24/01/2026
🥰Waggaa 12 tti Jaalalli na Qabe❗
Durbi tokko akkamiin waggaa 12tti jaalalli ishee qabaa? tapha ijoollummaa malee akkamiin waa'ee kaadhimamuu ishee odeessiti? Eyyee! kun seenaa koo isa itti hin qaanofne dha.
Nan yaadadha, haadha koo utuu ishee hin quufiin yeroo isheen dhabe ji'a booda ganaa waggaa 12ffaa koo utuun eeguu wanti hin yaadamne kun uumame. Jalqaba jaalalli akkasii natti dhagahamee hin beeku ture. Ganaa umurii kichuu kootti Ashaanguliitii ( furguuggee ) waliin taphachuu irra; isa arguu, isaan dhageeffachuu fi yaaduu akkasumas namootan arge hundaatti waa'ee isaa odeessee odeessee qufuun dadhabe.
Nan yaadadha, Obboleettiin koo hangafaa isarraa kan ka'e barumsa kootti waanan dadhabu isheetti fakkaatee irra deddeebitee na gorsiti. Namaaniis na gorsiifti ture. Ani garuu jaalalli isaaf qabu bulee dabaluu malee hin hir'atu. Edaa namni jaalatee miti waan qabu hunda jaalalaaf jecha kan dhiisu.
Miirri jaalalaa kun anaan qofa utuu hin taane, kan na jaalates anarra kan caalu jaalala akka naaf qabu yeroo naaf galu isa malee jiraachuu akka hin dandeenye naaf gale. Ijoolummaa koon jaalala isaatiin kanaan kufe har'as jaalalli isaa akkuma kaleessaa ho'aa dha.
Isa malee jiraachuun eebicha eebicha jedhee natti hadhaa'a. Isa jaalachuu kootiin fayyadamee, du'a haadha koo na dagachiise...... Abbaas haadhas ta'ee baay'ee kan na baate isaaf bara baraan kanaan injifatame; Qaraaniyoo irratti seenaa jaalala koo dhiigaan kan barreesse; hamma dhufutti isa yaadaa kanaan eegu YESUUS dha.
YESUUS dabalee daddabalee sin Jaaladha!
gochuu hin dagatiinaa 🙌
Wako Getachow