27/03/2025
EBS seenaa sobaa dubartii Birtukaan Tamasgeen jedhee dhiheesse kan dhiheesse ta'e jedhee itti yaadeeti jedhu hayyoonni siyaasaa fi miidiyaa.
Hayyoonni siyaasaa fi miidiyaa OMN'f yaada kennan, seenaan dogoggoraa kun ta'e jedhee bocamee fi qindeeffamee akka dhihaate himan.
Hayyoonni siyaasaa yaada isaanii kennan, abbaan qabeenyummaa EBS kan dhalataa Eertiraati jedhan.
Waldhibdee Eertiraan amma Itoophiyaa waliin qabduu fi humnoota Itoophiyaa keessaa mootummaa Eertiraa waliin hidhata qaban yaadachuun barbaachisaa dha jedhu.
Yoo xiqqaate Diraamaa kana keessatti mootummaan Eertiraa akkasumas humnoonni Itoophiyaa keessaa mootummaa Eertiraa waliin hidhata qaban harka qabuu jedhan.
Humnoota sadiitu gamtaan diraamaa kana qindeesse kan jedhan hayyoonni siyaasaa, battala qophiin sun darbe irraa jalqabee duulli jibbiinsaa miidiyaalee fi marsaalee hawaasaatiin uummata Oromoo, dhaabbilee Oromoo akkasumas mootummaa irratti adeemsifamuu jalqabuu himan.
Warri kun mootummaan kun akka mootummaa Oromoo ta'eetti odeeffannoo dogoggoraa bocuun jumlaan duula jabaa uummata Oromootti bananii jedhan.
Ogeeyyiin miidiyaa gama isaatiin sagantaan sun ta'e jedhee qindaa'e EBS dogoggorfamee miti jedhu.
Maaliif jennaan sagantaa akka kana ofeeggannoo gaafatuu mitii sagantaan kamumtuu yeroo qophaa'uuf jedhu jalqaba dhimmi isaa cimsee qoaratama, kun amala mana miidiyaati jedhan.
Qopheessaan sagantaa yaada dhiheessee irratti maryatamee erga bilchaatee booddee gara qophicha qopheessuutti seenama kan jedhan ogeeyyiin miidiyaa, hanga dhumaatti waanti hin malle akka qilleensa irra hin oolle gulaalaan hordoffii taasisee akka sirreessu himan.
Qophiin EBS'n darbe garuu hanga sagantaa sana seenseshinaalaayiz gochuutti diraamaan dabaalamuu eeranii, dabalataan yuunivarsiitiin dubartiin sun itti baradhe jette hin dubbifamne, dhaabbilee fayyaa irraa hin mirkaneeffanne, qaamolee nageenyaa fi haqaas irratti hin dubbifne, ta'e jedhamee dhiifamee jedhu.
Kun kan agarsiisu EBS dogoggorfamee otoo hin taane ta'e jedhee hojjachuu isaa akka ta'e ogeeyyiin miidiyaa ibsu.