Gadaa Oromoo page

Gadaa Oromoo page Fb page of Gadaa Oromoo: an thiopian Oromo Socialist Politician , digital creator and human rights activist.

09/08/2026

Murtee Seera-maleessa Mootummaan Itoophiyaa Karaa ministeera barnootaatiin Barsiisota biyyattii irratti dabarse Mormuudhaaf guyyaa kaleessaa hiriirri nagaa Dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti bahamee jira.
Murtee mootummaa kanaanis barsiisotni kutaalee biyyattii garagaraa keessa jiran Hedduu mufachuutu muldhata.
Hiriirri nagaa kun guyyaa kaleessaa Oromia state universities keessattis haala viidiyoo armaan gadiitiin gaggeeffamee oole.

Jawar Mohammed
Abiy Ahmed Ali
Oromia Prosperity Party / OPP /
Oromo Federalist Congress - OFC
Oromo Liberation Front-OLF/ABO
Ethiopian Press Agency /የኢትዮጵያ ፕሬስ ድርጅት/
Oromia Media Network
Ethiopian Broadcasting Corporation
Ethiopian Federal Police
Guyo Wariyo Aba-Jirma
Moha Show.






Hiriirri mormii Murtee shiraa mootummaan kaadhimamtoota Barsiisotaa irratti dabarse mormu Dhaabbilee barnootaa olaanoo k...
08/08/2026

Hiriirri mormii Murtee shiraa mootummaan kaadhimamtoota Barsiisotaa irratti dabarse mormu Dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti Bakka garagaraatti dhooheera.
Barsiisotni kun Murtee seera hin taane Mootummaan isaan irratti dabarse kana mormuudhaaf kan bahame.
Dhimma kana irratti ergaa asii gadii kana Gameessa siyaasaa Obbo Jawar Mohammed tu Fuula Facebook isaa irratti akkas jechuudhaan maxxanse👇:
"Guyyaa har'a jechuun sanbata xiqqaa Kaadhimamtoonni barsiisoota waggaa 2ffaa jechuun bara 2017 kan jalqabaan bara kana2018E.C qophii eebbaa (graduation)osoo yaadan qophaa'anii garuu BBO ykn YNO Eebbii hin jiru. Tempoon hin jiru. COCn hin jiru jechuudhaan guyyaa har'a hiriiraa karaa nagaa ta'e gaaffii mirgaa gaafacha oolaanii jiru".
Abiy Ahmed Ali
Oromia Prosperity Party / OPP /
Oromo Federalist Congress - OFC
Oromo Liberation Front-OLF/ABO
Oromia Media Network
Ethiopian Press Agency /የኢትዮጵያ ፕሬስ ድርጅት/
Guyo Wariyo Aba-Jirma
Ethiopian Broadcasting Corporation
Ethiopian Federal Police
Moha Show.




.

Via Jawar Mohammed👇:“ Jeneraal Hayluu Gonfaa, nabis Abbaatiin( ideological father) Maafiyaa 120,   jaarsolii umrii 60 ol...
04/08/2026

Via Jawar Mohammed👇:

“ Jeneraal Hayluu Gonfaa, nabis Abbaatiin( ideological father) Maafiyaa 120, jaarsolii umrii 60 oliitu marii araaraa Bilxiginnaafi WBO jidduu fashalse kan jedhe soba Rabbiin jibbeedha. Sobni irra deddeebi'amte tura keessa dhugaa waan fakkaattuuf, akka nama dhimmicha sirritti quba qabuutti caldhisee darbuu hin barbaadu. Manguddoonni ifatti marii san keessa turan Prof Mohammad Hasaniifi Obbo Xahaa Abdiiti. “

“- Kan duraa hayyoonni gameeyyiin kun marii marsaa duraa adoolaa Zaanzibaaritti godhame irratti hirmaatan. Kan lammataafi dhumaa kan magaalaa guddittii biyyattii Dar es Salaamitti godhame hin hirmaanne. Marii marsaa jalqabaa irratti hirmaatanirratti WBO kan bakka bu'an ta'us, gahee gama lamaan walitti harkisuu taphachaa akka turan afaan marsiistoota ( mediators) fi bakka bu'ootaa mootumma irraa kallattiin dhagayeera. “

