Oromo-Space

Oromo-Space This page promotes the rich culture, Gada system, and history of the Oromo people in East Africa.

We aim to inspire pride in our language, values, and identity through shared knowledge. It’s a space to celebrate and preserve our heritage for generations.

Jimaan sitti Baalaa Anati Dalluu Gaalaa. Awaday., oromiya.
26/04/2026

Jimaan sitti Baalaa Anati Dalluu Gaalaa.
Awaday., oromiya.

SEENAA  QABSOOYTUU FI WALLISTUUMAFTUHAA ABBAAS ====================================Aadde Maftuhaa Abbaas Baha Oromiyaa G...
26/04/2026

SEENAA QABSOOYTUU FI WALLISTUU
MAFTUHAA ABBAAS
====================================

Aadde Maftuhaa Abbaas Baha Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Dadar'tti Bara 1960ta gara duraa Abbaa isii Obbo Abbaas Mohammed fi Haadha isii aadde Makkiyaa Alii irraa dhalatte.

Aadde Maftuhaa Abbaas yeroo Umriin isii Amata jaha gayu Obboleeytiin isii tan isiirra guddoo tan Magaalaa Dirree Dhawaa jiraattu fudhattee Dirree Dhawatti galchite; aadde Maftuhaan Nama Uumamaan qaroo waan turteef Joolummaa isiitiin Magaalaa Dirree Dhawaa tti Warshaa Uffataa kan Kottoonii jechuun beekkamu seente, osuma naa qaroo taatee hojjataa jirtuu fi Ogummaa Addaatiis horachaa jirtuuti Baandii jedhamu tan Bara Dargii Magaalaa Harar turte Seentee Wallastuu fi garee Ragadaa ( Lulataa tahuun itti fufte, Baruma kana Mana isii Qabsaawaa fi wallisaa Obbo wajjiin Bultii jaarte, Aadde Muftuhaa Abbaas Abbaa Maba isii Obbo Muussaa Turkii wajjiin intala takka qabdi, yeroo ammaa kana lubbuun jirti, fakkii gootittiin Oromoo saba isiitiif bakka buufte Rabbiin Umrii haa dheereysu jenna.
aadde Muftuhaan Baandii Goohaa kana keessatti nama Addaa tahuun baruma Dargii keessa Baandii hizb le hizb ( ህዝብ ለህዝብ ) jedhamu Seentee Finfinnee galte.

Aadde Maftuhaa Abbaas akkuma aadaa isii Baandii kana keessattiis Muuxannoo addaa garsiisuun ol-aantummaa isii mirkaneesite, osoo aadde Muftuhaa Abbaas haala kanaan jirtuu barri 1991 barri Bilisummaan Ummata Oromoo fooddaan as laalte Kan Abbaa fi ilmi osoo achi deemna hin janne Dirree qabsootti wal arku sun dhufe, walistoonni Oromoo kan Aartii Afaan Oromoo gudduuf Carraaqaa turanii gatii Afaan Oromoo Qarshii sagalitti gurgurataniis akka gaafa Sayyid Abiyyoo sanitti ABO karati afaan dhaqanii qeebalan, Qotee Bulaa Dibbichaa haadarratti dhiisee deemee fi Daldalaan Dukkaana banaa dhiisee karatti ABO afaan deemees heddudha, barri bara mahabbaan bilisummaa nama boojite sani.
Aadde Muftuhaa Abbaas fi Abbaan Mana isii obbo Muussaa Turkiitiis kan nama hunda Caalaa Jibbana habashaan Oromoo fi Aartii Afaan Oromootiif qabu beekan ABO tti dabalaman, Ogummaan isaanii Aartii Sirbaa tahuus amma dura ABO'n waan Mootummaa hin tahiniif kan mataa ifii eegu isaanuma, Sirba Cinatti Hidhannoon dabalamte jechuudha, Aadde Maftuhaa Abbaas nama duraaniis Ogummaa Ragadaa Fi Sirbaa qabu waan turteef akkuma miseensa taateen Leenjiftuu Hawwisoo Caffee Gadaa taatee filamte.

