Ya'reli

Ya'reli Artist

13/12/2023

warri siyaasa biyya kanaa olii gadi oofan marti isaani dhimma biyyaas ta'ee dhimma sabaa quba hin qaban gaafa rakkatan qofa ani waanan sabboonaa ta'eefi oromummaa koof natti duulan siin jedha waggaa guutu kan nutti qoosaa fi nu gidirsaa ture, haala amma itti deemaa jirruun namuu barumsa guddaa waan fudhate natti fakkaata paartiin ati ijaartuu fi abukaatoo taateefi halkanii guyyaa lallabdu akka saba kee siif hin caalle hubadhu.

Hojiin waan abbaati jedhe maraataan jedhan har'a yeroo aangoo guddaa irra teessee dubbattu borii ke yaadadhu hunduu yeroo eeggatee bakka gadhiisaa

25/07/2023
Yaalii Abbaa Jifaariin Kiristaanummaa KaasuušŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„Kutaa 3ffaašŸ—ÆšŸ—ÆšŸ—ÆšŸ—ÆšŸ—ÆAbbaan Jifaar muudannoolee adda addaatiin ga...
05/08/2022

Yaalii Abbaa Jifaariin Kiristaanummaa Kaasuu
šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„šŸ’„
Kutaa 3ffaa
šŸ—ÆšŸ—ÆšŸ—ÆšŸ—ÆšŸ—Æ

Abbaan Jifaar muudannoolee adda addaatiin gabroota bilisa baasuu ture. Keessattuu wogguuyyuu baatii Ramadaanaa keessa gabroota dhibbaatamatti lakkaa’aman bilisa baasuu ture.

/ Mohammed Naser, Economic History of Abba Jifar II 1878-1930, Haile Sillasie I University 1973, p.17/

Aalimoota jaalachuu isaanii irraa kan ka’e Ulamoota Itoophiyaan ala jiraniifuu kennaa laatuun qiraata (barsiisuu) irratti ni jajjabeessuu turan. Fakkeenyaaf waytichatti Sheekh Habiiballaah kan jedhaman Aalimni beekamoon Makkaa keessatti akka barsiisan yommuu dhagahan ā€œBarsiisuu irratti itticimaaā€ jechuudhaan worqee waqeetii tokko erganiifii jiru.

/ Waa’ee Seenaa Jimmaa ilmi ilma Abbaa Jifaarii Arabiffaan kan Barreessan /

Waa’ee Muslimoota biyya isaanii qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota biyyoota biroo keessa jiraataniitis ni gaafatuu ture. A.L.A 1910-11tti Jimmaan keessa kan ture lammii Ingilizii kan ta’e Henrii Derlin ā€œBiyya Biriitaaniyaa keessa Muslimoota hangamiittu jira?ā€ jedhanii akka isa gaafatan barreesseera. Abbaan Jifaar gaafii fakkaataa lammii Xaaliyaanii kan ta’e D/r Enriikoo Cheruliif dhiheessaniifii turan.

Doktorichi ā€œMuslimoonni Xaaliyaanii keessa jiran Jimmaan keessa kanneen jiraatan irraa dachaa soddomaan ni caaluā€ jechuun kijibuun deebiseef. Ta’us garuu kijibee hin miliqne. Abbaan Jifaar D/r Cherulii afaan Arabiffaatiin dubbisan; qormaatas qormaatan. Haata’u malee qormaaticha darbuun isa dhibe. Yeroo san Abbaan Jifaar ā€œMuslimoonni Jimmaan irraa dachaa soddoma kan ittiin caalan Xaaliyaanii irraa yoo dhufte gaafiilee koo deebisuu qabdaa ture. Ykn immoo soba keetiā€ jechuun danqaa keessa galchanu. Sobuu isaatis mirkaneessan.

/ Ketebo Abdiyo, p.42/

Abbaan Jifaar jireenya isaanii kan dhuunfaatti gochoota waaqeffannaa (Ibaadaa) irraa kan of hin dagne turan. Keessummaan kamuu yoo ittidhufu sa’aatii Salaataa hin dabarsanuu turan.

Keessummicha teessisanii sagaduu ture. A.L.A Amajjii guyyaa 8, 1898tti gara Jimmaa imalee keessummaa Abbaa Jifaar kan ture Aleeksaandar Bilaatovich akkana jechuun barreesseera:

ā€œDaqiiwwaan muraasa akka taphanneen yeroon sagada (Salaata) waarii waan gaheef Abbaan Jifaar xiqqoo akka isa eegu dhiifama na gaafatanu. Namoota isatti dhihaatan wajjiin xiqqoo gara qaccee achi bahee dhiqachuu eegale. Ashikarri tokko maastaaxabiyyaa gurra meetiitiin (meetii irraa kan hojjetameen) bishaan isaaf fideetiin Abbaan Jifaar bu’uura dambii Islaamummaatiin kadhataatiin harkeen, miila, laphee, mataafi ceequu isaa dhiqate. Fuula isaa gara dhihaa joorsisee sagadus jalqabe. Sirritti dukkanaa’eera...
keessummaa Awuurooppaatiif … qondaalli Islaamaa (kun) kadhannaan godhu kan nama raajuufi abjuu kan fakkaatu ture. … Abbaan Jifaar laakkooftuu isaa lakkaayaatiifi qalbeeffannaan kadhataatiin sagada. … Abbaan Jifaar kadhannaa isaa akka fixeen tarii sirna Islaamummaa sirritti beekuu isaa Awurooppichaaf muldhisuu isaatiin ta’uun hin hafuu, akkaan gammadeetiin lamuu barcumaa isaa irra taa’e.ā€

