Gola Seeraa Lammiif

Directions Website

Gola Seeraa Lammiif Gorsaawwanii fi dhimmoota seeraan wal qabatan bilisaan argadhaa

📜Boqonnaan Waggaa dabarfamuu fi qarshiin jijjiiramuu akka hin dandeenye yoo dabarfames marsaa lama caala dabarfamuu akka...
29/08/2026

📜Boqonnaan Waggaa dabarfamuu fi qarshiin jijjiiramuu akka hin dandeenye yoo dabarfames marsaa lama caala dabarfamuu akka hin dandeenye beektuu?




📢Qajeelfamni seeraa hojjetaan kamiyyuu mirga boqonnaa waggaa akka qabuufi boqonnaan kunis dabarfamuu akka hin dandeenye ni addeessa haa ta'u malee akkaataa Labsii Hojjetaaf hojjechiisaa hoogganu 1156/2019 keewata 79/4 tti eeyyami waggaa walii galtee hojjetaafii hojjechiisaa sanaa irratti hundaa'uun yeroo waggaa lama hin caalleef qofa dabarfamuu danda'a. Kana jechuun boqonnaan waggaa yeroo lama qofa dabarfamuu ykn maallaqaan jijjiramuu danda'a.
📚Akkasumas keewwata 76 muraan 1 walii galteen hojii boqonnaa waggaa of keessaa hin qabne seeraan ala akka ta'e ifa godha kana jechuun hojjetaan tokko walii galtee hojiii boqonnaa waggaa of keessaa hin qabne keessaa seeneyyuu walii galteen sun dhiibbaa kamiyyuu isarratti uumuu hin danda'u jechuudha.

🏷GAAFFIIWWAN SEERAA KAN BIROO IFA ISINIIF AKKA TA'U BARBAADDAN GARA KEENYA FIDUU HIN DHIISINAA.
GALATOOMAA
LIKE
FOLLOW
SHARE
GOCHUUN NAMOOTA HEDDUU BIRA AKKA GAHU GOCHUUN NU TUMSAA

Qarshii dogoggoraan gara herrega baankii keessaniitti darbe deebisuun dirqamaa? Haalota akkamii keessattis deebisuun dir...
28/08/2026

Qarshii dogoggoraan gara herrega baankii keessaniitti darbe deebisuun dirqamaa? Haalota akkamii keessattis deebisuun dirqama ta'a?




Qarshiin dogoggooraan gara herrega baankii nama tokko irraa gara isa biraatti yoo dabarfame haalota sadii(3) keessatti maallaqni sun akka deebifamu ta'uu danda'a. Haalotni ykn haal dureewwan kunis:

1. Yoo namni maallaqni gara herrega isaa irratti darbe sun deebisuuf fedhii qabaate.
2. Baankiin qarshii sana dabarse ykn transaction sana raawwate battaluma dogoggora raawwate sana beekee herrega namicha irratti dabarfamee irraa gara jalqabaatti gaafa deebisuu fi.
3. Ajaja mana murtiin qofadha jechuudha

Haalota sadan kana keessaa tokko yoo uumame qofadha jechuudha namni tokko qarshii gara account ykn herrega baankii isaa irratti darbe abbaa isaaf deebisuu kan danda'u.



ትዕዛዝ፣ ብይን፣ ፍርድና ውሳኔ===================ትእዛዝ (order ) ,,,ብይን ( Ruling ) ,, ፍርድ (Judgement ),,ዉሳኔ ( Decision /Decree )እነዚህ ...
07/08/2026

ትዕዛዝ፣ ብይን፣ ፍርድና ውሳኔ
===================
ትእዛዝ (order ) ,,,ብይን ( Ruling ) ,, ፍርድ (Judgement ),,ዉሳኔ ( Decision /Decree )

እነዚህ አራት ቃላት በሕግና በፍርድ ቤት የሥራ ሂደት ዉስጥ ተመሳሳይ ቢመስሉም የራሳቸው የሆነ የተለየ የሕግ ትርጉምና ደረጃ አላቸው ,,,,,,,,

1, ትእዛዝ ( Order )
" ትእዛዝ " ማለት አንድ የፍርድ ቤት ክርክር ከመጀመሩ በፊት ወይም በሂደት ላይ እያለ ፍርድ ቤቱ አንድን ነገር እንዲደረግ ወይም እንዳይደረግ የሚሰጠው መመሪያ ነው ።
ባህሪው
ጉዳዩ መዝጋት ወይም መጨረስ ሳይሆን ለሂደቱ መቀላጠፍ የሚሰጥ ነው ።
ለምሳሌ :
"ይህ ንብረት ለጊዜው እንዳይሸጥ እንዳይለወጥ ታግዶል " ወይም " ተከሳሽ ለቀጣይ ቀጠሮ ምስክሮች ይዞ ይቅረብ " የሚሉ መመሪያዎች ትእዛዝ ይባላል ።

