Abdii Share

27/01/2025

Alhamdulillaahi mee,
rabbi shakkaraa
Isiniif milkahee,
abjuun kessan arraa .
Misirro misirrii,
baga itti gessaniii .
Gammanne gammadaa,
dabaala kessanii

Tole guyya kessan
hiriyoo sin lachuuu
Ahlii olla firaa
dhufne sin simachuu
Diini faayamtanii
sesseeqa gammachuu.

=Maashaa allaah jenne,
cidha kessan gaari .
Waliin bareddanii ,
Misirro misirrii .
Atis abba manaa,
atis haadha manaa
Bultii namaa toluu
akka kessan kana

&Nabiyyii himanii
Filadha jechunii
Filachu jechunis
Tama qabdu diini
Rizqinis ni dhufti
Ishe arkannanii

=Haatii manaa gaarin
miidhaga jiruutii
Dagalee jirenya
irkodha siif taatiii
Rakko ballo hunda
ishee ofi qabiiii
Sifin jira jedhiin
hin cabsinii qalbiii

&Marhaba labbeyka
afaan si haa baru
Yomu sin jaaladhaa
waliif ibsa garuuu
Yo san tole siniif
midhagati jiruu

=Hadha abban ebbisa
jollen tun tessani
Waliin bareedanii
Ijollen tessaniii
Muranni gutame
siniif tole carraa
Sunna wali dhuftan
isin guyyaa arraa

&Akka odaadhatti
hiddaan Gad jabaadha
Waliin waara waliin
arrille filadhaaa
Gammachu jaalalaan
wajji nuf jraadha.

Baarakallaah barakallaahu lakuamaa
Wa baaraka aleeykumaaa.

habibti habibi wayyaa
jirenyi kopha sif gayaa
wajji nuf qubadha cayaa
jalqabdan jiruu haarayaa
Asirraa sunna anbiya
Tole akkana kaa

=Tole waa tole dhugaanii
Fuuni yoo tahe sunnannii
Haramirraa obstinii
Halalin wali dhuftanii
Isinin argin hamanii
Dagaagaa hora ilmaanii
Taha barakaa

=Nabiyyiin jedhan Amana
Ee guyya hajji dhammana
Dubartii tan hin miidhinaa
Danga saani hin darbinaa
Yo jabeffanne nu sunna
Nuf qajelti kaa
=Ammuma amma kunussi
Qalbi shii me gammachisi
Yo ofi nyatte nyachisii
jaalalaa qabduf ibsiiifii
Duniyan dhumtu fiixessii
Ni dhuftii jiraannan obsa
Fii jaalaltikaa
=Yaa qerro qarre maa diddaa
Gorsa saanii gurraa qabda
Gammachu maali barbadda
Ajajaa rasulaa didaa
Dhisa haa dhifnu ofirra
Dida haa dinnu munkaraa
Wan dhalonnii dahlu nurraa
Yo tahe wama keyrirra
Tola taarika

Assalam aleykum nabii
Yaa dawaa qama fi qalbii
Assalaam aleykum nabii
Makalii wayaa mashrabii
Arhibuu biyyallo nabi
Qamara makka

Ramadaan Karim Bagaa Itin Nugayee
22/03/2023

Ramadaan Karim
Bagaa Itin Nugayee

Congratulations ๐ŸŽ‰๐ŸŽŠ Obboleessa kiyya Baga Guyaa dhalota kessan lamafaa isin gayaee  baga gamane baga gamadan horaa bulaa
01/01/2023

Congratulations ๐ŸŽ‰๐ŸŽŠ
Obboleessa kiyya Baga Guyaa dhalota kessan lamafaa isin gayaee baga gamane baga gamadan horaa bulaa

25/04/2021

๐ŸŒบGaraan Nyaataa fii Dhugaatii irraa soommanuu qofa osoo hin taane.

โ–Ijji haraam ilaaluu irraa soommanuu qabdi.

โ–Gurri waan haraam dhagahuu irraa soommanuu qaba.

โ–Qalbiin keenya waan ajaa yaaduu fii hawwuu irraa soommanuu qabdi.

