Lalise Nataa'a

Lalise Nataa'a Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Lalise Nataa'a, Arts and entertainment, AMBOO, Adama.

23/10/2024
Qabadhu……………zizQabadhu……………zizGaara ta’i……………zizItti jigi……………….  zizLeencaa ta'i.....……zizItti aadi……………….zizQeerransa ...
09/02/2023

Qabadhu……………ziz
Qabadhu……………ziz

Gaara ta’i……………ziz
Itti jigi………………. ziz
Leencaa ta'i.....……ziz
Itti aadi……………….ziz
Qeerransa ta’i.......ziz
Irra bu'i............……ziz
Citaa ta'i! ……………ziz
Gurmuu baasi! ……ziz

Daddaraari! ………..ziz
Dilboo ta'i! ………....ziz
Babbaroodi .……….ziz
Ofiin Cibri...........….ziz
Cibraa dhoosi ……..ziz
Odaa ta’i.............….ziz
Midhaan baasi........ziz
Miinya tahi!…………..ziz
Foduu tahi!…………..ziz
Alalaasi!……………….ziz
Alaa gali!………………ziz

Oli reebi!………………ziz
Maatii raaphu!………ziz
Gadi reebi!……………ziz
Karra raaphu!………..ziz
Adaboon gooba!.…..ziz
Goobni geerarsa!…..ziz
Hurrubni Mirga!……..ziz
Dirreen Dannaba!……ziz

Simoo ta’i! ……………..ziz
Sin simin!………………..ziz
Dandoo ta'i! ……………ziz
Sin danda'in! ……….….ziz
Doobbii ta'i! …………….ziz
Diina gubi !………………ziz
Guchii ta'i !………………ziz
Baalaan booni !….…….ziz
Haladdaq ta'i.……..……ziz
Oromiyaa ta’i..........…..ziz
Bal'adhu!…………..……..ziz
Fantaallee ta'i!..…………ziz
Mul’adhu!.....................ziz
Hayyuu ta’i......………….ziz
Dubbadhu....……………..ziz
Ofiin buulii.................…ziz
Siin bulchiin..................ziz
Biyya eegi................…..ziz
Hin keenniin.................ziz

Qabadhu!.................….ziz
Qabadhu…………………..ziz
Eebba Oromoota Karrayyuu kan iccitiin gad fageenya hubannoo fi beekumsa inni kabaja uumaa fi uumamaaf qabu akka salphaatti qorannoo fi qo’annoon bira hinga’amne!

Hamaa Dursa NamniNamni Osoo Hin HubatinTa'uun Oolu JedheeOfiisaa Waan ShakkuufYaada Wanta GadheeGaafatee HubachuurraTilm...
01/02/2023

Hamaa Dursa Namni

Namni Osoo Hin Hubatin
Ta'uun Oolu Jedhee
Ofiisaa Waan Shakkuuf
Yaada Wanta Gadhee

Gaafatee Hubachuurra
Tilmaamuu Filata
Gaarii Hedduu Gatee
Yaraaf Dursa Laata

Anaan Maal Na Galchee
Waa'een Nama Biyyee
Booda Yaada Dhiisaa
Iyyee Iyyee Iyyee

Namaaf Hin Dhiphatin
Onnee Tiyya Tiruu
siif Kan Si Caalu
Eessumayyuun Jiruu

Lalise

 !Jirra jiruu booruuIshee waliin makaaIshee yeroo tokko kolfaaYeroo tokkommoo dhoorkaaJirram jireenyattiIshee dhiphun gu...
29/10/2022

!

Jirra jiruu booruu
Ishee waliin makaa
Ishee yeroo tokko kolfaa
Yeroo tokkommoo dhoorkaa

Jirram jireenyatti
Ishee dhiphun guutuu
Nagaa walbira bahanii
Daqiiqatti lubbuun duutuu

Jirram jiruu aarii
Yeroo takka fiigaa
Bibir'achaa olleee
Yeroo takkamoo dhiigaa

Jirram jiruu qilleensaa
Asiif achi raafamaa
Diinna waliin wal qabnee
Hin boqonne takkumaa

Jirram jiruu daalachoftuu
Akka awwaraa bonaa
Godoon sabaa kootis
Guyya guyyaadhan onaa

Jirram jiruu hadhooftuu
Akka weennif jaldeessaa
Lammiin dhiiga tokkoo
Yeroo Gari walhadheessaa

Jirram jiruu siqiiqooftuu
Ishee akka rooba gannaa
Lubbuu warra du'aniif
Sabaa jiruutu falmaa!