2, ብይን ( Ruling )
" ብይን" የሚሰጠው በክርክሩ ሂደት ዉስጥ ለሚነሱ መከራከሪያ ነጥቦች ( Interlocutory matters ) ምላሽ ለመስጠት ነው ።
ባህሪው
ዋናው የክርክር ዉጤት ( ማን አሸነፈ ? ማን ተሸነፈ ?) ሳይሆን በመሀል የሚነሱ የህግ ክርክሮችን ለመወሰን ነው ።
ለምሳሌ ;
" ፍርድ ቤቱ ይህንን ክስ ለማየት ስልጣን አለው / የለዉም " ወይም " ክሱ በይርጋ ይታገዳል / አይታገድም " የሚለው ዉሳኔ ብይን ይባላል ።
ብይን ብዙ ጊዜ ክርክሩን አያበቃዉም ይልቁንም ሂደቱን ይቀጥላል ።

3, ፍርድ ( Judgement )
" ፍርድ " ማለት ፍርድ ቤቱ የቀረበለትን ማስረጃዎች መርምሮ ; የግራ ቀኙን ክርክር ሰምቶና መዝኖ የሚሰጥ የመጨረሻ ድምዳሜ ነው ።
ባህሪው
ፍርድ ቤቱ በጉዳዩ ላይ የደረሰበትን የሐቅና የህግ ድምዳሜ በዝርዝር የሚያስቀምጥበት ሰነድ ነው ።
ለምሳሌ ;
" ከሳሽ የንብረቱ ባለቤት መሆናቸውን ፍርድ ቤቱ አረጋግጧል "
የሚለው ሰነድ ፍርድ ነው

4,ዉሳኔ ( Decision /Decree )
" ዉሳኔ " በፍርድ ላይ ተመስርቶ የሚሰጥ ተግባራዊ ትዕዛዝ ነው ።
በፍርድ መደምደሚያ ላይ " በዚህ መሠረት ",,,,,,,,,ተብሎ የሚቀመጠው ነጥብ ነው ።
ባህሪው
በፍርድ የተረጋገጠውን መብት ወይም ግዴታ ለይቶ የሚያስቀምጥና ተፈፃሚ የሚሆን ነው ።
ለምሳሌ ;
ፍርዱ " ከሳሽ ባለቤት ናቸው " ካለ,,,,,
ዉሳኔዉ " ተከሳሽ ቤቱን ለከሳሽ በአንድ ወር ጊዜ ዉስጥ ያስረክቡ" የሚለው የመጨረሻ ትዕዛዝ ነው ።

ማጠቃለያ / ልዩነት
/ቃል/ ትኩረት / መቼ ይሰጣል ?

# ትእዛዝ
ለስራ ሂደት መመሪያ መስጠት
በማንኛውም ጊዜ
# ብይን
በመሀል ለሚነሱ መከራከሪያዎች መልስ መስጠት
በሂደት ላይ
# ፍርድ
ማስረጃ መዝኖ ድምዳሜ ላይ መድረስ
በክርክሩ ማብቂያ
# ዉሳኔ
መብትና ግዴታን ለይቶ መወሰን
በፍርድ መጨረሻ
ፌ/መ/ደ/ ፍ/ቤት ረ/ዳኛ

ክረምት ena Dega በ sheger
30/07/2026

ክረምት ena Dega በ sheger

👉 #ኢንሹራንስ ኢንሹራንስ እና ህጉ 📜የመድን ገቢ(መድን የተሰጠው ግለሰብ)ግዴታዎች ምንድን ናቸው? 📌መጀመሪያ እና ዋነኛው ብዙ ግለሰቦች መብታቸውን እያጡበት ያለው: በተሽከርካሪ አደጋ የሶስ...
29/07/2026

👉 #ኢንሹራንስ ኢንሹራንስ እና ህጉ

📜የመድን ገቢ(መድን የተሰጠው ግለሰብ)ግዴታዎች ምንድን ናቸው?

