Team Birillee

Team Birillee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Team Birillee, Art, `Alem Gena.

WAAQEFFATAA TA'UUF BAKKA JETTE SIRREEFFADHU!WAAQEFFATAAN OROMOO OF TA'EEDHA. Namni kamuu yoo of ta'e akkuma warra isaatt...
18/09/2023

WAAQEFFATAA TA'UUF BAKKA JETTE SIRREEFFADHU!

WAAQEFFATAAN OROMOO OF TA'EEDHA.
Namni kamuu yoo of ta'e akkuma warra isaatti jiraata malee akka Oromoo(Waaqeffataatti) hin jiraatu. Oromoo qofatu Waaqeffataa ta'e akka Oromootti jiraata. Oromoon(WAAQEFFATAAN) akka amantiiwwan samii bu'aan tokko tokkootti aadaa warra tokkoo qofatti nama galchee raawwatee hin adeemsisu. Hunduma namaa akka Islaamummaan araba godhutti Waaqeffannaan Oromoo hin godhu. Kana hubadhaa.

Akka sheekiin kuni jedhutti "Waaqeffataa tahuuf Oromoo tahuu fi tahuu dhabuun mirga keeti." jedha. Kuni ilaalcha warra sanaatiin Waaqeffannaa Oromoos ilaala waan taheefi.

Akka Waaqeffataatti, Namni kamuu OF TA'UU qaba. Yoo Of hin taane naman taatu waan taheef.
©Kan Waaqeffataa taatuuf Waaqaaf jettee. miti, Ofiif jetteeti malee.
© Waaqeffataa Waaqa osoo hin taane Oromootu tolfate.
©Waaqni amantiiwwan tokkoollee hin uumne. Hundumayyu namatu uume.
Fakkeenyaaf
Waaqeffannaa>>>>>>OROMOO
Islaamummaa>>>>>>ARABA
Kiristaanummaa>>>>ISRAA'EEL
Hindiiyuuzimii>>>>>>HINDII
Shintoo'izimii>>>>>>>CHAAYNAA
Buudiizimii>>>>>>>>>BURMAA
fi kanneen hafan baayyees warruma waliin jireenya qabuutu akka isaaniif tolutti tolfate. Kuni dhugaa lafa jiruudha.

Akka hubannoo uummata keenyaatti garuu Waaqatu uume jedhu. Isallee Kiristaanummaa qofa uume jedhu, Islaamummaa qofa uume jedhu. Kuni amantiiwwan lameen Abraaham/Ibraahim irraa dhufan kuni addunyaa kana guutuu of jala ofuu waan barbaadaniif mala kanaan deemu. Kuni yeroon isaa darbeera amma.

OF TA'AA
Akka isiniin malu akka warra keessaniitti jiraadhaa. Warra irraa dhalattan dhiistanii arabaa fi israa'eel hordofuu SHIRKIIDHA/HAAXIYAATI

NAGAAN TURAA

Dumeeysarraan JiraDheebuu nan yaadidniDheebuu teetin qabaGargar fagaannaaniShare
14/09/2023

Dumeeysarraan Jira
Dheebuu nan yaadidni
Dheebuu teetin qaba
Gargar fagaannaani

Share

ALII MAHAMMAD DIIMAA(AJABSIREE)Artist Alii Mahammad Diimaa artistii seenaa artii Oromoo keessatti shoora olaanaa qabaatu...
14/09/2023

ALII MAHAMMAD DIIMAA(AJABSIREE)

Artist Alii Mahammad Diimaa artistii seenaa artii Oromoo keessatti shoora olaanaa qabaatu. Garuu hin haasawamneef malee.

Aliin gara artiitti seenuun isaa baroota dargii keessa yeroo ijoollummaa keessallee ta'u, artiitti makamee hojjachuu jalqabuun isaa bara 1981 A.L.Hti. Bara kana magaalaa Dirreedhawaa dhaquudhaan Abdii Qophee bira qubate. Bara 1981-1983tti Abdii qophee waliin turuudhaan, kennaa uumamaan qabu irratti ogummaa walaloo fi yeedaloo barreessuu Abdii Qophee irraa barate.

Achi booda artist Alii Mahammad Diimaa gara Harargee Lixaa naannoo Xirroo Odaa Bultumitti deebi'uun Hawwisoo Odaa Bultum keessatti qooda qabsoo Oromummaa saba isaatiif gumaachaa ture.

Bara 1984tti (ETV) sagantaa DHANGAA jedhamu irratti sirba isaa AJABSIREE jedhamu dhiyeesse. AJABSIREEn sirba SHAGGOOYYEE yeroo jalqabaatiif televijiinii irratti mullateedha. Sirba kanaan akka guutuu biyyaatti dhageetti argate. Bara 1985tti, Weellisaa Aadam Haarun, Roobaa Dhaabaafaa waliin hursootti hidhame. Hidhaarraa erga bahe booda gara Dirreedhawaa deebi'uun muuziqaa qindeessuu eegale.