Sirboota Warraaqsaa kan walaloo isaa babbareedduu mimmi'ooytuu saniin miidhagsee qindeeysu hoggaa wallistoonni Sirbeen namni lulataan karaa qabsiisu aadde Maftuhaa Abbaas turte, yadaloo haaraya hatattamaan qophaayu hunda Aadde Maftuhaa Abbaas akka hatattamuma sanitti lulataan karaa qabsiiftu Jaallan isii kan arra Lubbuun jiran ija imimmaaniitiin dubbatan, aadde Maftuhaa Abbaas Shamarran Oromoo kanneen Qabsoo fi Aartii Afaan Oromoo keessatti hirmaatan keessaa nama tarree duraa irratti arkamu, aadde Abbaas sirbi warraaqsaa kan ifii qopheeysituus kan addaa ture, " DHA LEENCA BAROODEE OROMOODHAAF SIITU HADOODEE DIINNI SI GARRAAN NI GADOODE " sirba jedhu sirba arra Wallistoonni Dhiiraa wallisuun kan hanga ammaa hin moofawin akka fakkeenyaatti kaasuun ni dandayama, gama Biraatiin aadde Maftuhaa Abbaas nama Bashaasha taphataa fi amala gaarii qabu tahuu isiirraa kan ka'e hiriyoonni isii arralee gaddaan ibsan.

ABO'n if booda deebi'uuf dirqamnnaan miseensota waraanaatiifi misernsonni Hawwisoo hundi hanga dandayan qabsoo godhaniiti gargar bittinaahuuf dirqaman, kaan Diinaan boojiyameeti mana hidhaa seene, Kaan ni wareegame, Kaan biyya ollaatti Baqate, kan Bosonatti deebi'e, aadda warra jireenya isaa qabsoo sabaatiif haarayatti jiruu Bosonaa Mana Godhate keessaa tokko, amma jiruun sadoo haftee Qawwee fi Sirbi warraaqsaatiis waliini, aadde Maftuhaan waan duraan if qopheeysitee jirtuuf jiruun Bosonaa jiruu mana isiitiin adda itti hin taane, ABO'n biyya seenee akka Hangaasuu tti Ummataaf ibsuus yeroo gabaabaa booda diinaan dhiibamee biyyaa bahuun Hangaasuu Bilisummaa Naasutti jijjiirte.

Faca'insa kanaan walqabatee carraa dhumaa aadde Maftuhaa Abbaas warra Biyya ollaa Seenee keessa takka turte, aadde Maftuhaan Carraa Biyya sadaffaa arkachuun humaa itti hin fakkaanne, yeroo gabaabaa tti biyya seente, hundinuu hujii Rabbiitii Gootittiin bu'aa bahii Qabsoo Bilsummaa Oromoo hedduu keessa qaxxaamurtee Rasaasa Diinaarraa haftee Biyya Sadaffaa seente.

Aadde Maftuhaan Biyya England 'tti Bara 1996 Balaa Konkolaataa kan duubbeen isaa hin beekkaminiin duute.Gootittii teenya Rabbiin warra jannataa haa godhu..

Seenaan bara baraan isii yaadattu..

Ramadan Ahmed Aliyi

#

Uffataa Aadaa Oromoo Gujii.
25/04/2026

Uffataa Aadaa Oromoo Gujii.

Marqaa/Affeelama/Shuroo.
25/04/2026

Marqaa/Affeelama/Shuroo.

