Afaan Oromo Online

Afaan Oromo Online Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Afaan Oromo Online, Arts and entertainment, Addis Ababa.

26/11/2025

Dippiloomaatii Afrikaa umurii xiqqaa afaanota heddu dubbatu jedhamuun maqaan isaa ka'a.'Subscribe' gochuuf 👉🏽 : https://bbc.in/45t1XNZWaggaa lama dura umu...

21/09/2024
KEESSUMMAA IRREECHA2024tiif: Keessummoota biyyoota adda addaarraa dhufaniif   mijatan maal fa'a? akkamitti fayyadamuu da...
20/09/2024

KEESSUMMAA IRREECHA2024tiif: Keessummoota biyyoota adda addaarraa dhufaniif mijatan maal fa'a? akkamitti fayyadamuu dandeenya? -

- Irreecha2024 irratti imalli waggoota hedduuf hawaasni keenya Irreecha itti kabajachaa ture irraa waan adda godhu arguuf jirra fakkaata. Tattaaffiin Irreecha-Addunyaalessuu jennee jalqabne oduu aagaa nu dhageessisuun waan hin oolle fakkaata.
Tattaaffii eegalameen MNO DIyaaspooraa Oromoo fi Ummattoota Idil-Addunyaa akka Irreecha Ummata Oromoo waliin irreenfatan waamichi taasifame balbala qalbii ummatttoota addunyaa hawwachuu qofa osoo hin taane balbala heddu akka banu abdiin eegamaa jira.
BMNO akkuma waamicha taasiseen waadaalee seenes qabatamatti jijjiiruudhaan haaldureewwan hedduu kan mijachaa jiran tahuu ragaa muraasa barruu kanaan walqabsiiise irraa hubachuun ni danda'ama. Haalotni mijate jedhame kunis qalbii namoota hedduu biyyoota addarraa hawateera.

Haaluma kanaan Sagantaawwan imala kanaa sirnaan qindeessuuf galmee unkaa asii gaditti guuchisaa turre kanaan hangammaatti Biyyoota 16+ irraa namootni hedduu kan guutan(Ameerikaa kutaalee adda addaarraa, Kanaadaa, Awurooppaa, Awustiraaliyaa, Hindi, Chaayinaa, Dubaayii fi Suudarabiyaa fa'a...) yoo tahu, Dabalataanis (Eeshiyaarraa), Biyyoota Afrikaa hedduurraa (Jila Naajeeriyaa, Jila Keeniyaa, Jila Ruwaandaa, Ugaandaarraa...)
irratti hirmaachuun irreecha bara kanaa waltajjii Idil-addunyaa akka fakkaatu taasisu jedhamee eegama...
Unkaa Galmee Diyaaspooraa Oromoo hirmaannaa Irreecha2024 fi bakkeewwan hawwata Turizimii adda addaa...
https://forms.gle/f6YN495oCXFbvGty6

Gatii Tikkeeta Balallii xayyaaraa dhibbeentaa 20(20%) hirdhifame argachuuf:
1) Geessituu(link) kana banaa 👇
https://www.ethiopianairlines.com/aa/event?Key=Irreecha-Celebration-Trip

2) Iddoo/Biyya/magaalaa irraa kaatanii dhufuu feetan galchuudhaan itti-fufi(continue) cuqaasaa

3) Guyyaa dhuftan (Departure date) fi guyyaa deebitanii deemuu(Return date) barbaaddan galchaa, gosa imalaa dhaqa(oneway) ykn dhaqaaf gala(two ways) filadhaa, jalatti Koodii hirdhisa kafaltii yoo isin gaafate "promo code = ETT94" galchaa itti-fufi(continue) cuqaasaa, itti aansuudhaan 'The promotional code "ETT94" has been applied' jedhu argattu.

4) Kafaltii raawwachuudhaan imala keessaniif qophaayuudha.