Jirram dhukkubsachaa
Aariidhan waaddamaa
Abshira sabaa koo
Rakkoonis ni dhumaa

Jirram hunda baachaa
As geenyerra firaa
Isa garfuldurafiis
Abdiin uumaa biraa☝️

Lalise Natea

Shawaatti dhalaadhen Baalee immoo jiraadha Gaafa rakkoof gaafa xiqii Haraarghe koon wammaadha Godinaanis waamtan Oromoon...
16/10/2022

Shawaatti dhalaadhen
Baalee immoo jiraadha
Gaafa rakkoof gaafa xiqii
Haraarghe koon wammaadha

Godinaanis waamtan
Oromoon tokuuma
Har'as tahu kalee
Adda hin bahuu gonkuuma

Kopha kophaa oddeessu
Amaantiif kutaa kasaanii
Oromoo adda qoodu
Lagaa fi gandaani

Gaafa lolaf gaafa xiqii
Waliif haa birmaannu
Shira diinaf shira ormaa
Tuffaanne haa gatnuu

Wallaaggis kan keenya
Arsii koo dabaalate
Hundaatu nutti fiigaa
Nu qooduf dhaadate

Kalee waliin duune
Waluuman hamilee cabnee
Har'as waliin du'aa jirra
Hayyuuf goota meeqa dhabnee

Oromoo oromoodha
Tokkoo hin qabu makaa adda
Waluuman qoddaata jiru
Gammaachus ta'u gadda

Kanaaf wal barbaanna
Safuuf aadaa eegne
Waluuman haa jiraannu
Fagoo dhiyoo deemne

✍✍.. Lalise Natea

WALLAGGAAN!❤😔qubee barsiifte maleeA B C D lakkoofteedhiiga kaffalte maleeabbaaf ilmaan qabsoofteeoromoof joorte maleegan...
27/09/2022

WALLAGGAAN!❤😔

qubee barsiifte malee
A B C D lakkooftee
dhiiga kaffalte malee
abbaaf ilmaan qabsooftee
oromoof joorte malee
ganam barii kaatee

Laggasaa soorte malee
jaal marroof dahoo taatee
qabsoo ibsite malee
Eebbisaa Addunyaa laatte
irbuu tiksite malee
dheebuu Abishee baattee

raqa tuffatte malee
raqa sareen soorattu
haqa uffatte malee
haqa dhugaan uffattu
daba lagatte malee
daba coomaaf midhaanii
shawaaf birmatte malee
bara maaster pilaanii

qe'een Oliiqaa Dingil
biyyi bunaaf hancootee
araddaa Baaroo Tumsaa
wallaggi maal sin gootee?

KKaku Gadisa

Gaafan yaadu waa'eekee Sirriitti xiinxaleeMichuu dhugaa ta'uunkee Sirriitti naaf gale Gaafa biyyi rafuHalkan diriirfatee...
14/09/2022

Gaafan yaadu waa'eekee
Sirriitti xiinxalee
Michuu dhugaa ta'uunkee
Sirriitti naaf gale

Gaafa biyyi rafu
Halkan diriirfatee
Ati abjuun nayaadda
Onneen sidhiphatee

Jaalallikee anaaf adda
Fakkaattii hinqabu kan biraa
Boora'aa calalchee
Qulqulluu naaf hira

Galaana gamatti abdii
Baargama naaf dhiheessa
Dukkana addaan saaqee
Ifaan nageggeessa

Addunyaa kanarraa
Anaaf taatee abdii
Jaalala qulqulluun
Na boojitee qalbii

Ansimalee hinjiraadhu
Sirraa adda ba'ee
Jaalalakeen tiksa
Waan hundaa siif ta'ee!
❤❤❤❤❤❤