📌መጀመሪያ እና ዋነኛው ብዙ ግለሰቦች መብታቸውን እያጡበት ያለው: በተሽከርካሪ አደጋ የሶስተኛ ወገን መድን አዋጅ መሠረት መድን ገቢው ግለሠብ በ ሶስተኛ ወገን ላይ ጉዳት ስያደርስ በ አስር (10) ቀን ውስጥ ለመድን ሰጪው ኩባንያ አደጋው እንደ ደረሰ የማሳወቅ ግዴታ አለበት:: ከ አቅሙ በላይ በሆነ ሁኔታ ምክንያት ሳያሳዎቅ ካልቀረ በስተቀር የነበሩት የ መድን መብቶቹ ቀሪ ይሆናሉ ይህ ማለት መድን ሰጪው ግዴታ የለበትም ማለት ነው: መድን ሰጪ ሳስተኛ ወገን ብካስ እኳን ግዴታው ቀሪ ስለ ሆኔ ያወጣውን ወጪ ከ መድን ገቢው ተመላሽ ይደረግለታል::

📚የተሽከርካሪ አደጋ የሶስተኛ ወገን መድን አዋጅ ቁጥር 799/13 አንቀፅ 6/2 እና 17/1

ሌሎች ሰዎች ጋር እንድደርስ እባክዎ ሼር ያድርጉ።

ሊኖሮዎት የሚችሉ ሌሎች ጥያቄዎች ካሉዎት እባክዎን ለመጻፍ አያመንቱ።

👉  Inshuraansii fi seera 📜Namni konkolaataa isaa inshuraansii seensifate tokko dirqama akkamii qaba yoo dirqama kana bah...
29/07/2026

👉 Inshuraansii fi seera

📜Namni konkolaataa isaa inshuraansii seensifate tokko dirqama akkamii qaba yoo dirqama kana bahuu baate miidhaan ykn rakkoon isa mudachuu danda'u maali?

📌Inni jalqabaaf inni guddaan kan namooti lakkoobsaan hedduu ta'an itti mirga isaanii dhabaa jiran yeroo balaan qaama sadaffaa irra qaqqabetti ykn konkolaataan inshuraansii seensifame sun balaa qaama biraa irratti dhaqqabsiisetti guyyaa 10n (kudhan) keessatti dhaabbata inshuraansii konkolaataa isaaf seensisetti beeksisuu danda'uu qaba yoo kana hin goone garuu mirgi isaa guutuutti hafaa taasifama yoo rakkoon humnaan olii isa hin mudaterran kan hafe jechuudha. Kana jechuun dhaabbatni sun dirqamni inni konkolaataa sanaaf inshuraansii kennee qaamaa sadaffaa miidhaan irratti dhaqqabeef kafaluu qabu ni hafa jechuudha. Kanaafiyyuu abbaadhuma konkolaataa sanatu baasii hunduma kafala yoo dhaabbati sun dursee kafaleera ta'es dhaabbatichi abbaa qabeenyichaa isa miidhaa dhaqqabsiisee irraa hanga maallaqa kaffalee deebifachuu danda'a jechuudha.

📚Labsii inshuraansii konkolaataa balaa qaama sadaffaa irratti dhufu lakkobsa 799/2013 (vehicle insurance against third party risk Proclamation no.799/13 keewwata 6 muraa 2 fi keewwata 17.

Namoota hedduu bira akka gahuuf share tolchaa.

Dhimmoota gaaffii isinitti uumaniif akka isiniif ibsamu kan biraan yoo jiraatan nuuf barreessuu hin dagatinaa.

📢Waliigalteen gaa’elaa mana murtiin mirkanaa’uu qaba. Angoon isaahoo maali? ⚖️Waliigaltee gaa’elaa kan abbaa warraaf haa...
25/07/2026

📢Waliigalteen gaa’elaa mana murtiin mirkanaa’uu qaba. Angoon isaahoo maali?

⚖️Waliigaltee gaa’elaa kan abbaa warraaf haadha warraa lamaan gidduutti mallattaa’e hojiirra akka oolu mana murtiin mirkanaa'ee ni ragga’a.
Akkasumas waliigalteen gaa’elaa aangoo akkamii qabaachuu qabaanis gaaffiidha. ❓️

📜Waliigalteen gaa’ilaa qabeenyi qaamolee gaa’elaa eenyuu fi akkamitti akka bulchamuu yookin hoogganamuu akka qabu murteessuu qofa aangoo qaba. Aangoo abbaa qabeenyummaa murteessuu hin qabu jechuudha fakkeenyaaf hiriyoonni gaa’elaa waliin jiraachuuf walii galan lameen qabeenyi dhuunfaa isaanii kan gaa'eela duraafi booda horatan kan waloo isaanii akka ta'u waliif galuu hin danda'an. akkasitti yoo waliigalan illee null and void ta’a jechuun bu’aa seeraa hin qabaatu jechuudha.
📚📜Ethiopian Revised family code(SEERA MAATII ETHIOPIA FOYYA'E) keewwata 60