“- Prof Mohammad marii duraafi boodas waliin haasayaa turre. Obbo Xahaa marii dura biyya Ingilizii magaalaa Londonitti , san booda biyya Ameerikatti walagarree haasofneerra. Gameeyyiin kuni lachuu, amanamummaa mootummaa Bilxiginnaa irratti mamii qabaatanis, walwaraansii Oromiyaa keessaa araaraan akka dhumu hawwiifi murannoo cimaa akka qabaachaa turan jette-jetteen soo hin taane qabatamaanin irraa mirkaneeffadhe. “

“- Marroon mallatteessuu qofaaf dhufe kan jedhu dubbii fannisuu (exageration) dha. Inni dhaquun duratti dhimmoota hedduurratti waliigalteerra gahamus, wantoota mariifi murtii hoggansa olaanaa gama lachuu gaafatan kan hafantu ture. Garuu ammoo Marroon araaraaf murannoo qabaachaa turee yoo jenne, deebiin eeyyeedha. Osoo araaratti amanuu baate risk guddaa fudhatee dirree waraanaa bahee biyya ambaa hin dhaqu ture. Dhugaa dubbachuuf Abiyyis jalqaba positive ture, booda jeeqe malee. Osoo akkas ta'uu baatee mariin araaraa sadarkaa sanuu hin geessu ture. Saniin duratti haasawni ( negotiations) bakka bu'oota mootummaafi WBO jiddutti torban sadihiif geggeeffamaa ture haala gaariin deemaa ture. Mootummaan qondaalota RIB fi warra tikaan bakka buufame. Walhubannaa gaariirra waan gahameef ture hoogansi olaanaan gama lachuu yaamamee dhimmoota ijoo hafan irratti mariifi waliigaltee xumuraa akka godhuuf kan amansiifaman. “

“- Dubbiin san booda babbaduu eegalte. Akkuma Marroon dirree Lixaatii baheen bakka inni irraa deemetti lolli guddaan baname. Kun miira walhubannaafi amantaa ( trust) torbanoota sadan san duraatiif jabaataa ture faalee, washakkii uume. Ololli 'Shanee balleessaa jirra, Marroo biyyatti deebisuu hin hayyamnu' jedhu itti aanee oofamuun dubbii daran jeeqe. “

“- Bakka bu'oonni mootummaa haaraatti dhaqan ( Redwan, Gedeon) dhimmoota san dura bakka bu'oonni gama lamaanii irratti walgalaniif beekkamtii kennuu diduun, akka haaraatti irratti dubbatamuu qaban ejjanoo jedhu calaqqqisuun caalaattuu dubbii borce. “

“- Afaanfajjiifi atakaaroon (rivalry) diplomaatota mariisisaniis dubbiin haala walitti deebi'uu hin dandeenyeen akka adda cituuf shoora tapahteera.”

“- Erga Jeneraal Hayluun quba warra biraatti qabuu barbaadee shoora gareen isaa araara san fashalsuuf taphatte saaxiluun dirqama ta'a. Mariin araaraa eegaluu durarraa kaasee WBO zoonii jiddu galeessaa harka kennisiisuuf hojjachaa turan. Gaafa mariin eegalus, WBO guututti akka humna siyaasaa tokkootti waliin dubbachuu hin feesisu, zoonii zooniin qoqqodnee galchina yaada jedhu mootummaaf dhiheessaa turan. Kun hamii osoo hin taane waan anumaayyuu amansiisuuf yaalaa turaniidhaa beekaa! Mootummaan, keessattu Raayyaan Ittisa Biyyaa, yaada isaanii fudhachuu didee marii waliigalaa itti fufus, isaan garuu araara fashaleessuu itti fufan. Keessattuu maafiyaa 120 mootummaa caasaa nageenyaa naannoo Oromiyaa dhuunfattee jirtu fayyadamuun tarkaanfilee farra araaraa ( obstruction) garagaraa raaw'achaa turan. Dhumarrattis maricha fashalsuu itti milkooyne jedhanii diggisii fanxaziyyaa gochaa turan ( Naafuu Video call bilbilanii of jajaa turan 🙂 “