โ– Arrabni keenyaas Dubbii fokkotuu fii waan ajaa dubbachuu irraa soommanuu qaba. Bakka arrabaa kana akkaan eeggachuu nama barbaachisa.

โ– Harki keenyaas waan haraam tuttuquu fii qaqqabuu irraa soommanuu qaba.

โ– walumaa galatti Hundi qaama keenyaa waan rabbiin irraa nu dhoorke hunda irraa soommanuu qabu.

๐ŸขAnaa fii isinillee Namootaa Akka shariaan barbaaddutti soommanee Rabbiin isaan irraa qebale irraa nuhaa godhu

11/02/2021

๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ’ฏ๐Ÿ’ฏ๐Ÿ’ฏ

Yaadattuu?Bardheengaddaa, Onkoloolessa 23, bara 2019. Halkan akka har'aa kana ture. Guyyaa gaafa 22 paarlaamaa keessatti...
22/10/2020

Yaadattuu?
Bardheengaddaa, Onkoloolessa 23, bara 2019. Halkan akka har'aa kana ture. Guyyaa gaafa 22 paarlaamaa keessatti Jawar Mohammaditti dhaadatan. Halkan san eegdota isaa irraa guuranii kophaatti haleeluuf itti tarkaanfatan. Jawar qeheen isaa humna eenyummaan isaa hin beekamneen marfamuu arguun meeshaa harkaa qabu tokkittiittii, Facebook isaa fayyadamuun haala dhalate sana ummatatti beeksise. Daqiiqaa murtaahe keessatti tarkaanfiin Qeerroo Finfinnee liqimse. Maaliif nu saaxilte, maaf calliftee tarkaanfii sirratti fudhachuuf turre jilbeenfattee hin simattu turte jechuun Nafxanyaan Masaraa fi kan alaa harka wal qabattee caraante. Hundumaafuu Qeerroon Oromoo fageenyaan osoo hin daangeffamne Finfinnee cabsitee seenuun mooraa Jawaar keessa galu marsuun hawwii diinaa maseensite. Shirri gaafas xaxamuu eegale garuu hin dhaabbanne. Lubbuu Hacee galaafachuun shororkaa irra rifaasisaa hamaa uumanii girgirii sana keessatti Jawar harkatti galfatan. Har'a Jawaarii fi qaqqaaliin Oromoo hundi mana hidhaa jiru. Mee waggaa tokko of duuba deebi'aa yaadadhaa. Gaafas eessa turre, har'a hoo eessa jirra? Akkamitti akkas taane? Garamitti hoo deemaa jirra?

15/10/2020

โ— Dubbii warra sadii , akka saditti fixan.

1, Dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan.
2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himaa fixan.
3, Dubbii warra Luynaa, sodaachisuun fixan...

โ— WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..

~Dubbachuun beekkumsa,
~Obsuun wallaalummaa,
~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin.

โ— WAA SADII HIN SEEHIN

~Nama beektu hunda fira kee,
~Nama si lolu hunda diina kee,
~Nama badii irra si dhorku hunda
hammaataa....Hin see'in.

โ— WAA SADII HIN HAWWIN.................

~Bokokni quufaa miti,
~Abaarsi eebbaa miti
~Summiin qorichaa miti.. hin
hawwin.

โ— WAA SADII JETTEE HIN TILMAAMIN.

~Nama kolfu hunda gammadaa,
~Nama dureessa hunda arjaa,
~Nama dhabaa hunda doqna.. jettee
hin~ tilmaamin.

โ— MANGUDDOON WAA SADII JAALATU

~Oduu:-haasawa gaggaarii
~Aduu:-caama ganamaa
~Adii:-dubbii dhugaa...... jaallatu.

โ— WAA SADII WAA SADIIF JAALLADHU...

~Aadaan kee eenyummaa keetii
jaalladhu.
~Afaan kee mallattoo keetii jaalladhu.
~Sabni kee dhiiga keetii jaalladhu.

