Weird Things About History

Weird Things About History Qubee Generation seenaa oromoo fi ethiopia dhugaa https://www.youtube.com/channel/UCbwPosFpYK6hPUQte0f7fYg

Permanently closed.
The famous Grammy Award recognized and remembered World Class artist   with other artists Kelly Rogers .  Grammy Awardii...
16/03/2021

The famous Grammy Award recognized and remembered World Class artist with other artists Kelly Rogers . Grammy Awardii goota keenyaa artisti Haacaluu Hundessa yaadanno godhe. Gootichi Oromoo Artisti Haacaaluu Hundeessaa Sadarkaa Afrikaafi Ethiopiatti Lammi Ethiopia kan jalqabaa Sadarkaa Addunyaatti Yaadatameefi Maqaan isaa Tarree Maqaa Artistoota Ciccimoo Addunyaa katabamefi akkasitti yaadatame.dhugaan kees Gumaan kees hin haftu...

 !.                   Maqaan dhaloota isaa   je'ama. kan dhalate G/Har/Baha/Aanaa Gola Odaa, Gowgowitti, abbaa isaa Ahma...
11/03/2021

!.


Maqaan dhaloota isaa je'ama. kan dhalate G/Har/Baha/Aanaa Gola Odaa, Gowgowitti, abbaa isaa Ahmad Ibraahimii fi harmee isaa Faaxumaa Aadam Abdullaah irraa bara 1951tti dhalate. maqaa Hordofaa Ahmad ja'uun cinattis maqaa ja'amuunis beekama. Hordoofaan maatii horsiisee bulaa irraa waan dhalateef akkuma ilmaan Oromoo hedduuti horii tiysaa guddate.
Jireenya Tiiysitee booda, barnoota Qur'aana islaamaa nannoo haramaayaa fi dirree dawaatti barachuu jalqabe.

Cunqursaa fi roorroon saba Oromoo irratti raawwattu hammaachuurraa kan ka'e, Hordoofaan barnoota isaa addaan kutee akka lakkooysa Faranjiiti bara 1969tti gara Somaaliyaa imaluudhaan, magaalaa Maqdishoo keessatti Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaatiin walitti dhufe. Haala kanaan erga Jaarraa fi waahellan isaaniitiin waliiti dhufe booda, baruma san keessa Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan. Akkaataa kanaan Hordoofaa Ahmad namoota yeroo jalqabaatiif ABO hundeessan keessaa nama tokkoo tahuun, galmee seenaa qabsaa'oota oromoo keessatti tarree warra qooda leencaa qaban irratti, goota ifgalmeessuu dandayye tahe.

Hordoofaa Ahmad biyya Yamanitti leenjii waraanaa fudhachuudhaan kumaandoo tahee eebbifame. bara 1973tti yeroo Elemoo Qilxuu Qeerroo Ganamaa marsaa lammaffaa qabatee gara biyyaa seenu, innis karaa Somaaliyaatiin nama 4 fudhatee Carcar bu'uun waraana Elemootti makame.

Akka lakkoofsa Awuroophaa dhuma Bara 1973ti Carcar Xirroo keessatti dhukaasa jalqabaa ilmaan Oromoo dhaaba tokko jalatti gurmaa'aaniin mootummaa H/sillaasee irratti godhame keessatti, loltoota diinaa nama maqaan ja'amuun hogganaman hedduu galaafachuun, Mootummaa san guddaa naasisan. waraanni nafxanyaa kan miidhaa guyyaa duraa kanatti irra gaheen guddaa rifatee jiru, haaloo tana bahuudhaaf humna dabalatee sassaabachuun yeroo lammaffaaf lola xirrootti taasifame keessatti waraanni Eleemoo akka malee miidhaan irra dhaqabu dandayyee ture.. Goonni Goota caalu leenci ija barbadaa Jaal Elemoonis guyyaan isaa loluma kana keessatti itti dhufee, wareegame.

Hordoofaa Ahmadii fi Jaal Elemoo Qilxuu jaallewwan qabsoo keessatti amanummaa fi abdii guddaa walirraa qaban ture. Elemoon yeroo rasaasa diinaatiin rukutamu, Galmee (document) isaa Hordoofaa Ahmad qabsiise. Lola Xirroo kanarratti Hordofaanis bakka sadi rasaasa diinaatiin rukutamee madaa'us lubuun hafuu dandayyee jira. San booda Hordofaan qawwee Jaal Elemoon irraa wareegame takkaa fi dookumantii Elemoo Qilxuu itti kenne dabalatee, hidhannoo isaa guutuu waliin Ona Bookee bakka 27 jedhamtutti galee qawwee lamaa fi dokumantii dhaabaa isa harka jirtu san awwaale.