“-Ji'oota muraasa booda WBO Zoonii jiddugaleessaa hamma tokko galchuun tooftaan isaanii sirrii akka ta'etti labsan. Garuu adeemsi isaanii Oromiyaa guutuu dhiisi Shawama Lixaatiifu nagaya hin buusne. Lafti Jaal Sanyii faa irraa galan torban muraasa keessatti humna haarayaan too'atamee makaraan ummata keenyaa itti fufe. “

“- Gabaabumatti fashaluu yaalii araaraa Taanzaniyaatiif manguddoon shoora tapahate yoo jiraate Prof Mohammad Hassaniifi Xahaa Abdii osoo hin taane Jeneraal Hayluu Gonfaafi fakkaatota isaati. Obbo Daawud Ibsaa embaasilee mariisiftootaa dhaquun Marroon WBO akka bakka hin buuneefi waliigalteen inni godhus beekkamtii dhaabaa akka hin qabne amansiisuuf yaalaa turuun dhugaa ta'us, fashaluu araaraariif gaheen yaaliin sun taphate yoo jiraate xinnoodha. “

“Hub. Ani Jen Hayluu Gonfaa irraa jibba dhuunfaa hin qabu. Dhugaa dubbachuuf jeneraalota bara Wayyaanee keessaa sabboonummaafi hubannaa siyaasaa wayyaa warra qaban keessaa tokko Hayluu Gonfaa akka ture warri beekan hundi ragaa ba'u. Anis haasaa bilbilaa yeroo hedduu gooneefi, boodas biyya Sweden mana isaa dhaqee marii gooneen waanin gurraan dhagayaa ture san mirkaneeffadheen ture.”

“Asmaraa dhaqeeti shiraafi atakaaroo murnummaafi gandummaa achi tureen akka hamaatti madaaye. Xiiqiifi gadoo san qabatee biyyatti gale. Summii Asmaraatti ittiin iddame san, Abbaaba Garasuu waliin caasaa siyaasaafi nageenyaa Oromiyaatti fidanii ittiin faalan. Haaloo Daawud Ibsaa ummata miskiinatti bahan. Ta'us Hayluun sadarkaa Abbabaa Garasuutti bulguu ilma Oromoo ajjeesee reeffarratti fincaanutti gad hin buune. He still got some soul left with him. Akkasiinuu Bilxiginnaan har'as onnerraa isa hin amantu. "Gorsaa" jettee baradarra teessiftee gaafuma haajamte itti fayyadamti. Sabbonummaafi hayyummaa dhuka isaa jirtu san sodaatti.”

“Waahalleefuu kaniin maqaa Jeneraal Hayluu irra deddeebiin dhayee shoora diiggumsaa inni taphate saaxiluuf, waana jibba irraa gabuuf miti. Naman abdii guddaa irraa qabaachaa ture , kan gochi isaa hedduu qalbii na cabse waan ta'eefiidha. Akka miidhaa kana darnii hin geessifnefilleedha.”

Jawar Mohammed
Oromia Prosperity Party / OPP /
Abiy Ahmed Ali
Oromo Federalist Congress - OFC
Oromo Liberation Front-OLF/ABO
Oromia Media Network
Guyo Wariyo Aba-Jirma
Ethiopian Press Agency /የኢትዮጵያ ፕሬስ ድርጅት/
Ethiopian Broadcasting Corporation