/ Raayyaa Atsee Minilik Wajjiin, fuula 21/

Aleeksaandar barreeffama isaa kanaan ā€œAkkaan gammadeetiin ittideebi’ee barcumaa isaa irra taa’eā€ akkuma jedhetti Abbaan Jifaar Salaata irraa gammachuu argataniiti malee isatti akka fakkaatetti Salaata Awurooppaanatti muldhisuu isaaniitinii miti; sababni isaatis seera Islaamummaatiin Salaata kaayyoo nama birootti muldhifachuuf jedhuun sagaduun Salaaticha fudhatama dhabamsiisuu isaatiin olitti dhuunficha ni balaaleffachiisa.

Abbaan Jifaar adduunyaa irratti Khaliifaan Islaamaa (Otomaan Turki) akka injifatu hawwiifi fedhii olaanaa qabaataa turan. Waa’ee hooggantuu Khaliifichaa tan turtee Turkii odeeffannoo walitti niqabuus ture. Hordofaa amantii Kiristaanaa kan ture Aleksaandar Bilaatovichiin isuma kana gaafatanii turan. ā€œMootichis waa’ee Istaanbul (Turkii) fi Misri (Gibxii) wanta baay’ee erga nagaafateen booda ā€˜Istaanbul biyyoota addunya irra jiran hunda keessaa jabduudha kan jedhamu dhugaadha moo?’ naan jedhe. Anis kana Araboonni kan oofan oduu hunde-maleessa (kijibsiisuun waan narra tureef) mooticha hammamtaanis ta’u osoo hin gaddisiifne hin hafneā€ yoo jedhu Aleeksaandar barreesseera.

/ Aleeksaandar Bilaatoovich, Raayyaa Atsee Minilik Wajjiin, fuula 21/

Aleksaandar akka taajjabeetti yeroo hundaa Abbaan Jifaar cinaa isaaniitiin Sheekhota teessisaa turan. Yeroo hundaa ā€œKullu mulkin yazuul; wamulkillaahu laa Yazuul"

(Mootummaan hundinuu dhabamaadha; Mootummaan Allaaha garuu hin dhabamu (siranaawaadha) jedhuu ture.
/ Ketebo Abdiyo, p.39/

Ta’uusaatiinis amantii akaakuu akkanaa kan qabaataa turan Sulxaan Abbaa Jifaariin Atseen Minilik gara Kiristaanummaa seensiisuuf yaaluun isaanii akka uggiinsaatti kan lakkaa’amu ture. Atseen Minilik Abbaa Jifaaritti intala isaanii Zawdituu itti heerumsiisuuf barbaadanii turan. Haata’u malee gaa’ilchi akka raawwatamuuf jecha Abbaan Jifaar Kiristaanummaa akka ka’an gaafataman. Hayla Maariyaam Gooshuu manguddoolii Jimmaa wabeeffachuun akka barreessetti osoo Kiristaanummaa ka’anii silaa dhaalaa aangoo isaanii ni taasifatuu ture. Abbaan Jifaar Islaamummaa dhiisuufi Kiristaanummaa ka’uun wantaa hin yaadamne ta’uusaatiin fedhiin Atsee Minilik kufaa ta’e.

/ Haile Mariam Goshu, the Kingdom of Abba Jifar II (1861-1934), p.41/

Itti fufaa…
Ahmedin Jebel šŸ™

Jum'aa Mubarak 🄰

Rā¤
03/08/2022

Rā¤

Raayyaa Abbaamacca NAMNI DHUGAADHA KAMI? ā˜ŗļø ā¤ļøšŸ’šā¤ļøšŸ’ŖšŸ’Ŗ ...

Abbaa Jifaarii fi lola Shanan Gibee irratti baname*****************Viidiyoon https://youtu.be/f89C9Kq4LEshttps://t.me/gl...
03/08/2022

