02/06/2022
:-
*Lakkoofsi Shan ( Shaneen ) maali,? Oromoo biratti akkamitti ilaalama ?
Dhugaa 15 kan 5 ibsan dubbisaa!
🔠🔠🔠🔠🔠🔠🔠🔠🔠🔠🔠ðŸ”
-Oromoon Gadaa shan qaba
1-Gadaa Birmajjii
2-Gadaa Duuloo
3-Gadaa Meelbaa
4-Gadaa Michillee
5-Gadaa Roobalee
-Oromoon hortee shan qaba
1-Maccaaf Tuulama
2-Ituuf Humbannaa
3-Raayyaaf Asaboo
4-Sabboof Goona
5-Sikkoof Mandoo
-Oromoon bokkuu shan qaba
1-Bokkuu Biifaa
2-Bokkuu Dikaa
3-Bokkuu Horaa
4-Bokkuu kallachaa
5-Bokkuu Roobaa
-Oromoon Yaayyaa shan qaba
1-Bannoo Galeessa
2-Boruu Biloo
3-Galleen Annoo
4-Golloo Goboo
5-Mannee Leeqaa Jaarsoo
-Oromoon Odaa shan qaba
1-Odaa Bisil
2-Odaa Bulluq
3-Odaa Bultum
4-Odaa Nabee
5-Odaa Roobaa
-Oromoon seera Walaabuu shan qaba
1-Seera Tajoo
2-Seera Faanoo
3-Seera Innoo
4-Seera Irroo
5-Seera Latoo
-Oromoon Waayyuu shan qaba
1-Dhaha-dhooftuu
2-Ekera-dubbistuy
3-Huchuu
4-Mallima
5-Qaalluu
-Amantiin Oromoo Waaqeffataan daandii
shan qaba
1-Damboomsa
2-Haaromsa
3-Gaaromsa
4-Namoomsa
5-Hundeessa
-Oromoon mulannoo shan qaba
1-Badhaadhummaa
2-Gaarummaa
3-Gammachuu
4-Mo'aa
5-Namummaa
-Oromoon ayyaana mo'aa shan qaba
1-Aarsaa
2-Booranticha
3-Gijaaree
4-Gindiika
5-Urgooftuu Mo'aa
-Oromoo biratti mo'aa ta'uun waan shan of
keessaa qaba
1-Arjummaa
2-Dhugaa jaallachuu
3-Gootummaa
4-Haayyummaa
5-Obsa
-Oromoon seera Gadaa shan qaba
1-Seera Safuu
2-Seera Asaasaa
3-Seera Dhowwaa
4-Seera Basaqqeessaa
5-Seera Gooroo
-Horri Oromoo kutaa shan qaba
1-Ittisa
2-Baqassaa
3-Faxxaana
4-Naanniga
5-Qaawwaa Eelaa
-Manni Oromoo kutaa shan qaba
1-Goorduba
2-Dinqa
3-Gola mirgaa
4-Gola bitaa
5-Bakka abiddaa
-Qubni harkaa shan,korri sabaa ABO
shan,qaamootni miiraa shan,distiin kunillee
shanee moggaafattee sadarkaa shaniin jirti. by: ,