26/04/2026
SEENAA QABSOOYTUU FI WALLISTUU
MAFTUHAA ABBAAS
====================================
Aadde Maftuhaa Abbaas Baha Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Dadar'tti Bara 1960ta gara duraa Abbaa isii Obbo Abbaas Mohammed fi Haadha isii aadde Makkiyaa Alii irraa dhalatte.
Aadde Maftuhaa Abbaas yeroo Umriin isii Amata jaha gayu Obboleeytiin isii tan isiirra guddoo tan Magaalaa Dirree Dhawaa jiraattu fudhattee Dirree Dhawatti galchite; aadde Maftuhaan Nama Uumamaan qaroo waan turteef Joolummaa isiitiin Magaalaa Dirree Dhawaa tti Warshaa Uffataa kan Kottoonii jechuun beekkamu seente, osuma naa qaroo taatee hojjataa jirtuu fi Ogummaa Addaatiis horachaa jirtuuti Baandii jedhamu tan Bara Dargii Magaalaa Harar turte Seentee Wallastuu fi garee Ragadaa ( Lulataa tahuun itti fufte, Baruma kana Mana isii Qabsaawaa fi wallisaa Obbo wajjiin Bultii jaarte, Aadde Muftuhaa Abbaas Abbaa Maba isii Obbo Muussaa Turkii wajjiin intala takka qabdi, yeroo ammaa kana lubbuun jirti, fakkii gootittiin Oromoo saba isiitiif bakka buufte Rabbiin Umrii haa dheereysu jenna.
aadde Muftuhaan Baandii Goohaa kana keessatti nama Addaa tahuun baruma Dargii keessa Baandii hizb le hizb ( ህዝብ ለህዝብ ) jedhamu Seentee Finfinnee galte.
Aadde Maftuhaa Abbaas akkuma aadaa isii Baandii kana keessattiis Muuxannoo addaa garsiisuun ol-aantummaa isii mirkaneesite, osoo aadde Muftuhaa Abbaas haala kanaan jirtuu barri 1991 barri Bilisummaan Ummata Oromoo fooddaan as laalte Kan Abbaa fi ilmi osoo achi deemna hin janne Dirree qabsootti wal arku sun dhufe, walistoonni Oromoo kan Aartii Afaan Oromoo gudduuf Carraaqaa turanii gatii Afaan Oromoo Qarshii sagalitti gurgurataniis akka gaafa Sayyid Abiyyoo sanitti ABO karati afaan dhaqanii qeebalan, Qotee Bulaa Dibbichaa haadarratti dhiisee deemee fi Daldalaan Dukkaana banaa dhiisee karatti ABO afaan deemees heddudha, barri bara mahabbaan bilisummaa nama boojite sani.
Aadde Muftuhaa Abbaas fi Abbaan Mana isii obbo Muussaa Turkiitiis kan nama hunda Caalaa Jibbana habashaan Oromoo fi Aartii Afaan Oromootiif qabu beekan ABO tti dabalaman, Ogummaan isaanii Aartii Sirbaa tahuus amma dura ABO'n waan Mootummaa hin tahiniif kan mataa ifii eegu isaanuma, Sirba Cinatti Hidhannoon dabalamte jechuudha, Aadde Maftuhaa Abbaas nama duraaniis Ogummaa Ragadaa Fi Sirbaa qabu waan turteef akkuma miseensa taateen Leenjiftuu Hawwisoo Caffee Gadaa taatee filamte.
Sirboota Warraaqsaa kan walaloo isaa babbareedduu mimmi'ooytuu saniin miidhagsee qindeeysu hoggaa wallistoonni Sirbeen namni lulataan karaa qabsiisu aadde Maftuhaa Abbaas turte, yadaloo haaraya hatattamaan qophaayu hunda Aadde Maftuhaa Abbaas akka hatattamuma sanitti lulataan karaa qabsiiftu Jaallan isii kan arra Lubbuun jiran ija imimmaaniitiin dubbatan, aadde Maftuhaa Abbaas Shamarran Oromoo kanneen Qabsoo fi Aartii Afaan Oromoo keessatti hirmaatan keessaa nama tarree duraa irratti arkamu, aadde Abbaas sirbi warraaqsaa kan ifii qopheeysituus kan addaa ture, " DHA LEENCA BAROODEE OROMOODHAAF SIITU HADOODEE DIINNI SI GARRAAN NI GADOODE " sirba jedhu sirba arra Wallistoonni Dhiiraa wallisuun kan hanga ammaa hin moofawin akka fakkeenyaatti kaasuun ni dandayama, gama Biraatiin aadde Maftuhaa Abbaas nama Bashaasha taphataa fi amala gaarii qabu tahuu isiirraa kan ka'e hiriyoonni isii arralee gaddaan ibsan.
ABO'n if booda deebi'uuf dirqamnnaan miseensota waraanaatiifi misernsonni Hawwisoo hundi hanga dandayan qabsoo godhaniiti gargar bittinaahuuf dirqaman, kaan Diinaan boojiyameeti mana hidhaa seene, Kaan ni wareegame, Kaan biyya ollaatti Baqate, kan Bosonatti deebi'e, aadda warra jireenya isaa qabsoo sabaatiif haarayatti jiruu Bosonaa Mana Godhate keessaa tokko, amma jiruun sadoo haftee Qawwee fi Sirbi warraaqsaatiis waliini, aadde Maftuhaan waan duraan if qopheeysitee jirtuuf jiruun Bosonaa jiruu mana isiitiin adda itti hin taane, ABO'n biyya seenee akka Hangaasuu tti Ummataaf ibsuus yeroo gabaabaa booda diinaan dhiibamee biyyaa bahuun Hangaasuu Bilisummaa Naasutti jijjiirte.
Faca'insa kanaan walqabatee carraa dhumaa aadde Maftuhaa Abbaas warra Biyya ollaa Seenee keessa takka turte, aadde Maftuhaan Carraa Biyya sadaffaa arkachuun humaa itti hin fakkaanne, yeroo gabaabaa tti biyya seente, hundinuu hujii Rabbiitii Gootittiin bu'aa bahii Qabsoo Bilsummaa Oromoo hedduu keessa qaxxaamurtee Rasaasa Diinaarraa haftee Biyya Sadaffaa seente.
Aadde Maftuhaan Biyya England 'tti Bara 1996 Balaa Konkolaataa kan duubbeen isaa hin beekkaminiin duute.Gootittii teenya Rabbiin warra jannataa haa godhu..
Seenaan bara baraan isii yaadattu..
Ramadan Ahmed Aliyi
#