01/03/2021
Kuni hidhamtoota siyaasaa lagannaa nyaataa irra turan akka gadi dhiifamuuf qabsoo Afrikaa Kibbaatti geggeeffamaa ture. Yeroo hidhamtootni siyaasaa lagannaa geggeessan ummatni haala kanaan falmatee mootummaa irratti dhiibbaa godhaa ture. Ittis milkaa’anii jiru. Lagannaan nyaataa meeshaa qabsooti. Abbaan Irree namoota siyaasaa keessatti dhageettii qaban sagalee isaanii ukkaamsuuf hidha. Mana hidhaa keessa taa’anii wanti isaan gochuu danda’an lagannaa nyaataa godhuun mormii isaanii ibsatu. Kana jechuun hanga dhumaatti falmii irra jiraachuu argarsiisu. Kuni addunyaatu beeka. Garuu namni hin bilchaatin kan akka Abiy hin galuuf. Sadarkaa qabsaa’ota kanatti lubbuu isaa kennee waan hin beekneef dhugaa itti hin fakkaatu. Mootummootni moraalii qaban maqaa isaanii eeggachuuf hidhamtoota siyaasaa kunuunsu. Namni akka Abiy mooraalii akka hin qabne waa heddu irratti arginee jirra. Osoo nama mooraalii qabu tahe du’a isaanii taa’ee hin eegu. Namni mooraalii qabu seenaa xuraawaa hin galmeeffatu. https://t.me/ferhanabdulselam