Hub: Guyyaan Imala Diyaaspooraan hedduu biyya seenuuf karoora qabu Oct 1 - Oct 3, 2024

Gaaffii addaa ykn Karaa mootummaatiin qophii aasifamaa jiru irratti yoo yaada qabaattan 𝐏𝐡𝐨𝐧𝐞: +251 948 053 738, 𝐄𝐦𝐚𝐢𝐥: [email protected] qunnamuu dandeessu.

Tattaaffiin eegalame haala ajaa'ibaatiin jabaatee itti-fufeera, akka milkoofnus shakkii hin qabnu!

Ilmaan Oromoo hundi BAGA GANNA LIGIDAAYAA IRRAA GARA BOOQAA BIRRAATTI NAGAAN CEENE, Cidha Oromoo fi Oromiyaa hundaa kan ta'ee fi Waggatti al tokko waliin kabajannu, IRREECHA-Addunyaalessuu irratti cimnee waltumsinee kan hojjannu nuuf taasisi uumaa.

HORAA BULAA DEEBANAA
Abdisa Bancha Jara

Ji'oota waggaa Afaanota ItoophiyaatiinAfaan Online - Oromia     Afaan Oromo Google Translation Team
11/09/2024

Ji'oota waggaa Afaanota Itoophiyaatiin
Afaan Online - Oromia
Afaan Oromo Google Translation Team

07/09/2024

Maqaalee Nyaataa kanneen Barreessaa,
ዱለት፤ Kochee
ጥብስ፤ Waddii
ምላስና ሰንበር፤ ____
በየአይነት፤ ____
ቅቅል፤ ____
Via: Afaan Online - Oromia
waliif godhaa

Namni Afaan qaba ofiin jedhu tokko Afaan isaa sana nama hin baratin ykn haala mijataa hin taane kamiiyyuu keessallee yoo...
23/06/2024

Namni Afaan qaba ofiin jedhu tokko Afaan isaa sana nama hin baratin ykn haala mijataa hin taane kamiiyyuu keessallee yoo jiraate yoo xiqqaate, dubbachuu fi dhageeffachuu dirqama qaba, ergaasaa Afaan isaatiin dabarsuu danda'uu qaba. Kunis namni yoo afaan qabaate ergaa dabarfata, yoo afaan qabaate eenyummaa qabaata waan taheef namni Eenyummaa qabu ammo Afaan isaatiin erg dubarfachuu/dhagahuun dirqama waan taheef.

Nama barate yoo tahe ammo dabalataan Barreessuu fi dubbisuulleen dirqama itti taati, fardiidha. Waan fardii tana adda baafachuu ddadhabuun ykn xiyyeeffannoo kennuu dhabuudhaan namoota baayee irratti hanqinnootni muldhatan argina. Hanqinnoota Namoota Afaan Oromoo dubbatan irraa arginu keessaa muraasni:-
- Sirnaan qubeessuu dadhabuu -
Rakkoo sirnaan qubeessuu yoo jennu:
1ffaa - Dogoggoora tasaa(xiyyeeffannoo kennuu dhabuun) uumamuudha. Namootni baayeen xiyyeeffannoo kennuudhabuudhaan dogoggoroota uumaa turre, ammas uumaa jirra. Erga eegallee as garuu jijjiirama hammana hin jedhamnetu argame. Ofii keenyarraa ka'ee hanga Xalayaalee Biiroolee gurguddoo heddurraa bahan akka xiyyeeffannoo argatan taheera. godhamaa ture keessattis Ana dabalatee hayyootni baayeen hanqinni kun irratti muldhate amananii fudhatanii xiyyeeffannoodhaan waabarreessuu, irra deebiidhaan gulaaluu eegalan. Biiroolee Sad.Oromiyaa jiranitti kanneen Koree Gulaallii dhaabbatanii xalayaan isaanii xiyyeeffannoo argate, kan Hoogganaan osoo sirnaan hin dubbisin mallatteessuu dhiise hedduutu muldhate.
Karaa Kanaan Jijjiirama salphaatti hin tilmaamanetu dhufe.

