10/07/2026
Gaafa wal barru mooraa Bataskaana Maaramii isan ani keessatti faarfachaa guddadhe keessa cina tokko muka jala teessee boossiin ishee arge. Boo’ichi ishee kan nagaa natti fakkaachuu didee jennaanin maddii ishee taa’een ofitti qabee ishee sossobuu eegale. Harka koo gateettii ishee irra jiru sosochoosaan sagalee tokko otuun hin baasinan sossobuu eegale. Isheenis akka nama Harmee isaa yaaddoo meeqa booda argeetti laphee kootti maxxantee inqirfattee boosse. Imimmaan ishee uffata koo keessa darbee laphee koo uree yemmuu seenu natti beekama. Ammam akka dhukkubsatte, ammam akka rakkatte, ammam akka nama barbaaddu, ammam akka kophaa taate, ammam akka abdii kutte, ammam akka jireenya jibbite imimmaan ishee ni dubbata.
Mirga boo’uu ishee hin dhorkine. Namni dhukkubbii isaa imimmaaniin dhiqata jedheen amana. Hanga ishee fixattutti jedheen yaaduma isheen cala’e. Keessa kootti sababa isheen itti akkasitti boo’uu dandeessu baaseen buuse. Garuu sababni kamuu boo’icha isheef kan madaalu ta’ee natti hin mul’anne. Kana keessa otuun jiruun sagaleen ishee “Dhiifama” jedhutu na dammaqse. Laphee koorraa ol jettee fuula ishee imimmaan isheen jiidhe naxalaa akkuma ta’etti godhatteen gogsaa. Ol jettee nan ilaalle. Iji ishee lafa irratti dongorameema jira.
Achii baaneen gara mana ishee gaggeesse. Sababa boo’icha ishee otuunan itti hin kaasinan taphachiisaa kolfisiisaa, naannoo mana isheen ga’e. Miira keessa turte keessaa waanan ishee baaseef na galateeffattee bilbila koo waanan hin qabanneef isheen kiyya qabattee siin bilbila jettee adda baane.
…
✍️ Yidnekachew Worku