π‚πšπšπ₯𝐚𝐚 π‚πšπ«πœπšπ«-𝐂𝐂

  • Home
  • Ethiopia
  • Addis Ababa
  • π‚πšπšπ₯𝐚𝐚 π‚πšπ«πœπšπ«-𝐂𝐂

π‚πšπšπ₯𝐚𝐚 π‚πšπ«πœπšπ«-𝐂𝐂 My ATTITUDE IS MY STYLE! π‡π€π‚π‡π€π‹π”β™«πŸ’”πŸ₯² I am also not always Caalaa who loves good music u wanna see me doing short stint as a rapper and street dancer.
(2)

https://www.tiktok.com/

https://www.instagram.com/caalaa_carcar
𝐈𝐟 u π‚πšπ§'𝐭 manage ur π…π€πŒπ„ it turns into 𝐅𝐋𝐀𝐄 πŸ”₯ don't burn ursef! 𝐈 𝐀𝐦 not here for ππ€πŒπ„ 𝐨𝐫 π…π€πŒπ„! If u are looking for Caalaa in jail, or hospital or other place, u may not find me besides in Ethiopia oromiyaa balloo, at caffee gadaa band. My combination of trust in good, my passion for music, and my gifted skill h

elped me to take a challenge. To be who am I today by almighty willing and his purpose. that’s why every day I wake up β€œI say my god I trust u today”. no mater what may come my way . Things do happen for the reason:

Kaaseefi Abaaronni isaa gaaffii mirga wabii gaafatan manni murtii kuffise. Manni Murtii Olaanaa Godina shawaa lixaa dhad...
19/08/2026

Kaaseefi Abaaronni isaa gaaffii mirga wabii gaafatan manni murtii kuffise.

Manni Murtii Olaanaa Godina shawaa lixaa dhaddacha har'a ooleen garee waanbadee 120 maqaa jedhamuun of yaamuufi seeraan ala nama reebaafi saamicha garaagaraa raawwachaa ture mirga wabii gaafatan dhorkee jira.

Gareen kuni yakki isaan raawwatan kan mirga wabii isaanii hin kennisiifne, yoo bahan ragaa balleessuuf yakka raawwachuu danda'an waan ta'aniif mirgi wabii akka hin kennamneef gaaffii Abbaa Alangaa irraa dhiyaate fudhatama argatee Mana sirreessaa taa'anii himannaa irratti dhiyaate akka hordofan manni murtii Godina shawaa lixaa ajaja kenneera.
Santu seera πŸ™

β€œBiizaamoo miti, Biizaamoo biraa yoo lafa Oromootti moggaaste, Oromoon lolaaf ololaan lafa isaa taakkuu tokko siif kennu...
19/08/2026

β€œBiizaamoo miti, Biizaamoo biraa yoo lafa Oromootti moggaaste, Oromoon lolaaf ololaan lafa isaa taakkuu tokko siif kennu hin jiru. Akkuma sabaaf sab-lammii kaanii yoo safuu fi duudhaa Oromoo kabajjee nagaan jiraatta ta'e meeshaa lafa kaahi jiraadhu. sana hin ta'u taanan hanga dhumaatti dhukkee sirraa kaasnee si sirreessina” Hogganaa Poolisii Godina Wallaga Bahaa G/Kom Bojaa Baalchaa.

Tesfaye Boka Erko

β€œBiizaamoo miti, Biizaamoo biraa yoo lafa Oromootti moggaaste, Oromoon lolaaf ololaan lafa isaa taakkuu tokko siif kennu...
19/08/2026

β€œBiizaamoo miti, Biizaamoo biraa yoo lafa Oromootti moggaaste, Oromoon lolaaf ololaan lafa isaa taakkuu tokko siif kennu hin jiru. Akkuma sabaaf sab-lammii kaanii yoo safuu fi duudhaa Oromoo kabajjee nagaan jiraatta ta'e meeshaa lafa kaahi jiraadhu. sana hin ta'u taanan hanga dhumaatti dhukkee sirraa kaasnee si sirreessina” Hogganaa Poolisii Godina Wallaga Bahaa G/Kom Bojaa Baalchaa.
Tesfaye Boka Erko

Weellisaa tufoozoo hin qanne, dandeettii fi hojii gaarii qabu, garuu beekamtii ykn jaalala namoonni isaaf qaban sadarkaa...
19/08/2026

Weellisaa tufoozoo hin qanne, dandeettii fi hojii gaarii qabu, garuu beekamtii ykn jaalala namoonni isaaf qaban sadarkaa maluuf irra hin geenye, Underrated Artist dha beeki gurbaan.

