MUE MAX

Directions

MUE MAX KUUSA SEENAA, AADAA, QAROOMINAA FI QABEENYA OROMOO! foon kiyya - Lammiin ofii gaaddisa galgalaa,
ifaa gaafa dukkanaa, irree gaafa rakkinaati. Itti dabin!
(3)

https://www.youtube.com/ � Baga nagaan karaa toora page MAX dhuftan. Follow gochuun maati MAX FAMILY tahuun maxxansaale keenya kan gara gara irra fayyadamaa isiniin janna�GALATOOMA

‎Foon kiyya, warra hundeen qarooma nagayaa keessaani ? Ani obboleessi keessan MUE kan onneerraa isin jaalatu fi kabaju, ...
16/10/2026

‎Foon kiyya, warra hundeen qarooma nagayaa keessaani ? Ani obboleessi keessan MUE kan onneerraa isin jaalatu fi kabaju, jaalala fi khabajaan tiyyaa bakka jirtanitti isiin haa geeysu jechaa.
‎
‎Dhaamsa kana obsaan naaf dubbisaa.
‎
‎Hojiin miidiyaa kanarratti, Aadaa, Duudha, Seenaa, Leccaalloo, Qabeenya fi qaroomina Oromoo fi Oromiyaa barachuu fi dhaloota barsiisuuf haga humna kiyyaa irratti hojjachaa turuun koo ni beekama. Hojii kana hojjaachuun anaaf hojii qofa osoo hin taane, fedhii fi hawwii kiyya isa guddaa waggaa bayyeedhaaf biyyaa Ormaa keessa taa'ee hamoonaa turee fi kaayyoo jireenya kiyyaati. Dhaloota boruutiif seenaa biyyaa fi sabaa bifa qulqullina qabuun kuusuun abjuu kiyya isa guddaadha. Haatahu garuu akkuma jireenya keessatti ilma namaa hunda mudatu, anis yeroo hojii kana hojjadhu bu'aa-bahii meeqa keessa dabaree, golaa meeqa qaxxaamurree hojii kana isiin biraan gahuu keeysatti yeroo tokko tokko haalotni dadhabsiisoon na mudatan hedduutu jira. Adeemsa kiyya kana keessatti gufuwwan tokko tokko na qabuun duubatti na dhiibuu fi hamilee kiyya xuquuf yeroo yaalan, keessi kiyya baay'ee gaddee ture. Haalonnii na mudatan hanga sadarkaa guutummaatti hojii kana dhiisu irraan na gahaniis, Ani garuu abdii kutachuu fi kaayyoo kiyya dhiisuu waan hin barbaadneef, obsee ciniinnadheen, hamilee teessan galaa godhadheen as gahe, Rabbiif galannii ha gahuu. Hojiin kun kan dhuunfaa osoo hin taane, kan ummata guddaa kanaa waan ta'eef, ani kophaa hojjadhus kophatti murtee itti kennuu waan hin dandeenyeef, har’a dhugaa fi miira kiyya isiniif qooduu murteesse. Kanaaf eegaa, imala keenya kan bifa suursagalee (Video) hojjachuu fi dhiheessuuf haalli naaf mijjatu dideef, anis akka yaada kiyyaatti guutummaatti dhiisee isin irraa addaan bahu osoo hin taane, bakkuma jiruu fi haaluma keessa jiruun, bifa sagaleetiin (Audio) beekumsa Aadaa, Duudha, Seenaa, qabeenya fi qaroomina biyyaa fi Saba keenyaa isiniif qooduu jalqabuuf yaada qaba., Isinis yaada keessaan nuuf gumaachaa.
‎Yoo RABBII nuuf laaffise, Insha Allah.
‎
‎Foon kiyya, eebbaa fi hamileen keessan abdii fi humna kiyya.
‎Jaalalli fi kabajni ani isiniif qabu daangaa hin qabu! 🙏❤️

15/10/2026

Hanaan Elemoo Qilxuu, yeroo duraatiif biyya abbaa isii dhuftee qabrii (awwaalcha) abbaa isii ijaan arkite!

Intalti Jaal Elemo Qilxuu (Hanaan Elemoo) biyya baqattummaa kheeysatti dhalattee waan guddatteef carraa biyya dhufuu hin arkanne ture. turtii waggoota hedduu booda biyya abbaa isii gara Oromiyaa dhuftee qabrii abbaa isii (jaal Elemoo Qilxuu) akka ijaan arkituuf, RABBII gadiitti, haala khan mijjeeyseef Malkaa Oromoo Yadeta Juneydi ti. "Ulfaadhu, galatoomii" malee maal siin jenna adeeroo? Oolmaan khee nutti baay'ate!

Foon kiyya!
15/10/2026

Foon kiyya!

Mul'ata deem naan jedhaaDukkana dukkanatti ibsee....😓
15/10/2026

Mul'ata deem naan jedhaa
Dukkana dukkanatti ibsee....😓

Ijollee Oromoo. 🖤❤️🤍Babareedu abbaa kiyya ✨️👑
15/10/2026

Ijollee Oromoo. 🖤❤️🤍
Babareedu abbaa kiyya ✨️👑

Innaawa obsuu keessa sadarkaa hancufa tuffiif nutti tufamellee akka tuftii eeybaatti fudhannee, ‘Aamiin’ jechuu irra gee...
14/10/2026

Innaawa obsuu keessa sadarkaa hancufa tuffiif nutti tufamellee akka tuftii eeybaatti fudhannee, ‘Aamiin’ jechuu irra geenye!
Barri dabra.

Elemoo Alii fi Adam Haaruun.Isaan lamaan bu’uura dhaloota har’aa qofaa osoo hin taane calaqqee gootummaa, jaalala aadaa,...
13/10/2026

Elemoo Alii fi Adam Haaruun.
Isaan lamaan bu’uura dhaloota har’aa qofaa osoo hin taane calaqqee gootummaa, jaalala aadaa, fi eenyummaa ti. Oolmaan isaan dhalootaaf oolan guddaa dha. Seenaan isaanii haa jiraatu, umrii fi gootummaan isaanii dhaloota haaraaf fakkeenya haa ta'u!

Galmi aadaa keenyaa, Manni Abbaa Gadaa, Asab irratti ijaaramuun waan hin oollee dha! 🖤❤️🤍
12/10/2026

Galmi aadaa keenyaa, Manni Abbaa Gadaa, Asab irratti ijaaramuun waan hin oollee dha! 🖤❤️🤍

11/10/2026

Sa'aan okolee didde,
okkotee hin diddu!

Bakka kaaneef ga’uun waan hin oollee! 🔥✊Foon kiyya 🫶
11/10/2026

Bakka kaaneef ga’uun waan hin oollee! 🔥✊
Foon kiyya 🫶

Address

13812 Kaylemore TRL
Dire Dawa
55068

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when MUE MAX posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share