Afoomoo

Afoomoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Afoomoo, Arts and entertainment, She get, Gimbi.

Yaadadhu!1 jedhi3 immoo hin jedhin!Nama jabaa qofatu adda baasa!
03/03/2026

Yaadadhu!
1 jedhi
3 immoo hin jedhin!
Nama jabaa qofatu adda baasa!

https://www.facebook.com/share/1Hub58HciT/
24/01/2026

https://www.facebook.com/share/1Hub58HciT/

Kitaabni hayyummaan katabame shelf irratti oldeebifama! Maaliif?

Dubbiin kitaabaa erga 'midira tivozoo' ta'ee bubbuleera. Dura rakkoon akkanaa uumamuuf akka jiru dubbachaa turre. Kitaabni beekumsaan waan barreeffameef bitamaa hinjiru. Waan namoonni harka rukuttoota (tivozoo) qabaataniif gurguramee, warra tivoozoo hinqabnee biratti immoo hingurguramin hafa.

Kitaaba beekumsaan badhaadhe barreessitee maxxansitee galtee walirra naqxee mana keessa. Namni bitu hinjirukaa. Kitaabuma copha beekumsaa hinqabne immoo barreessitee 'tifoozoo' horattee asbaanaan qarshii miliyonaan harkiftee galta! Kitaabatti barreessuu keeyyuu deebitee hinyaadattu! Kaayyoon kankee milkiin goolabameerakaa_waa coccorachuu!

Waan harra mudate jedhames kanuma. Prof. Tasammaan beekumsa qabu malee tifoozoo hinqaban. Kanaaf galma duwwaa keessatti kitaabni eebbifame. Ta'us kitaaba dhaloonni borii ittiin qaramutu barreeffame. Prof hojii isaan irraa barbaadamu hojjetaniiru. Yuunvarsiitiin keenyas gamasaan waan danda'u godheera. Isaafis beekamtiin haakennamu. Dhaloota dubbisuu didemmoo Waaqayyo hafuura adoodummaa kana akka irraa kaasu kadhachuufiidha.

Dhaloota tifoozoon mataan adooche kana qofaa komachuus miti. Kitaaba albuudha beekumsaan tumsame kana yuunvarsiitiileen Itoophiyaa bituuf karoora qabuu? Biiroon barnoota Oromiyaahoo? Mannneen kitaabaa Itoophiyaa keessa jiru qofti kitaaba kana 10 10 yoo bite Miliyonni tokko gurguramee hindhumuu? Dhaloota qofaa miti hundumatu karaarraa maqee jira. Dhugaa dubbannee lafa aduun dhiifte bulla! Dhaloonni dubbisuu dhiisus, Dhaabboleen barnootaa keenya kitaaba balfanis hayyuun kitaaba barreessuu itti fufa; inni yoomuu abdiin hinkutu.
Harraaf kanuman jedha!
Fedhasaa Taaddasaa

11/11/2025

Baalee fi Baaliyyoo

Miira Wal makaa, Kan Ammaaf isa egereeCaccabaa unkutaa'aa, isa manaaba cireeHalàala ilaalanii, mi'eessituu  galgalaaKuus...
28/07/2025

Miira Wal makaa, Kan Ammaaf isa egeree
Caccabaa unkutaa'aa, isa manaaba ciree
Halàala ilaalanii, mi'eessituu galgalaa
Kuusaa bor abdii barii, dilbiisaafan maggalaa.
As dhufii warra keenyaa, Ituu ilma Baareentuu
Mucucoon mucaa hin qabuun, qacceedha sanyiisaatu.
Guddaa akka gaaraa, bal'aa akka galaana
Tokkicha maqaa maraa, Waaqa guddaadhaaf lannaa.
Gargaaraa Saba bal'aa , gooftaa abdiidhaaf samii
Hundumaaf si waamannaa, ati UTUBAA nuuf ta'ii.

24/06/2025

Discover the Power of Nature – Feel the Difference! 🌿
100% Herbal Bar Soap – Handcrafted with Care

🧪 Lab-Tested | Skin-Safe | All-Natural Oils

---

✅ Trusted by 1,500+ satisfied customers in Addis Ababa
✅ Made with traditional Oromo herbal ingredients
✅ Smooths skin, fights germs, and leaves a fresh scent that lasts

🎁 FREE Mini Soap Sample with every purchase – Limited this week only!
💚 Suitable for all skin types – even sensitive skin.

📞 Call: 0926 793 359 | 📍 Visit: Merkato Stall #14
📦 Also available for delivery – Just message us on Telegram!

---

🕒 Hurry – Only 100 bars available this week!