03/08/2026

Via Jawar Mohammed:
"BOQONNAA 5FFAA QABSOO OROMOO
Waggoota sadii dura barreeffama dheeraa 'Boqonnaalee Qabsoo Oromoo' jettu
takka maxxanseen ture. Barruun sun qabsoon Oromoo boqonnaalee afur keessa dabruu eeruun boqonnaa shanaffaa jalqabuu akka qabnu akeekti. Boqonnaaleen qabsoo afran keessa dabarre sunis, kan dadammaqiinsaa (revival), Deebisanii ijaaruu (reconstruction), lafa qabsiisuu/biyya ijaaruu (institutionalization/state formation) fi aangoo qabachuu yoo ta’an, boqonnaan shanaffaan ammoo DIMOKIRAATESSUU akka ta’e keessi. Boqonnaaleen afran duraa kan sirna gita bittaa alagaa (external oppressor) irratti geggeefaman yoo ta’u, kan 5ffaa ammoo sirna murna cunqursituu keessoo irratti kan geggeeffamuudha. Boqonnaalee afran sunneen 'marsaa jalqabaa', shanaffaa booda kan jiraniin immoo 'marsaa 2ffaa' jechuun qooduus ni dandeenya. Barruu kana keessatti boqonnaa shanaffaa kanarratti xiyyeeffachuun, waantota hojjatamuu qaban tokkoon tokkon eeruu yaala. Qabsoo Boqonnaan shanaffaa maaliif barbaachise? Maalfaatu keessatti hojjatamuu qaba? Duulli farra maafiyaafi malaammaltummaa, geggeessaa jirru qaama boqonnaa kanaatimoo? Boqonnaa kana keessatti seenessa akkamii diigaafi ijaaraa deemna laata? Kanneeniifi dhimmoota biroo kutaa kutaan isiniif dhiheessuun yaala.
OROMOON MAAF QABSOO EEGALE? MAAL GONFATE?
Kaayyoon qabsoo Oromoo mirga abbaa biyyummaa deebisanii gonfachuuf eegalte. Gaafiiin abbaa biyyummaa kun ammoo:-
1. Mirgoota eenyummaa ofii kabachiisuu
2. Qabeenya ofii irratti abbaa ta'uun ofiin abboomuufi
3. Mootummaa ofii filataniin buluutti qoodama.
Oromoon sirna gita bittaa alagaa san ofirraa fonqolchee mirgoota kana gonfachuuf boqonnaalee qabsoo afran armaan olitti tuqne sana keessa dabre. Haaluma kanaan, Oromoon waggoota shantamaa oliin booda bara 2018.A.L.Atti sirna gita bittaa alagaa ofirraa mancaasuu danda’e.
Gita bittaa alagaa jalaa bahuun injifannoo guddaa ta’us, gaaffileen sadan sun 'guutuutti deebi’aniiru' jechuu waan hin taaneef, boqonnaa 5ffaa kan sirna dimokiraasiitti ce’uun dirqama. Boqonnaan kunis kan ummanni heera ofii tumateefi mootummaa ofii filateefi ijaarrateen buluun, qabeenya ofiirrati abboomee dafqa isaatiin hiyyummaa keessaa bahuudha. Qabsoon Oromoos bara 2018 A.L.Atti booda boqonnaa kanaa ce’uu qabdi ture. Garuu hin taane. Hawwiin ummataa gara dimokiraasii ce’uu ta’us, murni aangoo qabate sirna abbaa irree haaraa ijaaruu filate.
Filannoon murna aangoo qabatee kun ammoo carraa gara boqonnaa shanaffaa ce’uu gufachiisuu bira dabree qabsooyyuu of duuba kan deebiseedha. Qabsoon Oromoo bara 2018A.L.Atti biyya nagaafi tasgabbii qabduufi diinagdee fayyaa qabu gita bittaa alagaa irraa fuutee murna Abiy harka keesse. Gaafas sirna jiru sana gara dimokiraasii ceesisuu qofatu barbaachisa ture. Abiy garuu biyyattii walwaraansaan sirna waan laamshesseef, amma boqonnaa shanaffaatti ce’uuf biyya baraaruufi sirna deebisaanii jaaruun dirqama. Akkamiin as geenye? Akkamiinis biyya baraarree deebisnee ijaarree boqonnaa shanaffaatti ceena kan jedhu fuulleffannaa barruu kanaati.
Akkuma armaan olitti tuqame, bara 2018 A.L.Atti murni aangoo qabate aangoosaa cimsachuuf carraa lamatu ture. Tokko akka ummanni hawwetti gara dimokiraasii ceesisee hayyama ummataatiin aangoo jabeeffachuudha. Kan lammataa ammoo sirna abbaa irree haaraa ijaaree humnaan aangoo cimsachuudha. Abiy carraa lammataa filate. Garuu ammoo haalli Oromoonis ta’ee Itoophiyaan keessa turte sirna abbaa irree haarayaa ijaaruuf kan mijatu hin turre.
