Soof-Umar Bashannanuuf Kolfuuf Taphachuuf yoo fedhii qabaattan eessayyuu hin deeminaa hundaa asii argattuu.

27/11/2023

The Oromia Media Network (OMN) Is An Independent, Nonprofit News Enterprise Whose Mission I… OMN Support needs your support for Support Oromia Media Network.

27/11/2023
21/04/2021

Miskiin jedhe Sheikh Amiin Ibroo. Hedduu garaa na nyaate Faaxeen tuni. Adaraa keessan Mammadooche faaxee qalbii hin cabsinaa.

03/03/2021

Isin warroonni shamarranii kuni ilaalcha keessan jallaa kana homa gootan godhaa qajeelfadhaa ok 😆

03/03/2021

Waggaa shan biyya ormaatti warroonni guuttan akkami dubbiin tuni dhugaa moo mee addaan nuuf baasaa 😆

09/01/2021


Qophii duula waraanaa WBO Zoonii Lixaa irratti Bilxiginnaan ta'aa jiru.

******
1. Kaayyoo Duula kanaa

Duulli kuni kufaatii duula kanaan dura gaggeesaman irratti gamaggama erga godhan booda kan bahaa jiruudha!
Bu'aan gamaggama Bilxiginnaa opireeshiniwwan kanaan dura gaggeesaman irratti godhame hundi fashalaa'uu akka agarsiise irratti walii galamee jira. Sababoota duulli gaggeesamaa turee fi jiru maaliif akka jalaa kufe adda baafachuu fi kan sireessamu sirreessuun duula miilanaatti galuufis socho'aa yoo jiraatan, kaayyoon duula kanaa WBO Lixaa Jaal Marroon hoogganamu barbadeessuu fi gatii kanfalamu kamuu kanfaluun Jaal Marroo akka dhuunfaatti dhabamsiisun bu'aa siyaasaa deeggartoota isaanii garee nafx*nyaa gammachiisuu fi hamilee qabsoo hidhannoo Oromoo cabsuudha.
Akkasuma duula itti aanu WBO Zoonota biraa irratti banuun Oromiyaa WBO irraa qulqulleessuun Oromiyaa "Free Zone" akka barbaadanitti keessa Socho'an gochuun dhiibbaa naannoo biraa irraa itti dhufu salphisuu kan jedhuudha. Filannoo dhufu fakkeessinee kan darbuu dandeenyu humni kuni dura yoo rukutame qofa jechuun lafa taa'eera.

2.Qophiilee akka haal dureetti godhamaa jiran.

- Guutuu Oromiyaatti ummata hiriira baasuun " Ummanni mootummaan akka seera kabachiisu gaafachuu isaa fakkeessuu fi duula ta'uuf deemu duubaan deeggarsi ummataa akka jiru fakkeessuu

-Loltoota Opireeshinii kana gaggeessan qopheessanii jiru. Loltoonni kunis Mooraalee Xoollaay, Birshalaqoo fi Bishooftuutti kan leenji'an ta'uun beekameera. Loltoonni kuni Humna Addaa Oromiyaa-HAO, Humna Addaa Amaaraa-HAA,Gaardii Repapilikaanii 1,800 ta'an waliin qopheessa yoo jiran RIBis duula kanatti ni hirmaata. Loltoonni rukkuttaa Xiyyaaraa fi Helikopteriis bakka barbaachisutti rukkuttaa gageessuuf Bahirdar irraa akka ta'e maddeen odeefannoo ni ibsu.

- Wiirtuuwwan ajaja waraanaa/Command Centers/ Opireeshiniiin kuni irraa laatamu qopheessuu fi gara sanatti humna waraanaa guuranii qopheessuu yoo ta'u bakkeewwan 3 waraanni irraa ka'ee duula gaggeessuuf jirus adda bahanii jiru. Isaanis Gimbii, Asoosaa fi Gaambellaa yoo ta'an yeroo kanatti Poolisoonni idilee fi HAO bakka adda addaa irraa gara kaampii Gimbii fi Dhidheessaatti baay'inaan qubsiisamaa jiru.

Kallatii duula kaminuu Ripapilikaan Gaardiin rasaasa wayyaanee irra hafte itti makamuun yoo duula gaggeessuuf jettu, HAA uffata HAO uffachuun karaa Asoosaa, RIB immoo karaa Humna biraa qabatee kallattiin Gaambeellaan daangaa Oromiyaa daangessuun akka galuudha.

Lolli kuni lola Ijjibaataa Bixiginnaan ummata Oromoo irratti gaggeesuuf Qophii irraa jirtus, nu injifachuu mitii, dhuma ishee ni ta'a.

Oromoon hundi waan qabuu fi danda'uun WBO cinaa dhaabbatee bakka maraatti diina kana irratti haleellaa gaggeessuu qaba.

Bilxiginnaan Kisaaraan akka deebitu shakkii hin qabnu.

