Qeerroo Gooroo Leenca

Qeerroo Gooroo Leenca Qeerroon Keenyaa Utubaa Misooma Keenyaati.

Waaqayyoon Sodaadhu
20/01/2025

Waaqayyoon Sodaadhu

06/01/2025

-- Nama aangoo qabuuf Yesuus faana bu'uun salphaadhaa? - -

Namicha baay'ee barate tokkotu ture. Hawaasa isaa keessatti gartuu hooggantoota jedhaman keessa jira. Hojii qabatamaa Yesuus hojjetu argee dhaga'ee itti gammade. Garuu ulfinaa fi beekamtii hawaasa keessatti qabu sanaaf jedhee baay'ee sodaate. Gartuu inni wajjin jiraatu keessattis Yesuusiin fudhachuun beekamaa miti. Itti kolfama tureyyuudha. Kanaaf, Yesuus waliin haasa'uuf guyyaa dhiisee halkan dukkana keessa dhokatee deeme. Yesuus bira dhaqee gaafa haasa'u, Yesuus lammaffaa dhalachuu qabda ittiin jedhe. Nama beekaa fi barsiisaa seeraa turetu, jireenyi isaa gedderamuu akka qabu of arge. Yesuus waan hedduu itti dubbate. Namichi kun Niqoodimoos jedhama. Seenaan isaa Wangeela Yohaannis boqonnaa sadii keessa jira.. Erga Yesuus wajjin haasa'ee yeroo lama waa'ee isaa daballee argina.

1ffaa: Utuu Yesuusiif beektota gidduu taa'ee falmuu (Yohaannis 7:50&51)
2ffaa: Yooseef Armaatiyaa wajjin bakka awwaalcha Yesuusitti argina. Urgooftuu Yesuus dibamu qabatee dhiyaate. (Yohaannis 19: 39-42)

Namichi kun duuka buutuu sodaattuu nutti fakkaata. Ha ta'u malee jara Fariisotaa fi beektuu Macaafaa gidduu taa'ee dhugaa itti amane kana calaqqisiisaa hamma dhumaatti dhaabate. Hubadhaa bakka fannoo Yesuusitti bartoonnii isaa hedduuniyyuu sodaatanii isa dhiisanii deemaniiru. Tarii nuti namoota akkasiif bakka hin qabnu ta'a. Isaan kun utuu of hin mul'isin hojii jajjabaa hojjechuu malu waan ta'eef waaien isaaniis yaaduu qabna. Mee isaaniin dhiifnee ofii keenya haa ilaallu...Aangoo fi dandeettii Waaqayyo nuuf kenneen maal gochaa jirra laata? Qabeenya nuuf kennameenoo? Beekumsi nuuf kennamewoo ulfina Waaqayyoof oolaa jiraa? Gaaffii kana deebisuu isaa isinuumaafin dhiisa...Itti yaadaatii Waaqayyoof deebii kennaa.

Eebbifamaa!

Kun ti.

06/01/2025
21/09/2022

fi
1. Waaqayyo nama uume, namni amantaa uume, amantaan Sirna amantaa uume, sirni amantaa siyaasa uume, siyaasni namoota gidduutti diinummaa uume, diinummaan jibba uume, kunoo akkasitti ilmi namaa wal nyaataa jira.
2. Waaqayyo Seexana uume, seexanni soba uume, sobni sababa uume, kunoo akkasitti soba keenyaaf sababa barbaacha jooraa jiraanna.
3. Waaqayyo nama uume, namni maallaqa uume, maallaqni aangoo fi humna uume, aangoon fi humni maallaqani gonfate maallaqa Waaqa godhee Waaqa lammaffaa uume, kunoo akkasitti Waaqa lama giddutti asaarii keenya argaa jiraannan isiniin jedha.
4. Waaqayyo garaa uume, garaan maagaa uume, maagaan dhukkuba uume. Kunoo akkasitti dhibeen garaan rakkta dhaloonni.
5. Waaqayyo nama uume, namni virus uume, virus’n balaa uume. Kunoo akkasitti hojii hark namaan dhumaa jirran siniin jedha kaa yaafirakoo.👂🦻

Address

Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qeerroo Gooroo Leenca posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Qeerroo Gooroo Leenca:

Share