Sirna abbaa irree haarayaa ijaaruuf murni aangoo qabate mormitoota hunda humnaan caccabsee olaantummaa gonfatee biyya tasgabbeessuu qaba. Olaantummaa humna akkasii horachuuf ammoo yoo xinnaate waantota gurguddoo sadiitu barbaachisa. Isaanis:- diinagdee cimaa, humna waraanaa jabaafi deeggarsa hawaasaati. Gaafa Abiy sirna abbaa irree haarayaa ijaaruuf aangoo cimsachuu eegalu haalonni kun mijaawaa hin turre. Gama dinagdeetiin, qabeenyi jiru humnoota biraa harka ture. Waraannifi dameen tikaa biyyattiis warra san dura aangorra turaniin kan ijaarameefi haaromsi gahaan osoo hin godhamiiniif yaalii humnaan aangoo cimsachuutti seename. Gara hawaasummattin ammoo ilaalchi ummata (constituency) Abiy keessaa bahe sirna abbaa irree haarayaaf kan tolu hin turre. Inumaatuu kan faallessudha.
Bakka haalonni dinagdee, waraanaafi hawaasummaa aanja’aa hin ta’iinitti humni sirna abbaa irree ijaaruuf dandeessisu hin jiraatu jechuudha. Humna gahaa maleetti mormitoota cabsuun aangoo cimsachuuf yaaluun ammoo sirna abbaa irree (autocracy) osoo hin taane sirna bacancaraatti (anocracy) geessa. Kana jechuun, murni aangoo qabate aangoosaa humnaan cimsachuuf tarkaanfii mormitoota ukkaamsuutti gaafa ce’u, fincilatu mudata. Fincila sana haleelee dhabamsiisuun ykn harka kennachiisuuf humni yoo hanqate, biyyi walwaraansa keessa seenti. Mootummaanis kutaa biyyattii guutuu to’achuu dadhaba. Seer-dhablummaan ni hammaata. Haala akkasii saniin "sirna bacancaraa (anocracy)" jennaan. Abiyyis kanumatu mudate. Bara 2019 A.L.A irraa kaasee mormitoota humnaan ukkaamsuuf yaaliin godhe gara fincilaafi qabsoo hidhannoo geesse. Humna waraanaa, dinagdeefi hawaasummaa finciloota kana humnaan dhabamsiisuuf dandeessisu waan dhabeef, akka hawwe sirna abbaa irree tolfachuu dadhabee, mootummaa laamsha’e kan kutaan biyyattii hedduun to’annaa jala bahan amma agarru kun mudate.
Biyya takka sirna bacancaraa keessaa baasuuf karaa lamaan yaaluun ni danda’ama. Karaan tokko murni aangoorra jiru sun humna jabeeffatee mormitoota dhabamsiisuun aangoo cimsatee sirna abbaa irree haarayaa ijaaruudha. Kan lammataa humnoota walwaraanan walitti araarsuun gara sirna dimokiraasiitti cehuudha. Haala qabatamaa Itoophiyaan amma keessa jirtuun, carraan murni aangoorra jiru humna waraanaa deebisee jabeeffatee, mormitoota isaa dhabamsiisee sirna abbaa irree ijaaruuf qabu dhiphaadha. Akkuma barreeffama waa’ee sadarkaalee sirni abbaa irree keessa dabru irratti dhihaate, humna gahaa malee sirna abbaa irree ijaaruun, carraa aangoo cimsachuuf jiru balleessuun gara sadarkaa tortoruutti geessa. Bulchiinsi Abiyyis garas seenee jira.
Walwaraansa dhaabsisee biyyattii guutuu tasgabbeessuu dadhabuun, maafiyaan sirna mootummaa keessatti ijaaramuun, malaammaltummaan luugama kutee misooma danquun, kufaatiin dippiloomaasiifi abdii kutannaan hawaasaa muldhachaa jiran kun mallattoolee bututuu sirnaa calaqqisiisanidha. Kanaafuu, boqonnaan qabsoo Oromoo inni shanaffaa ummataafi biyya teenya gaaga’ama kana keessaa baasuun gara sirna tasgabbaawaa, misoomawaafi dimokiraatawaa mirgaafi kabajaa ummatichaa guutuutti eeguufi eegsisuu danda’u ijaaruudha.
Gabaabumatti sadarkaa haalli siyaasa Itoophiyaafi Oromiyaa amma keessa jiruun, qabsoon Oromoo akeeka (mission) gurguddoo lamarratti xiyyeeffachuu qaba. Isaanis:-
1. Bu’aalee hamma ammaatti argaman (boqonnaalee qabsoo afran dabran keessatti) tikfachuu (preserving gains and preventing backsliding)
2. Mirgootaafi dantaalee hanga ammaatti hin gonfatiin guuttachuu ( advancing more interests)
Kutaa itti aanu keessatti “bu’aaleen argaman kun maali? Akkamitti tikfanna? Dantaafi mirgoonni nu hanqatan hoo maali? Akkamiin goonfanna?” gaaffilee jedhan ilaalla.".
Jawar Mohammed
Abiy Ahmed Ali
Oromo Federalist Congress - OFC
Oromia Prosperity Party / OPP /
Oromo Liberation Front-OLF/ABO



