03/08/2026
Via Jawar Mohammed:
"BOQONNAA 5FFAA QABSOO OROMOO
Waggoota sadii dura barreeffama dheeraa 'Boqonnaalee Qabsoo Oromoo' jettu
takka maxxanseen ture. Barruun sun qabsoon Oromoo boqonnaalee afur keessa dabruu eeruun boqonnaa shanaffaa jalqabuu akka qabnu akeekti. Boqonnaaleen qabsoo afran keessa dabarre sunis, kan dadammaqiinsaa (revival), Deebisanii ijaaruu (reconstruction), lafa qabsiisuu/biyya ijaaruu (institutionalization/state formation) fi aangoo qabachuu yoo ta’an, boqonnaan shanaffaan ammoo DIMOKIRAATESSUU akka ta’e keessi. Boqonnaaleen afran duraa kan sirna gita bittaa alagaa (external oppressor) irratti geggeefaman yoo ta’u, kan 5ffaa ammoo sirna murna cunqursituu keessoo irratti kan geggeeffamuudha. Boqonnaalee afran sunneen 'marsaa jalqabaa', shanaffaa booda kan jiraniin immoo 'marsaa 2ffaa' jechuun qooduus ni dandeenya. Barruu kana keessatti boqonnaa shanaffaa kanarratti xiyyeeffachuun, waantota hojjatamuu qaban tokkoon tokkon eeruu yaala. Qabsoo Boqonnaan shanaffaa maaliif barbaachise? Maalfaatu keessatti hojjatamuu qaba? Duulli farra maafiyaafi malaammaltummaa, geggeessaa jirru qaama boqonnaa kanaatimoo? Boqonnaa kana keessatti seenessa akkamii diigaafi ijaaraa deemna laata? Kanneeniifi dhimmoota biroo kutaa kutaan isiniif dhiheessuun yaala.
OROMOON MAAF QABSOO EEGALE? MAAL GONFATE?
Kaayyoon qabsoo Oromoo mirga abbaa biyyummaa deebisanii gonfachuuf eegalte. Gaafiiin abbaa biyyummaa kun ammoo:-
1. Mirgoota eenyummaa ofii kabachiisuu
2. Qabeenya ofii irratti abbaa ta'uun ofiin abboomuufi
3. Mootummaa ofii filataniin buluutti qoodama.
Oromoon sirna gita bittaa alagaa san ofirraa fonqolchee mirgoota kana gonfachuuf boqonnaalee qabsoo afran armaan olitti tuqne sana keessa dabre. Haaluma kanaan, Oromoon waggoota shantamaa oliin booda bara 2018.A.L.Atti sirna gita bittaa alagaa ofirraa mancaasuu danda’e.
Gita bittaa alagaa jalaa bahuun injifannoo guddaa ta’us, gaaffileen sadan sun 'guutuutti deebi’aniiru' jechuu waan hin taaneef, boqonnaa 5ffaa kan sirna dimokiraasiitti ce’uun dirqama. Boqonnaan kunis kan ummanni heera ofii tumateefi mootummaa ofii filateefi ijaarrateen buluun, qabeenya ofiirrati abboomee dafqa isaatiin hiyyummaa keessaa bahuudha. Qabsoon Oromoos bara 2018 A.L.Atti booda boqonnaa kanaa ce’uu qabdi ture. Garuu hin taane. Hawwiin ummataa gara dimokiraasii ce’uu ta’us, murni aangoo qabate sirna abbaa irree haaraa ijaaruu filate.
Filannoon murna aangoo qabatee kun ammoo carraa gara boqonnaa shanaffaa ce’uu gufachiisuu bira dabree qabsooyyuu of duuba kan deebiseedha. Qabsoon Oromoo bara 2018A.L.Atti biyya nagaafi tasgabbii qabduufi diinagdee fayyaa qabu gita bittaa alagaa irraa fuutee murna Abiy harka keesse. Gaafas sirna jiru sana gara dimokiraasii ceesisuu qofatu barbaachisa ture. Abiy garuu biyyattii walwaraansaan sirna waan laamshesseef, amma boqonnaa shanaffaatti ce’uuf biyya baraaruufi sirna deebisaanii jaaruun dirqama. Akkamiin as geenye? Akkamiinis biyya baraarree deebisnee ijaarree boqonnaa shanaffaatti ceena kan jedhu fuulleffannaa barruu kanaati.
Akkuma armaan olitti tuqame, bara 2018 A.L.Atti murni aangoo qabate aangoosaa cimsachuuf carraa lamatu ture. Tokko akka ummanni hawwetti gara dimokiraasii ceesisee hayyama ummataatiin aangoo jabeeffachuudha. Kan lammataa ammoo sirna abbaa irree haaraa ijaaree humnaan aangoo cimsachuudha. Abiy carraa lammataa filate. Garuu ammoo haalli Oromoonis ta’ee Itoophiyaan keessa turte sirna abbaa irree haarayaa ijaaruuf kan mijatu hin turre.