Hogganaan biyya keessa jiru Elemoo Qilxuu Warreegama. Hayyuun Dureen Dhaaba ABO jalqabaa kan tahe Jaarraa Abbaa Gadaa immoo Biyya Soomaaleetti mana hidhaa keessa jira. Yeroon bara jalqaba Darguun angoo itti kore waan taatef haalli jiru qabsoo itti fufsiisuuf mijaa'aa tahuufi didde. Kanaaf Hotdoofaan jireenya dhunfaa jalqabuuf dirqame. fuudhee bultii ijaaree jireenya dhunfaa Bookee jiraachuuti seene. Haala kanaan jiraachaa osoo jiruu waahelli Elemoo Qilxuu Sooressi Jaarraa Abbaa Gadaa bara 1970_1975tti Somaaliyaatti erga hidhameen booda onkoloolessa 24/1975tti hidhaa bahuun dhagayamte.

Sooressi Jaarraa Abbaa Gadaa baruma kana keessa akkuma hidhaa baheen hayyoota Oromoo Haaji Bushraa fi Ahmd Haadii waliin walqunnamanii Aanaa Gola odaa, bakka gaara mayxinnoo jedhamtutti manguddoo Oromoo nama torba(7) yaammatanii akkamitti qabsicha akka itti fufsiisuu dandayyanirratti marii taasisan. Erga manguddoota kanaan wal arganii marii dheertuu adeemsisaniin boodaan murtii qabsoo hidhannoo baha Oromiyaati jalqabamte itti fufsiisuun bilisummaa Oromootiif falaa fi filmaata carraa biraa hin qabne akka tahe irratti waliif galan.

Akkaatuma mariin taasifamteeti, Hordoofaanis qawwee 2 fi dokumantiin Elemoo Qilxuu itti kenne san Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaa harkaan gahe. Hayyoota Oromoo Hararghee walgayii sanarratti hirmaatan maqaan isaanii akka armaan gadii kana ta’a.

1. Ahmad Ibraahim Jaldoo Araarsaa
2. Aadam Abdullaah Shaanqee
3. Mahammad Aadam Abdullaah
4. Yaasiin Usmaan Cirriquu
5. Mahdii sa'id Ibraahim
6. Ahmad Mahammad Ibraahim
7. Kadiir Alii Ildii
8. Saalii Abdullaah Halloo
9. Aadam Sa'idee
10 . Ibraahim Iisaa
11. Ahmad Ibraahim Iisaa
12. Mahammad Sa’idee
13. Abdalqaadir Aadam Ahmad
14.Sheekh Ibraahim Abdullee
15. Mahammad Suleeyman
16. Mahammad Umar Qaxxisoo
17. Mahammad Ibroo Urrunjii
18. Haaji mahammad Arab
19. Sheekh Barkallee Abbaa Jundaa
20. Raabii Goosoo
21. Mahammad Umar Bulee
22. Sayyid Mahammad Aruuf
23. Tukkee Hasan Badhaasoo
24. Mahammad Tukkee Hasan
25. Sheekh Aliyyii Mahammad Sa'id
26. Sheekh Mahammad Aarif
27. Sheekh Muktaar Bakar
28. Haaji Mahammad Ibraahim
29. Sheekh Mahammadnuur
30. Sheekh Abdulwaduud Sayyid Amiin( Xaliilessaa Qumbii)
31. Jamaal AbdulKariim
32. Dr. Suufiyaan fi kkf hedduutu irratti hirmaate.

Bara 1975 ji'a Shanaffaa booda, Hordofaa Ahmad akka Aanuma Bookee jiraatuu fi gaheen hojii dabballee ijaarsa dhaabaa tahee akka hojjatu itti kennamte. Osuma kanaan jiruu bara 1989 qabsoo ABO Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaatiin hoogganamtu tana keessatti gara loltummaa waraanaatti makamuun dirqama qabsoo bahachutti seene. Gara hoggansa abba seelitti ol guddachuunis goota lolee lolchiisaa ture dha Hordoofaa Amhad. Akkaataa kanaan osoo jiruu hooggantoota isaatiin wal mari'atee, namichi Elemoo Qilxuu ajjeese sun lubuun jiraachuu isaa waan beekameef, iddoo inni jirutti barbaadee gumaa Elemoo Qilxuu akka baasuu qabu murteesse.