โ— WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN

~Dubbii keessa hin beekne,
~Bishaan gad-fageenya isaa hin
beekne,
~Imala daandii isaa hin beekne
Hubattu malee hin seenin

Baga Jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2020 geessan  Ayyaanni baranaa kan waan hawwine hunda itti argannu nuuf haa ta'u...
02/10/2020

Baga Jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2020 geessan Ayyaanni baranaa kan waan hawwine hunda itti argannu nuuf haa ta'u jechaa of eeggannoo dhibee baraa cimsaa Ayyaana gaari.

31/07/2020

Ibsa Gabaabduu Qalmaata Udhiyyaa Ilaalchisee
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
By: Hamaza AL asharyi

1. Udhiyyaa jechuun:- Qalmaata ji'a Zulhijjaa guyyaa khurnaffaa irraa kaasee hanga guyyaa Ayyaama Tashriiq ( hanga guyyaa 13ffaa tti Sababa Rabbitti dhihaachuuf jecha horii manaa kan akka Gaalaa, Re'ee fi Hoolaa tahan keeysaa filachuun Sirna Rabbiif jecha qaluu jechuu dha.

2. Sirni Udhiyyaa Sunnaawwan Ibaadaa akkaan jajjaboo tahan keeysatti Ramadama. Jechi Rabbii Ol taheetiis "Rabbii keetiif Salaati, Maqaa isaatiiniis Qali." Kan ja'uun qalmaanni gaggeeyfama.

3. Sirni Qalmaata Ud-hiyyaa Sunnaa dha.
Waajibaa miti.Namni dhiise Diliin hin gaafatamu.Yeroo Qalamu Maqaa Rabbiitiin Rabbiif jecha qalama.

4. Guyyaan Qalmaata Ud- Hiyyaatiis erga Salaanni iidaa xumurame booda guyyaa Qalmaataa ykn yoowmu Nahar guyyaa 10ffaa irraa hanga guyyoota Ayyaamu Tashriiq guyyoota 11ffaa, 12ffaa fi 13ffaa seensa Aduutti jechuu dha.

5. Horii manaa gatiin qaalii, Foon haalaan qabanii fi Aybii irraa qulqqulluu tahan qaluun irra caalaa dha.Namni Ud-Hiyyaa Qaluuf niyyate Ifiifiis irraa nyaatee, maatii isaatiis nyaachisee, fira, Aalii fi Jaallan isaa afeeruu fi Miskiinaaf hiruun isaaf jaalatamaa dha.

Haadhaa Abbaa isaa Aakhiramaniifiis ajriin isaaniif haa geeysu je'ee maqaa isaaniitiin niyyatee qaluu ni dandaha.

6. Horiin manaa Ud-Hiyyaaf qalamu yoo Gaala tahe, kan Umrii amata 5 guute, Horii yoo tahe Sa'aa fi Korma amata 2 guute, Yoo Re'ee tahe kan amata 1 guutee fi yoo hoolaa tahe ammoo baatii 6 dabran yoo tahan qalmaata Ud-Hiyyaatiif ni gahan jechuu dha.

7. Qalmaanni horii manaa ijji ballaa, dhukkubsataa ykn Okkolaa yoo tahe Ud-Hiyyaaf hin tahu. Kan gurri ykn Eegee muraa tahee fi ilkeen hundi irraa harcaate tahe isaan kana qalmaata Ud-Hiyyaatiif dhiheeysuun jibbamaa dha.

8. Gabrichi (Gabrittiin) qalmaata Ud-Hiyyaa qaluuf niyyate/tte yeroo baatiin seente irraa jalqabee rifeensa isaatii fi qeensa isaa murachuus tahee, haaddachuu ykn gabaabsuun hin hayyamamuuf.

Seerri kun nama Ud-Hiyyaa Qalu qofa laallata. Seerri kun maatii nama Ud-Hiyyaa qalaniis hin laallatu.

Nama Ud-Hiyyaa qaluuf niyyate kun ifiif kan qaluus yoo tahee fi yoo nama biraatiin bakka bu'aan qalchiise tahuus namni Ud-Hiyyaa qaluuf karoorfate isa waan taheef seerri kun isa laallata. Nama bakka bu'aa tahee qaluus seerri kun isa hin laallatu.

