20/11/2025
Attorney
#
🇪🇹Mirga qabeenya ofii mancaasuu yookin balleessuu
¬¬¬¬¬¬____
Heerri mootummaa kwt.40(1) jalatti namni kamuu mirga qabeenya horachuu,itti fayyadamuu fi dabarsuu qaba jedha. Namni tokko qabeenya ofii mancaasuu yookin balleessuuf hoo mirga qabaa? Abbaan qabeenyaa tokko qabeenya isaa hunda guutummaatti nan balleessa yookin nan barbadeessa yoo jedhe seerri dhorku jiraa? Yaadrimeen seeraa kun seera Rome keessatti “Jus utendi fruendi abutendi’ jedhamee beekama. It means the right to use property as well as destroy it. Akka seera kanaatti qabeenya kee akkuma itti fayyadamuu dandeessu,balleessuunis mirga keeti yaadama jedhu qaba. Seera keenya keessattis dhimmoota hariiroo hawaasaa ilaalchisee tumaan ifatti mirga kana kennus dhorkatus jiraachuu baatu namni qabeenya isaa akka hin balleessine yookin hin qisaasessine dhorkuun ni jira. Kunis kaayyowwanii fi sababoota akka mirga abbootii mirgaa (creditors) yookin murtii abbaan mirgaa (judgement creditor) eegsisuuf, akkasumas gochi qabeenya ofii mancaasuu kun dhiibbaa hawaasa naannoo irratti kan qabu yookin qabeenya nama biroo cinaa jirurratti fidu kan qabu yoo ta’e ni dhorkama. Gama biraatin,Seera yakkaa kwt.494(1) jalatti “Namni Kamiyyuu namoota yookiin qabeenyaa irratti balaa waliigalaa geessisuu yaadee gamoo yookiin hojii qabatamaa (mullatu) akaakuu kamiyyuu, miidhaan, oomishaalee qonnaa, bosona,mukeen yookiin mi’oota biroo kan isaa yookiin nama biroo kamiiniyyuu abidda kan itti qabsiise yoo ta’e,hidhaa cimaa hanga waggaa kudhan gahuun ni adabama. Akkasumas, namni tokko idaa isarra jiru kaffaluu dhabuuf yookin miliquuf jecha qabeenya isaa yoo mancaase seera yakkaa kwt.727 jalatti yakka ta’ee tumameera. Mee kanas haa ilaallu. Namni tokko qarshii (birr) isaa giiphii keessaa qabu baasee yoo cire yookin kukkute hoo ni gaafatamaa? Labsii Baankii Biyyaalessa Itophiyaa 1359/2017 kwt.51(5(b) jalatti namni tokko baankii biyyaalessaa irraa eeyyama osoo hin argatin osoo beekuu maallaqa callaa yookin qaama maallaqaa kan balleesse,kan hir’ise,kan haphise;kan baqse yookin ,kan caccabse yookin karaa kamiinuu yoo balleesse akkasumas erga balleessee booda kan tamsaase yoo ta’e hidhaa salphaa waggaa 3(sadi) hin caalle fi adabbii qarshii 10,000(kuma kudhan) hin caallen ni adabama.
Walumaagala,akkuma mirgi qabeenyatti fayyadamuu qabnu seeran ala itti fayyadamuunis itti gaafatamummaa ni qaba Qabeenya keessan hin mancaasinaa! Kanuma!
Credit to Debo.
#🇪🇹🇪🇹