02/08/2022
Mootii Nagaa fi Diippilomaasii
Abbaa Jifaar Abbaa Gommol.
Sirni bulchiinsa Gadaa Oromoo Jaarraa 16ffaa booda erga moggaatti dhiibamee as Oromoon mirga ofiin of bulchuu isaa argachuuf tooftaa garaa garaan qabsaa 'aa ture. Hundeeffamni mootota Shanan gibee jalqaba jaarraa 18ffaa ammoo tooftaa bulchiinsaa haaraa Oromoonni naannoo jimmaa ittiin bulaa turani. Mootii Jimmaa 8ffaa kan turan abbaan Jifaar ammoo mootii sirna bulchiinsaa hirmaachisaa diriirsuun biyya keessaa fi alatti maqaa gaarii qabanidha.
Maqaa fi mootii ta'uu isaanii
Bara 1852 kan dhalatan abbaan Jifaar, maqaan ijoollummaa isaanii Tulluu Daahoo, Mohaammad Ibni Daawud ture. Abbaan isaanii duunaan mo'anii erga mootii ta'aniin booda maqaa abbaa Jifaar jedhu argatani. Sababa abbaan isaanii du'aniif ijoollummaan mootii kan ta'an abbaan jifaar haadha isaanii waliin ta'uun waggoota sadiif bulchaa akka turantu himama. yeroo umuriin isaanii waggaa 18 guutus ofii bulchuu eegalani.
Caaseffama mootummaa isaanii
Abbaan Jifaar akkuma aangootti dhufaniin, caaseffama bulchiinsaaf ta'u diriirsaniiru.
Caaseffamni Olaanaan mootii yoo ta'u, mootii gaditti Abbaa Gurmuu ykn ministeeratu jiru. Abbaan Jifaar ministeerota 17 qabu turani. Ministeerotatti aanee caasaa Qoroo jedhamutu Jira. Qoroon kutaalee naannoo xixiqqoo akka aanaa Ammaa 60 ture jedhama. Qoroo gaditti Abbaa gandaatu Jira.
Amala Bulchiinsa mootii Abbaa Jifaar
Sirni bulchiinsa mootii Abbaa Jifaar, naga qabeessa, walqixxummaa saboota kan mirkaneesse ture jedhama.
Mootii waraanatti osoo hin taanee mariitti amanu ta'uutus himama. yoo waldhabdeen baay'ate, dubbiin haa bultu jechuun rakkoo Karaa nagaan furuunis duudhaa abbaa Jifaari. Har'allee hawaasni Godina Jimmaa dubbiin haa Bultuu kana aadeffateera.
Daldalaa, Qaroominaa fi diinagdee
Abbaan Jifaar yeroo jalqabaaf sibiila lafa keessaa baasisuun, mismaaraa fi meeshaalee qonnaaf oolan hojjechiisuun jireenyi uummataa akka fooyya'u taasisaniiru.
Jimmi kibba lixa itiyoophiyaatti giddu gala daldalaa akka taatuu fi hawaasni walirraa bitatee akka gurguratuuf gabaa Hirmaataa magaalaa Jimmaatti hundeessaaniiru. Daandii daldalaa kallattiiwwan biyyattii afraniin hanga biyyoota alaa deemullee diriirsaniiru. Abbaan Jifaar Mootummaa Zanzibar waliin hariiroo uumuum kophee yeroo jalqabaatiif Jimmaatti oomishaniiru. Uffata raammoo haarriin tolfamuu fi uffata kuula miidhagaa tolchuunis danda'ameera bara mootii Abbaa Jifaar. Gogaa, suphee fi mukarraa hawaasni meeshaalee addaa addaa hojjetee akka itti fayyadamus taasisaniiru. Kun ammallee godina jimmaatti baratamaadha.
Abbaa Jifaarii fi Mootummaa Giddu galeessa
Humnaan Mootummaa giddu galeessaa cimaa ijaaruuf socho'aa kan ture mootiin Minilik, waraanaa isaa gara jimmaatti ergee weeraruuf kaanaan, abbaan Jifaar Abbootii amantaa, hawaasa naannoo, hayyootaa fi maatii isaanii waliin taa'anii mari'atanii jedhama. Kana booda Minilikiin gara bulchiinsa koo hin dhufiin, anis bulchiinsa kee keessa hin seenu jechuun waliigaltee uumanis jedhama.
walii galteen isaaniis mootummaan Jimmaa bilisummaan isaa akka eegamu, waggaattis mootummaa giddu galeessaaf maallaqa Maartireezaa 60,000 akka kaffalu ture.
