07/05/2026
Kiiliyaan Imbaappeen eenyu?.. Taphataa "Petition million 12" itti guttaame !!! ...
Imbaappeen abbaa isaa lammii Kaameerun Wilfired jedhamaniifi harmee isaa lammi Aljeeriyaa taphattuu kubbaa harkaa tahan irraa Faransaayitti dhalate.
Walakkaa Paaris irraa km 11 fagattee kan argamtuu fi ganda uummatni harka qalleessa keessa jiraatu Bondii jedhamtu keessatti dhalatee guddate.
Gandi isaanii bakkeewan seena qabeeyyii akkuma qabdu bakka yakki itti hammaatu tahuunis beekamti. Kubbi miilaa ganduma kana keessaa ijoollee dandeettii addaa qaban akka Imbaappee filatte.
Abbaan isaa kilaba gandicha keessaa Bondii jedhamtu leenjisu waan tureef ilma isaanii yeroo inni daa’ima turee jalqabuun fudhatanii deemu ture.
Yeroo umuriin isaa wagga shan ture kan jalqabe Imbaappeen, yoo wagga kudhan guutu maatiin isaa taphataa jabaa akka tahu hubatan.
Harmeen isaa garee biyyaalessaa Farnsaayiif taphattuu cimtuu kubba harkaa waan turaniif hojii dirreen ala akkamiin ilma isaanii kana kilaba gurguddaatti akka fidan beeku ture.
‘’Galmakee ji’arra godhachuu qabda, yoo achirra gahuu hanqattellee duumessarra gahuu dandeessa waan taheef jedhe Imbaappeen dubbii ijoollummaa isaatti kenne tokko irratti.
Umuriin Imbaappee wagga 12 yoo tahu maatiin isaa kilaboota gurguddaa Awurooppaa dandeettii isaa ilaaluun mallattesisan bira geessuu jalqaban.
Jalqaba kan imalan gara Ingilaanditti yoo tahu, kilabni Landan Cheelsiin carraa kenneef.
Fakkeenya godhatee kan guddate Kiristaanoo Roonaaldoo waan taheef Ingilaand akka gahaniin suuraa Roonaaldoo kutaa kireeffatan keessa godhate.
Cheelsiinis daa’ima kana waamuun tapha Chaarlitan waliin qaban irratti hiriirsise.
Imbaappeen dandeettii jabaa qabu agarsiisuun taphicha 8-0 mo’atan. Qalbii isaatti na fudhatu jedhee gammadee gale.
Guyyaa sana Tobii Abraahm taphataa Chelsii duraanii amma Roomaaf taphatu fa’aa waliin taphate.
Chelsiin garuu hin barbaannu, dandeettiikee qoraamticha si hin dabarsine jechuun dhiise.
Imalli lammataa gara Riyaal Maadiriditti yoo tahu, Ziidaan waan achi jiruuf Imbaappeef carraa gaarii uume.
Roonaaldoo achitti arguun ammoo akka abjuun isaa milkaa’etti ilaale. Garuu ammas hin milkaa’iin hafe.
Har’a garuu Riyaal Maadirid Imbaappee miliyonota dhibaan kufee ka’ee barbaadaa jira.
Dhumarrti kilaba duraanii Henerii Monaakoof mallatteesse. Mudde 2, bara 2015 umurii isaa waggaa 16 fi guyyoota 347n Monaakoof taphachuun rikardii umurii xiqqaa duraan Heneriin qabate cabse.
Bara dorgommii isaa jalqabaa guutuudhaan galchii 26 lakkoofsisuun Monaakoon shaampiyoonaa tahe. Kanumaan bara 2017 Imbaappeen umurii xiqqaa Kanaan paawondii miliyoona 166 tahuun PSG gale.
Imbaappeen amma rikardii galchii PSG harkatti galfateera. Waancaa Adunyaa fi Liig 1 Faransaay mo'atee kan isa hafe waancaa Shaampiyoons Liigiiti.
Badhaasa Ballon d’Or biyyi isaa kennuu jalqabdeef kan abdatamu Imbaappeen, amma urjii Paaris kilabni adunyaa gurguddaan ijaan hawwaa ooltudha.