Xinxalaa siyaasaa Jawar mohammedImaammanni haaromsa diinagdee maakroo mootummaan labse rakkoo diinagdee Itiyoophiyaa ni ...
31/07/2024

Xinxalaa siyaasaa Jawar mohammed

Imaammanni haaromsa diinagdee maakroo mootummaan labse rakkoo diinagdee Itiyoophiyaa ni fooyyessa moo hammeessa kan jedhu irratti xiinxala cimaa akka godhanii fi falmii cimaa irratti akka bobba’an ogeessota damee kanaatiif dhiisa. Haa ta’u malee, ilaalcha nama idileetiin illee wanti tokko ifaadha: nageenya osoo hin fooyyessin jijjiiramni imaammataa kamiyyuu bu’aa barbaadamu argamsiisuu hin oolu.

Fakkeenyaaf, invastimantii kallattiin alaa (FDI) dabaluu kaayyoowwan ijoo jijjiirama imaammataa keessaa tokko ta’uun himama. Haa ta’u malee, tarii harka sadii keessaa lama biyyattii sababa waraana sivilii deemaa jiruun nageenya dhabee osoo jiruu, namoonni biyya alaa balaa invastimantii fudhachuuf fedhii akka qaban tilmaamuun nama rakkisa. Haaluma walfakkaatuun al-ergii guddisuun milkaa’ina haaromsa kanaaf murteessaa ta’ee dhiyaateera. Ta’us meeshaaleen al-ergii keenya hedduun kanneen akka oomishaalee qonnaa fi albuuda walitti bu’iinsa amma deemaa jiruun akka malee miidhamaniiru. Kanarraa ka’uun, dhangala’aa FDI fi heddummina al-ergii lamaan isaanii dabaluunis nageenya osoo hin fooyyessin kan hin argamne ta’a.

Dhiibbaan waraana biyya keessaa mootummoota naannoo gurguddoo lamaan keessatti uumame sochii dinagdee daangaa isaanii keessatti qofa osoo hin taane geejjibni meeshaalee naannolee walitti dhihoo tasgabbaa’oo ta’an irraas gufachiisaa jira, sababiin isaas yeroo baay’ee daandiiwwan naannoo waraanaan miidhaman keessa darba. Kana malees, naannoleen lamaan kun magaalaa guddoo biyyattii marsanii waan jiraniif, waraanni kun dhangala’aa meeshaalee gara wiirtuu industirii fi faayinaansii keessa seenanii fi ala jiran jeeqaa tureera.

Kanaafuu, haaromsi imaammataa qofti diinagdee Itoophiyaa haaromsuuf gahaa waan hin taaneef, mootummaa fi abbootiin liqii isaa walitti bu’iinsa hidhannoo adeemsifamaa jiru furuu fi hiikuun nageenya deebisuuf dursa kennuun murteessaadha.

05/06/2024

GAAFTOKKO HIMTA!
Nagumaa attam jirtu yooyyaa harka fuune
Baga wal agarre hundumtuu jiraannee
Bara nagaaf hamaan wal faana hiriiru
Bara dhalli namaa du’aaf yaada hiru
Jiraachuu kan caale dhugaadha hinjiru
Tarii komee qabdaa beenyaa eegde dhabdee
Baay’ee gaggaafattee dheebuudhaan gaggabdee
Qabde kan fakkaates baallee sirkaa baasee
Ifni dimimmisee dukkanni ija baasee
Abdiin qabda turte calii cite ta’ee
Nagaan kee saamamee gammachuun jiita’ee
Gooliin golee arfanii sirkatti ititee
Dhiyaachuuf kan male maayila fagaatee
Maddi silaa argamee dachaan siif mirgisu
Akka copha manaa yommuttii dhimisu
Guci ifakee dhaamee dukkanni damboobee
Maaddiin itti hiixattu duwwaatti firoomee
Isa yaadde dhabdee keessummaan danoomee
Hammaarrachuuf dhaqxee tokko yoo dhabame
Cinaachayyuu dhabdee lakkuun kan siif malu
Gola keetii burqee ormaaf yoo calalu
Sanyii gaarii filtee giixoon yoo biqile
Inni bitaaf mirgaa dachaan yoo sicaale
Ijaaramaan qabdu diigamaa adeemee
Dhugaan kee yuyyoftee sobnis yoo garmaame
Ati abdii kuttee hinsissiqin teellaa
Bor quuftee nyaachuudhaaf har’a obsi beela
Beekta biyyi lafaa madaalliinsaa jal’aa
Isa tokko ol kaasee kaan buusa gajjallaa
Haallikee inni borii caalmaa yoo hadhaa’e
Jiraachuu dadhabdee du’aan yoo siga’e
Bu’aan dhagna keetii hir’achuun yoo ta’e
Ija irraa hinbuqqisin Gooftaa isa siif du’e
Yesusiin ilmasaa tokkicha marartee
Cubbuu nurraa dhiquuf aarsaaf erga laatee
Dhufa mootummaasaaf erga nuwaammatee
Akka boonyu hingodhu kan malu dhowwatee
Uumuudhaaf fayyisuun Waaqayyoof wal qixa
Tokkoof gaarii ta’ee tokkoof miti hammaataa
Inni hundumaaf du’e hoolichi faasikaa
Faanasaa hordofi galmakeen siga’a