Lalise Natea
Telegram channel 👉 https://t.me/+2DvpeMiHEQowOWRk join

 #  sin dhowaanneOfii nyaadhe sin dhowaanne Qabeetan si nyaachisaOfii kootiif du'eetan Sii immoo jiraachiisaHumnaa koo s...
05/09/2022

# sin dhowaanne

Ofii nyaadhe sin dhowaanne
Qabeetan si nyaachisa
Ofii kootiif du'eetan
Sii immoo jiraachiisa

Humnaa koo sittiin fixee
Ofiidha si guddiise
Si immoo furdiiseen
Ofii of huqqiise

Guufu sitti hin taane
Akka haftuu iddoo kayyoo
Qalee sin awwaalle
Sirratti guure biyyoo

Shiroo sif hin laanne
Ofii kootii cooma nyaadhe
Si immoo Miilan hin oofne
Ofii konkoolaata yabaadhe

Ala sin hin bulchiine
Bineensa si fakkeesse
Yaara sin fakkeessine
Maqaa kee hadheesse

Maltuu na si nyaachisa
Sittii na urgeesse
Mee si quufe nan jedhii
Xiqqoo yoo dandeesse

Maaliif na qorqiita
Akkaa firii Harbuu
Anis nan dubaadha
Barrii kun haa Darbuu

Qabeenya kee fuudhe
Waan tokkoo hin qabu
Iddoon si jiraachise immoo
Ani immoo lubbuu dhabuu

Deemsa koo gabaabsite
Maaliif miila koo hitaa
Foon koo na fixxee
Maaliif hamilee koo mitaa

Foon koo narraa fixxee
Lafeetti na hambiiste
Lubbuu koos galaafaatte
Garaa kee caalchiiste

Ani immoo sin soora
Ati immoo naa nyaadhu
Du'eetan badaa malee
Sumaaf harkaa laadhu

✍✍...Lalise Natea

Telegram channel https://t.me/+2DvpeMiHEQowOWRk

Irbuu kooIrbuu koo nan tiksaaOmaattu hin laadhu Ani irbuu koo malee Wanjoo ormaa hin badhuu Haalatu na fageesse Na ceesi...
30/08/2022

Irbuu koo

Irbuu koo nan tiksaa
Omaattu hin laadhu
Ani irbuu koo malee
Wanjoo ormaa hin badhuu

Haalatu na fageesse
Na ceesise laga gamaa
Jireenyi ilma namaas
Waa baayee madaalama

Irbuu kootu baayeedha
Waan gatii jabaa
Isaa barbaachaafan
An boqonna dhabaa

Yoon lubbuu kaffaale
Natti hin xiqqaatu
Irbuu koo galma gaha
Karaattis hin gatuu

Dambaalii jireenya ilaalee
Maafan gataa irbuu koo
Irbuu koon milkeessa
Hin jijjiruu kayyoo koo

Irbuun Erbee miti
Kan gataamu karaatti
Irbuun kan bataamus
Ammuma dhumaatti

Kanaafan of dhoksaa
Nyaara koo guduunfe
Irbuu koos hin gatuu
Kanaafan kunuunse

✍✍..❤❤❤

 ! Deemtullee Abdu jabbar koo!Nyaadhamteetiis shiraan Yoomillee hin cufamu Kan ati baafte karaan Dhugaa dubbachuurraa  H...
06/08/2022

!


Deemtullee Abdu jabbar koo!
Nyaadhamteetiis shiraan
Yoomillee hin cufamu
Kan ati baafte karaan

Dhugaa dubbachuurraa
Hin deebine takkaa
Haqa hidhamtoota falmitee
Maaliif taate yakkaa

Tokkicha husseen
Abdu jabbaar koohubbi
Biyyee siif salphisee
Si haa kiisu Rabbi

Goota hin beekne Soda
Kan jiraate haqaaf
Ni baati dhugaan kees
Boonyee hin gallu maqaaf

Yaaddon qalbiikee dhoree
Kan qarxamsee si nyaatu
Garaankee haqaaf malee
Sobdootaf bakka'n laatu

Dhiphinni sabakeetii
Si gugguba garaacha
Waan gochaa wallalchisee
Keessatti si maraacha

Haqaaf falmu heera keetii
Onnee dhiiraa roraasaa
Haqa tulluurra dhaabee
Dhara hundeeshii raasa

Tasa garaaf hin bultu
Waa'ee sabaa dagattee
Goota haqa dubbatuu
Gadheen nudura nyaatte.

