09/12/2025
Waajjirri Aadaafi Tuurimii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuufi manni murtii Olaanaa Magaalaa Bishooftuu waliin ta'uun gamaggama hojiilee manneen murtii aadaa sadarkaa jalqabaafi oldabarfataa hojjetaman irratti gabaasa bara 2018tii hanga ji'a sadaasaa jiru dhiyeessun gamaggama gaggeessun cimina jiru caalmatti itti fufsiisuuf hanqina jiruuf mala furmaataa qaama dhimmi ilaallatu waliin furuuf Hooggantuun waajjira Aadaafi Tuurizimii kan ta'an Aadde Gannat Mokonnin gamaggama kana irratti kallattii kaa'an.Akkasumas kabajamoo pirezidaantii Mana murtii Olaanaa Magaalaa Bishooftuu obbo Birhaanuu Baqqalaa Abbootii Gadaa Manneen Murtii Aadaa fi barressitoota manneen murtii aadaa sadarkaa jalqabaafi oldabarfataa galateeffachuun hojiin bareedaan hojjetamaa jiraachuu dabbachuun kanuma caalmatti itti fufsiisuuf hanqinoonni jiran gufuu ta'uu akka hin qabne ergaa dabarsan.