Abbaa Jifaarii fi lola Shanan Gibee irratti baname
*****************
Viidiyoon https://youtu.be/f89C9Kq4LEs
https://t.me/glababor/1047
Abbaan Jifaar aangoo dhuunfatanii yeroo gabaabaa keessatti naannoo Kibba dhihaa humna Amaaraatiin weeraramte. Waraannii warra kaabaa jalqaba gara Jimmaa dhufe waraana Takle Haymaanoot Goojjam akka ta’e maddi seenaa ni dubbata. Taklehaymaanoot kun maqaa mootummaati. Maqaan ijoollummaa Adaal Tasammaa ture. Taklehaymaanoot erga maqaa mootii Goojjamiifi Kafaa jedhu argatee hogganaa waraana isaa Dajjaaz Darasuu biyyootii baha Abbayaatti erge. Bara 1881 gara Guduruu, Horroo fi Leeqaa dhufe. Isaan dhumarratti gibira isaaf kaffaluu irratti waliif galan. Achumaan kallattii Limmuutiin gara Jimmaa dhufe. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafate. Takle Haymaanoot bara 1881 Goojjam irraa ka’ee Minilikiin dachii wal saamuuf jecha gara Jimmaa dhufe. Waraana isaa kan hogganee dhufe Raas Darasuu ture. Achumaan Abbaan Jifaar ulamootaafi manguddoo dubbii beekan waamanii dhimmicha ibsanii mariitti seenan. Dafnee furmaata wahii irra gahuu qabna jedhan. Ulamoonniifi manguddoonni garaagarummaa meeshaatiifi diinni dhihaachuu ilaaluudhaan ittiin loluun ni ulfaata yaada jedhutti daban. Keessumaa A/Dikoo A/Billoo gonkuma hin ta’u jechuu dubbatan. Odeeffannoo Shawaafi Wolloo qorachuudhaan gonkuma loluun hin ta’u jedhan.
Abbaan Jifaar immoo diinaaf gibira kennuun hin liqimfamneef ture. ā€œMaaliif jihaada hin labsinu?ā€ jedhan.

Sababni sheekoleefi manguddoonni lola dhiisanii nageenya filataniif ifaadha. Inni jalqabaa mootummoleen Oromoo naannoo kanaa gurmaa’anii diina ofirraa deebisuuf qophii tokkollee hin qaban. Inni lammaffaa immoo Oromoonni meeshaa waraanaa waggaa kuma dura tureen lolu. Nafxanyaan immoo warra dhihaa irraa meeshaa lolaa ammayyaa gargaarsa guddaa argataa turan. Fkn Minilik yeroo gara Jimmaa dhufu Abbaan Jifaar qawwee soddoma qofa qabu turan. Minilik immoo qawwee ammayyaa kuma soddoma (30,000) qaba ture. Manguddoonniifi sheekoleen garaa garummaa meeshaa lolaa kanaa jiruu lolatti seenuun ummata ficcisiisuu malee bu’aa tokkollee hin fidu ijjannoo jedhu irra ga’an. Akkasumas mootiin Leeqaa Naqamtee Morodaa jedhamu Oromoon Gibee kan biroo osoo hin miidhamin akka harka kennan ergaa dabarseera jedhama.

Duraan Muslimoonni naannoo kanaa tokko ta’anii diina ofirraa deebisuudhaaf gamtaa mootummoolee Shanan Gibee ijaaruuf sochiin godhamaa akka ture manguddoonni natti himan. Garuu osoo inni hin milkaa’in humni Nafxanyaa dhufe waan ta’eef yeroma sana mootummoolee Islaamaa naannoo sanaa Guumaa, Gommaa, Limmuufi Geeraa waamanii waliin jihaada labsinee biyya keenya tiksina jechuu dhaamsa ergan. Diinni ariitiin gara Jimmaa waan dhufaaruuf isa dhaabsisuufi yeroo dheeressuuf loltoota isaanii irraa hanga ta’e filatanii gara ā€œXiroo Afataattiā€ ergan. Xiroo Afataatti waraana Darasuutiin wal qunnaman; humni Abbaa Jifaar achumaan injifatame. Yeroo kana Abbaan Jifaar nama Abbaa Reebuu Qajeeloo jedhamu erganii Darasuun maal akka barbaadu gaafatan. Humni Muslimoota naannoo kan gamtaan biyya tiksuuf waamame ni ture. Ulamoonni akka Abbaan Jifaar jihaada hin labsine dhorkan. Keessumaa sheekhonni Guumaa Sheykh Aadam Abdallaa Gidiraa Ambachaa ā€œerga diinni daangaa keenya keessa seenee jihaada hin labsinā€ jedhanii akeekkachiisan. Gibira kennuu wayya yaada jedhu irra ga’an. Abbaan Reebuu Qajeeloo kan Darasuutti ergaman deebi’anii ā€œwanti Darasuun barbaadu gibira fudhachuufi dachii keessan keessa qaxxaamuruu qofaā€ jedhan. Yeroo kana Abbaan Jifaar sababa dhiibbaan haadha isaaniitiifi kan ulamootaa itti ulfaateef yaada gibira kennuu fudhatan. Waraanni Darasuu daangaa Jimmaafi Limmuu irraan akka darbu godhame. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafatee ture. Isaan keessaa Guumaa qofatu murteessee dhufe. Akka Gulummaafi manguddoonni jedhanitti waraanni Guumaa Abbaa Diggaa A/Duulaa guddaa (Shuuree Oonchootiin) hogganamee gara Jimmaa deeme. Inni loltuu cimaa ture; obboleessa Abbaa Joobir guddaati. Mootii yeroo sanaatiif obboleessa abbaa turan jechuudha.

