Walabu Art Institute

Walabu Art Institute Walabu Art Institute is a non-profit [Art] organization with excellent projects in promoting Oromian [Oromo] Art in Ethiopian and African cinemas.

Streams unmissable theater, movies, music, graphic design and any entertainment.

 , Waliif General Hospital ๐Ÿฅ Grand Opening Ceremony ๐ŸŒŽ๐Ÿ™
22/02/2025

, Waliif General Hospital ๐Ÿฅ
Grand Opening Ceremony ๐ŸŒŽ๐Ÿ™

Hin Hafinaa!๐Ÿ•—Sagantaa Tumsaafii Eebba Kitaabilee Qubee Harmee, Oolmaa Daa'immaniitii  Hanga Sadarkaa Ol'aanaatti Gurraan...
20/02/2025

Hin Hafinaa!๐Ÿ•—

Sagantaa Tumsaafii Eebba Kitaabilee Qubee Harmee, Oolmaa Daa'immaniitii Hanga Sadarkaa Ol'aanaatti Gurraandhala 15-16/2017tti sa'aatii 6:00 qophaa'e.

Magaalaa Adaamaa Hoteela Ayyuutti
Barreessaa Nuredin Ibrahim Shaggaa

WEL COMEโœจโœจ๐ŸŽฌ ๐€๐๐๐€A MALKAA ๐ŸŽฌDadhabbii yeroo dheeraa booda, Fiilmiikoo isa jalqabaa isiniif qabadhee dhufeen jira!๐Ÿ“… Guyyaa ...
07/02/2025

WEL COMEโœจโœจ
๐ŸŽฌ ๐€๐๐๐€A MALKAA ๐ŸŽฌ

Dadhabbii yeroo dheeraa booda, Fiilmiikoo isa jalqabaa isiniif qabadhee dhufeen jira!

๐Ÿ“… Guyyaa Eebbaa: Gurraandhala 16, 2017 E.C. (February 23, 2025)
๐Ÿ“ Bakka: Galma Tiyaatiraa Biyyoolessaa
โฐ Saโ€™atii: 7:30 (Local Time)

Ammumaa sagantaa keessan qixxeeffadhaa irratti argamaan afeerraakoo kabajaati!

แŠจแ‰ฅแ‹™ แŒŠแ‹œ แˆแ‹แ‰ต แ‰ แŠƒแˆ‹ แ‹จแˆ˜แŒ€แˆ˜แˆญแ‹ซ แŠแˆแˆœแŠ• โ€œแŠ แ‰ฃ แˆ˜แˆแŠซโ€ แ‹ญแ‹ค แ‰€แˆญแ‰คแŠ แˆˆแˆแข

๐Ÿ“… แ‹จแˆแˆญแ‰ƒแ‰ต แ‰€แŠ•: แ‹จแŠซแ‰ฒแ‰ต 16, 2017 แ‹“.แˆ (February 23, 2025)
๐Ÿ“ แ‰ฆแ‰ณ: แŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แ‰คแˆ„แˆซแ‹Š แ‰ดแŠ แ‰ตแˆญ
โฐ แˆฐแ‹“แ‰ต: 7:30(local time)

แŠซแˆแŠ‘ แ‰ แˆแˆญแ‰ƒแ‰ต แ‹แŒแŒ…แ‰ฑ แˆ‹แ‹ญ แˆˆแˆ˜แ‰ณแ‹ตแˆ แŠฅแŠ•แ‹ตแ‰ตแ‹˜แŒ‹แŒ แ‹จแŠญแ‰ฅแˆจ แŒแ‰ฅแ‹ฃแ‹ฌแŠ• แŠ แ‰€แˆญแ‰ฃแˆˆแ‹!แŠ แˆ˜แˆฐแŒแŠ“แˆˆแˆ!

After much dedication and hard work, I am thrilled to present my debut film!

๐Ÿ“… Inauguration Date: Yekatit 16, 2017 E.C. (February 23, 2025)
๐Ÿ“ Venue: Ethiopian National Theatre
โฐ Time: 7:30 PM (Local Time)

Mark your calendars and be part of this unforgettable event! Your presence and support mean the world to me!

See you at the inauguration! ๐ŸŽฅโœจ

Arsi, Oromia๐Ÿ’ฅ Products of wheat ๐ŸŒพ โœ…Oromia the heaven of World ๐ŸŒŽ Oomisha qamadii Godina Baalee Bahaa๐Ÿ’ฆ
30/01/2025

Arsi, Oromia๐Ÿ’ฅ Products of wheat ๐ŸŒพ โœ…
Oromia the heaven of World ๐ŸŒŽ

Oomisha qamadii Godina Baalee Bahaa๐Ÿ’ฆ

29/01/2025





Sirni walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72'ssoon  Gurraandhala 25 Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaatti ni geg...
27/01/2025

Sirni walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72'ssoon Gurraandhala 25 Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaatti ni geggeeffama.

Jila guddaa deebi'ee dhufuudhaaf ganna saddeet(8) itti fudhatu kanarratti argamuudhaaf ammaumarraa eegaluun qopha'aa!

Oromia Culture and Tourism Bureau

Sagantaa marii sirna   fuula keenya dura jiru ka gaafa baatii furmaataa (Muddee) ykn ji'a 4ffaa baatii baatee afur(4) bu...
01/11/2024

Sagantaa marii sirna fuula keenya dura jiru ka gaafa baatii furmaataa (Muddee) ykn ji'a 4ffaa baatii baatee afur(4) bultee tarree godaanuf tayan irratti marii waltayiinsa waajjira Aadafi turizimii godina shawaa bahaa fi dhaabbata Labata Fantaallee waliin har'a magaalaa Adaamatti ari'atamte!