Hoggantooni ol'aanoon isaatis loltoota jajjabaa nama 5 rammadaniifii ammas gara Carcaritti gaggeessan. Akkanaan deemee namicha Elemoo Qilxuu ajjeese, Harargee Lixaa magaalaa Galamso keessatti ajjeessuun hijaa irraa kaffalachuun, dirqama lammumaatis qixa sirriitiin bahatee, gootummaa isaa gochaan agrsiisuu dandayye.

Ergama kana erga raawwateen booda Galamsoorra gara Xirroo qajeelan. xirroo iddoo Elemoo Qilxuu itti awwaalamee adda baafachuuf dhaqan. Haa tahuu Garuu, yeroo kana ABOn bakka lamatti adda Foottooqee jira. ABO warri Bahaa Oromiyaa unkuree, daadeen oofaa guddissanii,itti hidhamanii, itti caphanii, itti baqanii, itti warreegamanii, biyya Yamanii fi Somaaliyaan qaxxamuranii, harkaan Oromootiin gahanii, lafa Hararghee hanga tokko mootummaa darguu jalaa walaboomsanii osoo jiranii, warri mootummaan Darguu if keessaa harcaasee, kan lixaa fi jiddugala Oromiyaatii dhufanii itti makamaniin shira gaafas Soorreessa Jaarraa Abbaa Gadaa fi Qabsaa'oota jajjaboo baha Oromiyaarratti hojjatameen, ABOn adda footooqee otoo wal rukutaa jiranuu, Wayyaaneen duubaa Masaraa seente. Cubbuun gaafas ABO keessatti hojjatamte shigigiirii keessattis qooda gahaa akka hin taphane goote, san boodas erga gaaratti deebi'anis ittuma fufte. Hoggantoota ABO hanga ammaa lubuun jiraniin, Cubbuun gaafas qabsaa'oota ABO miseensoota Qeerroo ganamaa tahanirratti hojjatame, hanga ammaa ABOn tokko tahe akka dhaabbachuu dadhabu taasiste jirti.

Haa tahuu ti, lubuun gootoota Oromoo akka hedduun, lola ABOn ofumaaf haala kanaan adda footoqqee, seenaa walsaamuuf walirratti gaggeessaa turan jidduuti warreegamte hanga hin qabdu. Haaluma kanaan Hordoofaanis Bara 1996tti lola waraana IFLO fi Adda Bilisummaa Oromoo jiddutti qabrii Elemoo Qilxuu birratti gaggeefameen, idduma Elemoo Qulxuu itti wareegame sanatti warreegamuun addunyarraa dabruu dandayye. Hordoofaa Ahmad Abbaa ilmaan 7,dhiira 2 fi dubra 5 ture. Duuti gootaa waldhabdee ilmaanuma abbaa tokkoo jiddutti uumamtee keessatti tahun waan hedduu garaa nama gubaati.

Miseensa Qeerroo ganamaa, qabsaa'aa mirga dhala namaa, Hordoofaa Ahmadis Warra jannataa rabbi haa godhu jenna.

(Seenaa Qabsaa'oota Wareegamanii).
Horaa Bulaa

 Oromoon sirbaa fi weellisaaf iddoo guddaa kennuun akkuma beekamutti ta'ee, yeroo dheeraa dura weellisaa osoo adda hin b...
09/03/2021