Akka manguddoonni jedhanitti waraanni Abbaa Diggaa turee Jimmaan dhaqqabe. Yeroo inni Jimmaan dhaqqabu Abbaan Jifaar lola dhiisanii gibira Darasuuf kaffalaniiru. Abbaan Diggaa yeroo murtii Abbaa Jifaar kana dhaga’u baay’ee aaree gara Guumaa deebi’e. Yeroo deebi’u kana humni Guumaa namoota Jimmaa hanga ta’e akka rukute himama. Jechi naannoo Jimmaatti beekamu tokko Abbaan Diggaa kun Abbaa Jifaaritti dhaaddatanii ā€œamman waraana Darasuu injifadhee dhufee warra kee midhaan daaksifadhaā€ jedhan. Ogga kana Abbaan Jifaar ā€œyoo ati isa injifatte anatu ofii jilbeenfatee siif daakaā€ jedhan jedhama.

Darasuun yeroo Jimmarraa gara Guumaa deemu Limmuufi Gommaan wal lhin lolle ture.
Lolli Abbaa Duulaa mootii Guumaafi Darasuu jidduutti geggeeffame baay’ee ulfaataa ture. Akka yaadannoo Sheykh Saafii Abdurrahmaan hogganaa majlisa duraanii irra jirutti ā€œmootummaan Guumaa yeroo sanaa Abbaa Duulaa turan. Bara 1981 lolli jidduu sulxaanichaafi Dajjaaz Darasuu hogganaa lola Takle Haymaanotitti uumame. Muslimoonni isii keessatti mootiin isaanii wareegame. Ilmaan biyyattii namoonni filatamoon kumni jahas wareegaman. Lolichi silumaa lola wal gitu hin turre; waraanaafi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaa fuuldura dhaabbatan. Booda lolichaatii haati iyyeessaafi yatiimonni sakaalamanii loltoota Kiristaanaatiif gabroota godhamanii oofaman. Carraan maatii mootichaallee kanaan adda hin turre. Intala Abbaa Foggii Abbaa Duulaa kan Haliimaa jedhamtu dirqiin Kiristaana godhanii maqaa Ballaxshaachew Abbaa Foggii jedhu moggaasaniif. Ibiddi qalbii ummata Guumaa nyaataa ture. Finfinnee keessa mana yaalaa maqaa isiitiin moggaafametu fuuldura hoteela Di Afrik ture. Maqaan isii duraan Haliimaa A/Foggii akka ture manguddoonni baay’een natti himaniiru.

Lola kana keessatti mootiin Guumaa Abbaan Duulaa fi wasiilli isaanii hogganaa waraanaa ture Abbaan Diggaas ni du’an. Osoo biyyaafi amantii isaanii irraa deebisanii achitti wareegaman. Yaadannoon jara kanaa ammas sammuu ummata Guumaa keessaa hin baane; yoomuu ni ba’a jedhamees hin yaadamu. Sababni injifatamuu waraana Guumaa beekamaadha. Eeboofi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaatiin lolaa turan. Akkasumas gamtaan dhabamuutu kanaaf isaan saaxile. Kanumaa wajjin lola Nafxanyaa irraan miidhaa guddaa ga’aniiru. Akka tilmaama manguddoo gariitti waraana diinaa warra dhukaasa ammayyaatiin lolaa turan namoota 850 ol ajjeesaniiru. Yeroo sanatti naannoo dhihaa keessatti biyyi hanga Guumaa Nafxanyaa dura dhaabbate hin jiru.

Yeroma sana ā€œhumni Goojjam lafa Oromoo to’achuun, mootiin Guumaa Abbaan Duulaa ajjeefamuuniifi Abbaan Jifaar gibira Darasuuf kaffaluunā€ Shawaatti dhaga’ame. Achumaan Minilik waraana isaa Goobanaa Daacceetiin hogganamu naannoo Gibee akka deemu ajaje. Humni kun lamaan mootummaa isaanii Kibba dhihaatti babal’ifachuuf wal dorgomaa turan. Mootiin Guumaa ajjeefamuufi biyyattiin barbadaa’uun Shawaaf hamilee dabalee akka gara Guumaa dhufan taasise. Kaayyoon isaan lamaaniituu qabeenya biyyattii guurrachuu ture. Kaayyoon Minilik inni guddaan akka humni Goojjam Kibba dhihaa sarara daldalaa irra jiru kana hin qabanne gochuudha.

Akka Gulummaan jedhetti ā€œMuddee bara 1881 Goobanaan humna Goojjam ari’uuf gara sulula Gibee dhufe. Yeroo humni lamaan Guumaa keessatti wal qunnaman, Raas Darasuun humni Shawaa cimaa ta’uu waan bareef naannicha lakkise. Lammaffaa naannoo sana irra miilaan hin ejjadhu jedhee ba’e. Goobanaan naannoo Gibee duraan Darasuu jala gale irraa gibira funaane.