02/08/2026

Goobanni Daacii Gantuudha.
Gantuu ta’uu isaaf immoo ragaan jiru, gochi Duguu*ggaa sanyii inni ilmaan Oromoo ( Harargee fi Arsii ) irratti raawwate seenaa San dubbisuufi fi gaafachuu dandeessu.
Goobanni goobanuma!.
Artistootni oromoos gantummaa Goobana Daacii bifa weelluutiin gocha fokkisaa inni diinota wojjiin oromoota irratti raawwate barsiisaa turan.
Gantuudhaan Gantuu jechuun maal rakkisa ree ?.

Jawar Mohammed
Oromia Prosperity Party / OPP /
Guyo Wariyo Aba-JirmaEthiopian Press Agency /የኢትዮጵያ ፕሬስ ድርጅት/Oromia Media NetworkAbiy Ahmed AliOromo Federalist Congress - OFCOromo Liberation Front-OLF/ABOEthiopian Federal PoliceEthiopian Broadcasting Corporation





Ajandaalee dhiheenya kana ppn hafarsutti jirtu irratti Gaazaxeessaan keenya Guyo Wariyo Aba-Jirma dubbii jabduu Dubbate ...
01/08/2026

Ajandaalee dhiheenya kana ppn hafarsutti jirtu irratti Gaazaxeessaan keenya Guyo Wariyo Aba-Jirma dubbii jabduu Dubbate 😆😆👇:

“Shuufii Brother “

" Dhiigni Oromoo dhiiga Gondar" jette jedhan STVON ykn Oromia Broadcasting Network(OBN) gabaasa ishee ka hardhatiin 😆. Araa-baaki jennee sa’aatii 2 oliif itti kofallee like cuqaafneef dabare 👨🏻‍🦯‍➡️. “

“Haala kanaan itti fufnaan dhiirsi Itegee Xaayituu Qomaaxaa dhokfachuuf osoo hin taane, Raaparummaa Ameerikaa shaakalsiisuuf Shaarpi maratee zoora ture nuun jechu malu . nuu immoo Dhaloota rational waan taaneef Kookeen ( chain) morma irraa meeti ree ? jenne gaafana . “

“Aabba Axee Minilki, koottuu baqqaa Xoophiyaan araaramuu barbaaddii Abbaa Gadaa Aanaa(Goda) Finfinnee goonee si muudnaa. Jaallee Mallasee Zeenaawwii koottuu atis Afyaa’ii Caffee Oromiyaa ta’ii Mootummaa jijjiiramaa waliin nu ceesisi. Ezeemaafis Miseensotni Caffee kudhan ni dabalamuu ! .”

“Bara hojii gaarii jedhani Gootota Keenyan !” Jedhe😆.





29/07/2026

Jawar Mohammed speech’s on the current situation in Ethiopia and Oromia.
Jawar Mohammed
Ethiopian Press Agency /የኢትዮጵያ ፕሬስ ድርጅት/
Oromia Prosperity Party / OPP /
Oromia Media Network
Abiy Ahmed Ali
Ethiopian Broadcasting Corporation
Oromo Federalist Congress - OFC
Oromo Liberation Front-OLF/ABO





Maqaan Isaa Ali Ahmed Jedhama.Taphataa urjii Garee Kubbaa Miilaa “ Norwich City “ fi taphataa kubbaa miilaa Adda Duree B...
22/07/2026

