26/03/2026
🔔 🔔 🚨 🙆🙆
Donald Trump 🇺🇸 waldhibdee Iraan hirmaachise dabalaa dhufeen walqabatee loltoota U.S. hanga 12,000 bobbaasuuf yaadaa akka jiran himamaa jira.🇮🇷
Hojiin kun Sa'uudii Arabiyaa, 🇸🇦 Yunaayitid Arab Emireet, 🇦🇪 Qaxar, 🇶🇦 fi Kuweet 🇰🇼 dabalatee biyyoota Galoo Galaanaa irraa deeggarsa qabaachuu akka danda'u himama.
Gama biraatiin Iraan 🇮🇷 argama waraanaa haalaan guddaa ta'e kan eegdu yoo ta'u, hojjettoota sochiirra jiran kuma dhibbaan lakkaa'amaniifi humnoota rizaabii dabalataa qaba.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti hirmaannaan lafaa bal’aan U.S., 🇺🇸 Israa’el, 🇮🇱 fi michoota naannootiin godhamu kamiyyuu qormaata loojistikii fi tarsiimoo hamaa akka fidu.
Haalli akkasii balaa guddaa fi bu’aa mirkanaa’aa hin taane qabaachuu akka danda’u ogeeyyiin akeekkachiisu.
Hubachiisa: Fuulli kun jeequmsa bifa kamiiyyuu hin deeggaru, hin beeksisu.