Warri duraan Darasuu jala gale hunduu Goobanaaf kaffaluudhaaf walii gale.ā€ Jalqaba bara 1882 Darasuun gibira funaannate hundaa humna Minilikitti kennee naannicha lakkise. Yeroo Goobanaan naannoo Gibee seenu ummanni Guumaa dursee humna Goojjamiin rukutamee ol aantummaa isaa dhabee cabeera. Horroo, Guduruufi Leeqaan duraan gibira kaffalanii dabarsan.

Raas Darasuun naannoo Gibee lakkisee bahuun oduun Taklehaymaanot Goojjam bira ga’e. Yeroo dhaga’u baay’ee aare. Achiin humna Shawaatiin loluu murteesse. Minilikis humna Goojjam kana rukutuuf qophaa’e. Minilik humna isaa ariitiin sochoosee deemee naannoo Coomman bakka Laga Riqichaa jedhamu qubate. Ebla bara 1882 humna Darasuu naannoo Buunnoo (Makkoo) irraa baase. Akka Gulummaan jedhetti ā€œCaamsaa 30, 1882 Minilik ariitiin Coomman Swaamp qaxxaamuree Waxabajjii 6, 1882tti bakka Imboobboo jedhamutti Taklehaymaanotiin qunname. Lola ulfaataa booda Taklehaymaanot qabamee humni waraana isaas barbadaa’e.ā€ Erga humni Goojjam barbadaa’ee Minilik naannicha keessatti ol aantummaa labsate.

Kana booda lolli Minilikiifi Guumaa jidduu ture cimaa miti. Humni Guumaa dursee rukutameera; hoggantoonni isaanii ajjeefamaniiru. Lola xixiqqaatu ture. Akka Yaasin ibsetti Guumaa bara 1885 Minilik jala seente. Kana jechuun waggaa sadan hafe fincilatu ka’aa ture malee lolli hoggansa cimaa qabu dhaabbateera. Mootiiniifi hogganaan waraanaa du’aniiru. Bara 1889-1907 nama Raas Tasammaa jedhamu irra keenyaan Guumaa hogganaa ture.

02/08/2022

Yoo waan bilisummaa Oromoofi Oromiyaa kaasan "dhaqi qawwee baadhu daggala seeni!" Warra jedhanitu jira.
Yaadni koo, Bilisimmaa Oromiyaatiif falmachuun heerawaadha. Warratu nagaa wallaale malee, qawwee malee, karaa nagaatiifi heerawaa ta'een biyya walabaa dhugoomsun ni danda'ama, yakkas miti. Heera Itoophiyaa keeyyata 39 dubbisi, hiree murteeffannaa hanga biyya walabaa ijaarachuutti heyyamamaadha, mirga sabootati!
Warri kana jettan, waan qawwee baachuu hanqataniif, Walabummaa Oromiyaa waakkachaa jirtu jechuudhaa? Waan falmaa
hanqatteef, faallaa dhaabbatta jechuudhaa?
"Wantin ani hindandeenye, itti hinhirmaanne ykn hinhogganne jiraachuu hinqabu!" Yaadni jedhu hanquudha, "qabsaa'an Oromoo ana qofa!" jedhee of-herregee hinbeeku, bilisummaan saba kootii abbaa fedhaafi dandeettii itti qabu kamiinuu yoo dhugoome, gammachuu kooti!
Warra hidhatan qofatu bilisummaa Oromiyaatiif qabsaa'a jettee amanta taanan, ati maal godhaa jirta? Gabrummaa tursiisuf dhama'aa jirta jechuudhaa? Dubbiin keessan akkas fakkaata.
Ani qabsoon hidhannoo qofaan jedhee hinamanu, warra daandii sana qabatettis gufuu hinta'u, hanga humni koo danda'eefi karaan itti amaneen Oromiyaa Walabummaa ishee akka mirkaneeffattu na qabsaa'a, sanaafan ABO keessatti ijaaramee qabsootti jira.
ABOn karaa nagaatiifi Heeraatiin qabsaa'ee akeeka isaa dhugoomsuf murteesse malee, kaayyoo ganamaa kan Oromiyaa walabaa deebisee ijaarrachuuf qabu, jijjiiree miti. Sagantaa siyaasaa ittiin boordii filannootti galmoofne irrattis kanumatu jira."Waan Boordii filannootti galmooftanii heera biyyatti jalatti hojjachuuf murteessitaniif waa'ee biyya walabaa hinqaaqinaa!" yaadni jedhu heera biyyattiifi sagantaa ABOn ittiin galmaa'e wallaaluu ykn beekaa jal'isuu irraa madda. "Danda'amaa jiraa? Dhugama karaa kanaan walabummaan Oromiyaa ni dhugoomaa? " jedhanii gaafachuun waan biraati, "waan Itoophiyaa yoo hintaane, afaan cuqqaalladhaa taa'aa!" jechuun garuu waan dabaati!

Mootii Nagaa fi DiippilomaasiiAbbaa Jifaar Abbaa Gommol. Sirni bulchiinsa Gadaa Oromoo Jaarraa 16ffaa booda erga moggaat...
02/08/2022

Mootii Nagaa fi Diippilomaasii
Abbaa Jifaar Abbaa Gommol.

