17/12/2020
'Yexilaacha Firdibeet Asmesselaachuu' ~ 'Mana Murtii Jibbiinsaa Fakkeessitan'
Obbo Dajanee Xaafaa
___
Har'a namaoota Galmee Obboo Jawaar Mohaammad jalatti himataman keessaa namoonni 16 dhiyaataniiru. Himatamtootni biyya alaatti argamanii fi kanneen Mana Hidhaa Qaallittii jiran keessaa:
1. Jawaar Mohaammad,
2. Obboo Baqqalaa Garbaa,
3. Hamzaa Booraanaa fi
4. Shamsaddiin Xahaa dhaddacharratti hin argamne.
Barreessaa KFO kan ta'e Ogeessi Seeraa Obboo , dhaddacharratti waan dubbatan keessaa:
1. "Mootummaan kun gootni gaafa mo'ate hin dhaadatu'' jedha. Afaniin garuu dirree Diimokiraasii babal'iseera jechaa harka tokkotti meeshaa waraanaa harka biraattimmoo mana hidhaa baatee deema. Yoo dhugaadhaan gara Diimokiraasitti deemuun barbaadame fi rakkoolee siyaasaa biyya kana mudataa jiran furuu barbaadame, (mallayyoo) waraanaa sana gara jijjiirratee fuulaa fuulatti gadi taa'ee nu waliin haa mari'atu." jechuudhaan mootummaaf dhaamsa dabarseera.
2. Manni Murtii Mohaammadii fi Obboo fa'aa beellama itti aanutti / irratti fudhatamee akka dhiyeeffaman' jedhee ajaja kenneef Obbo Dajaneen yoo deebisan -
"Kun naamusa seeraa miti. Akkamitti hidhamaa seeraarratti ajajni tarkaanfii humnaa fudhadhaa jedhamee kennama? Mana murtichaa fakkeessaa jirtu" jechuudhaan ajajicha hadheeffatanii falman. Abbaan Murtii Manni Murtichaas "Itti fayyadama Amaarinyaa keenyatu rakkoo qaba" jechuun dhaddacharratti dhiifama gaafatte.
3. Beellama dheeraa Amajjii 25, 2013'tti qabuuf manni murtii yaalerrattis Obboo Dajanee fi Abukaattotni falmii taasisaniin guyyootni 21 irraa hir'isiisani Amajjii 4 bara 2013tti qabameera.
Oolmaa Mana Murtii har'aa falmii jabaa fi dheekkamsaan kan guutame ture.
___