⚖️የጋብቻ ውል በፍርድ ቤት መፅደቅ አለበት::

✅️በሁለቱ የትዳር አጋሮች መካከል የተፈረመው የጋብቻ ውል ተፈፃሚ እንዲሆን በፍርድ ቤት መፀደቅ አለበት።
እንዲሁም የጋብቻ ውል ምን አይነት ስልጣን ሊኖረው ይገባል የሚለው ጥያቄም ጭምር ነው።
የጋብቻ ውል የባልና ሚስትን ንብረት ማን እና እንዴት ማስተዳደር እንዳለበት የመወሰን ስልጣን ብቻ ይኖረዋል። የንብረቱን ባለቤትነት የመወሰን ስልጣን የለውም ለምሳሌ ባለትዳሮች ከጋብቻ በፊት እና በኋላ ያለው የግል ንብረታቸው የሁለቱም የጋራ ንብረት እንዲሆን መስማማት አይችሉም፣ ምንም እንኳን በዚህ መንገድ ቢስማሙም እንኳ ዋጋ ቢስ ይሆናል፤ ይህም ህጋዊ ውጤት አይኖረውም ማለት ነው።
📚የተሻሻለው የቤተሰብ ህግ( አንቀጽ 60)

📌Contract of marriage shall be approved and ratifed by court.

📖The contract of marriage which signed between the two spouse's shall be ratified and approved by court to be effective.
Also what kind of authority should the contract of marriage shall bear is also a question.
📜The contract of marriage shall only have the power of deciding who and how to administer the spouses property. It doesn't have the power or the authority to decide the ownership of the property for example the spouses cannot agree their personal property before and after the conclusion of marriage shall be the common property of both, for example the spouses cannot agree their personal property before and after the conclusion of marriage shall be the common property of both, even if they agree as such it will be null and void meaning it shall not have legal effect.
📃Ethiopian Revised family code (article 60)

 Abbaa carraa hayyama Bulchiinsa looterii biyyaalessaatiin( National lottery)ala taphachiisuun yookan carraa buusanii qa...
21/07/2026


Abbaa carraa hayyama Bulchiinsa looterii biyyaalessaatiin( National lottery)ala taphachiisuun yookan carraa buusanii qarshii walitti qabuun hidhaa waggaa 3 -5 nama adabsiisa.

Eeyyee kana miidiyaa hawaasaa irratti abbaa carraa abaluu jedhanii qarshii sassaabuun akkasumas bakkee irratti tikeetiidhaan carraa buusan heddummataniru, haa ta'u male gochi kun adeemsa seeraa yoo hin hordofne hidhaa waggaa sadii hangaa shaniif nama saaxila.
Akkaataa dambii bulchiinsa looterii biyyaalessaa fooyyeessuf baye lakkoobsa 160/2009 keewwata 17 fi 20 miraa 1n namni heyyema abbaa taayitaa looterii biyyaalessaan alatti gochoota armaan olii irratti hirmaata adabbii hidhaa waggaa 3 hanga shaniitu isa eeggachuu danda'a.

Namoota hedduu bira akka gahuuf share gochuu hin dagatinaa.

 Abbaa carraa hayyama Abbaa taayitaa looterii biyyaalessaatiin ( National lottery) ala taphachiisuun yookan carraa buusa...
21/07/2026


Abbaa carraa hayyama Abbaa taayitaa looterii biyyaalessaatiin ( National lottery) ala taphachiisuun yookan carraa buusanii qarshii walitti qabuun hidhaa waggaa 3 -5 nama adabsiisa.

Eeyyee dhiheenya kana miidiyaa hawaasaa irratti abbaa carraa abaluu jedhanii qarshii sassaabuun akkasumas bakkee gara garaatti tikeetiidhaan carraa buusuun baratamaa fi heddummataa dhufeera haa ta'u malee gochi kun adeemsa seeraa yoo hin hordofne hidhaa waggaa sadii hanga shaniif nama saaxila.
Akkaataa dambii bulchiinsa looterii biyyaalessaa fooyyeessuf bahe lakkoobsa 160/2009 keewwata 17 fi 20 muraa 1n namni heyyema abbaa taayitaa looterii biyyaalessaan alatti gochoota armaan olii irratti hirmaata adabbii hidhaa waggaa 3 hanga shaniitu isa eeggachuu danda'a.

hedduu bira akka gahuuf share gochuu hin dagatinaa.

Address

Adama
123987

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gola Seeraa Lammiif posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category