Bara 1987tti albama "SAARTUU TIYYA" jedhu, Weellistuu ALMAAZ TAFARRAA fi WARQUU GURMEESSAA hojjatee magaalaaf dhiyeesse. Bara kana booda artist Alii Mahammad Diimaa sirboota Oromoo Afran Qalloo bakka bu'uun hanga arraatti ganna 30 oliif qindeessuudhaan duubaa tumsaa tureera. Kana malees walaloo fi yeedaloo artistoota baayyeef gumaachaa tureera. Wellistoonni Aliin walaloo fi yeedaloo Albamaan hojjateef keessaa muraasi:-
Almaaz Tafarraa
Haloo Daawwee
Abdii Ibraahim
Falmataa Roorroo
Ahmad Ibrooshee
Abdusalaam Haajii
Adisuu Furgaasaa
Abbabaa Abbishuu
Anwaar Badhaanee
Taajuu Shurrubbee
Iskandar Abdallaa
Kadiir Bantuu
Awwal Abdallaa
Zaakir Abdallaa
Okaash Ahimad
Saaliyaa Saamii
Maawardii Ibraahim
Na'imaa Abduramaan
Muluukaa Mahammad
Kumaalee Boruu
Iftuu Mahammad
Imaanee
Fi kan kana fakkaatan baayyeen jiru. Isaan kunii fi kanneen ISTUDIYOO IFTAANAA irraan uummata oromootti bahaa turani.

Kana qofa miti, artist Alii Mahammad Diimaa akkuma JENARAAL WAAQOO GUUTUU gabrummaa hiddaan buqqisna dadhabnu ilmoo itti guddisna jedhetti, Yeroo ammaa ilma isaa Olyaad Alii muuziqaa barsiisuudhaan gumaacha sabaaf waggoota 30mii oliif taasisaa ture itti fufsiisee jira.

Maarree artist Alii Mahammad Diimaa arrallee nan jalqabe malee yoomin xumure jechuun walaloo fi yeedaloo babbareedoo sirboota aadaa fi ammayya ta'an, qopheessee artistootaaf gumaachaa jira. Kana malees sirboota isaa haaraya fi warra turan gama You Tube isaa Artist Ali Mohammed Dima
https://youtube.com/?si=pEakmkErO1OVIndD
irratti hojjatee dhiyeessuu jalqabee jira.

Kanaaf You Tube kanallee SUBSCRIBE godhuun maatii ta'a.
Warreen walaloo fi yeedaloo barbaaddan ammoo gama bilbila +251928218422 kanaan qunnamaa.

Dhumarrattiis dhaamsi an qabu, nama kabajamaa fi jaalatamaa kana, erga du'een booda boo'uufi caala osoo jiruu haa bira haa dhaabbannu.
Wal gargaaruu
Wal bira dhaabbachuu
Waliif tumsuu aadaa haa godhannu!!

Jaalataa Sabaa

Share your videos with friends, family, and the world

JAAFAR ADEELLEEWelcome Bro
13/09/2023

JAAFAR ADEELLEE
Welcome Bro

Artist Jaafar AdeelleeVidiyoo jalqabaa isaati kan qabatee dhufe...

Gatii Aadaan Teenya Qabdu Ganaa Hubanna!!!
14/03/2020

Gatii Aadaan Teenya Qabdu Ganaa Hubanna!!!

Adaan Teenya...
09/03/2020

Adaan Teenya...

Hin bannee ni jirra jaallan qabsoo Oromoo nagaa keessanii
08/03/2020

Hin bannee ni jirra jaallan qabsoo Oromoo nagaa keessanii

28/02/2020

Art

Ardii Kuush Tana Hamma Irra Jiraannu Seenaa Hojjannee Haa Darbinu...!Ardii Qulqulluu Dhaloota Keenya Haa Dhaalchisnu...!...
28/02/2020

Ardii Kuush Tana Hamma Irra Jiraannu Seenaa Hojjannee Haa Darbinu...!
Ardii Qulqulluu Dhaloota Keenya Haa Dhaalchisnu...!
Team Birillee
Nu Eebbissaa!

BirilleeSeenaa Kee Afaan Oromoo Irratti Gumaachite Dhaloonniis Gumaachuuf Kutateera...!
28/02/2020

Birillee
Seenaa Kee Afaan Oromoo Irratti Gumaachite Dhaloonniis Gumaachuuf Kutateera...!

Address

`Alem Gena

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Team Birillee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category