Ummu Salamaah ( RA) akka ergamaa Rabbii ( SAW) irraa Odeeysitetti " Ergamaan Rabbii ( SAW) " Tokkoon keeysan yoo Ud-Hiyyaa Qaluuf niyyatanii fi baatii Zulhijjaa isii dhalatte gartan Qeensa keeysanii fi Rifeensa keeysan gabaabsuu irraa haa if qusatu." Jechuun dubbate. ( Muslim )

Wanni biraa kan hubatamuu qabu namni Ud-Hiyyaa qaluuf niyyate guyyoota Zul-Hijjaah 9 duraa keeysatti yoo rifeensa ykn qeensa isaa firraa mure ykn gabaabse kaffaaraan isaa toowbaa fi istighfaara qofa akka tahe Ulamaa'onni fatwaa kennan.

( Ibn Qudaamaa Al Mughniy 9/346) Wallaahu A'alam.

Rabbiin Warra irraa fayyadamu nu haa godhu.

Faayidaalee gara garaa kutaa 1ffaa....ุนู„ู… ุงู„ุฏูŠู† ุฃู…ุงู†ุฉ ูˆุบู†ูŠู…ุฉilmiin diin amanaa fii boojuu guddaadha.ู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰Rabbiif jan...
27/06/2020

Faayidaalee gara garaa kutaa 1ffaa....
ุนู„ู… ุงู„ุฏูŠู† ุฃู…ุงู†ุฉ ูˆุบู†ูŠู…ุฉ
ilmiin diin amanaa fii boojuu guddaadha.

ู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰
Rabbiif jannee haa niyyannuu.

ู…ุนู†ู‰ ุงู„ุจุณู…ู„ุฉ ูˆุฐูƒุฑ ุจูŽุนู’ุถ ุงู„ู’ู…ูŽูˆูŽุงุถูุนู ุงู„ู‘ูŽุชูู‰ ุชูุดู’ุฑูŽุนู ูููŠู‡ูŽุง ุงู„ู’ุจูŽุณู’ู…ูŽู„ูŽุฉู.
Hiikkoo bismillaahiitii fii iddoowwan gara garaa tan yaroo jalqabdu bismillaahiin eegaltu.

*ุจูุณู’ู…ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูฐู†ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…*ู.
Bismillaahi arrahmani arrahiim jechuun
ุฃูŽู‰ู’ ุฃูŽุจู’ุชูŽุฏูุฆู ุจุงุณู’ู…ู ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูฐู†ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู
ุฃูŽู‰ู’ ุฐูŽุงูƒูุฑู‹ุง ู„ูุงุณู’ู…ู ุงู„ู„ู‡ ู…ูุชูŽุจูŽุฑูู‘ูƒู‹ุง ุจูู‡.
Wantootaan hoojjjatuuf deemu maraahuu bismillaahi arrahmaani arrahiim jadheen maqaa rabbii dubbadhee barakaa isaan barbaadaa eegala jachuudha.
ูˆูŽู„ูŽูู’ุธู ุงู„ู’ุฌูŽู„ุงู„ูŽุฉู *ุงู„ู„ู‡* ุงุณู’ู…ูŒ ุนู„ู… ูŠูŽุฏูู„ู‘ู ุนูŽู„ูŽู‰ ุงู„ุฐูŽุงุชู ุงู„ู’ู…ูุณู’ุชูŽุญูู‚ูู‘ ู„ู„ุนุจุงุฏุฉ
Jechi guddifamaan *ุงู„ู„ู‡* jadhamu kuni maqaa zaata ibaadaa haqa godhatu irratti nu qajeelchuudha.
ูˆู‡ูŠ ู†ูู‡ูŽุงูŠูŽุฉ ุงู„ุชู‘ูŽุนู’ุธููŠู…ู ูˆูŽุบูŽุงูŠูŽุฉ ุงู„ู’ุฎูุถููˆุนู.
Ibaadaadha jachuuniis hoonga gahanii of gadi qabuufii xumura geesse waa guddisuudha.