Oromoon sirbaa fi weellisaaf iddoo guddaa kennuun akkuma beekamutti ta'ee, yeroo dheeraa dura weellisaa osoo adda hin baasin hawaasni sirbuun yaada isaani ibsachaa turani, isaa asitti garuu nama jabaaf abbaa Masinqoo aarti muuziqaa oromoof waan guddaa kaa'ee darbe, innis aartiin muuziqaa oromoo yeroo ka'u angafaa fi abbaa weellistoota oromoo artist Wasanuu Diidoo maqaan kan dhahaamudha.
Weellisaa Wasanuu Diidoo Godiina Shawaa Kaabaa($alaalee) aanaa Jiddaa ganda Ariyaa Gadullaa iddoo addaa Elellee jedhamutti dhalatee guddachuun, dandeettii sirbaa fi masinqoo rukutuu aabbaa isaa fi ummata Jiddaa irraa gonfateen, iddowwan mana cidhaa, sagantaa fi iddoo shubbisaa gara garaatti nannoo Jiddaa, Abbichuu Nya'aa, Wacaalee fi Salalee irra naanna'uun sirbaa ture. Erga gara finfinnee dhufees mana bashanana gara garaa fi mana muuziqaa Hager Fikir Theatre (አገር ፍቅር) galuun yeroo afaan oromoo dubbachuun yakka ta'etti sirbuun waan boonsaa hojjetee ture.
Uummata Oromoo sirba malee rafee hin bulleef keessattu uummata Oromoo salaaleef sirboota hedduu weeddisaa ture. Isaan keessaa "Wasanee Too", "Hin Teenyu", "Alam Mangistaata Bira Deemna", fi kkf.dha Fknf...
Wasanee wasana roobii
Yoo karra bahuu si dhoowwee
Dallarran naa darbii loomii
Muluu too yaa mululaatee
Bottii binnaan sitti ulfaatee
Askoo binnaan mucucucaatee
Sharaa binnaan sitti taatee
Jiddi Faradoo hin sakaaluu
Mormatti mareet gadhiisaa
Obboleessi nama hin dhaanuu
Tajjabeet itti dhiisaa... ... ...
Jechuun sirbaa ture. Kanaanis weellistoota akka Laggasaa Abdii...
Kutaan itti aanuu itti fufa...

✔️Uummata Oromoo naannoo sanatti argamanii fi obooleessa isaa Nagaashuu Diidoo
✔️Seenaa Art. Laggasaa Abdii
✔️Hager fikir Theater bet
✔️W/A/Turism Jiddaa Salaalee...
✔️ Kiitaabilee gara garaa kan akka Laphee Uummata Koo Qatsalaa Shuumiitiin tibbana maxxanfame.
✔️ Hayyoota Oromoo fi kkf. dha.
inni Seenaa isaa qoratee beeksiisu?
ta'uu hin dagatinaa!..
Horaa Bulaa!...
...

Maqaa Gootota Kanaa Barreessaa mee Bitaa gara mirgatti. Kan dhadhaabbatanirraa jalqabaa.
06/03/2021

Maqaa Gootota Kanaa Barreessaa mee Bitaa gara mirgatti. Kan dhadhaabbatanirraa jalqabaa.

The great Artist Alii Shabboo. Alii Shabboon osoo jiraachuu baatee, artistiin Oromoo, keessaafuu Hararghee, gurguddooni ...
06/03/2021

The great Artist Alii Shabboo. Alii Shabboon osoo jiraachuu baatee, artistiin Oromoo, keessaafuu Hararghee, gurguddooni arrallee lubuun jiranii fi Artii Oromoo keessatti hanga'anii, calaqqisanii mul'atan horachuun hin dandayyamu ture. Wallisaa qofaa miti Alii Shabboon, Qindeessaa muuziiqaa guddaa dha. Artistoota akka Kadir Sa'id, Adam Haruun,..... hedduuf kan carraa saaqe Nama kana. Galanni isaa guddaa dha. Umrii dheertuu haa jiraatu.

  Kabiir Abdullee Yaayyaa Oromoota Ona Ituu (Hararghee Lixaa Carcarii) gara lola Adwaati akka duulan godhaman 800 keessa...
04/03/2021



Kabiir Abdullee Yaayyaa Oromoota Ona Ituu (Hararghee Lixaa Carcarii) gara lola Adwaati akka duulan godhaman 800 keessaa nama tokkoo ture. Abbaa Seeyaxaan Bulchaa Carcar kan gaafa san Ona ituu bitaa ture. Asirratti wanti hubachuu qabnu Behraawii zamachaa waan ja'u Darguun hin eegalle. Bara Minilik eegalame. Lola Adwaa Bara 1896tii gaggeefame keessatti, Waldagabreel Oromoota Carcar kan bifaan guutuu tahe, kaneen humna guutuu ni qabu ja'ee amanu, mul'ata qaamaa babareedaa qabu kan ja'uu fi hidhamtoota waraana Sirna Gadaa Odaa Bultum (humna loltuu Abbaa Duulaa Mucee Ahmad Mucee) waggoota hedduu itti murtaa'ee ture mannneen hidhaa Carcarii sassaabanii gara Adwaa duulchissan. Lola Adwaarratti humna waraanaa kutaa biyyattii kamii dhufantu injifannoo guddoo xaaliyaanootarratti galmeesissuu dandayye gaafiin jattu yoo kaate, deebii salphaa dha. Waraana guutuu Hararghee keessaa dhufanii,Waldagabreelii fi Raas Mokooniiniin hogganamaa turan akka tahe Seenaan Itoophiyaa ni addeessitt.