Kitaaba Obboo Dhugaasaa Bakakkoo===================≠================Yaada Gabaabaa: Afendi Muteki ====≠=================...
22/04/2026

Kitaaba Obboo Dhugaasaa Bakakkoo
===================≠================

Yaada Gabaabaa: Afendi Muteki
====≠======================

Dhaaba ABO (OLF) keessatti sadarkaa qabsaawaa qeenxee (single fighter) irraa kaasee Miseensa Waajjira Siyaasaa (Politburo member), bara 1992 keessa Hogganaa ABO Godina Bahaa, Bara 1994-1999 Hogganaa ABO godina kibbaa, bara 2000 G.C. booda miseensa Gumii Shanee ABO tahanii kan hojjatan Obboo Dhugaasaa Bakakkoo bara 2023 G.C. keessa kitaaba bu'aa-bahii qabsoo Oromoo fi Sochii ABO (OLF) irratti xiyyeeffate tokko maxxansanii jiran. Kitaabicha kana lammii Norwey kan tahan Professor Terje Østebø Fululbana 13-16 /2024 magaalaa Galamasoo hoggaa turan naaf kennanii jiran. Anilleen eegan dubbise booda yaada gabaabaa kana irratti barreesseetin jira.
-----
Kitaabichi kuni waan haarawa heedduu qaba. Dhaaba ABO ilaalchisee waan ifa nuuf nuuf hintahin baayyee ifa godhee jira. Keessaafuu jagnootaa fi qabsaa'ota Oromoo hedduu kan namni zabanaa irraanfachaa jiruuf beekkoomtii kennee maqaa isaanii fi hojii isaanii duubbatee jira.

Jaal Dhugaasaan gandootaa fi burqaalee gara-garaa kan ABOn keessa sosso'aa ture osoo hin irraanfatin waggaa heedduu boodaa takka takkatti yaadachuun isaanii akka malee nama dinqa. Taateewwanii fi gochaawwan gara garaatis osoo hin irraanfatin barreessuun isaanii nama ajaa'ibsiisa.

Kana malee Jaal Dhugaasaan dhugaa barressitootni gara-garaa dabsanii barreessan bifa haqaatiin barressuun isaanii nama gammachiisa. Fkn Elemoo Qilxuu, Ahmad-Taqii Sheekaa (Hundee), Bakar Yusuf, Colonel Mahdi Muhammad bara 1974 jalqaba irratti hoggaa qabsoo hidhannoo jalqaban dhaabni ABO/OLF/ jedhamu hin hundeeffamne. Dhaabni Eleemoo Qilxuu labsee qabsoo hidhannoo itti jalqabsiise "OOPLF" (Organization for Oromo People's Liberation Struggle) jechuun beekkama. Barreessitootni heeddhuun garuu dhugaa kana awwaalanii "Elemoo fi Hundeen Kan Qabsoo hidhannoo itti jalqaban dhaaba ABOti" jedhanii barreessaa turan.

Jaal Dhugaasaan ammoo dhugaa osoo hin awwaalin "Dhaabni Oromo Elemoo, Hundee fi kanneen biroo bara 1973/1974 daggala seenanii qabsoo itti jalqaban OOPLS jedhama. Isaatu booda ABO dhale" jechuun bareessanii jiran. Seenaan dhugaa isa kana. Kana dura hayyuun dhugaa kana ifatti barreesse Doctor Nagaasoo Gidaadaa qofa ture (Kitaabni Gadaa Melbaa dhaabni OOPLS jedhamu akka ture kaasee hundeeffamni isaa garuu du'a Elemoo fi Hundee boodaa akka tahe dubbata. Kuni dogoggora guddaadha).
------
Haa tahu malee kitaabni kun wantoota ciccimoo bara 2000 G.C. dura uumamanii fi kan nuti beekuu barabaadnu tokko tokko osoo hin dubbatin bira dabra. Fkn ABOn waraana isaa kaampii akka naqu akkamitti akka murtaawee fi kana keessatti shoora humnootni adda-addaa taphatan maal akka ture bal'isanii hinbarreessine. Wantoota gaafatamummaa fi ajaja Jaal Dhugaasaatin hojjataman jedhamanii dubbatamaa jiran tokko-tokko (fkn "IBSOn Oromiyaa keessatti akka hin dagaagne adamsanii balleessuu, namoota IBSO waliin hidhata qaban jedhamanii shakkaman dhabamsiisuu", IFLO bakka jiru hundatti itti boobba'uu, etc) osoo hin dubbatin bira dabra.