>> Erga allaah jachuun maqaa rabbii tahuu ibsinee hiikni allaah jachuutoo maali?
ูˆูŽู…ูŽุนู’ู†ูŽุงู‡ู ู…ูŽู†ู’ ู„ูŽู‡ู ุงู„ุฅูู„ูŽู‡ููŠู‘ูŽุฉู
Allaah jachuun nama ilaahiyyummaa qabu jachuudha ilaqhiyyummaan immoo
ุฃูŽู‰ู’ ู…ูŽู†ู’ ู„ูŽู‡ู ุงู„ู’ู‚ูุฏู’ุฑูŽุฉู
ุนูŽู„ูŽู‰ ุฅูุจู’ุฑูŽุงุฒู ุงู„ุฃุญู’ุฌูŽุงู…ู ูˆูŽุตูููŽุงุชู ุงู„ุฃุญู’ุฌูŽุงู…ู ู…ูู†ูŽ ุงู„ู’ุนูŽุฏูŽู…ู ุฅูู„ูŽู‰ ุงู„ู’ูˆูุฌููˆุฏู.
Qaamaa fii sifoota qaamaa mara dhabama irraa gara jireenyaa fiduu irratti dandeytii kan qabu jachuudha.
*ูˆูŽุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูฐู†ู* ู…ูŽุนู’ู†ูŽุงู‡ู ุงู„ู’ูƒูŽุซููŠุฑู ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูŽุฉู ู„ูู„ู’ู…ูุคู’ู…ูู†ููŠู†ูŽ ูˆูŽุงู„ู’ูƒูŽุงููุฑููŠู†ูŽ ููู‰ ุงู„ุฏู‘ูู†ู’ูŠูŽุง ูˆูŽู„ูู„ู’ู…ูุคู’ู…ูู†ููŠู†ูŽ ุฎูŽุงุตู‘ูŽุฉู‹ ููู‰ ุงู„ุขุฎูุฑูŽุฉู.
>>arrahmaan jachuun immoo?
Rabbiin rahmata isaa adduniyaa kana irratti mu'uminaa fii kaafiraafiis isa hedduu kennu jachuudha immoo guyyaa aakhiraa san rahmatni isaa mu'umina qofaaf isa kennu jachuudha.
ูˆุฃูŽู…ู‘ูŽุง *ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู* ููŽู…ูŽุนู’ู†ูŽุงู‡ู ุงู„ู’ูƒูŽุซููŠุฑู ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูŽุฉ ู„ูู„ู’ู…ูุคู’ู…ูู†ููŠู†ูŽ.
>>Immoo arrahiim jachuun?
Rabbiin rahmatni isaa yaruma maraahuu mu'uminaaf baayyisee kan kennu jachuudha.

Erga hiikkaa isii dubbannee gara iddoowwan itti dubbatamtuu dabarra.