Walaloon sirba kanaa miira jaalalaa dhugaa fi teessuma dachee Oromoo bifa haalaan qalbii rarraasuun walitti firoomsee dhiheessa. Weellisaan kun akka goota jaalalaatti of waamuun, giiftii onnee isaa barbaacha imala isaa eegala:

Imaltuu!
Goota jaalalaa, furtuu onnee koo,
Sin iyyaafadhaa, eessa jirtaaree?
Ona Tuulamatirran marmaaree moo,
Torban Oboo ti, Jahaan Jiillee?

Kutaan kun sagalee dharraa fi dheebuu jaalalaatiin eegala. Jaalalli kun daangaa xinnoo keessatti kan rarra'e osoo hin taane, lafa seena-qabeessa fi bal'aa ta'e kan akka Tuulamaa, Torban Oboo fi Jahaan Jiillee keessa seenee ishee iyyaafachaa jira. Kunis obsaa fi kutannoo inni jaalala kanaaf qabu, akkasumas lafaa fi saba isaa wajjin walitti hidhata inni qabu agarsiisa.

Warri kee sabboonaa,
Warra heeraaf seeraan Odaa jala taa'ee,
Safuuf aadaaf duudhaan tottolchee si kuulee,
Siif qalbiin na guule.
Imaltuun hin teessu,
Ana yaada keeti kan na joorsu kuullee.

Asirratti bareedinni dubartii tanaa bifa ishee qofa osoo hin taane, eenyummaa, seenaa fi naamusaa isheeti. Maatiin ishee Odaa jalatti heeraa fi seera Gadaatiin, safuu fi duudhaadhaan akka ishee guddisan faarsa. "Siif qalbiin na guule" yeroo jedhu, miidhagina aadaatiin kuulamuu isheetu onnee isaa akka booji'e ibsa. Yaanni ishee onnee isaa rarraasee boqonnaa waan dhowwateef, akka imaltuutti ishee barbaachaaf iddoo tokko taa'uu akka hin dandeenye mirkaneessa.

Nan dhufaa sabboontuu,
Duukamiif Bishooftuu,
Mojoon qaxxaamuree.
Caayaa Odaa gaaddisni cuqaalaa,
Na simee bareenni durba Jiillee.
Naatoo addaa itti dhangalaasee,
Dambali'aa dhufte Taliilee.
Gootittii, sanyii Ida'oo Boruutii,
Dhufee seenaa kee qoradheeti.

Daandii imala jaalalaa kana irratti magaalota garagaraa Duukam, Bishooftuu fi Mojoo qaxxaamuree akka isheetti dhufaa jiru waadaa seena. Imalli kun dhamaatii qabaatus, dhuma irratti gaaddisa Odaa jalatti bareedduun durba Jiillee simannaa ho'aa akka isaaf gootu abdata. Dhangala'aa bareedinaa fi naatoo ishee dinqisiifachaa, Taliileen kun sanyii goototaa fi seenaa boonsaa (Ida'oo Boruu) irraa akka dhalatte ibsa. Jaalalli kun jaalala ija qofaa osoo hin taane, seenaa fi dhaloota ishee gad-fageenyaan qoratee kan dhalatedha. Hundeetti deebi'ee jaalachuun kun, ciminaa fi dhugoomina hidhata isaanii calaqqisiisa.

Hara Qooqaa fi Dambaliin si geessa,
Feetu Soodaree shirrishiriidha.
Eeyyee... akka Bashaatuu,
Feetu Soodaree shirrishiriidha.

Erga dhama’ee argatee booda maal akka isheef godhu asitti hima. Jaalallee isaa kan akka giiftiitti kunuunsuudhaaf, iddoowwan bashannanaa addaa kanneen akka Hara Qooqaa, Dambalii fi Soodareetti ishee bashannansiisuuf waadaa seena. "Akka Bashaatuu" jechuun, dubartii quuftuu, kabajamtuu fi soorettii godhee akka ishee eeguuf galateeffata. Kun waadaa mi'aawaa namatti tolu of keessaa qaba.