Akkasuma wajjiin Jaal Dhugaasaan hoggaa tokko-tokko odeeffannoo nuti haga ammaa dhagayaa fi odeessaa itti guddanne dhiisani odeeffannoo harawa barreesanii jiran. Fkn Nuti haga ar'aa akka beeynutti shamarreen yeroo jalqabaatiif WBOtti ida'amte " Saartuu Yuusuuf" jedhamti. (Nuuhoo Goobanaa sababaa ishiin shamarree jalqaba WBOtti ida'amte taateef jecha sirba baasee ishii faarse). Jaal Dhugaasaan garuu Shamarreen jalqaba WBOtti makamte "Qananii Muhammad" jedhamti" seenaa jedhu barreessanii jiran. Nuti akka beeynutti Jaal Raggaatuu Roobaa ABO keessatti "Haadha Buttaa" (Platoon Commander) turte. Jaal Dhugaasaan garuu "Haadha Cibbiraa taatee turte" jedhanii barreessan.

Bara Dargii keessa iddoon WBOn bara dheeraaf itti qabsaawaa ture Konyaa Habroo, Oborraa fi Gaara-Mul'ataa akka tahe nibeekkama..Jaal Dhugaasaan kitaaba isaanii keessatti Habroo fi Gaara-Mul'ataa itti dhiisaanii Arbaa Guuguu fi Asaboot bakka gudaa kennaniifii jiru. (Haabroo fi Arba Guuguun waan ollaa turaniif tokko isaanitti fakkaachuu mala. Arba Guuguu keessa sochii cimaan kan gad-geeffamme Ona Gulolchaatii. Aanaaleen kana irraa hafan diinaaf kan saaxilamanii fi qubattootaa waraana Minilik kan Shawaa Kaabaa irraa dhufan heedduun kan keessa jiraatan waan taheef sochii godhuuf akka Haabrootti mijjaa hinqaban)
-----
Eegan kana dubbadhe booda Jaal Dhugaasaa Bakakkoo yeroo isaanii fudhaatnii kitabaa seenaa kana barreessuu isaaniitiif galatoomfachuun barbaada. Kitaabichi dadhabina tokko tokko qabaatullee seenaa qabasoo Oromoo barachuu fi qorachuudhaaf haalaan barbachisaadha. Namootni Hogganootaa fi Qondaaltoota ABO, IBSO, IFLO, ATBO, OALF, OPDO, ONC, KFO turan kan birootis kitaabota walfakkaataa barreessanii dhaloota ammaa kana seenaa Qabsoo ummata Oromoo sirritti akka barsiisan waamicha isaaniif goona.
------
Afandii Muttaqii ( Afendi Mutaqi)
Galamso, Carcar, Harargee
Birraa 8/2017

21/04/2026

Daddaaysa. Bara 1969 A. L..H
Oromo,Harar, Ethiopia

21/04/2026

Barreessituu fi gaazexeessituu Yeshewalul Mengistu bara 1964 E C Hararitti gaazexeessaa, barreessaa walaloo fi barreessaa baandii Afran Qeeloo beekamaa Abubakar Muusaa, akkasumas hundeessaa fi leenjisaa olaanaa baandii kanaa waliin sagantaa raadiyoo Afaan Oromoo irratti hojjataa turtei.

Sagantaa Raadiyoo isaan irratti hojjetan keessaa diraamaan raadiyoo "Jaarti hinaaftu" (Haadha manaa Inaaftuu) jedhu yeroo sanatti jaallatamaadha.

Vedio 👇 kun Dirraamaa sani irraa khan fudhatamee

#ድሬዳዋ

The Legend Artist Haacaaluu Hundeesaa.
19/04/2026

The Legend Artist Haacaaluu Hundeesaa.