Haa tahu garuu cubbuun Itoophiyaan qabdu guddoo fi ulfaatuu dha. Oromoota Gootummaan lolanii, injifannoo minilik tahaniif galatni hin jiru. Oromoo taatee keessaafuu Muslima taanaan hangamillee kabajaa biyyaa eegsisuuf lubuu isaanii kennan,mootummoota Itoophiyaa biraa kabajaa gatii saree hin argatttan ture. Kabiir Abdullee Yaayyaa Oromoo Muslimaa Caracarii duule tahus, gootummaan lolee, Waraana Xaaliyaan hedduu galaafatee, meeqaantam booji'ee, rasaasni qawwee tassa argatee lubuun wareegame. Duuba wanti nama ajaa'ibu erga rukkutame booda sakaraanii lubuu itti dhufe. Akkaataa amantii isaattu Maqaa Rabbii waamaa, Shahadaa qabachaa, humna waraana Minilik toora san jiran akka bishaan obaasan kadhachaa ture. Osoo haala kanaan waywaachaa jiruu daqiiqaa maayii lubuun bahuuf deemtu, waraani Waldagabreelii fi Raas Mokoonin toora san guutumaan guutuuti too'atan. Abdulleen osoo shahadaa qabachaa jiruu lubuun dabarte. Duuba waraani Itoophiyaa Abdullee Shahadaa qabachaa lubuun baate kana ilaalaa turan, warra amantaa isaanii kan Abdullee wajiin warreegaman guuranii awwaallatan.

Garuu Kabiir Abdulleen waan muslima tahee fi Isaa Shahadaa qabaachaa du'e waan arganiif, "Kunii Muslimaa dhiisaa, Muslima keessaafuu Oromoodha, dhiisaa hin awwaalinaa dabraa" jadhanii osoo hin awwaalin dhiisanii biraa kutan. Kabiir Abdullee Yaayyaa kabajaa namummaa qofaa mitii, kabajaa reeyfaa dhabee achitti Bineensi nyaatee hafe. Erga gaafas reefka Oromoo mirga Sabaa fi biyyaatiif qabsaa'an, osoo hin awwalamiin Bineensu nyaachuu jalqabee, hanga Aashaa kormeeti (bara 2007) itti fufee jira. Haa tahuu Ka'uumsi Lola Adwaa baanan kanaa maali?.

Lolli Adwaa Lola Mootummaa Xaaliyaanii fi Mootummaa Itoophiyaa Atsee Minilik jidduuti "Biyya tana Anaatu bitaa fi anaatu bitaaf" gaggeefame ja'u hayyooni. Haa tahu garuu ka'uumsi lolichaa waa tana qofa hin ture. Lola liqii kennaa fi liqii fudhataa jidduuti, naa deebisi?, hin deebisuudhaan, Kaddaatanyoota lama jidduti gaggeefamee. Biyyooni Awuroophaa osoo waldhabdeen isaan jidduuti hin uumamne Afriikaa gita bituuf Biyya Jarman , Berliiniiti konfiiransii gaggeessuun waliigaltee taasisan. Duula gita bituun Afriikaa adda qoodachuu ja'u kanas Mata duree jattu kennaniif. Hammayoomsuu (Civilization),
Daldala waliinirraa fayyadamuu (Commerce) fi Kiriistaanoomsuu (Christianity) jettu ture. Haa tahuuti haaluma kanaan biyyoota yeroo ammaa imphaayara Itoophiyaa keessatti argaman irratti tarsiimoo addaa hordoofuuf waliif galan. Tarsiimoo akkam?.

