13/07/2023
Sababoota warri keenya itti na reebaa turan keessaa muraasa;
1. Yeroon reebamu yoon boo’e - " Natti xinnaate jetteeti mitii?" jedhamee,
2. Otoon reebamuu yoon boo’uu dide - "quufatu mataatti ba’eera" jedhamee,
3. Otoon hin reebamiin yoon boo’e - "Qananiitu kana godha" jedhamee,
4. Hangafni koo otoo dhaabbatuu yoon taa’e - "Tuffiidha" jedhamee,
5. Hangafootni koo otoo taa’anii yoon dhaabbadhe - "Maaltu akka hordaa si dhaaba?" jedhamee,
6. Otoo hangafootni koo taa’anii fuula isaanii dura yoon deddeebi’e - "Maaltu wur wur si godha?" jedhamee
7. Hangafoota koo jala yoon deebise - "Na jala deebistaa?" jedhamee,
8. Hangafoota koof yoon deebii kennuu dide - "Maaltu si cufa?" jedhamee,
9. Hin nyaadhu yoon jedhe - " Eessaa nyaattee dhufte?" jedhamee,
10. Ollaatii nyaata yoon nyaadhee gale - "Manaa eenyu si dhowwate?" jedhamee
11. Nafa nafa yoon nyaadhe - "Maaltu si kakaasa?" jedhamee,
12. Suuta yoon nyaadhe - "Daftee daftee nyaattee hin kaatuu?" jedhamee
13. Baay’ee yoon nyaadhe - "Qalqalatu si keessa jiraa?" jedhamee
14. Ijoolleen wal Lolee yoon mo’ame - "Inni sirra jiru harka mitii?" jedhamee
15. Lolee yoon moo’e - "Daafii keetti ollaa waliin nagaatti hin jiraadhu jechuudhaa?" jedhamee
16. Otoon deemuu yoon kufe - "Ilaallachaa hin deemtuu?" jedhamee
17. Yoon suuta deeme - "Maaltu si korokkode?" jedhamee
18. Yeroon deemu yoon ariifadhe - "Eessa ga’uufi?" jedhamee....
Isin sababa maaliin reebamtanii beektu