Maqaan Isaa Ali Ahmed Jedhama.
Taphataa urjii Garee Kubbaa Miilaa “ Norwich City “ fi taphataa kubbaa miilaa Adda Duree Biyyoolessaa Kanaafaa ti.
Lammii Kanaadaati.
Bakki Dhaloota isaa Ykn maatiin isaa, Itoophiyaa, Baha Oromiyaa ti.
Ali Ahmed torbaan kana keessa biyya Abbaa fi haadha isaa Itoophiyaa daawwachuu irratti argama.
President mootummaa naannoo oromiyaa Obbo shimalis Abdiisaa Taphataa urjii kana waajjira isaaniitti simataniiru!.
Nuuf jiraadhu Ali keenya!.
Hedduu takka siin boonna!🙏🏻🙏🏻⭐️

===========⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️===========

His Name is Ali Ahmed.
He is a star player for Norwich City Football Club and also a key player for the Canada national football team.
He is now a Canadian citizen.
Although he represents Canada internationally, his family roots are in Eastern Oromia, Ethiopia.
Ali is visiting his motherland, Ethiopia, this week. During his visit, he was warmly welcomed by the President of the Oromia Regional State, Obbo Shimelis Abdisa.

===========⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️===========

ስሙ አሊ አሀመድ ይባላል።
አሊ አህመድ የእንግሊዙ የኖርዊች ሲቲ እግር ኳስ ክለብ ዋና ተጫዋች ሲሆን፣ በተጨማሪም የካናዳ ብሔራዊ የእግር ኳስ ቡድን ቁልፍ ተጫዋች ነው።
በአሁኑ ጊዜ የካናዳ ዜጋ ነው።
ምንም እንኳን ለካናዳ ብሔራዊ ቡድን የሚጫወት ቢሆንም፣ የቤተሰቡ የትውልድ ቦታ, ከኢትዮጵያ፣ ከምሥራቅ ኦሮሚያ የመጣ ነው።
አሊ በዚህ ሳምንት እናት አገሩን ኢትዮጵያን እየጎበኘ ሲሆን፣ በኦሮሚያ ክልል ፕሬዝዳንት አቶ ሽመልስ አብዲሳ በክብር ተቀብሏል።







HAYYUUN SIYAASAA OROMOO OBBO JAWAAR MUHAAMMAD DHIMMOOTA HAALA YEROO BIYYA KEENYAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUDHAAN QAAMOLEE  S...
21/07/2026

HAYYUUN SIYAASAA OROMOO OBBO JAWAAR MUHAAMMAD DHIMMOOTA HAALA YEROO BIYYA KEENYAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUDHAAN QAAMOLEE SIRNOOTA GARAGARAA WOJJIIN TA’UUDHAAN SAAMICHA, AJJEECHAA NAMOOTA QULQULLUU FI DARARAA UMMATA QULQULLUU IRRATTI RAAWWACHAA TURAN SAAXILUU ITTI FUFEERA.
OBBO JAWAAR MUHAAMMAD HARDHAS NAMA GOCHA AKKASII KEESSATTI HIRMAATE TOKKO , AJAJAA DHIBBAA KAN TA’E, MAQAAN ISAA GUUTAA TULLUU JEDHAMU SUURAA ISAA WOJJI SAAXILUUDHAAN, FUULA FEESBUUKII ISAA IRRATTI AKKAS JECHUUN MAXXANSE👇:
“AJAJAA DHIBBAA GUUTAA TULLUU arganeerra. Kan basaasa garlamee ABO fi Tik Wayyaanee ta’ee isin hiisisaa ture kana moo miti? Miidhamtoonni nuuf mirkaneessa. San booda waan ajaaibaa irra geenye isin beeksifna.” JECHUUDHAAN OBBO JAWAAR FUULA FACEBOOK ISAA IRRATTI MAXXANSE.
DHUGAAN WAA HUNDAA OLI!.
RABBI DHUGAA MIIDHAMTOOTAA IFA HAA BAASU!.

BY:Jawar Mohammed

Oromo Federalist Congress - OFC
Oromia Prosperity Party / OPP /
Oromo Liberation Front-OLF/ABO
Oromia Media Network
Ethiopian Press Agency /የኢትዮጵያ ፕሬስ ድርጅት/
Abiy Ahmed Ali
Ethiopian Federal Police
Ethiopian Broadcasting Corporation.





.

Address

Nairobi
00100

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Oromoo page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category