Mootummaan Abisiniyaa kan Minilikii fi Atsee Yoohaanisiin durfamaa ture sun mootummaa Kiriistiyaanaatti, sanirraan Hidda laatinsa isaanii ummata Yehuudaarraa asburquu kan himatan waan tahef, (Awuroophaanooni ofumaaf biyya Oromootaa fi ummattoota kibbaa weeyraranii bituu caalaa) Mootummaa Minilik deeggaruun harka Minilik keessaan bituuf jecha liqii qarshiitii fi liqii meeshaa Minilikiif laatan. biyyooni Awuroophaa kamuu Minilikiif yoo taate malee biyyootaa fi ummatoota goonfa Afriikaa keessatti argaman tokkoofuu deeggarsa kennuun dhorkaa akka tahe murteessan. biyyooni Awuroophaa kamuu, kan qaama Miniliki moormuuf deeggarsas, tahe liqii kennuu Uqqabaan akka irratti darbamtu waliif galan.

Haala kanaan Mootummaan Xaaliyaan bara 1884 Waliigaltee Waccaalee ja'amturratti Liiree 800 000 (Kuma Dhibba Sadeeti) cinaa qarshiin, Cinaa meeshaa waraanaatiin kenneefi. Waliigaltee keeyyata 20 ol qabdu tana keessatti, 17ffaan akki jattu "Hanga Minilik liqii Xaaliyaan Deebisuu, bakka Xaaliyaan hin jirreeti Daldalaa fi hariiroo alaa kamuu biyyoota Awuroophaa biraa wajiin taasisuun irra hin jiraatu" kan jattu ture.

Yeroo duraa Minilik tole ja'eetuma kana amanee waliif galee fudhate. Erga biyya Oromoo fi kibba Itoophiyaa deeggarsa faranjootaa kanaan cabsee of jalatti gabbarsiise booda, Ingiliizoonii fi faransaayoonis fadhii addaa Itoophiyaa Minilik bulchu wajiin qabaachuu waan barbaadaniif, shira al-kallattiin Xaaliyaanii fi Minilik jidduuti shiruu eegalan. Yoo walitti dhugeenya cimaa dhufe kana argitu, Xaaliyaan "waliigaltee teenya eegaa hin jirtu" jechuun Minilikiiti mufatte. Fuula biyyoota Awuroophaa kaneenirraa argateen, Atsee Minilik Onnee horate. Liqii Oromootaa fi biyyoota Kibba Itoophiyaa ittiin cabsuuf Xaaliyaanootarraa liqeefate deebisuu didee kaade. akkaataa waliigalteetiin osoo Xaaliyaan quba hin qabaatiin Engliizii fi Faranaay wajiin harooroo walqunnamtii jalqaban. "hanga liqiin teenya nuuf deebituu gibira guurranna, yeroo gibirri guurannu qixa liqii nutti isiniif kenninee gahu, Laga Marrabi olitti dachaana" jedhanii Kaabaa Tigraay weeyraranii gibira sassaabachuuti seenan. Lolli gaggeefame kan liqii kennaa fi liqii fudhataa jiduutti gaggeefame ture. Ka'uumsi lola kanaatis shira oromoodhaan cabsuuf xaxameerraa ture. Dhumni lola kanaatis gootummaa oromootaatiin injifannoon goolabame. Oromoon gootuma duruu jenna moo, Oromoon ofirratti duulee, hidda mootummaa isa cunqursuu ofirratti gadi jabbeesse jenna?. isin walgaafadhaa!!

Horaa Bulaa

" SADAN SOODDOO" ===================Sooddoo ilma Daaccii, ilma Tuulamaa damee Booranaa kan ilma oromootti. Tuulamni ijoo...
03/03/2021