Sirni bulchiinsa Gadaa Oromoo Jaarraa 16ffaa booda erga moggaatti dhiibamee as Oromoon mirga ofiin of bulchuu isaa argachuuf tooftaa garaa garaan qabsaa 'aa ture. Hundeeffamni mootota Shanan gibee jalqaba jaarraa 18ffaa ammoo tooftaa bulchiinsaa haaraa Oromoonni naannoo jimmaa ittiin bulaa turani. Mootii Jimmaa 8ffaa kan turan abbaan Jifaar ammoo mootii sirna bulchiinsaa hirmaachisaa diriirsuun biyya keessaa fi alatti maqaa gaarii qabanidha.

Maqaa fi mootii ta'uu isaanii

Bara 1852 kan dhalatan abbaan Jifaar, maqaan ijoollummaa isaanii Tulluu Daahoo, Mohaammad Ibni Daawud ture. Abbaan isaanii duunaan mo'anii erga mootii ta'aniin booda maqaa abbaa Jifaar jedhu argatani. Sababa abbaan isaanii du'aniif ijoollummaan mootii kan ta'an abbaan jifaar haadha isaanii waliin ta'uun waggoota sadiif bulchaa akka turantu himama. yeroo umuriin isaanii waggaa 18 guutus ofii bulchuu eegalani.

Caaseffama mootummaa isaanii

Abbaan Jifaar akkuma aangootti dhufaniin, caaseffama bulchiinsaaf ta'u diriirsaniiru.
Caaseffamni Olaanaan mootii yoo ta'u, mootii gaditti Abbaa Gurmuu ykn ministeeratu jiru. Abbaan Jifaar ministeerota 17 qabu turani. Ministeerotatti aanee caasaa Qoroo jedhamutu Jira. Qoroon kutaalee naannoo xixiqqoo akka aanaa Ammaa 60 ture jedhama. Qoroo gaditti Abbaa gandaatu Jira.

Amala Bulchiinsa mootii Abbaa Jifaar

Sirni bulchiinsa mootii Abbaa Jifaar, naga qabeessa, walqixxummaa saboota kan mirkaneesse ture jedhama.
Mootii waraanatti osoo hin taanee mariitti amanu ta'uutus himama. yoo waldhabdeen baay'ate, dubbiin haa bultu jechuun rakkoo Karaa nagaan furuunis duudhaa abbaa Jifaari. Har'allee hawaasni Godina Jimmaa dubbiin haa Bultuu kana aadeffateera.

Daldalaa, Qaroominaa fi diinagdee

Abbaan Jifaar yeroo jalqabaaf sibiila lafa keessaa baasisuun, mismaaraa fi meeshaalee qonnaaf oolan hojjechiisuun jireenyi uummataa akka fooyya'u taasisaniiru.
Jimmi kibba lixa itiyoophiyaatti giddu gala daldalaa akka taatuu fi hawaasni walirraa bitatee akka gurguratuuf gabaa Hirmaataa magaalaa Jimmaatti hundeessaaniiru. Daandii daldalaa kallattiiwwan biyyattii afraniin hanga biyyoota alaa deemullee diriirsaniiru. Abbaan Jifaar Mootummaa Zanzibar waliin hariiroo uumuum kophee yeroo jalqabaatiif Jimmaatti oomishaniiru. Uffata raammoo haarriin tolfamuu fi uffata kuula miidhagaa tolchuunis danda'ameera bara mootii Abbaa Jifaar. Gogaa, suphee fi mukarraa hawaasni meeshaalee addaa addaa hojjetee akka itti fayyadamus taasisaniiru. Kun ammallee godina jimmaatti baratamaadha.

Abbaa Jifaarii fi Mootummaa Giddu galeessa

Humnaan Mootummaa giddu galeessaa cimaa ijaaruuf socho'aa kan ture mootiin Minilik, waraanaa isaa gara jimmaatti ergee weeraruuf kaanaan, abbaan Jifaar Abbootii amantaa, hawaasa naannoo, hayyootaa fi maatii isaanii waliin taa'anii mari'atanii jedhama. Kana booda Minilikiin gara bulchiinsa koo hin dhufiin, anis bulchiinsa kee keessa hin seenu jechuun waliigaltee uumanis jedhama.
walii galteen isaaniis mootummaan Jimmaa bilisummaan isaa akka eegamu, waggaattis mootummaa giddu galeessaaf maallaqa Maartireezaa 60,000 akka kaffalu ture.
Haaluma kanaan abbaan Jifaar uummanni jimmaa, aadaa, afaan, amantaa, seenaa fi duudhaa isaa ganamaa eeggatee akka turuuf ga'ee guddaa taphataniiru. Loltuu ofiis qabu turani abbaan Jifaar
Yeroo waraanaa Adwaas Abbaan Jifaar loltoota 3000, maallaqa maartireezaa 60,000 gara adda waraanatti erganiiru.