2ffaa - Wallaaluudha. Wallaaluun dhibee miti. Afaan Oromoo Afaanota Afriaa hacuuccaa gita bittaa waggootaaf jala ture keessaa waan taheef, carraan Afaan Kanaan barachuuf haalli mijaawaa waan hin turreef namootni baayeen biyya keessaa, naannolee biro fi biyyoota alaa jiraatan Afaan Oromootiin barachuuf carraa hin arganne. Haatahuu malee waggoottan 30n darban keessatti Afaanichi carraa baruuf barsiisuu daandiin banameen saffisa akka ifa-aduutiin addunyaa guututti fa'acee hawaasa keenya Mil.70 ol bira gahuu bira darbee dhaabbilee gurguddoo daldalaa, miidiyaalee fi Sad.Idil-Addunyaatti Afaan Hojii tahuu irra gaheera.
Namootni baay'een 'Afaan Oromootiin hin baranne...' jedhanii akka sababaatti himachuu dhiisanii amma kanaa Interneetaa, Google, Yuutuubii, Marsariitii fi Marsaalee hawaasaa barachuu, barsiisuun aadeffachaa jirra. Kanaafuu Namootni Afaan Oromootiin hin baranne jechuu dhiisanii baratani ittiin kitaaba barreessuu fi maxxansan tokkoof lamaa miti. Warri Kaarikulamii Afaan Oromoo wagga 30 dura hojjatanii barsiisaa turan osoo namni isaan hin barsiisin ofii ofbarsiisanii Dhaloota qubee kanas oomishan bar.

Hub: Afaan Oromoo sirnaan qubeessuuf yoo barbaadnee xiyyeeffannoo kennine, gahaadha. Fkn:- Qubee, Sagalee, Jecha, kkf(Dheeraa, Gabaabaa, Laafaa, jabaa, Irrabuta, hudhaa....fa'a) torbaan tokko qo'achuufi shaakaluun gahaa tahuu danda'a...

Kanaafuu Hanqina Qubeessuu wallaaluutiin rakkoo uumamu hubatanii namootni baayeen yeroo ammaa shaakala eegalaniiru. Isaan keessaa gareen ani qabatamaan beeku naannoo adda addaatti(biiroo fi magaalotaan, hiriyyoomaan) walqindeessanii namoota sirnaan qubeessuu beekan dabalatanii turtii guyyoota 10 - hanga - ji'a 1tti guutumatti walbasiisanii amma ofitti amanamummaan sirnaan barreessaa jiran hedduudha. Ofii kiyyaallee hanga ammaatti garee 12 ol beeka.
Fkn: Garee Minessotaa keessatti ijaaramee torbaan 1 qofatti walbarsiisanii xumuran beeka.
Garee Magaalaa Bishooftuu fi Jimmaa keessatti biiroo adda addaarraa ijaaramee guyyoota 10-15tti keessatti walbarsiise
Garee Damee Koominikeeshiinii, Magaalaa Adaamaa, Ciroo, Arsii Lixaa, Riyaad, UK... fa'a nan yaadadha.

Kanaafuu Namni afaan isaa sirnaan qubeessuu hin beekne Afaan kam sirnaan qubeessuu danda'aree? Afaan kamiin ergaa dabarfachuu danda'aree?
Yoo Sirnaan hin qubeessine ergaa dogoggoraa dabarsuu akka dandeenyu maaliif nuuf hin galuree?
Fkn: 'Anaa Dhufu' jechuu barbaadnee - 'Anaa Dhuufu' jechuun salphinaa mitii?
Keessummaa kabajaa keenyaan 'Baga Nagaan Dhuftan' jechuu barbaadnee - 'Baga Nagaan Dhuuftan' jechuun nama hin qaanfachiisuu?

