06/08/2026
🙏 please rabbiif jecha
Akkuma suuraa irraa argitanitti, obboleessi keenya Jamaal Umar Haamoo jedhama Inni qaama miidhamaa dha. Miilli isaa tokko hin jiru. Kana malees, laphee isaa fi dugda isaa gidduutti rakkoon cimaa waan jiruuf afuura baafachuun baay'ee rakkisaa ta'eera.
Amma yeroo ammaa kana oksijiinii malee jiraachuu hin danda'u. Daqiiqaa muraasaaf illee yoo oksijiinii irraa baafame, lubbuun isaa darbu danda'a.
Kanaaf, obboleessa keenya kana waliin haa dhaabbannu. Gargaarsa keenya xiqqoo ta'ullee walitti qabnee lubbuu isaa haa baraarru.
Obboleessi keenya kun dhalootaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa, Araddaa Qaallichaa irraa yoo ta'u,
Nama hojii barsiisummaa hojjechaa hawaasa isaa tajaajilaa tureedha.
Har'a garuu Rakkoo Cimaa kessa Jira .
deeggarsa keenya isa Barbaachisa.
Rabbi fayyaa nun dhorkin. Nama dhukkubsate hunda Rabbiin haa fayyisu. Isin illee Rabbiin rakkina keessan haa furu.
Namni gargaarsa gochuu barbaadu:
CBE: 1000307885623
E-Birr: 0921974792
Maqaan Jamaal Umar Haamo
Mee barruu kana sher godhaa. Gargaarsi keessan lubbuu nama tokkoo baraaruu danda'a.