Abbaa Jifaarii fi Oromummaa

Abbaan Jifaar sirna bulchiinsa isaanii keessatti duudhaa hammattummaa fi waldanda'uu oromoon qabu fayyadamaniiru.
Murtii kennamu keessatti jaarsolii biyyaa Akka hirmaatan, seera bulchiinsaa isaanii keessas duudhaalee sirna gadaa hammachiisaniiru.
Afaan oromoo Afaan hojii mootummaa isaanii ture. Uffanni Aadaa oromoo Akka beekamu, Akka uffatamus taasisaniiru.
Gadaan maal lallabe, maal eebbise, maal abaare, kan jedhu hubachuun hawaasa barsiisuufillee sirna muudaa garaa garaatti jaarsolii hirmaachisaa turani.
Raadiyoon Afaan oromoo "central Radione" jedhamu akka banamuuf bu'uura kaa'aniiru.

Hojii diippilomaasii Abbaa Jifaar

Abbaan Jifaar mootota Shanan Gibee yeroo Sanaa waliin tokkummaa cimsuuf kaawunsulii waloon mari'achaa turani.
Mootummoota naannoo kibbaa kanneen akka kafaa, Daawuroo, Yem Fi guraagee waliinis hariiroo gaarii uumuun tokkummaa uummataaf hojjetaniiru.
Itiyoophiyaan diinagdeen akka cimtuuf biyyoota Arabaa Hindii fi biyyoota garaa garaa waliinis hojjechaa turaniiru.

Amantaa fi Abbaa Jifaar

Mootiin abbaa Jifaar Amantaa Islaamaa hordofanis hordoftoota amantaa kaan waliin hariiroo gaarii qabu. Ummatni bulchiinsa isaanii jala jiruuf walqixummaa amantaa akka mirkanaa’u taasisanii jiru. Amantaan Islaamaa akka babal'atuufis, hayyoota amantichaa biyyoota addaa addaa affeeraa turan jedhama. yeroo jalqabaatiifis Makkaatti gamoo lamaa, madiinaatti gamoo tokko ijaaruun mootii maqaa Itiyoophiyaa waamsisani abbaan Jifaar.


Abbaa Jifaarii fi maatii isaanii

Abbaan Jifaar Amantaa Islaamaa hordofu. Kanaaf seera Shari'aatiin bultoo akka ijaarrachaa turan seenaan jireenyaa isaani ragaa ba'a. Abbaan Jifaar haadha warraa afur waliin bultoo kan ijaarratan yoo ta'u haati warraa isaanii jalqabaa Limmittii kan jedhamtu yoo taatu, Isheen duunaan, abbaan Jifaar haadha kadir akka fuudhan himama.

Mootiin Jimmaa, abbaan jifaar, abbaan Gommol waggaa 58 bara mo'an keessatti ogummaa, obsa fi nagaan uummata bulchuun siyaasa oromoof boqonnaa haaraa saaquun hojii Boonsaa hojjetaniiru. yeroo rakkoo keessattis aangoon kan rabbii ta'uu kan hubatan abbaan jifaar, namni aangoo qabuun, nama miidhuu akka hin qabnes barsiisaa turani.

Dhaloonni har'aas waa'ee hooggansa gaarii, diippilomaasii gaarii, obsaa fi waldanda'uu abbaa jifaar irraa barachuu qaba.

Seenaa abbaa Mootii Abbaa Jifaar waraabamee hindhumne irraa haala gabaabaa ta’een qindaa’ee akka dhiyaatu gumaacha guddaa kan nu deeggaran hayyuu seenaa Obbo Abdulkariim Abbaa Garoo (Peelee) fi manguddoo argaa dhageettii Obbo Wudaad Abbaa Fiixaaf galata guddaatu mala.

Abdiin hinjirre Itoophiyaadha!Walabummaan Oromiyaa waan hinhafe, bilusummaan Oromoo waan hinoolle!Kana booda Itoophiyaa ...
02/08/2022

Abdiin hinjirre Itoophiyaadha!