07/01/2021

DHIIROTAAF💊💋
☹︎☹︎☹︎☹︎☹︎☹︎☹︎☹︎☹︎☹︎☹︎
Yeroon itti shamarree waliin chat godhan; waliin qoosanii haasaadhaan kofalsiisanii gaggabsan; waan ishiin jette hiriyyaa ofii waliin haasa'anii irratti mari'atan; murteessuu dadhabanii akka dhallaadduu bishaan keessaa kirkiran; ishii kanarraa amala ishii sanarraa bareeda tokkorraa sabboonummaa kaanirraa garraamummaa.... jaalatanii laga kun hundumtuu itti walga'ee yaa'uu waraabachuuf jedhanii dheebotanii dhaban ni darba. Kan kana hundaa rakkannee, muddamnee, calculate goonee, mari'annee jennu TAKKITTII rabbi nuu kaa'e san argachuufidha. Waanti ani har'a haasa'uu barbaade garuu ishii gaafa argannu gara boqonnaa biraatti ceena! Ni ulfoofti ykn garaatti baatti. Kun eebbaa waaqaa fi kabajaa guddaadha; nama gammachiisa. Akkamiin yoo ishiin mucaa lamaan keenyaa garaatti baattu haa kunuunsinuun dhimmakoo har'aati.
YOO HAATI MANAAKEE GARAATTI BAATTU AKKAMIIN KUNUUNSITAA?
1. Akkuma ulfaa'uu ishii barteen akka gammachuun guddaan sitti dhaga'ame itti himi. Tarii karoora kee malee dhufe ta'a; garuu karoora rabbii malee hin dhufne. Accept it!
2. Danda'aa ta'i. Haati manaakee yoo ulfooftu amalli ishii ni jijjiirama. Gaafii ni gammaddi; gaafii immoo sababuma malee lafaa katee boossi. Kana kan fidu hoormoonii qaama ishii keessaa jijjiiramu malee rakkoo ishii miti.
3. Akka ofii kee garaatti baatteetti jiraadhu. Kana jechuun fkn yoo dooktarri ishii buna hin dhugiin jedheera ta'e atis waliin dhiisi. Bira teessee dhugdee akka itti dhaga'amu hin godhiin. Alkoolii, fi kkf illlee akkasuma.
4. Gara mana yaalaa yoo ishiin deemtu yeroo hunda waliin deemi. Uumaa rabbii ta'ee ishiin garaatti baatte malee mucaan gaafa dhalatu qixxeedha. Waan salphaa miti kun hedduu sitti gammaddi.
5. Akkuma dur yeroo hin ulfaa'iinii sana akka ishiin bareeddu itti himi. Yoo ulfooftu haati manaakee qaamaan kan duraa irraa baay'ee jijjiiramti. Kanaaf jecha akka iji kee ammallee ishii irra jiru, akka sitti bareeddu beekuu barbaaddi. Sin gaafattu, utuma ishiin sin gaafatiin itti himi.
6. Yoo dhukkubaatti cinaa dhaabadhu. Dubartoonni ulfaa 75% kan ta'an morning sickness ni dhukkubsatu. Nyaanni yoo nyaatan garaa hin taa'u oldeebi'a. Atimmoo zinjibila danfisii kenniif.
WE ARE RESPONSIBLE TO MAKE HAPPY FAMILY!

06/01/2021

Oolmaa Dhaddachaa Injinar Darajjee Beegii
Shaggar Bahaa, Adaamaa
___
Himannaa yakka meeshaa waraanaa hayyama malee jedhuun Mana Murtii Olaanaa Shawaa Bahaatti Injinar Darajjeerratti dhiyaate laalchisee mormii sadarkaa abukaatoon isaan kaasee himannicha mormee ture manni murtii kufaa gochuudhaan bira darbe ragaa abbaa alangaa dhaga'uuf har'atti beellamee ture. Dhimma Komishiiniin Poolisii Oromiyaa, Ajajaa Poolisii Magaalaa Bishooftuu qabee akka dhiyeessu ajajamerrattis bu'aa ajaja eeguuf ture beellamni har'aa.

Armaan dura dhimma ajajni manni murtii wabii Injinar Darajjeerratti dabarse raawwatamuu dhabuutiin walqabatee Koomishiniin Poolisii Oromiyaa Ajajaa Poolisii Magaalaa Bishooftuu qabee gaafa 13/04/2013 ALH'tti akka dhiyeessu ajajus hin dhiyeessine ofiif dhiyaatee hin ibsine.

Manni murticha irra deebiidhaan sababa akkaataa ajajaatti raawwachuu hanqateef koomishinichi gaafa 28/04/2013 ALH'tti dhiyaachun akka ibsu ajaja kennee ture.

Komishiniin Poolisii Oromiyaa har'as Ajajicha qabee hin dhiyeessine sababa dhiyeessuu hanqateefis dhiyaatee hin ibsine. Mana murtichaa ragoota abbaa alangaa dhaga'uuf Amajjii 17, bara 2013'tti beellama qabateera.
___

06/01/2021

Galata rabbii wali dachaane.

Adresse

Schwaig Bei Nürnberg

Webseite

Benachrichtigungen

Lassen Sie sich von uns eine E-Mail senden und seien Sie der erste der Neuigkeiten und Aktionen von Soof-Umar erfährt. Ihre E-Mail-Adresse wird nicht für andere Zwecke verwendet und Sie können sich jederzeit abmelden.

Teilen

Kategorie