06/06/2023
Dhimmi amma Guuza Hedduu arkanne fakkaatti, Itti nuuf jabaadhaa, Osoo hin hifanne hin tuffanne, kan Walin qoodne marti keenya irraa dubbachuufii irraa mariyachuun Waan gaariidha,
Orraafattanillee Ammuma Eega Qabdan hanga fiinxa baaftanii bu'aa dadhabbii teeysanii Gammachuu hawaasa keeysaniitiin gartanitti irraa hin laafinaa!!
Irra hedduun nama keenyaa Duraan kan Rakkinni Jimaa kun isaan gahu itti hin fakkaanne, Garii Kaznaa mootummaatu ofdagachiise, gariis Shurufkaa Daldalaa tan amma arkeetu ifdagachiise, Gariis Rakishummaa jimaatiin Qamaatiirratti if dagate, garuu Dhimmi Jimaa Dhimma Nu hunda ilaallatuudha, Rakkinni isarraa ka'e Hojjataafi Qotataas tahee dallaalaafii daldalaas, Hammaalaafi Kaachisaas hundatti hulaa dhadha'uun isaa hin hafu!
Bu'aan jimaarraa argamu Akkuma Waajjira mootummaa, Qoteebulaa, Daldalaa, shufeera, hammaalaafii kan isa tolchu mara hulaa dhadhawee isaaniif seenutti, gaafa Bakka dhabees Galii biyyaa gadbuusuu irraa hanga hoji dhabdoota baayyisuufii shiftootaafi hattoota oomishee Ummata beelaaf saaxilutti gaha,
Kana tahuu hubannee Marti Qabeenya keenya Falmannee Daandii Qabsiisuun Dirqama Nama Kallattiifii Alkallattiinis Jimaa irraa fayyadamuu ilaallatuudha.
Mootummaan Dallaalaan balleeysa ja'ee ofii dallaalaafi daldalaa tahuu hinqabu, Sirni Mootummaa amma jiruu Poolisii daldalaa tam akka hordofu hinbeeku malee Yoo Kan Gabaa bilisaa (Free marketing) kan hordofu tahe Daldala Jimaa keessaa guutumatti Harka baafachu qaba, yoo tahe wanti inni godhuu qabu, Daldaltoota to'achuu, Oomisha biyyattiitiif Gabaa dabalataa barbaaduu Qofa malee Waa'ee Jimaa keessa lixuun ummata burjaajeessuu hinqabu,
Komiifii Yaada heddu qabna silaa Dhimma jimaarratti, haa tahu garuu San haasa'u irra Waloon furmaatarratti yoo xiyyeefanne Wayyaadha,!