ANSAR KEDIR

ANSAR KEDIR Wanti Hin Danda'amne
Wanta Ati Hin Yaalle Qofa.

JUMA MUBAREK 🤎 🤎
28/11/2025

JUMA MUBAREK 🤎 🤎

“Koodee walfixxurraa hambi namaan naatu!”Jireenyaa Shifarraa🫡🙏
30/08/2024

“Koodee walfixxurraa hambi namaan naatu!”

Jireenyaa Shifarraa🫡🙏

23/08/2024

Kan Daayimandii ta’u dhakaa cilee dha.💎

Daayimandiin adeemsa ‘HPHT’ ja'amu keessa dabreeti qophaawa. ‘HPHT’ jechuun ‘High Pressure High Temperature’ jechuudha. Daayimandiin tokko odoo daayimandii hin ta’iin dura sadarkaalee Afur keeysa dabruun dirqama. Inni jalqabaa lafa keessa KM 300 hanga 600 gadi fagaatee argamuu. Inni lammaffaan ho’a degree centigrade 1200n gubachuu. Inni sadaffaan dhiibbaa (pressure) guddaa keeysa turuu. Inni afuraffaan ammoo haalota armaan olii keeysa yeroo dheeraaf turuudha. Egaa dhagaa cilee tokko fuutee Km 600 lafa keessa gadi fageeysitee, ho’a digirii sentigreedii 1200 keesssatti gubdee, dhiibbaa guddaa keeysa yoo keeyse, haala saniin yoo tursiifte cileen sun dhagaa gati qabeessa gara daayimandiitti jijjiirama.

Namootni tokko tokko haalli isin keessa turtanii fi jirtan jireenyi keessan kan namoota biraa waliin yoo wal bira qabdani KM 600 gadi bu’ee, qorumsa Ibidda baayyee ho’aa digrii sentigredii 1200 ta’u keeysa buutanii jiraachuu mala. Dhabuu, dhiibamuu, namarraa fagaachuu….isin qunnamee jira ta’a.
Tarii Rabbiin maaliif akkas na godha jechuu dandeessa. Deebiinsaa si miidhaysee tolchuufi, dhagaa gati jabeessa, meetii, daayimandii, warqii…..gati jabeessa si taasisuuf ja'eeti haalota kana hunda sirratti hayyame.

Amaloota daayimandiin qabu torbatu jira.💍

💎 Baay’ee jabaataadha. Dhagaa kamiinuu yoo dhooyte/rukkutte hin cabu. Sibiila qara kamiinuu hin muramu. Daayimandii kan muru Daayimandii qofa. Daayimandiin garuu dhakaa kamuu ni cabsa, sibiila kamuu ni mura.

💎 Bay’ee calaqisaadha. Ifa aduu irra qubate deebi’ee calaqqisiisa. Ifa qaama isaarra qubate deebisee halluu garaagaraan mul’isa
💎 Daayimandiin baay’ee qulqulluudha. Daayimandiin qulqulluu ta’uun beekama.
💎 Daayimandiin tasa hin gubatu. Manni daayimandiin keessa jiru tokko yoo gubatellee daayimandichi tasa hin gubatu
💎 Daayimandiin yoo Asiidii irratti neeyne/dhangalaasne humaa hin ta’u. Odoo asiidii warqiirratti neeynee/dhangalaasnee yeruma san jijjiirama
💎 Inni dhumaa daayimandiin gatiinsaa baay’ee qaaliidha.

👉 Kanaafuu, namootni rakkoo keessa darban amaloota daayimandii kan qaban waan ta’eef kabaji.

Kanuma!
Galatoomaa!🙏

Ten Unknown Facts About   1.   Founding and History:  , Bayerische Motoren Werke AG, was founded in 1916 in Munich, Germ...
18/08/2024

Ten Unknown Facts About

1. Founding and History: , Bayerische Motoren Werke AG, was founded in 1916 in Munich, Germany, initially producing aircraft engines. The company transitioned to motorcycle production in the 1920s and eventually to automobiles in the 1930s.

2. Vip Emon Iconic Logo: The BMW logo, often referred to as the "roundel," consists of a black ring intersecting with four quadrants of blue and white. It represents the company's origins in aviation, with the blue and white symbolizing a spinning propeller against a clear blue sky.

3. Innovation in Technology: BMW is renowned for its innovations in automotive technology. It introduced the world's first electric car, the BMW i3, in 2013, and has been a leader in developing advanced driving assistance systems (ADAS) and hybrid powertrains.

