03/09/2026
'ud Arabiyaa๐ธ๐ฆ
โSa'ud Arabiyaa keessatti, namtichi lubbuu namaa balleessee adabbii du'aatiin adabame.
โMinisteerri Dantaa Keessoo Sa'ud Arabiyaa, naannoo Makkaatti yakkamaa ajjeechaa ta'uun murtiin du'aa kan irratti darbee ture lammiin Yemen tokko murtiin du'aa irratti raawwatamuu beeksiseera.
โNamni Ziyaad Waliid Mahaammad Abdullaah jedhamu lammii Yemen kan biraa isa biroo waliin walitti bu'iinsa uumameen, meeshaa qaramaa ta'een mataa isaa dhaahuun akka inni du'u gochuu isaa ministeerichi ibseera.
โDhimmi isaa mana murtiitti ilaalamee yakkamaa ta'uun isaa mirkanaa'uu fi oliyyannoo gaafatus murtiin du'aa sun irratti ragga'era. Kanas hordofuun ajaja mootichaatiin murtichi kaleessa raawwatiinsa argateera.
โMinisteerichis tarkaanfiin kun nageenya biyyaattii eegsisuuf, haqni akka kabajamuufi mirga jiraachuu irratti yakka raawwatamu ittisuuf tarkaanfii seeraa fudhatameedha.
โMinisteerichi namoonni yakka walfakkaatu raawwachuuf jiran irraa akka of qusatan akeekkachiiseera.