 #ድሬዳዋ - 1929 ዓ.ምThe streets of modern     in 1937Street scenes, markets, bookseller, traffic police and administrative ...
19/04/2026

#ድሬዳዋ - 1929 ዓ.ም

The streets of modern in 1937

Street scenes, markets, bookseller, traffic police and administrative HQs in Dire Dawa in 1937

Key German search term - 'Dire Dawa'

Deutsche Fotothek/German Photo Library/Troll, Carl Photographs:
https://www.deutschefotothek.de

Oromoo Maccaa =====================================Oromoon Maccaa balbala shan qaba. Isaanis:-1. Liiban, 2. Guduruu, 3. ...
17/04/2026

Oromoo Maccaa
=====================================

Oromoon Maccaa balbala shan qaba. Isaanis:-
1. Liiban,
2. Guduruu,
3. Jaawwii,
4. Daallee (Daadhii) fi
5. Jidda.

1. Warra Liiban - Isaan kun warra angafa Oromoo Maccaati. Liiban kun gosoota sadii qaba: Walisoo, Ammayya fi Kuttaayee jedhamu. Ilmaan Liiban qubsumaan amma kan jiraatan godina Shawaa lixaa fi Sh/K/L keessa. Sirni Gadaa Oromoo Maccaa ilmaan Liibaniin durfamu Odaa Bisil kan naannawaa magaalaa Ijaajjiitti argamu jalatti ta'ama ture.

2. Warra Guduruu - isaan kun baldhinaan godina H/G/W keessa jiraatu. Guduruun sagal jedhama. Akkasumas sirna Gadaa Oromoo Maccaa kan Odaa Bisil Godina Shawaa Lixaa Aanaa Illuu Galaanitti argamuun alatti Odaa Bulluq kan jedhamu jalatti bulaa turan Warri Guduruu.

3. Warra Jaawwii - Isaan kun Oromoota Maccaa ilmaan Jaawwii warra laga Abbayyaa gamanatti irra jireessaan godina Wallagga Bahaa aanaalee akka Giddaa, Kiiramuu, Eebantuu, Limmuu Galiilaa, Amuuruu faa keessa jiraatan akkasumas Oromoota Gojjam (Aanaa Jaawwii, Buree) fi Matakkal faa keessa jiraataniidha.

4. Warra Daallee (Daadhii) - isaan kun oromoota maccaa keessaa warra baayyeedha. Isaan kun qubsumaan godinaalee afur keessatti argamu. Godina Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Booraa (Buunnoon kan Tummee, Tummeen Kan Daallee), Sayyoo (Qellem Wallaggaa), Leeqaa (Wallagga Bahaa, warra Gomboo (Wallagga Lixaa) fi kkf keessa jiraataniidha. Ilmaan Daallee 7.

5. Warra Jiddaa - isaan kun oromoota maccaa qubsumaa fi jireenyi isaanii laga Gibee waliin walitti hidhateedha. Walumaagala warra Jiddaa kan jedhaman warra Jimmaa fi Gibee Gamaati. 5G warra jedhan sana jechuudha."

Galatooma!

#

SEENAA GABAABDUU QONDAALA ADDA ISLAAMA BILISUMMAA OROMIYAA JAALSEEYFUL ISLAAM /MOHAMMED ABDOO===========================...
16/04/2026

SEENAA GABAABDUU QONDAALA ADDA ISLAAMA BILISUMMAA OROMIYAA JAAL
SEEYFUL ISLAAM /MOHAMMED ABDOO
====================================

Maqaan dhalootaa kan warri moggaaseef Mohammed jechuun beekkama. Dhaaba Adda Islaama Bilisummaa Oromiyaa/IFLO /keessatti Seeyful Islaam jechuun beekkama. Seeyful Islaam akka lakk. Warra Awroopaatti bara 1957 keessa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa Magaalaa Hardiimitti Abbaa isaa Abdoo Umarii fi Haadha isaa Faaxumaa Yuusuf irraa dhalate. Seeyful Islaam dargaggoota sabboonta Oromoo kan Gubbaa Qorichaatti gaafa Elemoo Qilxuu bosona Carcar seenu Elemotti dhiyaatee sabboonummaa shurufkeefate keessaa nama tokko ture.

