29/02/2020

Egaa wanti watwaataa turreef ga’ee hooggantoota paartii hidhuun eegalamee jira. Har’a hayyu-duree irraa kan hafe hooggantoonni ABOn qaba jedhu jajjaboon hidhamanii jiru. Sababni hidhamuu isaanii maali jennee walgaafachuun gowwummaa taati. Mootummaan Abiy sababa abbaa fedhee yoo kenne kaayyoon hooggana ABO hidhuu tokkoof tokko qofa: akkuma dur barame sana dhiibanii dirree siyaasaa keessaa baasuudha? Isa kanaa mannaa walgaafachuu kan qabnu eenyutu itti aana isa jedhudha. Hidhaan hara’aa kun achuma ABO biratti daangeffamee hafa jettanii yoo yaaddan of gowwoomsuu ta’a. Mootummaan amma jiru mootummaa Nafxanyaa sabboonummaa Oromoo finxaalessummaan himatee lolaa jiru akka ta’e, Oromiyaa diiguufis karoora baafatee socho’aa akka jiru dagatamuu hinqabu. Ammas gaaffii ija baasee nu ilaalaa jirutu jira: buddeena abjuu filannoo jedhamu eeggachaa tokko tokkoon walduraa duuba hidhamuu, reebamuu, ajjeefamuu nuuf wayyamoo kaanee gamtaadhaan falmachuu wayya? Kan dubbachuu qabnu isa kana malee munaaga mootommaan Nafxanyaa waa’ee afaanii fi waa’ee Abbaay dubbataa jirtu sana miti.

By itana

29/02/2020

Mootummaan Bilxiginnaa dhaabota mormituu Oromoo keessaa ABO dursee nyaachuuf duula banee jira. Warra kaaniifis dabareedhaan itti dhufuuf jira. Yeroo ammaatti hogganoonni gariin hidhamanii gariin marfamanii eegamaa jiru. Odeessa rifaasisaa kana gara dabarsuuf jecha ajandaa dhimma ''Afaan Oromoo afaan hojii biyyoolessaa tahe'' jedhu kaadiroota isaaniif raabsanii afarsiisaa jiru. Ummanni Oromoo hogganoota isaa hidhamaa fi doorsifamaa jiran dagatee jara waliin akka awwaara kaasu barbaadu.

Dubbiin Afaan Oromoo amma odeessan kun waan haaraa miti. Ji'oota muraasa dura gaafa Bilxigginnaa labsuuf ciniinsuu jalqaban ''Baga gammaddan'' jedhanii labsan. Sanaana qabanii Bilxiginnaa waan jedhamtu san Oromoo waga'uuf ture, sabni garuu ni dide. Yeroo sanatti yaada keenya ibsinee turre. Dubbiin labsii afaanii kun Amaariffa nugusoomsanii Afaan Oromoo tarree afaanota ol guddatoo keessatti gad buusanii itti qoosuu akka tahe ammas jala murree itti himna, borus arguuf jirra. Ummanni gaaffiin isaa tuffii akkasii irraa walba tahee akka deebii quufsaa argatu qabsoo isaa itti fufuu qaba. Qabsoo galiin gahuuf ammoo dhaabota qabsoo isaa dantaan osoo hin bitamne haqaaf cichanii dhaabatan waliin hiriiruu qaba. Ajandaa fakkeessii akkasii jala gugatamee haleellaa dhaabota qabsoo isaa irratti raawa'tamaa jiru onnee guutuun morumuu mormuutu irraa eegama.

By yaya bashir

11/12/2018

Adresse

Aubervilliers
93300

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Akram publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Contacter L'entreprise

Envoyer un message à Akram:

Partager