Maqaa sitti hintolin sirratti caafame
Inni sirraa kaasee ittiin fannifame
Mataan warra mo’anii hangafni du’aa ka’uu
Herrega kee, isa buusa gatiinkee gadi hinta’u
Hinqabaatin yaaddoo lapheenkee raafamee
Jireenya isa caaluuf waa’eenkee yaadamee
Hin ta’u carraan kee, dhadhaa abidda bu’e
Dafqi hojiisaaf buufte, dhiigasaan barraa’e
Hojiin ati hojjette gaaftokko ilaalamaa
Abiddattti nam’ee isaanis qorama
Hingubatin hafee yoo keessa siif darbee
Congratulation carraa siqaqqabee
Inni hojjette baga, kan siif malu galata
Kan didde hoo maaliif gaaftokko ni himta
Sekoondii sekoondiin yeroo dabarsite
Gaaftokko ni himta, teessoo hangafa lubootaa Yesus dura dhaabattee
Isa darbe dhiisi garuu irraa baradhu
Maal hojjechuun qabaa qalbiisaa horadhu
Wangeela ceesisuuf erga miila hintaanee
Wanti hafu maali ati utuu hindhalannee
Deemsakee ilali nifiigda moo ni (in) ciiftaa
Kanas ta’u sana, waan har’a hojjette gaaftokko ni himta!
Eebbaa Tasfaa (W/Lixaa, Gimbii)

12/04/2024

Shamarran Oromoo! Jabduu!
Asteer Gannoo (1872 - 1964) dubartii Macaafa Qulqulluu Onesmoos Nasib wajjin ta'uun Afaan Oromootti hiiktee. Macaafni Qulqulluun kunis bara 1899tti maxxanfame.

Asteer bilisummaa keessatti kan dhalatte yoo ta'u booda garuu mootii Limmuu Inaariyaattin gabrummatti gurguramte. Bara 1886tti dooniin Ixaaliyaa bidiruu ishiin itti fe'amtee gurguraaf gara biyya Arabaatti geeffamaa turtee qabee bilisa ishii baasan. Achiis gara Eertiraa ishii geessan; achitti manni barnoota wangeelaa Imkulluu kan Iswiidinootan geggeeffamu ishii fudhate. Asteeris mana barumsaa kanatti baratte. Onesmoos Nasib batalummatti Asteer kennaa sammuu fi jaalala Afaan Oromoo akka qabdu bare. Ishiittis galmee jechootaa Afaan Oromo (Oromo dictionary) akka qopheessitu dirqamni kennameef. Galmeen jechoota kunis hiikaa Kakuu Haaraa Macaafa Qulqulluu kan bara 1893 maxxanfamerratti faayidaarra oole.

Asteer kitaaba waa'ee Mcaafa Qulqulluu (book of Bible stories) Afaan Oromootti hiiktee. Akkasumas hiiphoo Afaan Oromoo 500 ta'an, mammaaksa, oduu durii fi faaruu/weedduu walitti qabdee bara 1894 maxxansite. Boodarrammoo Onesmoos wajjin macaafa weedduu/faaruu Afaan Oromoo qopheessurratti hirmaatte. Arén akka barressetti kuusaan aadaa ishiin walitti qabde baayyeen isaa kan hin maxxanfamne akka ta'ee fi maatii HYlander harka olkaawwamee akka jiru dubbate.

Asteeri fi Onesmoos Macaafa Qulqulluu guutummaasaa Afaan Oromootti hiikuu xumuruan, bara 1899ttis maxxansiisan. Mata dureeni fi seenaan macaafichaa kan hiike Onesmoos akka ta'e yoo ibsu gumaachi Asteer goote baayyee iddoon hin kennamneef, amma harraattiyyuu. Bara 1904tti, Asteer fi Oneimoos, Oromoota biraa wajjin, Eertiraadhaa ka'ani gara Wallaggaatti galan. Achittis manneen barnoota kan dhaaban yoo ta'u Asteeris Naqamtetti akka barsiiftutti tajaajilaa turte.
Irraa haa barannu!!

15/03/2024

Baga nagaan dhuftan
We’ll come

Address

She Get
Gimbi
YOBIKIYA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afoomoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share