Haalli Sirna Nugusoota habashaa kan dhukaasa Elemoo faa booda Sabboontota Galamsootii fi naannoo sanii hadheesse, Sabboontota Oromoo hedduu anaannachiseeti qabsoof murachiise. Haala kanaan hidhannnoo Diina kanaan ifirraa kaafnu barbaaddachuu qabna jedhanii murteefatan. Murtee tanaan Seeyfula Islmaa fi waahelloonni isaa hidhannoo barbaada gara Somaaliyaa deemuuf murteefatan. Seeyful yeroo tana bultii jaarratee Abbaa joollee lamaati. Haatahuu garuu, Seeyfula Islaam kan gochi diinaa garaa madeesse akka lakk.warra Awroopaatti bara 1974 jechuuniis baruma Elemoo Qilxuu faan qabsoo eegalanii wareegaman kana waaheloota isaa wajjiin hidhannoo barbaada gara Somaaliyaa qaceele.

Yeroo san Sabboontota Oromoo hedduutu hidhannoo barbaada Somaale Galbeeditti dabalamee leenjii loltummaa gayaa fudhate. Seeyful Islaamiis akkuma Sabboontota Oromoo kanneen birootti hidhannoo arkachuuf Waraana Somaale galbeeditti dabalame. Seeyful Islaam hedduu nama goota, sabboonaa fi murataadha. Haala kanaan yeroo gabaabduu keessatti ajajaa murna guddaa tokkokoo tahee filame. Murna hogganu kana lolchiisaa fi hogganaaniis isa.

As jiddutti Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa mana hidhaa Somaaliyaarraa bahee, gara Oromiyaa deebi'ee qabsoo eegale. Mootummaan Somaalee duraanuu Sabboontota Oromoo kana shakkii guddoo irraa qabdi. Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa gara Oromiyaa deebi'ee qabsoo eegaluun, shakkii duraan Sabboontota Oromootii fi Waraana Somaalee jidduu jirtu daran hammeesite. Dubbiin shakkii qofatti hin dhaabbanne. Hidhannoo walitti garagalfataniiti wal-waraanutti dabran.

Gaafa san Sheekh Ibraahim Bilissaa Waraana guddaa Somaaliyaa keessaa qaba. Kaampii Waraanaa guddoo takka Magaalaa Hargeessaa keessaa qaba. Waldiddaan hamtuun Sabboontota Oromootii fi Waraana Somaale-Galbeed jiddutti dhalannaan, Seeyful Islaam faan Somaale-Galbeed gadhiisaniiti Magaalaa Hargeessaatti Sheekh Ibraahim Billissaa bira dhaqan. Sheekh Ibraahim Billissaa Sabboontota Oromoo kan Somaale-Galbeed gadhiisee isa bira dhaqe harka lamaan qeebale.

Seeyful-Islaam faan hoggaa mooraa Sheekh Ibraahim Billissaa seenan haarayatti leenjii Waraanaa fudhtan. Kaayoon isaanii gara Oromiyaa deebi'anii Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa qunnamuudha. Sheekh Ibraahim Billissaa akka Oromiyaa seenanii Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa qunnaman duraan itti hime. Haala kanaan Sabboontonni Oromoo kan Somaale-Galbeeditti dabalamee leeniii waraanaa fudhate, walduraa duubaan bosona Oromiyaa seenee S.Jaarraa Abbaa Gadaa qunnamuuf murteesse.

Haaluma kanaan Sheekh Abdurahmaan Yuusuf/Bobbaasaa Turaa/ tii fi Mohammed Abdullaa Jaamii faan Waraana nama 400 gayu fidhatanii Oromiyaa seenanii S.Jaarraa Abbaa Gadaa qunnaman. Marsaa lammaffaa Seeyful Islaam, Mohammed Abraahim fi Aliyyii Guutoo waraana 1300 gayu fudhtanii Bosona gobeelleetti S. Jaarraa Abbaa Gadaatti dhufan. Seeyful Islaam hoggaa dura Dhaaba Adda Islaama Bilisummaa Oromiyaa/IFLO/ tti dabalamu ahajaa Waraana Buttaa tokkoo tahee ramadame. Buttaan Seeyful Islaam hogganu Buttaa Abaadir jechuun beekkama. Buttaan Abaadir kan Seeyful Islaam hogganu buttaa Naannoo Haramaayaa Karrotti miseensota Isapaatii Waraana Dargii irra deemee irraa geerare sani.

