11/05/2026
Namoonni jireenya dhuunfaa isaanii keessatti maal keessa akka jiran gonkumaa hin beektu.
Namichi jala bofti akka jiru hin beeku. Dubartiin sun dhagaan dhiira sana caccabsaa akka jiru hin beektu. Dubartiin kun akkas jettee yaaddi: “Kufuufan jira! Bofti na ciniinuuf waan jiruuf immoo ol ba’uu hin danda’u! Namichi maaliif humna xiqqoo fayyadamee ol na harkisuu dadhabe!” Namichi akkas jedhee yaada: “Dhukkuba guddaa keessa jira! Ta’us ammallee hamman danda’e si harkisaa jira! Maaliif xiqqoo cimsitee ol baatee hin yaaltu!?”
Ergaa isaa— dhiibbaa namni biraa irra jiru arguu hin dandeessu, namni biraa immoo dhukkubbii ati keessa jirtu arguu hin danda’u.Kun jireenyadha, hojii, maatii, miira ykn hiriyoota wajjin haa ta’u, wal hubachuu qabna. Haala adda ta’een yaaduu baradhu, tarii caalaatti ifa ta’ee fi haala gaariin waliin haasa’uu. yaaduu fi obsi karaa dheeraa deema.
Namootaaf gaarummaa qabaadhu. Namni nuti wal arginu hundi lola mataa isaa lolaa jira.