" SADAN SOODDOO"
===================
Sooddoo ilma Daaccii, ilma Tuulamaa damee Booranaa kan ilma oromootti. Tuulamni ijoollee sadii qaba ture isaanis:- Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namootti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagahan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoo ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaattin moggaafatee irraa jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo ; Odituu, Tummee fi Liiban jedhamu. Isaan kan warrii har'a sadan sooddoo jedhamuun beekaman. Lafti sooddoo naannoo oromiyaa shawaa kibba lixaatti argama. Aanootti ilman oromoo gosaatti sooddoo keessaa baay'inna jiraacha jiraan : Aanaa saden sooddoo, Aanaa bachoo, Aanaa waliso, Aanaa tolee, Aanaa bu'ii, Aanaa qarsa malimmaa fi Aanaa sooddoo daaccii yommuu ta'u karaa bahaattin Aanaa Maqii dugdaa karaa kibbaattin Aanaa bu'ii karaa kabbattin Aanaa sabaatta hawaasa daangeffama. Akkuma arman olitti ibsuuf yaalle Daaccii ilman sadii godhate sadan sana keessaa inni tokkoo sooddoo dha. Isaan kaanimmoo Galaanii fi Aboo jedhamu. Goototni ilman oromoo lakka'amni hin dhuman. Isaan keessaa akka fkn Taddessa birruu, Abdiisaa Aagaa, Waaqoo Guutuu, Oliiqaa Dingilii fi kkf yeroo mara kaafna. Goototni kun egaa ilman oromoo fi lafa oromiyaa naannoo adda addaarrattii kan dhalatan ta'uun beekamaadha. Akkuma kan ilmaan oromoo damee Tuulamaa warraa sadan sooddoo goototti dhalatanis hedduu dha. Isaan keessaa yeroo mara maqaan isaani akka biyyooleessatti kan ka'uuf akkuma gootota oromoo yeroo adda addaatti goottummaasaanittin beekamani fi xaaliyanii biyya isaani koonoleefachuuf dhufte lafa isaanirra calaasuun kan beekaman warra damee tuulama ilman sadee sooddoo keessaa hedduu maqaa dhahuun ni danda'ama. Duula xaaliyaani 1ffaa fi 2ffaa Aduwaarratti goottumma agarsiseen kan beekamti guddaa argatan keessaa kan maqaansa akka biyyoolessatti waamamu Baalchaa safoo( Abbaa nafsoo) damee tuulama ilma oromoo hidda sooddoo ta'uusaa beekamaa dha. Gootota lafti sooddoo biqilchite hedduudha, kan akka Baqqalaa wayyaa, G/maariyam Gaarii , Dj Ganamee Badhaanne, fituwararii Taddeesse Ganame , Qenyi Azmach Bayyane guddata Awaash fa'a akka fakkeenyaatti. Sooddoo lafa abbaasaa oromoorraa kan jiraatuuf Aadaa fuudhaa fi heerumaa Aaddaa sirna Gadaa kan qabu yeroo ta'u saba oromummasattin boonuudha. Gootonni armaan olitti maqaasaanii dhoofne kun egaa ofii fi saba isaanirra darbanii lafa fagoo deemuudhaan akka Itiyoopiyaatti seenaa isaan dabarsan kan dagatamu miti. Via ~seenaa UMATA oromoo(fb).

ARSII fi SAFUU --Arsiin ilma Ambatoo Dayyooti. Gosa Oromoo baaldhinna lafa qubateefi baay'inna ummataatin guddaa ta'edha...
28/12/2020

ARSII fi SAFUU
--
Arsiin ilma Ambatoo Dayyooti. Gosa Oromoo baaldhinna lafa qubateefi baay'inna ummataatin guddaa ta'edha.
Arsiin ilmaan lama qaba: Siikkoof Mandoo.

Siikko ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo):
I. Bullaala
II. Jawwii
III. Ilaani
IV. Wocalee
V. Waaji

Mando ilmaam torba qaba (Torban Mandoo):
I. Raayya
II. Kajawa
III. Utaa
IV. Waayyu
V. Waanama
VI. Harrojji (Biltuu)
VII. Hawaxxuu

Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida'aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.
Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:
* Baale
* Gadab
* Albasoo
* Diida'aa
* Laangannoo fi
* Dambal
jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta'u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Harannaa, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.
--
Magaalonniifi aanaaleen akka: Asallaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamuuti.
---
---
Arsiin ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhoofi cululuqxuu qabu. Ka tuqan malee nama hin geenne. Ka haqaaf dhugaa isaa irratti du'u. Deegu ka wolii hirphu. Beelayu ka midhaan wolii fe'u. Ka xiqqaa guddaa kabaju. Maatii irra taree kan firaaf gosa soddaa kabaju. Woyyomaaf Siiqqee sodaatu. Ka keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu. Jaarsi Arsii keessatti kabaja guddaa qaba. Ka dubara dhiiratti fuudhu jaarsa. Ka dubbii hawaasumaa, waldhabdee garagaraa dubbate fixu jaarsa. Jaarsi Arsii biratti ulfaata, kabajaamaa, jaalatamaa.
---
Masoon yoo kufan waan caban seeti. Nu aadaan, safuun, duudhaan teenna baddeef aarree dubbannaa, gariin keessa lufee jibbaa ummata keenyaaf qabu video Shaashamannee saniin ibsataa jira.

27/12/2020

ancient history of oromoo

Address

Bole International Airport
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Weird Things About History posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Weird Things About History:

Shortcuts

Share