Ciini buttaa ka inni geggeeffamu tuutti gadaa ta amma dooroma of harkaa qabdu eefa gadaa dooromaa fudhatanii ganna shan (5)'n bulchanii booda, ganna jahaffaa(6ffaa) dooroma fudhatanii sanitti deebi'anii cidha buttaa qalu. Cidha duraa ykn cidha buttaa kana wanti qalaniif, tuuta walaannaa ta isaanirraa gadaa dooromaa booda fudhattu saniif gadaa gooba'aa irreessa isaanii kennu'uuf ciini butta'aa kun geggeeffama.
Ciini Gadaa kunis hoggaa hunda baatii furmaataa (Muddee) ykn ji'a 4ffaa baatee afur bultee tarree godaana, eega godaanee tarree qubatee jaatanii godhee raaw'atu, ciinii gaafa galgala dukkan durrisa goobana duraa gala, ciini galgala bulee itti oolee waaree booda kara sa'aatii sagalii hanga kudhanitti (9:00-10:00tt) shinna wal harkaa fuudhinsa gadaa goobaa kennuutin xumurama.
Maarree hardha warra tuuta Gadaa michillee(Gabalaa), jaarsolii biyyaa ta Karrayyuu, abboota gadaa ta Oromoo kutaalee bitaa, mootummaa fi dhaabba mitmootummaaa keenya dhaabbata Labata Fantallee dabalatee shinni guddaan fuula keenya dura jiru ka Buttaa Qalaa tuuta Gadaa Michillee ka Tarree luugotti geggeeffamu kun akkamitti akka mulkiin xumuramuu qabu irratti marii bareedaa mari'atanii jiru, akkasuma guyyuma hardhaa kana kitaabni bu'aa qorannoo ka hayyoota fi beektota yuuunivarsiitii saayinsii fi teeknoloojii Adaamatiin (ASTU) barraaye wal harkaa fuudhinsi geggeeffamee jira!

Via: https://www.facebook.com/hawaaslaga.yaau?mibextid=ZbWKwL

ODAA! OROMOO ๐Ÿชถ ๐Ÿ’ซ ๐Ÿ–ค Akkaataa Duudhaa Sirna Gadaa Oromootiin Odaan... ๐Ÿ‘‡Akka falaasamaafi duudhaa Oromootti Odaan bakka Waa...
29/10/2024

ODAA! OROMOO ๐Ÿชถ ๐Ÿ’ซ ๐Ÿ–ค
Akkaataa Duudhaa Sirna Gadaa Oromootiin Odaan... ๐Ÿ‘‡

Akka falaasamaafi duudhaa Oromootti Odaan bakka Waaqni hariiroosaa nama wajjiin itti haroomsate jedhama.

Aadaafi Seenaa Oromoo keessatti Odaan, akka madda nagaafi mallattoo eenyummaa, tokkummaa uummata Oromootti ilaallama.

Faayidaa duudhaa Oromoof qaburraa kan ka'e Odaan, mukoota jiran keessa baayyee kabajamaadha.

Ardaan jila Oromoo hedduun maqaa Odaatiin yaamamu. Fakkeenyaaf Odaa Nabee,Odaa Bisiil, Odaa Bulluq, Odaa Bultum, Odaa Roobaa, Odaa Girjaa, Odaa Garaadoofi kkf. Odaaleen gurguddoon ni jiru.

Bifa kanaan Odaaleen (Ardaan Jilaa) gara 300 caalan jiraachuu ni danda'u, haa ta'uuti garuu, namoonni hedduun Odaan Shan qofa jechuun dubbatu. Kun garuu, seenaa Ardaalee jilaa beekuu dhaburraa kan maddu ta'u hayyoonni seenaafi aadaa barreessaniiru.

kamirrattu Odaatu moggaafama, yoo Odaan dhabame illee mukuma biraa itti moggaasu.

Odaa tokorratti miseensi Gadaa Shananuu Odaa ofii ni qabaatu. Kanaaf, Odaan Shanan Gaaddisa Shanan Gadaa kana jala taa'anii kan mari'ataniidha.

Odaaleen gurguddoo gosaa Odaa Nabee- Tuulama, Odaa Bisil- Macca, Odaa Roobaa-Arsii, Odaa Girjaa- Gujii yoo tahan, lafa Odaan hin jirreetti jedhama. Fakkeenyaaf Gumii Gaayoo, Gumii Me'ee Bokkuu.

Gadaan maqaa miseensaan Odaa malee, Alangaa shan, Barcuma shan, Waraana shan, Miseensa Gadaa Shan waan qabuuf, seerri tumamu kamiiyyuu maqaafi beekamtii shananiin kan deeggaramu ta'uu ittiin ibsa.

1. Odaa Nabee- Bulchiinsa Magaalaa Galaan,

2. Odaa Roobaa-Godina Baalee,

3. Odaa Bisil- Godina Shawaa Lixaa,

4. Odaa Bultum- Godina Harargee Lixaa,

5. Odaa Bulluq- Godina Horro Guduruu Wallaggaa,

6. Odaa Garaadoo- Oromoo Walloo Kamisee,

7. Gumii Gaayoo- Godina Booranaa

8. Gumii Me'ee Bokkuu - Godina Gujii

Sirni Gadaa Odaa jaarraa 12ffaa irraa eegalee raawwachaa kan ture yoo ta'u, hanga dhuma jaarraa 19ffaatti, jiddugala siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa uummata Oromoo ta'ee tajaajilaa akka ture hayyoota Aadaafi Seenaatiin qoratameera.

Mesfin Teshome Demu

Address

Adama

Telephone

+251925604050

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walabu Art Institute posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category