Bakkalcha Usmaan

Bakkalcha Usmaan You are the most permanent thing in your life. Choose you ; always!!

Baga karaa Kee dhufe Luqqisuun citaa manaa Gudii gad dhufuuf jiru Yoom arginee miilanaa Si dhiisehoo Nan dhiistuu Maal t...
14/11/2021

Baga karaa Kee dhufe
Luqqisuun citaa manaa
Gudii gad dhufuuf jiru
Yoom arginee miilanaa
Si dhiisehoo Nan dhiistuu
Maal taate Yaa namanaa

Godina Baalee aanota hedduu keessatti sababa jijjiirama qilleensaan bonni dheeratee hawaasni naannicha guutumatti hoonge...
13/11/2021

Godina Baalee aanota hedduu keessatti sababa jijjiirama qilleensaan bonni dheeratee hawaasni naannicha guutumatti hoongee hamaaf saaxilamanii lubbuu namaaf beeyladoota hedduu sababa hanqina sooratan dhabaa jiru. Hawaasni kun guutummaatti horsiisee bulaa fi qotee bulaadha. Qonnas ta'ee horsiisni beeyladaa roobaan malee hawaasa tajaajiluu hin danda'u. Kanaaf hawaasni keenya gammoojjii Baalee rakkoo hamtuu keessa jira. Uummata oromoo bal'aa, mootummaa fi dhaabbilee miti-mootummaa ta'an hundarraa deeggarsa namoomaa barbaada. Kanaaf hundi keenyaa waan dandeenyuun hawaasa kana bira dhaabbachuun lubbuu lammiilee keenyaa haa baraarruun yaamicha obbolummaatti!

Aanotaaf gandoota hoongeen miidhamanii deeggarsa hatattamaa barbaadan keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti =- Bokko, Hara adii, Qarree xulee, Fincoo, Bara dimtuu, Harbuca, Ardaa nagayaa, Dhaddacha fardaa, Faalte, fi Boroore!

:- Haxawwwii, Digaluu, Arreelee, Waangaya, Burqaa dharroo, Ciirracha, Sororo fi Biyyoo!

Gowwaan buddeena manaa  qabu dhiisee akaawwii ollaa kajeela
06/11/2021

Gowwaan buddeena manaa qabu dhiisee akaawwii ollaa kajeela

dhanquun cabe lachuu dhabemichuu dhabe ufuu dhabe Bofa soorree Jawwee dhabne
19/10/2021

dhanquun cabe
lachuu dhabe
michuu dhabe
ufuu dhabe
Bofa soorree
Jawwee dhabne

Gaafa Rabbi nama badhaasu, badaa nama hin dhamaasu. Ani carraan kanaa olii jira hin seene ! Galanni Rabbbiif haa tayu Ba...
03/09/2021

Gaafa Rabbi nama badhaasu, badaa nama hin dhamaasu. Ani carraan kanaa olii jira hin seene ! Galanni Rabbbiif haa tayu
Baayyee Gammadeera

Bilisummaan kennaa Uumaati. Kennaan Uumaa hin bitamu, hin gurguramu, kennaadhaanis hin argamu. Jaalala bituun hin danda’...
30/07/2021

Bilisummaan kennaa Uumaati. Kennaan Uumaa hin bitamu, hin gurguramu, kennaadhaanis hin argamu. Jaalala bituun hin danda’amu. Walabummaanis akkasuma. Namni jaalala jaalalumaan jijjiirata.
Bilisummaanis Bilisummaan jijjiiramti.

22/07/2021
  Artistii keenya qaalii   ilaalchisee namoonni biyya keessa jirtan kan bilbila “Iphonii” fayyadamtan ykn immoo koompiit...
29/06/2021

Artistii keenya qaalii ilaalchisee namoonni biyya keessa jirtan kan bilbila “Iphonii” fayyadamtan ykn immoo koompiitara keessan irratti “itunes” fayyadamuudhaan akkaataan biyyuma keessa osoo jirtanii bitachuuf fedhii qabaannaan haalli itti sirboota albama qaalii kana itti bitachuu dandeessan jira.

1. Apple Id maqaa keessaniin qabaachuutu isin barbaachisa

2. Baankiiwwan akka ‘Oromia international’ fi kan biroo kan “Siwift code” qaban irraa akkaawuntii banachuun qarshii albama sana bituuf gayu qabaachuu barbaachisa … odeeffannoo waa’ee “swift code “ argachuuf baankiiwwan naannoo keessanitti argaman qunnamuun hubachuu dandeessu. Odeeffannoo ammaaf ani qabuun Baankiin “ Oromia international “ Swift code” jechuun ‘ way of payment’ ‘ international visa card ‘ kan qabu ta’uu isaati

3. Ulaagaa lamaan olii kana namni guute bilbila Iphonii harkaa qabuun ykn koompiitara isaatiin itunesii fayyadamee sirboota albama Haacaaluu Hundeessaa haala salphaa ta’een biyyuma keessa taa’ee “itune store irraa bitachuu ni dandaya jechuudha.