Seeyful Islaam hoggaa xiqqo dhaaba keessa bubbulu gootummaa isaa tan daangaa hin qabneen, Ajajaa waraana Walii galii galaa Adda Islaama Bilisummaa Oromiyaa/IFLO/ tahee filame. As booda shimbirroon bosona gobeelleetii fi dhagaa Gaachenaa jidduu barartu Angoo waraanaa Seeyful Islaamiin hordofamti jechuudha. Seeyfula Islmaa Waraana Adda Islaama Bilisummaa Oromiyaa hogganuun akkuma Waraana mootummaa dargii hara galfata dhoorketti, bara 1991 yeroo Biyya seenaniis waraana wayyaanee bobbaa fi gala dhoorke. Hariiroo inni hogganaa dhaabaa S.Jaarraa Abbaa Gadaa wajiin qabu tan addaati. S.Jaarraa Abbaa Gadaa ofiifuu kan nama goota jaalatu. Nama akka Seeyful Islaam ammoo jaalachuu qofaamitii sabaaf abdata.

Seeyful Islaam eega qabsoof bosona seene qabsooytuu fi wallistuu dhaabaa Ashaa Riduwaan wajjiin bultii jaarratee ilmaaniis horatee qaba. Seeyful-Islaam hoggaa Oromiyaa seenan Waraana Adda Islaama Bilisummaa Oromiyaa kan firiin lama of-duuba hin deebine kuma kumaan leenjise. Tanaatu Wayyaanee maaliif nu uumte jechisiise. Haatahuu malee IFLO'niis akkuma ABO'tti waan meeshaa waraana dargii hin saammatiiniif gara bosonaa deebi'uuf dirqamte. Eega bosonaa deebi'aniis akka lakk. Awroopaatti hanga bara 1996 mudhii hidhatee waraana lolchiisaa ture.

Boodarra garuu Seeyful Islaam gara Biyya ollaa Somaliland, Magaalaa Hargeesssaatti baheeti, Sooreysaan yamanitti walqunnamaa biyya keessatti waraana hogganaa tue. Akka lakk. Awroopaatti 2000 booda wayyaaneen miila dheerefattee caasaa isii biyya ollaa hunda keesa facaafte. Biyyoota isiin maadheefatte keessaa takka Somaliland biyya Seeyful Islaam keessa jiraatu. Seeyful Islaam nama wayyaaneen adda-durummaan barbaaddu. Seeyful Islaam kan qabsoo malee gara biyya sadaffaa deemuuf fedhii hin qabne, Hargaassaa keessatti xiyya wayyaanee keessa bu'e.

Haala kanaan wayyaaneen akka lakk Awroopaatti bara 2006 keessa Seeyful Islaam ukkaamsitee fuute. Akka carraa tahee aniis yeroo san Hargeessaan ture. Yeroo tana qabsooytuu fi wallistuun dhaabaa Haati mana isaa Aadde Ashaa Riduwaan nutti himtee xalayaa iyyata baqattummaa barreesseefii UN'tti galchineef. Seeyfula Islmaa tattaafii jabduun ilkee wayyaaneerraa akka hafu taasifame. Akka lakk.Awroopaatti bara 2018 jijjiirama mootummaa Itoophiyaatiin Seeyful Islaam Waaheloota isaa Jamaal Abraahim /Jamaal Kaarruu / faa wajjiin gara biyya isaa Oromiyatti gale.

