Imala Gara Abjuu

Imala Gara Abjuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Imala Gara Abjuu, Arts and entertainment, Addis Ababa.

JAALALLI EENYU?➲ Mee seenaa baay'ee garaa nama raasu tokko isinitti hima.Abbaa gara laafessa ta'an tokkotu mandara tokko...
29/07/2023

JAALALLI EENYU?

➲ Mee seenaa baay'ee garaa nama raasu tokko isinitti hima.
Abbaa gara laafessa ta'an tokkotu mandara tokko keessa jiraatu turan. Hattoonni gara laafummaa isaanii argan kudha sadi haaduu, billaa, goraadee, uffata isaanii keessa dhoksanii mana abbaa gara laafessa keenyaa rurrukutan.

➲ Abbaan gara laafessi sunis barichaaf Abrahaam jedhamaa kan turan yoo ta'u, keessummoota gammachuudhaan simatee gara manaatti ol galche. Keessummoota yoo lakkaa'u kudha sadiidha. Yaa gooftaa duuka buutota kudha lamaan wajjin gara mana koo naaf dhuftee jedhanii gammadan.

➲ Sana booda, Gooftaan eenyu? Phexros isa kami? Yohaannis isa kamidha jechuun gaafachuu jalqabanii miila dhiqanii, nyaata dhiheessaniifi jecha guddaa fi jaalala guddaan keessummeessan.

➲ Hattoonni gara laafummaa guddaa kana ilaalanii garaan isaanii baay'ee laafe. Ajjeesuuf dhufanii jaalala isaaniin booji'aman. Miila isaanii jalatti kufan. Gurguddoota humna qabeeyyii ta'anis jaalalaan moo'amani!

➲ Hattummaadhaan jireenya addunyaa kana irratti dabarsan ni tuffatan. Jireenya qulqullummaa jiraachuu jalqaban.

➾ JAALALLI EENYU?

➶ Jaalalli danda'aadha; humna qabeeyyii jilbeenfachiisa.
➶ Jaalalli humna qabeessa; oftuultota garraamii taasisa.
➶ Jaalalli ogeessadha; ija jibbaan kan dhokfame ibsa.
➶ Jaalalli obsaadha; ariifataa tasgabbeessa.
➶ Jaalalli obsaadha; kan miidhame jajjabeessa.
➶ Jaalalli ogeessadha; kan arrabse fayyisa.
➶ Jaalalli gorsaadha; gara jabeeyyii ifata.
➶ Jaalalli gara laafessa; kan gane deebisee jaalata.
➶ Jaalalli fayyummaadha; sammuuf nagaa laata.
➶ Jaalalli garraamidha; warra miidhan deebisee hin miidhu.
➶ Jaalalli gugeedha; haaloo hin qabatu.
➶ Jaalalli gaaridha; hin inaafu.
➶ Jaalalli tasgabbaa'adha; dafee hin dheekkamu.
➶ Jaalalli gara bal'eessa; irra daddarbaa hin lakkaa'u.

➾ "EGAA JAALALLI EENYU?"

➬ Jaalallimmaa! kan ulfina isaa dhiisee gadi bu'ee uumama ofii isaa uume miila dhiqeedha.
➬ Jaalallimmaa! akka hoolaa qalamuutti morma isaa warra yakkamtootaaf kennedha.

26/07/2023

ANI SIIF ║ ATI ANAAF

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifate badhaasa argata. Akkasumas bulchiinsa mootichaa keessaa teessoon ni kennamaaf ture.

❏ Dorgichi immoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan, Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kana irraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi! Dorgomtoonni hedduun waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani! Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti.

❏ Akkuma jedhan kanaan wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani! Guddaas ajaa'ibsifatamani.
Akkas malee! 👏

As haa deebinu! Anaaf atis walumaaf jirra. Waan bira gahuu fi qabachuun nutti ulfaateef falli guddaan:
➛ Waliin ta'uu!
➛ Wal tumsuu!
➛ Harka wal qabachuu!
➛ Wal jajjabeessuu!
➛ Wal gargaaruu ta'a.

❏ Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliinii fi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haa taanu! Yoos, ani siif, atis anaafi!
🙏🙏🙏🙏🙏

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Imala Gara Abjuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share