Daycare Health

Daycare Health This page is always the learners!!!

19/08/2026
18/08/2026
Chest drainage tube (chest tube) jechuun tuuboo gara qoma keessaa (pleural space) galfamuudha. Faayidaan isaa inni gudda...
13/08/2026

Chest drainage tube (chest tube) jechuun tuuboo gara qoma keessaa (pleural space) galfamuudha. Faayidaan isaa inni guddaan qoma keessaa qilleensa ykn dhangala’aa baasuu, akkasumas sombaan akka deebi’ee bal’atu gargaaruudha.
Faayidaawwan isaa
Pneumothorax – qilleensa pleural space keessa jiru baasuu, sombaan akka deebi’ee banamu gochuu.
Hemothorax – dhiiga qoma keessa kuufame baasuu.
Pleural effusion – dhangala’aa baay’ee kuufame baasuu.
Empyema – pus (malkaa) pleural space keessa jiru dhangalaasuu.
Chylothorax – chyle, jechuun dhangala’aa lymphii, qoma keessaa baasuu.
Erga opereeshinii qoma irratti taasifamee booda – dhiigaa ykn dhangala’aa kuufamuu malu baasuu fi qoma keessa haala sirrii eeguuf.
Kaayyoo isaa gabaabumatti
“Qilleensa, dhiiga, pus ykn dhangala’aa pleural space keessaa baasuun, sombaa akka deebi’ee bal’atu fi hojii hafuuraa akka fooyya’u gochuu.”
⚠️ Chest tube galchuun hojii yaalaa ogummaa fi aseptic technique barbaadu dha; nama leenjii qabuun qofa raawwatamuu qaba.

Fayyaan faaya woo!! Fayyaa nu dhoorgatin!!
13/08/2026

Fayyaan faaya woo!!
Fayyaa nu dhoorgatin!!

Yaad-rimeewwan Farmakoteraapii (Concepts of Pharmacotherapy)Filannoon qorichaa fi deebiin qaamni namaa qorichatti kennu ...
11/08/2026

Yaad-rimeewwan Farmakoteraapii (Concepts of Pharmacotherapy)
Filannoon qorichaa fi deebiin qaamni namaa qorichatti kennu wantoota armaan gadiirratti hundaa’a:
Sababa qorichaa itti kennamu (Indication): Dhukkuba ykn haala fayyaa qorichi ittiin fayyadu.
Amaloota qorichaa: Fakkeenyaaf:
Bu’a qabeessummaa (Efficacy) – Qorichi dhibee sana hammam sirreessuu danda’a.
Nageenya (Safety profile) – Miidhaa ykn side effect qorichichi fiduu danda’u.
Karaa itti kennamu (Route of administration) – Afaaniin, hidda dhiigaa (IV), maashaa (IM), kkf.
Karaa itti keessaa bahu (Route of elimination) – Qorichi qaama keessaa irra caalaan isaa karaa kalee, tiruu, kkf ittiin ba’u.
Yeroo qoricha itti irra deddeebi’anii kennan (Dosing frequency).
Baasiin qorichaa (Cost).
Amaloota dhukkubsataa: Fakkeenyaaf:
Umurii
Saala
Dhukkuboota biroo waliin jiru (comorbidities)
Qorichoota biroo yeroo sana fudhataa jiru
Yeroo tokko tokko ulfaatina qaamaa
Sanyii/jiinii (genetic factors)
Ulfa ta’uu ykn ulfa ta’uuf karoorfachuu.
Dogoggora qorichaa (Medication errors)
Dogoggorri qorichaa deebii dhukkubsataan qorichatti kennu irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf:
Qoricha dhukkubsataaf hin malle barreessuu.
Barreeffama prescription dogoggoraan dubbisuu.
Qoricha karaa ykn doosiin sirrii hin taaneen kennuu.
Walitti-dhufeenya qorichootaa (Drug interactions)
Qorichoonni lama ykn isaa ol yeroo waliin fudhataman, tokko kan biraa waliin walitti dhufeenya uumuu danda’u. Kunis bu’aa qorichaa dabalu, hir’isu, ykn miidhaa qorichaa dabalu danda’a.
Kanaaf, filannoon qorichaa sirrii kan murtaa’u qoricha qofa osoo hin taane, dhukkuba, amaloota qorichaa fi haala dhuunfaa dhukkubsataa waliin ilaalamee dha.

Miidhaa Spleenii (Splenic Injury)Miidhaan spleenii yeroo baay’ee ni mul’ata; keessumaa spleenichi yoo guddatee jiraate, ...
10/08/2026

Miidhaa Spleenii (Splenic Injury)
Miidhaan spleenii yeroo baay’ee ni mul’ata; keessumaa spleenichi yoo guddatee jiraate, rukuttaa ykn miidhaa xiqqaan illee miidhamuu danda’a.
Rakkooleen ijoo:
Yeroo sanumaatti dhiiguu gara keessaa (internal bleeding)
Boodarra hematoma (kuusaa dhiigaa) dho’uu dha.
Nama haalli isaa tasgabbaa’aa (stable) ta’e keessatti, qorannoo CT scan fayyadamuun dhukkuba mirkaneessi. Nama haalli isaa tasgabbaa’aa hin taane (unstable) keessatti immoo exploratory laparotomy jechuun garaa banuun qorachuu fi yaaluu barbaachisa.
Splenectomy (spleenii guutummaatti baasuu) booda namni sun yeroo dheeraaf infekshinii baakteeriyaa tokko tokkoof saaxilamuu danda’a. Kanaaf, yeroo danda’ametti miidhaa spleenii opereeshinii malee (nonoperative management) yaaluun filannoo gaarii dha.
Yoo dhukkubsataan dhiiga baay’ee itti fufiinsaan fudhachuu barbaade ykn Hct (hematocrit) isaa gadi bu’aa deeme, laparotomy ykn angiography fi embolization raawwachuu yaadi

Sababoota Yeroo Baay’ee Dhiiguu Garaacha fi Mar’imaanii (GI Bleeding)1. Upper GI tract — Kutaa ol’aanaa garaachaa fi mar...
07/08/2026

Sababoota Yeroo Baay’ee Dhiiguu Garaacha fi Mar’imaanii (GI Bleeding)
1. Upper GI tract — Kutaa ol’aanaa garaachaa fi mar’imaanii
Sababoota dhiiguu garaa fi mar’imaanii kanneen armaan gadiiti:
Duodenal ulcer (20–30%) — Mada mar’imaanii duodenum irratti uumamu
Gastric or duodenal erosions (20–30%) — Miidhamuu/haramuu gogaa garaachaa ykn duodenum
Varices (15–20%) — Hiddoota dhiigaa bal’achuu, keessumaa ujummoo nyaataa keessatti
Gastric ulcer (10–20%) — Mada garaachaa
Mallory-Weiss tear (5–10%) — Ujummoo nyaataa fi garaachaa walitti dhufanitti ciccituu gogaa, yeroo baay’ee ol deebisuu cimaa booda
Erosive esophagitis (5–10%) — Inflammation fi miidhamuu ujummoo nyaataa
Angioma (5–10%) — Hiddoota dhiigaa sirnaan hin uumamne/babal’atan
Arteriovenous malformations (

Daycare health follow godhaa!!  Like illee godhaa histii hin godhinaatii saahibban!! Histiin waan takka namaaf hin gootu...
07/08/2026

Daycare health follow godhaa!!
Like illee godhaa histii hin godhinaatii saahibban!!
Histiin waan takka namaaf hin gootuu??
Galatoomaa isiniin jaaladha!!

Address

Deder
Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Daycare Health posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category