Seeyful Islaam eega gara biyyaa gale isaafi waaheloonni isaatiis nagayaan jiraachaa turan. Haatahuu malee gootichi ibidda diinaa meeqarraa hafe Seeyful Islaam guyyaa dheengaddaa jechuuniis guyyaa salaasaa Waxabajjii 18, 2024 iddoo dhaloota isaa Magaalaa Hardiimitti du'aan Addunyaarraa godaanee jira. Seeyful Islaam Abbaa joollee dhiiraa 4 fi dhalaa 8 qaba. Walii gala ilmaan 12 qaba. Rabbiin maatii fi firoottan isaatiif jajjabina haa kannu. Akkasumaas jaallan isaatii fi sabboontota Oromoo hundaaf Rabbiin jajjabina haa kannu.

Jemal Ahmed
Waxabajjii 20, 2024

Suuraan asii gaditti mul'attu tun Markaboota / Dooniilee / Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa faan bara 1970'moota keeysa Yama...
16/04/2026

Suuraan asii gaditti mul'attu tun Markaboota / Dooniilee / Sooreysi Jaarraa Abbaa Gadaa faan bara 1970'moota keeysa Yamanirraa gara Soomaaliyaa ittiin dhufan.

Barri 1960'moonni bara Oromoon barate harki caalu eenyummaa isaa lagatee bu'aa filatee fi hawaasni Oromoo abdii kutate ture. Haa tahuu malee goototni hin goomne osoo sabni keenya haala kana keeysa jiruu sadoo maal barbaanna je'ee muratee wareegama sabaatiif of-qopheeyse hedduudha.

Isaaniis gootota akka Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Mohammed Umar Qaadii, Abdushakuur Sheekh Ibraahim, Ustaaz Mohamuud Umar Bookhee, Haaji Husseen Suuraa, Abdullaahii Luungoo, Shantam Shubbisaa, Tuulee Muummad Watar / Khoosum/, Moluu, Eessee fi hundeeysitoota Adda Bilisummaa Oromoo miseensota qeeyroo ganamaa akkuma walii galaatti.

Goototni murattoonni Oromoo kun akka lakka warra lixaatti bara 1969 Biyya Soomaaliyaa Magaalaa Maqdashootti Adda Bilisummaa Oromoo hundeeysaniiti leenjii waraanaatiif deeggarsa Elemoo Qilxuutiin gara biyya Yaman imalan. Hooggaa leenjii xumuratanii mi'a waraanaatiis deeggarsa hanga tokko arkatan, mootummaan Itoophiyaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti biyya Yaman diina kiyya leenjifti jattee komannaan mootummaan Yaman akka gad-dhiisanii bahan itti himte.

Haala kanaan addaan walfuudhanii xiqqaa tokko Elemoo Qilxuu biratti dhiisan. Murna miseena 36 of-keeysaa qabu Sooreysi Jaarraa Abbaa fudhateeti qabsoo hidhannoo eegaluuf Markaba xiqqaa / doonii / qabatee kaayoo isaa galmaan gayuuf galaana Hindii seene. Hoggaa Doonii tanaan dhiibachaa qarqara Somaaliyaa Buufata barbaraa / Buloo-Har / gayan, gaala Abdullaahii Luungoo qopheeyseef osoo hin tahin waraana Somaaliyaatu isaan eege. San booda mana hidhaa mandheeratu bara 5'niif isaan keeyssumeeyse. Seenaa tana bal'inaan Kitaaba Seenaa Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa keeysatti dubbiftan.

Suuraa tana Qeerroo Bilisummaa Oromoo tu bara 2020 keeysa naa erge. Asumaanuu galatoomiin siin ja'a dhiira tiyya

Markaba Jaarraa Abbaa Gadaa faa kan Yamanirraa Somaaliyaan seenan.

Warra addunyaarraa deeme Rabbiin jannataan isaan haa qananiisu. Warraubbuun jiru Rabbiin umrii isaan haa dheereysu.

Jemal Ahmed
April 9, 2026

Address

Labu
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo-Space posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Oromo-Space:

Share