Galaan
Kuraa Gaalaan
Ayyaantuu Shamsuu
Baabbicha Ituu
Carcar Bultum

Abdeta Chercher
Jollee Chercher
Fallaqii Mahammed
Gelmo Hassen Baker

20/12/2024
Harti baate hora, Habroon horaa miti.Lafa ati hin jirre,Taa'uun tolaa miti.:
20/09/2024

Harti baate hora,
Habroon horaa miti.
Lafa ati hin jirre,
Taa'uun tolaa miti.

:

Meedhichaan Humneessa!::Ibsaa A. Gusuu, meedhicha bakka isaan malte jiru. Osoo bakka kana ati jiraachu baatte joollee dh...
02/09/2024

Meedhichaan Humneessa!
::
Ibsaa A. Gusuu, meedhicha bakka isaan malte jiru. Osoo bakka kana ati jiraachu baatte joollee dhiiraa tanaafis akkuma garii aadaa hundee dheessutti "Qamisa Qolorraa hodhiteefi" bakkuma irraa hirmaattanihu amba biraa shakkisiiftan. Haqa walitti himan firumaan hin baddu. Heerri hilaan bade hin galle ja'a Aabba-Ali..(Ahmad Gurraacha). Hila dhiifna. Nama ummatarraa tahe. Kan ummata keessaa baheef fakkeessaa malee hojjatu akka nu hoogganuuf qaadhimna. Gariin keessan dubbii tiyya tana hammeeffachuu dandeeessan. Warreen gariin immoo jibbuu dandeessan. Duuba immoo bulchiinsi rakkoo warra
Boruu Gooroo beekhu ilmuma warra Boruu Gooroo Tukkeeti... yoo faggaatte ilmi warra Juraa Dhikkee Tukkee rakkoo bulchiinsa warra Boruu Gooroo Tukkee hubata. Kabajamoo Mummee Abbaa Alan gaa Godina keenya Obbo Ibsaa, qixa hooggansa Godina keenyatti ati hooggansa ummataa kan ummata hoogganuudha. Ummanni Godina keenya hooggansa fakkeessaaf if taliguuf wal taliguuf dalagaa ummataa dhiisee wal dalagu kana dhiisee gad naqee dhiiraa akka keetii kan gahumsaafi aantummaan ummata ifii tajaajilu kanaan guutamuuf taa'aa.
:
Dhaga'i:- Ummatni kun isa fakkeessuuf afaan deeymuus isa hojiin isaaf dammeeysuus ni beekha. Dantaa ummataa tiiksuuf; hariiroo mootummaafi ummata jidduu jiru daran gaarii godhuuf meedhichaan hooggansaaf qaadhima. Tana immoo hin hilu. Hin qusadhuus. Niin beekhaas. Waan hedduun argaa jiraas.
:
Biyya jabduu akka jaartaniif Meedhacha humneessaa.
:
🫳Gaariin keenya yoo tole FARDA COOLLEEDHA yoo haammate immoo GAABGEE GANYAADHA.
:
Ituu Kuraa Galaan Murawa
Ituu (Kuraa Galaan) Carcar
Qalbesa Mohamed Carcar
Firatoli Warra Ituu
Tutaa Ituu Kudhanii
ITUU POST
Tokkicha Ituu Murrawa
Oromo Ituu Page
Kuraa Galaan Ituu
Kuraa Galaan
-galaan Charity Organization

"Odaa Bultum lafa gadaati. Gadaan immoo sirna ulfoodha. Lafa  ulfoo tana misoomsuun gadaa ulfeessuudha"          Aabbo-A...
02/09/2024

"Odaa Bultum lafa gadaati. Gadaan immoo sirna ulfoodha. Lafa ulfoo tana misoomsuun gadaa ulfeessuudha"

Aabbo-Aliyyii Umaree,
Kuraa-Galaan Charity Organization Board Director

Haasawa Sagantaa "Sossochii Misoomsa Ardaa Jilaa Odaa Bultum" irratti godhan keessaa kan fudhatame.

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ituu Global Community posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Ituu Global Community:

Share