ูˆุชูุดู’ุฑูŽุนู ุงู„ู’ุจูŽุณู’ู…ูŽู„ูŽุฉู ููŠ ู…ูˆุงุถุน ู…ู†ู‡ุง
Bismillaahi arrahmani irrahiim kuni iddoowwan gara garaatti dubbatama sanirraa
- ุนูู†ู’ุฏูŽ ุงู„ู†ู‘ูŽูˆู’ู…ู.
-Yaroo hirriibaaf deemtu.
- ูˆูŽุนู†ุฏ ุงู„ู’ุฌูู…ูŽุงุนู.
-Yaroo haadha manaa wajji wal qunnamtii saalaa godhuuf deemtu
- ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ุงู„ู’ุจูŽุฏู’ุกู ุจูุงู„ู’ูˆูุถููˆุกู ูˆูŽุงู„ู’ุบูุณู’ู„ู ูˆูŽุงู„ุชู‘ูŽูŠูŽู…ู‘ูู…ู.
-yaroo wudu'a jalqabuuf deemtuu fii dhiqatuuf deemtu akkasuma taymuuma godhatuuf deemtu.
- ูˆูŽุนู†ุฏ ุชู„ุงูˆูŽุฉู ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุกูŽุงู†ู ูˆูŽุชูŽุฃู’ู„ููŠูู ูƒูุชูŽุงุจ.
-yaroo qur'aana qara'uuf deemtuu fii kitaaba qopheessuu deemtu.
ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ุงู„ุฐู‘ูŽุจู’ุญู ูˆูŽุงู„ุฃูƒู’ู„ู ูˆูŽุงู„ุดู‘ูุฑู’ุจู.
-yaroo waa gorra'uu ykn qaluuf deemtuu fii nyaattuuf dhuugdu
- ูˆูŽุนู†ุฏ ุงู„ูุงุณู’ุชููŠูŽุงูƒู ูˆูŽุงู„ูุงูƒู’ุชูุญูŽุงู„ู.
-yaroo sawaakkatuuf deemtuu fii kuula fayyadamtu.
- ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ุฑููƒููˆุจู ุฏูŽุงุจู‘ูŽุฉู ูˆูŽุณูŽูููŠู†ูŽุฉู.
-yaroo yaabbii yaabbattuu fii doonii yaabbattu.
- ูˆูŽุนู†ุฏ ุฏูุฎููˆู„ู ุจูŽูŠู’ุชู ูˆูŽู…ูŽุณู’ุฌูุฏู ูˆูŽุงู„ู’ุฎูุฑููˆุฌู
ู…ูู†ู’ู‡ูู…ูŽุง.
-yaroo manaaf masjida seentu akkasuma isaan lamaanirraa baahuuf deemtu.
- ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ุตูุนููˆุฏู ุงู„ู’ุฎูŽุทููŠุจู ู…ูู†ู’ุจูŽุฑู‹ุง.
-imaamniis yaroo minbira irratti ol bahu.
- ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ุฏูุฎููˆู„ู ุงู„ู’ุฎูŽู„ุงุกู.
-yaroo mana fincaanii seenuuf deemtuus.
- ูˆุนู†ุฏ ู„ูุจู’ุณู ุซูŽูˆู’ุจู ูˆูŽู†ูŽุฒู’ุนูู‡ู.
-yaroo uffatta kaayyattuuf ofirraa baastu.
- ูˆูŽุนู†ุฏ ุบูŽู„ู’ู‚ู ุจูŽุงุจู ูˆูŽุฅูุทู’ููŽุงุกู ู…ูุตู’ุจูŽุงุญู.
-yaroo balbala ykn hulaa cuftuu fii ifaa dhaamsitu.
- ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ุชูŽุบู’ู…ููŠุถู ุนูŽูŠู’ู†ู ู…ูŽูŠูู‘ุชู ูˆูŽุนูู†ู’ุฏูŽ ูˆูŽุถู’ุนูู‡ู
ููู‰ ู‚ูŽุจู’ุฑูู‡ู.
-yaroo nama du'e ija walitti gadi qabduu fii yaroo qabrii keessa isa keessuus
ุฅู„ู‰ ุบูŠุฑ ุฐู„ูƒ ู…ู† ุงู„ู…ูˆุงุถุน.
Kana malee iddoowwan gara garaa kan itti fayyadamtuutu jira.
ูˆูู‚ู†ูŠ ุงู„ู„ู‡ ูˆุฅูŠุงูƒู… ุฅู„ู‰ ุตุงู„ุญ ุงู„ุนู…ู„.
Anaafii isiniis rabbiin hojii gaarii hoojjatuu nuhaa waffaqu.

Baaraka allaahu fiikum
Kan isa barreessee fii isa facaasees rabbi isaaf haa rahmatu๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท

You can view and join right away.

Direcciรณn

Buenos Aires

Pรกgina web

Notificaciones

Sรฉ el primero en enterarse y dรฉjanos enviarle un correo electrรณnico cuando Abdii publique noticias y promociones. Su direcciรณn de correo electrรณnico no se utilizarรก para ningรบn otro fin, y puede darse de baja en cualquier momento.

Contacto La Empresa

Enviar un mensaje a Abdii:

Compartir

Categorรญa