14/02/2025
"Jilli Pirezidaantii Kaawunsilii Dargaggoota Muslima Itoophiyaa Ustaaz Hayidar Kadiriin durfamu magaalaa Jimmaa seeneera.
Jimmaa, Guraandhala 7/2017
Jilli Pirezidaantii Kaawunsilii Dargaggoota Muslima Itoophiyaa Ustaaz Hayidar Kadiriin durfamu Magaalaa Jimmaa seeneera.
Jilli kun wayita buufata xiyyaara Jimmaa Abbaa Jifaar seenu Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Jimmaa Sheekh Muhammadamiin Tamaam fi Pirezidaantii Majlisa Godina Jimmaa Sheek Hamzaa Sheek Muhammadnuur, ulamaa'ota, manguddootaafi dargaggootaan simannaan ho'aan tasifameera.
Jilli kun turtii isaa magaalaa Jimmaa kanaan hawaasa muslimoota magaalattii waliin marii bal'aa ni godha jedhamee eegama."
Source: Majlisa Magaalaa Jimmaa irraa!