Hub: sirbootni albama “Maal Mallisaa” kan artistii keenya qaalii Haacaaluu Hundeessaa gurguramee namoonni biyya keessa jiraatan kan bitachuuf fedhii osoo qabanuu bitachuuf karaa ittiin bitatan dhabaniif odeeffanoo kennuu irraa kan hafe dhaabbata maqaa isaanii barreeffamicha keessatti tuqame beeksisuuf akka hin taane na hubadhaa
Galatoomaa

Diiganii Gaara sanaaGaara diigamuu hinmallee,Nu baasan addaan baanee Nu addaan bahuu hinmallee………
28/06/2021

Diiganii Gaara sanaa
Gaara diigamuu hinmallee,
Nu baasan addaan baanee
Nu addaan bahuu hinmallee………

  alaatu waldhabe; eega waldhabanii walgayanii waan irrati waldhabne kana ifatti lafa haa keennu jedhanii walii galan . ...
16/11/2020

alaatu waldhabe; eega waldhabanii walgayanii waan irrati waldhabne kana ifatti lafa haa keennu jedhanii walii galan . Maali wanni irratti waldhabne ? wanni irrati waldhabne bareedumaa anatuu sirra bareeda anatuu sirra bareeda .

Bineesikun Waraabessaa, Karkarroo,fii jaldeessa. Mee maalgoona akkamitti fixanna rakkootana jedhan . Nama jaarsaa haa barbaadannuu jedhanii irrati waltayan waan inni nutti murellee hin fudhanna jedhanii irratti waliigalan.Jaarsa namaa barbaada waliin deeman Jaarsa namaa tokko ka Horii isaa tiiyifatuti dhufan .

Namana nu 3 deenuu waldhabnee wanni irrati waldhabne natuu sirra bareeda natuu sirra bareeda wanni sitti dhufneef akka nu keessaa tokkoo murtu jedhaniin. Jaarsi gaaridhaa anatuu murtii kennaa murtii tiyya fudhattuu jedheen ee hin fudhanna jedhaniin,tokko tokkoon nati dhufaa bareeduma teessanirraa naa ibsi jedheen . Waraabessi dhufee jedheen jara kana lachuu anatuu irra bareedaa nafili Horii kankee lallaafoo ka galgala horii duubati hafan yaadacha jedheen ,

Karkarroon dhufee dura dhaabatee jara kana lachuu anatuu irra bareedaa nafili Gaandaa Horiin kankee ganama mara bishaan keesaa dhugan yaadacha jedheen ,

Jaldeesillee dhufee jedheen jarakana lachuu anatuu irra bareedaa nafili jedheen oorruu tantee ta qarree jedheen.

Jaarsa sadeenuu sodaachisanii waan godhuuf deeman Jaarsillee ufumaa ufiin marihatee jedheen isin sadeenuu Abbaa keesan fakkaatan jedheen........

Qarqabaa kijibaa kan dhugaa fakkatu Deeggaraafi Zeekkaraa qabdi kan bobaftu Bobaaftuu kijibaaRaatuufi dhamaatuuGurri dhu...
01/11/2020

Qarqabaa kijibaa
kan dhugaa fakkatu
Deeggaraafi Zeekkaraa qabdi
kan bobaftu Bobaaftuu kijibaa
Raatuufi dhamaatuu
Gurri dhugaa dide
dhugaa hin dhageettu
Hanga shira baattee
Woliin qilee seentuu
Sobduufi Afuuftuu
tan bara fakkaattu
Qabsooftuu kijjibaa
Harka Harka nyaattu
Kan dubbatu malee
kan hubatu dhabne
Enyutti dubbanna
dhugaa keenya baafnee
Osoo nama qabnuu
nama uf biraa dhabnee
Osoo lubbuun jirruu
mormaa gadi Awwaalamnee
hin jirraaf hin jirruu
jidduu irra dhaabbannee
Dhugaa Abbaa qabdu tokkoon dhaadhessinee ??

Address

Addis Ababa

Opening Hours

Saturday 00:00 - 19:00
Sunday 00:00 - 03:30

Telephone

+251924049770

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bakkalcha Usmaan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share