4. Performance and Motorsport Heritage: BMW has a strong heritage in motorsport, particularly in touring car and Formula 1 racing. The brand's M division produces high-performance variants of their regular models, known for their precision engineering and exhilarating driving dynamics.

5. Global Presence: Vip Emon 2.0 is a global automotive Company

6. Luxury and Design: is synonymous with luxury and distinctive design, crafting vehicles that blend elegance with cutting-edge technology and comfort.

7. Sustainable Practices: has committed to sustainability, incorporating eco-friendly materials and manufacturing processes into its vehicles, as well as advancing electric vehicle technology with models like the BMW i4 and iX.

8. Global Manufacturing: USa operates numerous production facilities worldwide, including in Germany, the United States, China, and other countries, ensuring a global reach and localized production.

9. Brand Portfolio: In addition to its renowned BMW brand, the company also owns MINI and Rolls-Royce, catering to a diverse range of automotive tastes and luxury segments.

11/03/2024

Gufachuuf gatantaruun adeemsa
jiruu addunyaati, Garuu fuuldurri
koo milkii ta'uusaa shakkii takka
hin qabu.

11/03/2024

Winners never quit.
Quitters never win.

01/03/2024

Waa'ee waliif yaaduu
hin beektu taanaan
waa'ee jaalalaa hin
haasa'in.

           Koreen dambii fi naamusaa narratti lafa dhahe,Aanga'oonni mooraa narratti lafa dhahan.  "Akkamitti ta'a ?"  j...
13/09/2023








Koreen dambii fi naamusaa narratti lafa dhahe,Aanga'oonni mooraa narratti lafa dhahan. "Akkamitti ta'a ?" jedhu hin dhabame, Falmachuuf olii gadi kan fiigu ana, Margaa fi Faanosee qofa. Barattoonni mooraa, hojjettoonni mooraa hundi akka shororkeessaatti na ilaalan.
"Quufaan kun osoo waanumti fadhe ta'e Barsiisaa reebaa? Hororaan kun! Kana qabanii mana hidhaatti galchudha hamma quufni isaa irraa galutti" jedhee mata duree dubbii na godhate hunduu....jechaan dhabe,
nan watwaadhe namni maal taate naan jedhu hin jiru.Haqa koon himadhe;namni na dhagahu hin jiru.

Dhumarratti waggaa tokkoof barumsa kiyyarraa akkan adabamuuf natti murteeffame. Fala hin qabu-nan fudhadhe. Iyyus, watwaatus, falmus maaltu dhufa? Barataan dhugaa qaba, barsiisaa yookiin qaama bulchiinsaatu balleesse qaamni jedhu silas eessa jira? Garuu faanosee irraa fagaadhee jiraachuu waniin hin
dandeenyeef Mooraa yuunivarsiitii Haramayaa fuulduratti kan argamtu magaalaa Baatee keessaa mana jireenyaa kireeffadheen jiraachuu eegale. Maalaqa maatiin kiyya ji'aan naaf
ergan qusadheen itti fayyadamuun
jiraachuu eegale.Haa ta'uu malee
dararri Dr.Beenyaa narraa
dhaabachuu hin dandeenye.

Ittumaa natti caalaa dhufe. Bakka oolmaa kootti ofiisaa dhufee fi namoota natti ergee na doorsisiisa. Kanarraan ka'ee guyyaan ani manan kireeffadhee keessa jiru keessa bulu guyyaa muraasa qofa. Gaafa kaan Magaalaa Haramayaa, gaafa kaan magaalaa Harar fi gaafa kaan magaalaa dirree dawaa deemeen akkuma ta'etti bula.

Yeroo kana wantoonni ciggaasisoo
ta'an sadii mooraa Yunivarsiitii kee
ssatti ta'uu eegalaniin dhagahe. Tokkofaa, Dr. Beenyaa fi Biqiltuun.......itti fufa...

           Biqiltuun Yaadasheen ala taatee Dr. Beenyaarratti of gatteetti. Haalli kun marti Garuu Margaaf dirree waraana...
05/09/2023









Biqiltuun Yaadasheen ala taatee Dr. Beenyaarratti of gatteetti. Haalli kun marti Garuu Margaaf dirree waraanaa ture. Yeroo mara dhokatee hordofee ishee ilaala. Garuu osuu arguu dubbachuu hin dandeenye, humna hin qabukaa.