Akka taanuu dhabnee
Imimmaan harcaasa
Dubbiin lafeen cabnee
Oromoon sabnisaa

Nu dhukkubee midhaamnisaa
Deebi'ee silaan galuu
Gumaa baasuun barbaachisaa
Sabnikoo maaliif rafuu

Abdujabbaar wallaltanitimo
Naafiin gallee akkisaa
Dhiistanii teessanimmoo
Nunun dhiisuu cubbunsaa

Gadheen nutti siqsitee
Akka taanuu dhabnee
Waggaa 1ffaa xumurree
Gumaa kee baafannee.



Kayyoof wareegamtee
Ati yoomu yaa tiruu
Galmaan nigeessisaa
Dhaloonnii lubbuun jiru

Kaatani galtuu ja'een
siif danda'amaa laataa
Goototaa hedduu waliin
Garaatu na bir'ataa

sammuukoot na gowwomsee
Na dhaamaasa laataa
Kan du'ee silaan galuu
Seenatu yaadata..

Qaamni awwaalamuus
Yoomuu hin du'u Goonni
Seenaadhaan jiraatta
Si kaasa Dhaloonni!!!

Lalise Nataa'a

 Dirraafoo dirra dirraaMurannee hin nyaanne maleeJirraafoo jirra jirraa Oollee miidhama kalee Warra roorroo qolatuWarra ...
03/08/2022



Dirraafoo dirra dirraa
Murannee hin nyaanne malee
Jirraafoo jirra jirraa
Oollee miidhama kalee

Warra roorroo qolatu
Warra hin qabne bir'annaa
Warra dhugaaf foolatu
Ilmaan Ituuf Humbannaa

Warra kakawweessa'ee
Diinatti buusu yandoo
Warra haqaaf qabsaa'ee
Ilmaan Sikkoofi Mandoo

Warra gadaa leellisu
Warra safuun kuulamaa
Warra roorroo deebisu
Ilmaan maccaaf tuulamaa

Wal keessatti maramnee
Akka hidda geeboo
Jirra eeyyee nii jirraa
Ilmaan Raayyaaf Aseeboo

Ummata jaalala magarsee
Diina hin sodaanne yoonaa
Akkam nagaa jirtuu?
Ilmaan sabboof goonaa

Lalise Natea

Namootni akka ati jijjiirramte haasa'u. Garuu, sababbiin jijjiirramuu keetii akka isaan ta'e hin beekan. Kanaafuu yeroo ...
27/07/2022

Namootni akka ati jijjiirramte haasa'u. Garuu, sababbiin jijjiirramuu keetii akka isaan ta'e hin beekan. Kanaafuu yeroo si jaalatan kan jaalatu, yeroo si jibban kan hin dhiphanne laphee qulqulluu fi garraamii qabaadhu. Bara jireenya kee keessatti wanta beektu hunda dubbachuun sirraa hin eeggamu ta'a. Garuu, wanti baruun sirraa eeggamu jiruu kee xiyyeeffannoon jiraachudha.

Lafa kana irratti nama ta'uudha malee nama fakkaachuun ni salphata akkuma jedhamu, atis garaa guutun nama ofitti amanuu fi of ta'u ta'i.

Iyyoota naannoo kee jiraniif gurra hin kennin. Raachonni naannoo haroo jiran baayyisanii waan iyyaniif haroon kan isaaniti jechuu miti. Kabaja isaaniif jedhanii kan callisan qurxummiilee hedduun haroo keessa ni jiruutii.

✍ Looreet Tsaggayee G/Madiin
🙏🙏🙏LalLalise NateatLalise Natea

Address

AMBOO
Adama

Telephone

+251965245677

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lalise Nataa'a posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share