Sirnaan qubeessuu wallaaluun Afaan Ofiitiifis ofiifis kabajaa dhabuu hordofsiisa. Ergaa dabarsuu barbaadne dhiifnee waan biraa barreessina. Kabaja Afaan keenyaaf qabnus gadi nujalaa buusa waan taheef keessattuu namootni Biiroolee/Dhaabbilee garagaraa keessa jirtan, Dhaabbata bakka buutanii barreeffama hiika hin qabne ykn hiika jallataa qabu ergaa yoo dabarsinu, keenyas, salphina dhaabbataatis akka tahetti hubannee xiyyeeffannoo gochuudhaan, yoo hin beekne namas beeku gaafachuudhaan, nutis waan salphaa guyyoota muraasatti sirreeffannu kanaaf xiyyeeffannoo kenninee barannee sirreeffachuu akka qabnu dhaamsa kooti....

Biirooleen Kominikeeshiinii tokko tokko dogoggora sirnaan qubeessuu namoota uumani, gamaaggamaaf dhiyeessaa jiraachuu keessan quba qaba, Amalli kun biiroolee hundatti aadeffamuu qaba. Barjaaleen Magaalaa keessaa dogoggoora qubee qaban buqqa'uu qabu, Xalayaan biiroo keessanii dogoggora qubeessuu qabu irra deebi'amee akka ilaalamu gochuun jabaatee itti fufuu qaba. Nuti Jala sararuu jabeessinee itti-fufna...

Waajjiraalee fi Namootni dhimma Kanaan walqabatee natti mufattanis akka jirtan nan beeka, isinis mufii keessan itti fufaa, Anaafi dhalootni Qubee hanqinnoota jiru hordofee jala saruu itti-fufna.

Waan na dhageeffattaniif Galatoomaa!

Tekinoolojiitti xiyyeeffadhu, Tekinoolojii barsiisi jedha namootni baay'een:  $Dhufuuree?  yaada kennachuun mirga....🏃👇Y...
12/06/2024

Tekinoolojiitti xiyyeeffadhu, Tekinoolojii barsiisi jedha namootni baay'een: $Dhufuuree? yaada kennachuun mirga....🏃👇
Yoo dhufe fi dhufa:
1) Yuutuubii: https://www.youtube.com/
2) Telegiraama: https://t.me/+4iJJoWgKVdMxOGU0

This is ABJ Tech Blog - A channel for who have a passion for Computer Vision, , , & ,

  - Marsariitii Afaan Oromoo jalqabaa(www.afaan-oromoo.com) kana irra »Barnoota Afaan Oromoo(Qubee, sagalee, Gaalee, Him...
18/04/2024

- Marsariitii Afaan Oromoo jalqabaa(www.afaan-oromoo.com) kana irra
»Barnoota Afaan Oromoo(Qubee, sagalee, Gaalee, Hima,Hima-Dachaa, Hima-dachaa-Xaxamaa, Keeyyata..) ,
»Seerluga,
»Afoola,
»Galmee Jechootaa,
»Kitaabota Afaan Oromoo Adda Addaa PDFdhaan fi kkf hamma danda'ametti ofkeessaa qabu kanarraa waan barbaaddan ni argattu....Waan dhabdan nu gaafadhaa
Kitaabota adda addaa - Geessituu(link) arhmaan gadii seenuudhaan buufadhaa👇🏼
https://afaan-oromoo.com/kitaabota-afaan-oromoo/

Odeeffannoo barbaachisoo adda addaatiif:- Telegiraama kana hordofaa👇🏼
https://t.me/abdisabancha

Fuula Marsariitii Keenya kanarratti Kitaabota adda addaa Afaan Oromoo, English, Afaan Amaaraa fi kanneen biroo barbaachisoo tahan bifa PDF...

Address

Addis Ababa
04

Telephone

+251904432625

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afaan Oromo Online posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share