Haaluma kanaan abbaan Jifaar uummanni jimmaa, aadaa, afaan, amantaa, seenaa fi duudhaa isaa ganamaa eeggatee akka turuuf ga'ee guddaa taphataniiru. Loltuu ofiis qabu turani abbaan Jifaar
Yeroo waraanaa Adwaas Abbaan Jifaar loltoota 3000, maallaqa maartireezaa 60,000 gara adda waraanatti erganiiru.
Abbaa Jifaarii fi Oromummaa
Abbaan Jifaar sirna bulchiinsa isaanii keessatti duudhaa hammattummaa fi waldanda'uu oromoon qabu fayyadamaniiru.
Murtii kennamu keessatti jaarsolii biyyaa Akka hirmaatan, seera bulchiinsaa isaanii keessas duudhaalee sirna gadaa hammachiisaniiru.
Afaan oromoo Afaan hojii mootummaa isaanii ture. Uffanni Aadaa oromoo Akka beekamu, Akka uffatamus taasisaniiru.
Gadaan maal lallabe, maal eebbise, maal abaare, kan jedhu hubachuun hawaasa barsiisuufillee sirna muudaa garaa garaatti jaarsolii hirmaachisaa turani.
Raadiyoon Afaan oromoo "central Radione" jedhamu akka banamuuf bu'uura kaa'aniiru.
Hojii diippilomaasii Abbaa Jifaar
Abbaan Jifaar mootota Shanan Gibee yeroo Sanaa waliin tokkummaa cimsuuf kaawunsulii waloon mari'achaa turani.
Mootummoota naannoo kibbaa kanneen akka kafaa, Daawuroo, Yem Fi guraagee waliinis hariiroo gaarii uumuun tokkummaa uummataaf hojjetaniiru.
Itiyoophiyaan diinagdeen akka cimtuuf biyyoota Arabaa Hindii fi biyyoota garaa garaa waliinis hojjechaa turaniiru.
Amantaa fi Abbaa Jifaar
Mootiin abbaa Jifaar Amantaa Islaamaa hordofanis hordoftoota amantaa kaan waliin hariiroo gaarii qabu. Ummatni bulchiinsa isaanii jala jiruuf walqixummaa amantaa akka mirkanaaāu taasisanii jiru. Amantaan Islaamaa akka babal'atuufis, hayyoota amantichaa biyyoota addaa addaa affeeraa turan jedhama. yeroo jalqabaatiifis Makkaatti gamoo lamaa, madiinaatti gamoo tokko ijaaruun mootii maqaa Itiyoophiyaa waamsisani abbaan Jifaar.
Abbaa Jifaarii fi maatii isaanii
Abbaan Jifaar Amantaa Islaamaa hordofu. Kanaaf seera Shari'aatiin bultoo akka ijaarrachaa turan seenaan jireenyaa isaani ragaa ba'a. Abbaan Jifaar haadha warraa afur waliin bultoo kan ijaarratan yoo ta'u haati warraa isaanii jalqabaa Limmittii kan jedhamtu yoo taatu, Isheen duunaan, abbaan Jifaar haadha kadir akka fuudhan himama.
Mootiin Jimmaa, abbaan jifaar, abbaan Gommol waggaa 58 bara mo'an keessatti ogummaa, obsa fi nagaan uummata bulchuun siyaasa oromoof boqonnaa haaraa saaquun hojii Boonsaa hojjetaniiru. yeroo rakkoo keessattis aangoon kan rabbii ta'uu kan hubatan abbaan jifaar, namni aangoo qabuun, nama miidhuu akka hin qabnes barsiisaa turani.
Dhaloonni har'aas waa'ee hooggansa gaarii, diippilomaasii gaarii, obsaa fi waldanda'uu abbaa jifaar irraa barachuu qaba.
Seenaa abbaa Mootii Abbaa Jifaar waraabamee hindhumne irraa haala gabaabaa taāeen qindaaāee akka dhiyaatu gumaacha guddaa kan nu deeggaran hayyuu seenaa Obbo Abdulkariim Abbaa Garoo (Peelee) fi manguddoo argaa dhageettii Obbo Wudaad Abbaa Fiixaaf galata guddaatu mala.