Sirna abbaa irree haarayaa ijaaruuf murni aangoo qabate mormitoota hunda humnaan caccabsee olaantummaa gonfatee biyya tasgabbeessuu qaba. Olaantummaa humna akkasii horachuuf ammoo yoo xinnaate waantota gurguddoo sadiitu barbaachisa. Isaanis:- diinagdee cimaa, humna waraanaa jabaafi deeggarsa hawaasaati. Gaafa Abiy sirna abbaa irree haarayaa ijaaruuf aangoo cimsachuu eegalu haalonni kun mijaawaa hin turre. Gama dinagdeetiin, qabeenyi jiru humnoota biraa harka ture. Waraannifi dameen tikaa biyyattiis warra san dura aangorra turaniin kan ijaarameefi haaromsi gahaan osoo hin godhamiiniif yaalii humnaan aangoo cimsachuutti seename. Gara hawaasummattin ammoo ilaalchi ummata (constituency) Abiy keessaa bahe sirna abbaa irree haarayaaf kan tolu hin turre. Inumaatuu kan faallessudha.
Bakka haalonni dinagdee, waraanaafi hawaasummaa aanja’aa hin ta’iinitti humni sirna abbaa irree ijaaruuf dandeessisu hin jiraatu jechuudha. Humna gahaa maleetti mormitoota cabsuun aangoo cimsachuuf yaaluun ammoo sirna abbaa irree (autocracy) osoo hin taane sirna bacancaraatti (anocracy) geessa. Kana jechuun, murni aangoo qabate aangoosaa humnaan cimsachuuf tarkaanfii mormitoota ukkaamsuutti gaafa ce’u, fincilatu mudata. Fincila sana haleelee dhabamsiisuun ykn harka kennachiisuuf humni yoo hanqate, biyyi walwaraansa keessa seenti. Mootummaanis kutaa biyyattii guutuu to’achuu dadhaba. Seer-dhablummaan ni hammaata. Haala akkasii saniin "sirna bacancaraa (anocracy)" jennaan. Abiyyis kanumatu mudate. Bara 2019 A.L.A irraa kaasee mormitoota humnaan ukkaamsuuf yaaliin godhe gara fincilaafi qabsoo hidhannoo geesse. Humna waraanaa, dinagdeefi hawaasummaa finciloota kana humnaan dhabamsiisuuf dandeessisu waan dhabeef, akka hawwe sirna abbaa irree tolfachuu dadhabee, mootummaa laamsha’e kan kutaan biyyattii hedduun to’annaa jala bahan amma agarru kun mudate.
Biyya takka sirna bacancaraa keessaa baasuuf karaa lamaan yaaluun ni danda’ama. Karaan tokko murni aangoorra jiru sun humna jabeeffatee mormitoota dhabamsiisuun aangoo cimsatee sirna abbaa irree haarayaa ijaaruudha. Kan lammataa humnoota walwaraanan walitti araarsuun gara sirna dimokiraasiitti cehuudha. Haala qabatamaa Itoophiyaan amma keessa jirtuun, carraan murni aangoorra jiru humna waraanaa deebisee jabeeffatee, mormitoota isaa dhabamsiisee sirna abbaa irree ijaaruuf qabu dhiphaadha. Akkuma barreeffama waa’ee sadarkaalee sirni abbaa irree keessa dabru irratti dhihaate, humna gahaa malee sirna abbaa irree ijaaruun, carraa aangoo cimsachuuf jiru balleessuun gara sadarkaa tortoruutti geessa. Bulchiinsi Abiyyis garas seenee jira.
Walwaraansa dhaabsisee biyyattii guutuu tasgabbeessuu dadhabuun, maafiyaan sirna mootummaa keessatti ijaaramuun, malaammaltummaan luugama kutee misooma danquun, kufaatiin dippiloomaasiifi abdii kutannaan hawaasaa muldhachaa jiran kun mallattoolee bututuu sirnaa calaqqisiisanidha. Kanaafuu, boqonnaan qabsoo Oromoo inni shanaffaa ummataafi biyya teenya gaaga’ama kana keessaa baasuun gara sirna tasgabbaawaa, misoomawaafi dimokiraatawaa mirgaafi kabajaa ummatichaa guutuutti eeguufi eegsisuu danda’u ijaaruudha.
Gabaabumatti sadarkaa haalli siyaasa Itoophiyaafi Oromiyaa amma keessa jiruun, qabsoon Oromoo akeeka (mission) gurguddoo lamarratti xiyyeeffachuu qaba. Isaanis:-
1. Bu’aalee hamma ammaatti argaman (boqonnaalee qabsoo afran dabran keessatti) tikfachuu (preserving gains and preventing backsliding)
2. Mirgootaafi dantaalee hanga ammaatti hin gonfatiin guuttachuu ( advancing more interests)
Kutaa itti aanu keessatti “bu’aaleen argaman kun maali? Akkamitti tikfanna? Dantaafi mirgoonni nu hanqatan hoo maali? Akkamiin goonfanna?” gaaffilee jedhan ilaalla.".
Jawar Mohammed
Abiy Ahmed Ali
Oromo Federalist Congress - OFC
Oromia Prosperity Party / OPP /
Oromo Liberation Front-OLF/ABO