Dr. Beenyaan guyyaa lammaffaa biiroo isaatti bilbilaan na waame.Har'a garuu akka guyyaa kaanii sagalee lallaafaan na faana hin haasofne. Akkuman ol seeneen lafa taa'uu ol ka'ee "ee! Didataa dhuftee? Didattekaa ati? Kanarra Gaaddisaa Morkataa osuu hin taane Didataa Morkataa jennee si waamnakaa!" naan jedhe.Anis calliseetumaan ilaalee. "Faanosee bira hin gahiin siin jennaan diddee?" jedhee harkasaa
olfuudhee natti gadhiisee. Harkasaa ofirraan qoladhe. Shugguxii karaa seera maleessaan mooraa keessa seensisee minjala jala dhoksee kaawwatu natti baafate. "Argitee kana? Kun hantuuta moo qamaleefan as kaawwadhe sitti fakkaatee? Kun nyaata keeti. Lubbuu keerratti murteessaa jirta." naan jedhe.

Ani akka durii sodaachaa hin jiru, garaa kutadheera. Ammaan kana rukuttaan onnee koo daran dabalee jira. Dr. Beenyaan shugguxii isaa mudhiisaatti suuqqatee harka shaamizii isaa ol isaa ol sassaabbachaa gara kootti qajeele.

Akkuma na bira gaheen kokkee koo jalatti hudhee na qabe. Yemmuu kana kan onneen koo dhiigaan makamte. Wal qabannee wal gangalchine, lafarra wal sukkuumne. Huccuun koo narratti ciccite. Maal akkan godhe hin beeku, eessa akkan dhahe hin beeku kanuma Dr.Beenyaan gaggabee reeffa ta'een arge.Yammuu kana barreessituun biiroosaa fiigaa dhufte. Anis bilbila kiyya , waraqaa eenyummaa kiyya kan yuunivarsiitii fi waaleetii akkuma lafarra faca'ettiin dhiisee fiigee bahe.Yakka kanaanis nan himatame. Koreen dambii fi naamusaa narratti lafa dhahe,Aanga'oonni mooraa narratti lafa dhahan. "Akkamitti ta'a ?" jedhu hin dhabame? Falmachuuf.....itti fufa..
://tiktokgx.com/?ref=Anuye
://t.me/Ansar_Kedir

Share your memories, connect with others, make new friends and Make Money.

01/09/2023









Alana Jireenyi natti hadhaawuu eegalte. Dr. Beenyaan nama waan jedhe gochuuf duubatti hin deebine nama carraa argatetti fayyadamee doorsisa isaa itti fufe.Walitti dhufeenyi kiyyaa fi kan Faanosees gaaffiin guutame. Yaawaaqayyo, maaloo ati na gargaari.

Ani gonkumaa Faanosee dhabuu hin barbaadu, hin qabu, ati naaf falmi Faanoseenis akkuma koo ija jabaattee Dr. Beenyaan waldhaansoo qabuu eegalteetti. Dr. Beenyaan Isin jirtubeeku anaa fi Faanosee qofa. Margaanuu hin dhageenye. duriitti waliin dabarsuu itti fufne.

Guyyaa tokko Dr. Beenyaan Biqiltuu Biiroo isaatti Biqiltuu, ani guyyaa ati mooraa kana seente irraa eegalee si hordofaan ture. Ati intala bareedduu, sittima osuun jedheen. Biqiltuun dhugaa hin seene. Hin naate, hin gammadee, hin maalalamte. Yeroo hin fudhanne, hin xiinxalle lafa teessuu olkaatee wuwuwuwuwu jettee ofirra naannoftee gammachuu ishee ibsiteef.

Dr. Beenyaan dhugaan ishee jaalachuu baatullee The game started!!harkasaa aboottatee hidhii isaa ciniinnatee. Guyyaa sanaa eegalee Dr. Beenyaan Biqiltuu konkolaataa isaan fuudhee bakka barbaade geessa. Waan barbaade waliin raawwata. Waan hundumaa guuteefiis ishee agarsiisa. Beenu hamma waanan barbaadu harka kiyyatti naaf galchitutti qofa na nyaattaaaatti.

Biqiltuun Yaadasheen ala taatee Dr. Beenyaarratti of gatteetti. Haalli kun marti Garuu Margaaf dirree waraanaa ture. Yeroo mara dhokatee ....itti fufa...

Address

Harar

Telephone

+251970474860

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ANSAR KEDIR posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to ANSAR KEDIR:

Share