Micoo ragadii, mee ragadii,
Yoo ragadde daabee kee itti bittinneessi.
Dhufte magaalli koloolleen,
Yaa abboo beekaa soba natti seeqxi! (x2)

Iddoo kana irraa eegalee rukuttaan sirbichaa gara tapha jaalalaa fi gammachuutti jijjiirama. "Ragadii... daabee kee bittinneessi" jechuun shubbisa aadaa ishee fi miidhagina dhaabbata ishee faarfata. "Beekaa soba natti seeqxi" jechuun immoo, wal-hubannaa dhokataa (flirtation) ijaa fi fuulaa, kan namni biraa hin galleef, isaanii fi ishee gidduu jiru haala qalbii nama hawwatuun akka fakkii sammuutti (imagery) nuuf uuma.

Boosatiif Fantaallee suman iyyaafadha,
Yaayyaa fi Guullaallee.
Kan darbe darbeera dhiisii natti hin kaasin,
Jaalalaan na kiisi.
Kolooniin jaalalaa kan iccitii beeku,
Dhiira hundaa caalaa.
Kan cabe cabaa koo melchetoo na yaalu,
Shaggariif na foola.

Xumura irratti, deebisee bal'ina dachee isheen keessa jirtu, Boosatii hanga Guullaalleetti maqaa dhaaha. Wanti darbe hundi darbee, fuulduratti jaalala dhugaan akka isa kiistu (beenyaa isaaf kaffaltu) gaafata. Jaalalli ishee onnee isaa waan booji'eef akka "koloonii jaalalaatti" of ibsa. Cabiinsa onnee isaa qoricha aadaa "melchetoo" jedhamuun wal-bira qabee, jaalalli ishee akka isa fayyisuu fi boqonnaa isaaf kennu hubachiisa. Dachee Shaggariin foolii isheef wal-simsiisuun, jaalalli, aadaanii fi dacheen qaama fi lafee tokko ta'uu isaanii ragaa ba'a.

Kun Aartiidha, Aartii fi weellisaatu wal argate. Abeet sagalee, Abeet Choreograph, haaluma ajaa’ibaan waraabbii qulqullina qabuun, sagalee miidhagaan wellifame walleen kuni!

’n Dachee Badhadhatiin hojjetame, jabaadhu gurbaa nana waan jabduu sirraa eeyna😊
✍️ Daniel Moti

 Eshetu
15/08/2026

Eshetu

Don't forget to subscribe my YouTube channel!HISTORICAL & CULTUR...

15/08/2026

Waraaj Ale vs iziga waraaj aale

Kan dhugaaf dhiigaa turetuHar'as aaran galfanneHaati ilmoo bobbaafatteNagaa jira jetteeKeessi ishee boqonnaan arganne
15/08/2026

Kan dhugaaf dhiigaa turetu
Har'as aaran galfanne
Haati ilmoo bobbaafatte
Nagaa jira jettee
Keessi ishee boqonnaan arganne

15/08/2026

αŠ α‹³αˆ› α‹¨αˆ›αŠ• αŠ“α‰΅πŸ˜…

11/08/2026

Finfinnee illee haraqeetti gurguranne Dirree Dawaan hoo akkamitti gurgurame?😎
Werku 🍺 dhugi keechaaπŸ˜‚

Malkaa Dhiigaa.Dhiigni ijoollee keenyaa malkaa kanatti dhangala’e bara baraan kan dagatamu miti. Ijoollee keenya baay’ee...
05/08/2026

Malkaa Dhiigaa.

Dhiigni ijoollee keenyaa malkaa kanatti dhangala’e bara baraan kan dagatamu miti. Ijoollee keenya baay’ee ilbiisoota malkaa kana keessaa nyaate, kaan isaanii allaattiif waraabeessa malkaa kana soorate.

Dargaggoon kun barsiisaa Ajjamaa Dhugumaa jedhama. Dhalataa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Roobii ti.

Garee ajjeestootaa fi warra soora har’aa borii dhiiga namoota qulqulluu irraa tolfatanituu dargaggeessa Oromoo, Hayyuu dhaloota qaru kana qale.

Waan malkaa kanatti ta’e barri haa dubbatu.

Address

78, Rwanda Street & Washington
Addis Ababa
1230

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when π‚πšπšπ₯𝐚𝐚 π‚πšπ«πœπšπ«-𝐂𝐂 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category