Walabummaan Oromiyaa waan hinhafe, bilusummaan Oromoo waan hinoolle!
Kana booda Itoophiyaa suphuun bishaan dhangale'e hammaaruf yaaludha, dadhabbii malee bu'aa waan hinqabne. Nutis jechuu baannu warrummaan ijaaran diigaa jiru,humni Tigraay biyyaa ta'uu dhoorku waan jiru hinfakkaatu.Gaafiin itti aanee dhufu kan eenyuti?
Obboleessoo, hayyuu waa xiinxalu yoo taate waan lafa irra jiru gulaali, dharraa garaa keetii qofa haasa'uun haxummaa miti.
Bilisummaa sabootaa humni ugguru hinjiraatu, biyyoota sabaa walabaattu dhalachuuf jira, lafa barii kan dhoorku, aduu akka dhiitetti kan hanbisu humni lafaa hinjiru!
Kan ta'uu qabu, barii dhufutti madaquudha, boruu keenya miidhagsuudha!
Boruun keenya bilisummaa, walabummaa, birmadummaa qabaata. Dimookraatessuun, nagaa waaraa fi fayyadama walqixaa mirkaneessun hojii keenyaa, dhimma har'a irraa kaasnee itti dhimmamuu qabnu.
Ifa keessatti namootni ija walti-bobaasuu malu herrega jedhuun dukkana filachuun fafa.
Ca'umsaa qabsoo ilmaan Oromootni argame mara kan maseense numa, ija keessa waldeebina.Kayyoo bilisummaa Oromoo akk alagaan eebbisee nuuf laatu feena. Isaan amansiisuf dhamaana. Madaalli qajeellummaa yaada keenyaa jibbaafi jaalala alagaa warra nuuf ta'etu jira. Sammuu gabroomef har'as Oromiyaan godina, kutaa biyyaa ykn naannoo bulchiinsati. Kana keessaa haa baanu yoo jettu, abjuun hindhugoomnetti, hawwii hinmilkoofnetti yaada kee akeeka.
Warri beekaa dhugaa ja'isan jiru. Warri dantaaf jecha dhugaa haqanqaalan jiru. Warri itti fakkaatee sodaatan ykn sodaachifanis jiru. Kun hundi keenyuma. Karatti waldeebisuun fardiidha.
Beekaan dhugaa ja'isu ni salphata, warra akkasii heddu agarre, karaa salphinaa hinfilatinaa, faallaa hawwiifi dharraa uummataa hindhaabbatinaa!
Dantaan ni darba, kan argates ni dhaba, aangoon, dunyaa... hundi akka fixeensa ganamaati. Dantaaf jecha beekaa bara gidiraa sabaa dheeressuuf hindhama'inaa!
Warri hubannoo dhabarraa yaaddoftan, burjaajii hayyootni keenya uumaniin raafamtan, Abishiraa, Oromoo sirna bulchiinsas beeka, biyya ofii bulchees beeka, bilisoomeef gidiraatti hince'u! Walaboomeef wal-diigutti ka'a jechuun hinta'u! Birmadoomee ollaa isaa waliin nagaan hinjiraatu jechuun olola dharaati, burjaajii shiraati! Yaadni akkasii calcala, gad-fageenya hinqabu! Ittiin saba yaaddessuun garuu qajeela miti!
Oromiyaa biyya, biyya walabaa turte, ammas walabummaa ishee deeffachuuf dhiigaa jirti. Saba gabrummaa falqetti, du'a tuffatee falamaa hadhooftuu irra jirutti, gabrummaa faarsun, 'obsaafi gara-bal'ina' akka haaratti Oromoo barsiisuf rakkachuun ni barbaachisa jedhee hinyaadu!
Kanarra kan hammaatu immoo yaada morkataa si faallessu yarsuuf, duulli qindaawan gaggeeffamu, waan dabaati!
Kun dhaabbachuu qaba, hatattamaan! Yaada mormii keenya ofuma keenya dhiyeeffachuu baruu qabna, gaafatamas fudhachuun dirqama!
Anaaf garuu, dubbiin impaayera Itoophiyaa waan dhumateedha.
Battee Urgeessaatin

Daandiin Dharaa gara Dhugaatti  nama hin geessitu!   Warri ammaa waa'ee SIRNAA cinaatti dhiisee garee bilxiginnaa qofa a...
02/08/2022

Daandiin Dharaa gara Dhugaatti nama hin geessitu!

Warri ammaa waa'ee SIRNAA cinaatti dhiisee garee bilxiginnaa qofa abaaraa oolu kun, gaafa gareen kun aangoorraa ka'e "Bilisoomnee" jedhee wacee Waccisiisuuf malee waa takka akeeka qabsoo Oromoo of harkaa hin qabu. Adeemsi kun aangoo argachuuf malee Sirna Habashaa diiganii kan ofii deebisanii ijaarrachuutti nu hin geessu!
Adeemsi kun isaanifis ta'ee ummataaf ammas kasaaraa hamaa fida.
Oromoon waggaa 4 dura garee Sirna Habashaa hoogganaa turte, Wayyaanee aangorraa kaasee ture; garuu Sirni Habashaa waggaa 150 dura diriiree ture ittuma fufe waan ta'eef rakkoon Oromootis hammaachatuma itti fufe! Hanga Sirni hin jijjiiramnetti namoonni/gareen jijjiirameedhaaf wanti haaraan hin jiraatu; Sirni badaan nama gaariis inuma diina taasisa. kana immoo umuriidhuma keenya tanattuu nama hedduu nu biraa diinomsee argineerra! Maaf irraa hin barannu ree?!

Akeekni Qabsoo Oromoo Sirna Habashaatin MOOTUMMAA ta'uu miti; Abbaa biyyummaa deeffachuun hiree ofii ofiin murteeffachuudha (biyyaa fi Sirna keenyaa deebisnee ijaarrachuudha!)

Daandiin Dharaa Dhugaa bira nama hin geessitu!

"Lakkii maaloo nu tuffachiisaa
foon abbaakoo hin ta'u dhiisaa;" Art. Keekiyaa

Taliila Bulbulaa

Address

Oromia
Awash

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ya'reli posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Ya'reli:

Share

Category