06/05/2026
Finfinneetti intarpiraayizootaafi sosochooftotaaf iddoon hojiifi sheediiwwan kennamuufi
Magaalaa Finfinneetti intarpiraayizootaafi sosochoostota gurmaa’anii leenjii fudhataniif iddoon hojiifi sheediiwwan kennamuufi.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa intarpiraayizoota kuma 1 fi 278 fi sosochooftota kuma 3 fi 889 Kutaalee Magaalaa 11 keessatti argamaniif iddoon hojiifi sheediiwwan dabarfamanii akka kennaman ifoomsaniiru.
Harka hojjetu ni jajjabeessina kan jedhan aadde Adaanech Abeebeen, intarpiraayizoonniifi sosochooftonni kunneen carraan hojii akka isaaniif uumamuuf fedhii isaaniin gurmaa’anii leenjii fudhachuu ibsaniiru.